Marraaga
Falasamaan (maqaan kun jecha Giriikii durii philosophia jedhamu irraa kan dhufe yoo ta'u, hiikaan isaas jechaaf jecha "jaalala ogummaa" jechuudha) ykn Raagumsi ykn Marraagni qo'annoo gaaffilee waliigalaa fi bu'uuraa kanneen dhimma jireenyaa (existence / lee'umsaa), beekumsa (knowledge), sonaalee (values ),saaykoo-sammuu(mind), sababeeffannaa (reasoning), fi afaanii (language) irratti xiyyeeffatuudha. Gaaffilee akkanaa hedduun yeroo baay'ee akka dhimmoota qo'annoo ykn furmaata barbaadaniitti dhihaatu. Jecha "filoosoofii" ykn "falaasamaa" jedhu kan jalqaba fayyadame filoosoofera fi saayintistiin herregaa Giriikii durii Piitaagooras (570-495 Dh.K.D.) akka ta'e himama. Tooftaaleen falaasamaa gaafachuu (interrogation), marii ceephoo(critical discussion), falmii loojikaawaa (logical argument) fi dhiyeessii sirnaawaa (systematic presentation) ni dabalatu.
Akka hiika Afaan Oromoo immoo, Raagumsi jecha "raaguu" jedhurraa kan maddee yoo ta'u, hiikkaaleen isaas "jaaruu," "beekumsaan galma gahuu," "madda beekumsaa ibsuu," "waa'ee hegeree faguu" hiikkaalee jedhan kan qabata. Fufii yaasaa "-umsa" itti dabaluun unka gochima irraa gara maqaa geeddaramee; yaadrimee afaan Ingiliziin "Philosophy" jedhamu ibsuuf itti fayyadamna. Marraagni jecha Raagumsatti dhihoo yoo ta'u, inniis yaada falaasamaa ibsuuf kan gargaaruudha. Falasamni tooftawwan biraa ittiin rakkoo akkasii furan irraa kan adda isa godhu, adeemsa tooftawaa waliigalaa fi qajeelfama fudhatamaa irratti bu'uureffamuu isaa ti. Haasaa tasaa namoonni godhan keessatti, yoo ballifamu, falaasamni yaada, fi ilaalcha namoota dhuunfaa ykn garee" ta'uu danda'a.
Kaayyoon qo'annoo falaasamaa bu'uuraan kan hin beekne barsiisuu, fi warra beekumsa qaban immoo beekumsa isaanii utubuudha. Akkasumas beekumsa haaraa uumuu fi dhugaa barbaaduu irratti xiyyeeffata.
Gaaffilee falaasamaa warra durii kanneen akka "Waan tokko beekuufi mirkaneessuun ni danda'amaa?" fi "Maaltu caalaatti dhugaadha?" irraa kaasee, falaasamonni gaaffilee hojii irra oolmaa qabanis ni gaafatu, fakkeenyaaf: "Karaa jireenya ittiin jiraatan kan caalu jiraa?", "Haqa qabeessa ta'uu moo haqa dhabuu wayya (yoo adabbiidhaa ba'uu danda'an)?", "Dhalli namaa fedhii bilisaa qabuu?". Haxiileen (marraagdoonnii) kunniin gaaffilee bu’uuraa lee'umsaa, beekumsa, sakkoofi maalummaa dhugaa deebisuuf kan barbaadu hordoffii sammuuti.
Hubannoo Beekumsa Falasamaa keessatti
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Akkuma aadaatti, jechi "falasamaa" jedhu muuxannoo beekumsa kamiyyuu argisiisa ture. Hiika kanaan, falasamaan amantii, herregaa, saayinsii uumamaa, barnootaa fi siyaasaa wajjin wal qabata ture. Fakkeenyaaf, bu'uurri herregaa falaasama uumamaa Izaak Niiwtan bara 1687tti bu'uureffame (kan "The Mathematical Principles of Natural Philosophy" jedhamu), boodarra akka kitaaba fiiziksiitti ramadameera. Jechi "falasamaa uumamaa" jedhu kan fayyadameef dameewwan boodarra saayinsii akka astiroonoomii, qoricha fi fiiziksiin wal qabatan of keessatti waan qabateef ture.
Yaadni falaasamaa qeeqaa, amantaa sirnaan qorachuu fi dhugaa barbaaduu jajjabeessa. Qorannoon falaasamaa seenaa hayyummaa dhala namaa keessatti waggoota kumaatamaaf giddu galeessa ta’ee ture. Jireenya dhala namaa hunda jechuun hanga danda’amutti kan tuqu, addunyaa naannoo keenya jiru akkamitti akka hubannu irraa kaasee hanga waan sirrii fi dogoggora ta’e akkamitti akka murteessinu ilaalata.
Diogenes Laërtius, seenaa barreessaan jaarraa sadaffaa, seenaa barreessaa falaasamaa kan jalqabaa, kitaaba isaa isa duraa "Jireenyaa fi Yaada Falaasama Bebeekamoo" jedhamu kutaa 13ffaa keessatti, hirmaannaa qorannoo falaasamaa aadaa ture gara kutaa sadiitti bu'uureffame: Falasamaa Uumamaa (Fiiziksii), Falasamaa Naamusaa (Sakkoo), fi Falasamaa Miitaafiziksii. Yaadni kun akkuma yeroon darbuun jijjiirama biraa argate; falaasamaa uumamaa gara saayinsii uumamaa adda addaa (astroonoomii, fiiziksii, keemistirii, baayooloojii), falaasamaa naamusaa gara saayinsii hawaasaa (garuu yaadiddama sona of keessatti qabatee), fi falaasamaa miitaafiziksii gara saayinsiiwwan sirnaawaa (Yaaya/Loojikii, herregaa) fi Falasamaa Saayinsii, xiinbeekumsa/yaadiddama Beekumsaa fi koosmooloojii addaan ba'eera. Jaarraa 19ffaa keessatti, guddinni yuunivarsiitiiwwan qorannoo ammayyaa falaasama barnootaa fi dameewwan biroo akka ogummaatti akka adda bahan fi addatti akka xiyyeeffatan godhe.
Guddina Falasamaa
Falmiiwwan falaasamaa hedduun kanneen yeroo durii jalqaban har'allee ni falmama. Kun immoo gaaffii "guddinni falaasamaa dhibeeraa laata?" jedhamuuf sababa ta'eera. Colin McGinn fi namoonni biroon yeroo ammayyaatti guddinni falaasamaa argameera jedhanii hin fudhatan. Faallaa kanaatiin, David Chalmers fi warri kaan guddina falaasamaa kan saayinsii wajjin wal fakkaatu ni argu. Ta'us, Talbot Brewer "guddinni" safartuu hojii falaasamaa ittiin madaalan dogoggoraa dha jedhe falmeera.
Seenaa Falasamaa Addunyaa
Hiika waliigalaatiin, falasamaan ogummaa (wisdom), aadaa yaadaa fi beekumsa barbaaduu wajjin wal qabata. Kana jechuun, aadaa fi hawaasni barnootaa qabu hundi gaaffilee falaasamaa akka "Akkamitti jiraachuu qabna?" fi "Amalli dhugaa maalidha?" jedhan ni kaasu. Kanaafuu, ilaalcha falaasamaa bal'aa fi sirrii ta'een, qorannoon sababa qabeessa ta'e dhimmoota akka dhugaa, naamusaa fi jireenyaa irratti addunyaa guutuu biratti ni argama.
- Falasamaa Dhihaa: Aadaa falaasamaa Addunyaa Dhihaa kan falaasama Warra Soqiraaxiis dura turan Giriikii durii (kanneen akka Thales, Pythagoras) irraa jalqabe. Soqiraaxiis mataan isaa falaasamaa dhiibbaa guddaa qabu ture. Falasamaan Dhihaa yeroo sadiitti hiramuu danda'a: Falasamaa Durii (Giriikii-Roomaa kan manneen barumsaa Pilaatoo, Aristootil, Stoicism, Epicureanism dabalatu), Falasamaa Giddu Galeessaa (kan Kiristaanummaadhaan dhiibbaa guddaa qabu, kanneen akka St. Augustine, Thomas Aquinas, Scholasticism dabalatu), fi Falasamaa Ammayyaa (kan jalqaba saayinsii uumamaa booda dhufe, kanneen akka Descartes, Locke, Hume, Kant, Hegel, Nietzsche, Marx dabalatu, fi kan jaarraa 20ffaa keessatti Falasamaa Anaalitiki fi Falasamaa Kootineentaaliitti hiramu).
- Falasamaa Baha Giddu Galeessaa: Naannoo Kiloolii Fertiil, Iiraan fi Arabiyaa keessatti kan dhalate. Aadaa ogummaa durii, Falasamaa Gibxii durii (sebayt), astiroonoomii Baabilonii dabalata. Falasamaa Islaamaa guddina guddaa argate, kanneen akka Al-Kindi, Ibn Sina, Ibn Rushd, Al-Ghazali, Ibn Khaldun dabalatu. Falasamaan Islaamaa durii Falsafa (falaasama Giriikii irraa fudhatame) fi Ilm al-Kalaam (ti'ooloojii sababa qabeessa) jedhamuun gargar ba'a.
- Falasamaa Hindii: (Sanskrit: darśana) Aadaa falaasamaa adda addaa kan Kibba Hindii keessatti dhalate. Hinduus aadaa kana Astika (Vedas fudhatu) ykn Nastika (Vedas hin fudhanne, kanneen akka Buddhism fi Jainism) jedhuun ramadu. Yaadota bu'uuraa kanneen akka Dharma, Karma, Dukha (dhiphina), Moksha (bilisummaa) fi Amaloota gaarii akka Ahimsa qaba.
- Falasamaa Baha Eeshiyaa: Yaada falaasamaa kan Chaayinaa durii keessatti dhalate, kanneen akka "Mana Barumsaa Yaada Dhibbaatamaa" (Koonfuushiyaanizimii, Leegaalizimii, Daaooyizimii) dabalatu. Yaadota akka Tao, Yin fi Yang, Ren, Li qaba. Buudizimii Chaayinaa wajjin walitti makamee Falasamaa Kooriyaa, Viyeetinaamii fi Jaappaan irratti dhiibbaa guddaa godheera.
- Falasamaa Afrikaa: Falaasamaa kan saba Afrikaatiin uumame. Yaada Afrikaa ammayyaa kan dhimma sabummaa (ethno-philosophy), hiika Afrikaa ta'uu fi amala falaasamaa Afrikaa irratti xiyyeeffatu ni dabalata. Falaasamaa Itoophiyaa kan jaarraa 17ffaa (Zera Yacob) fi falaasamaa Afrikaa kan Awurooppaatti baratan (Anton Wilhelm Amo) ni galmeessisa.
- Falasamaa Warra Dhalootaan Ameerikaa: Falaasamaa kan saba warra dhalootaan Ameerikaatiin uumame. Amantii fi aadaa adda addaa of keessatti qabata, kanneen akka yaada "Iccitii Guddaa" fi "Humna Hafuuraa" dabalatu. Falaasamaa Aztek (Tlamatini, Ometeotl) fi Falasamaa Iinkaa (Umakuna, Yanantin fi Masintin) ni dabalata.
Dameewwan Gurguddoo Falasamaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Gaaffilee falaasamaa dameewwan adda addaatti ramaduun ni danda'ama. Ramaddiin kun falaasamonni garee dhimmoota wal fakkaataa irratti akka xiyyeeffatan fi barattoonni akka salphaatti akka hubatan gargaara. Dameewwan kunniin guutuu miti fi wal irraa adda miti; falaasamaan tokko dameewwan adda addaa irratti addatti beekumsa qabaachuu ykn dameewwan garaagaraa wal keessa darbuu danda'u.
Dameewwan falaasama gurguddoon kunooti:
- Xiindhugomuumaa (Metaphysics): Damen kun amala bu'uuraa dhugaa jiruufi lee'umsaa/jireenyaa ti. Gaaffiiwwan akka jireenya, yeroo, bakkaa, wantootaa fi amala isaanii, kutaa isaanii, gochaa fi adeemsaa, sababummaa fi walitti dhufeenya saaykoo-sammuufi qaamaa irratti xiyyeeffata. Xiinleetoo(Ka'umsa; qo'annoo jireenyaa) fi koosmooloojii of keessatti qabata. Yaad-rimeewwan akka ta’uumsaa (being), sababa fi bu’aa, akkasumas jiraachuu Waaqayyoo ykn aseelloolee (abstract entities) qorata. Gaaffiiwwan akka "Uumamni ykn kalqi yeroo fi iddoo maali?", "Kalqi dammaqaa (consciousness) maali?", fi "Filannoo bilisaa qabnaa?" ni gaafata. Falmiin guddaan gidduu Ri'aalizimii fi Ayidiyalizimii ti.
- xiinbeekumsa (Epistemology): Beedduba jechuun qo'annoo beekumsaati. Akkamitti beekumsa akka argannuu fi maal beekuu akka dandeenyu hubachuu barbaada. Daangaa hubannoo namaa fi garaagarummaa amantii (belief) fi dhugaa (truth) gidduu jiru qorata. Beekumsa beekan kanneen akka beekumsa dhugaa (beekuun waan tokko akka jiru), beekumsa ogummaa (beekuun wanti tokko akkamitti akka hojjetu) fi beekumsa wal bareenyaa ni ilaala. Gaaffiiwwan ijoo beedduubaa keessaa, "Waan beeknu akkamitti beekna?", akkasumas "Dhugaan maali?", fi "Beekumsi amantii dhugaa sababa qabuudhaa?", "Amantiiwwan sababa qaban jiru?", "Beekumsi dhugumaan ni danda'amaa?" kan jedha durree gaaffiifi iyaafannoo isaaniti. Shakkiin (Skepticism) ilaalcha beekumsatti shakkii agarsiisuudha.
- Sakkoo (Ethics / Naamusaa): Naamusni ykn sakkoon waan sirrii fi dogoggora ta’e, naamusa fi akkamitti jireenya gaarii jiraachuu qabnu qo'ata. Gaaffiiwwan naamusaa kanneen akka "Wanti sirrii ta'e maali?", "Gocha tokko maaltu safuu godha?", akkasumas "Jireenya gaarii jiraachuu jechuun maal jechuudha?" ni gaafata. Naamusni murtii haala dhuunfaa, hawaasummaa fi siyaasaa keessatti qajeelcha. yaaxxina naamusaa gurguddoon raya-qabeessummaa (utilitarianism), dirqama hamilee (deontology), fi sakkoo safuu (virtue ethics) of keessatti qabatu.
- Yaaya (Logic ): Yaayni qo'annoo sirnaawaa mala yaada sirrii (valid reasoning) ti. Innis qajeeltoowwanii fi seera rageeffannaafi sababeessa sirrii ta’e bulchan of keessatti qabata. Yaayaan falmii gaarii fi hamaa adda baasuuf kan nu gargaaru yoo ta’u, yaada ifa ta’eef barbaachisaa dha. Falaasama keessatti yaayni walitti dhuqumaanyaa fi walsimannaa sababeessa falaasamaa madaaluuf kan gargaarudha. Yaayni dameewwan hundumaa keessatti (saayinsii, saayinsii hawaasaa, namummaa) barbaachisaadha, kanaafis saayinsii sirnaawaa ta'eera. Dameewwan xixiqqoo akka loojikii herregaa fi loojikii falaasamaa qaba.
- Qorbareedinna (Aesthetics): Qorbareedinni kan ilaallatu bareedina, ogina (art) fi miira (taste / camii) keenya. Waa’ee maalummaa bareedinaa, muuxannoo oginaa fi gahee kalaqaa gaaffii ni gaafata. Falaasoonni damee kanaa akkamitti ogina akka dinqisiifannu, maaltu waan tokko akka bareedu fi hariiroo oginaa fi miira (currisa) gidduu jiru qoratu.
- Falasamaa Siyaasaa (Political Philosophy): Damen kun qo'annoo mootummaa fi walitti dhufeenya namootaa fi hawaasaa (kan mootummaa dabalatu) ti. Gaaffilee haqa, seeraa, qabeenyaa fi mirgootaa fi dirqama lammilee ni dabalata. Siyaasaa fi Sakkoon dhimmoota aadaadhaan wal qabataniidha.
- Falasamaa Amantii (Philosophy of Religion): Gaaffilee amantii fi yaada amantii ilaalcha falaasamaatiin qo'ata (xinamantii irraa adda). Jiraachuu Waaqaa, walitti dhufeenya saaykoo-sammuufi amantii, fi hiika muuxannoo amantii ni dabalata. Yaadni damee addaa kanaa jaarraa 19ffaa keessa mul'ate.
- Falasamaa Saayinsii fi Herregaa (Philosophy of Science and Mathematics): Damen kun bu'uuraa, malaa, seenaa, dhiibbaa fi kaayyoo saayinsii fi herregaa qo'ata. Falasamaan saayinsii kaayyoo fi seera mala saayinsii qorata. Falasamaan herregaa immoo yaada falaasamaa fi bu'uura herregaa ilaala.
Dameewwan Gurguddoo Falasamaa fi Gaaffilee Isaanii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Falaasamni gaaffilee gaafataman irratti hundaa'uun garee adda addaatti hiramuu danda'a. Armaan gaditti dameewwan falaasamaa gurguddoo fi gaaffilee bu'uuraa isaan kaasan (keessattuu kanneen falaasama Dhihaa keessatti bal'inaan argaman) ilaalla. Deebii gaaffilee kanaaf kennamu tokko 'falaasamaa' jedhamuu danda'a. Falaasama baay'eetu jira, sababiin isaas gaaffileen kun hundi namoota adda addaatiin deebii garaagaraa qabu.
- Xiindhugomuumaa (Metaphysics): Damen kun amala bu'uuraa dhugaa jiruufi lee'umsaa/jireenyaa ti. Gaaffiiwwan akka jireenya, yeroo, bakkaa, wantootaa fi amala isaanii, kutaa isaanii, gochaa fi adeemsaa, sababummaa fi walitti dhufeenya saaykoo-sammuufi qaamaa irratti xiyyeeffata. Dameewwan isaa gurguddoo keessaa Xiinleetoo (Ontology), Falasamaa saaykoo-sammuu(Philosophy of Mind), fi Falasamaa Amantii (Philosophy of Religion) tu argama, garuu dameewwan kun walitti dhihaatoo dha.
- Xiinleetoo (Ontology): Qo'annoo jireenyaa (being) ti. Yaad-rimeewwan akka ta’uumsaa (being ), sababa fi bu’aa, akkasumas jiraachuu aseelloolee (abstract entities) qorata.
- Addunyaa naannoo keenyatti arginu maalidha? (Dhugaan maalidha?)
- Addunyaan waan arginuu fi dhageenyu caalaa qabaa?
- Yoo homtinuu waan tokko ta'uu hin argiin, sun ta'uu dhiisuu isaa argisiisaa?
- Waan tokko "ni danda'ama" jechuun maal jechuudha? Addunyaa biraan jiraa?
- Dhalli namaa ta'uu ykn jiraachuu qofaa keessatti waan addaa qabaa?
- Yoo hin qabaatin, maaliif namoonni tokko tokko ni qaba jedhu?
- Bakki maalidha? Yeroon maalidha?
- Falasamaa saaykoo-sammuu(Philosophy of Mind):
- Sammuun maalidha?
- Qaamni maalidha?
- Dammaqaan (Consciousness) maalidha?
- Namoonni filannoo godhuu moo waan tokko qofa filachuu danda'u? (Namoonni fedhii bilisaa qabuu?)
- Maaltu jechoota ykn yaada hiika qabeessa godha? (Walitti dhufeenyi jechoota ykn yaada hiika qabeessaa fi waan isaan hiikan gidduu jiru maalidha?)
- Falasamaa Amantii (Philosophy of Religion):
- Namoonni lubbuu qabuu?
- Waaqni uumama uume tokko jiraa?
- Xiinleetoo (Ontology): Qo'annoo jireenyaa (being) ti. Yaad-rimeewwan akka ta’uumsaa (being ), sababa fi bu’aa, akkasumas jiraachuu aseelloolee (abstract entities) qorata.
- xiinbeekumsa (Epistemology): xiinbeekumsa jechuun qo'annoo beekumsaati. Akkamitti beekumsa akka argannuu fi maal beekuu akka dandeenyu hubachuu barbaada. Daangaa hubannoo namaa fi garaagarummaa amantii (belief) fi dhugaa (truth) gidduu jiru qorata.
- Beekumsi maalidha?
- Waan kamiyyuu akkamitti beekuu dandeenya?
- Saayinsiin maalidha?
- Dhugaan maalidha?
- Sakkoo (Ethics / Naamusaa): Naamusni ykn sakkoon waan sirrii fi dogoggora ta’e, naamusa fi akkamitti jireenya gaarii jiraachuu qabnu qo'ata.
- Waan sirrii fi dogoggora, gaarii fi hamaa maalidha?
- Namoonni waan tokko tokko hojjechuu qabu moo hojjechuu hin qaban?
- Haqa maalidha?
- Yaaya (Logic ): Yaayni qo'annoo sirnaawaa mala yaada sirrii (valid reasoning) ti. Innis qajeeltoowwanii fi seera rageeffannaafi sababeessa sirrii ta’e bulchan of keessatti qabata. Yaayaan falmii gaarii fi hamaa adda baasuuf kan nu gargaaru yoo ta’u, yaada ifa ta’eef barbaachisaa dha. Falaasama keessatti yaayni walitti dhuqumaanyaa fi walsimannaa sababeessa falaasamaa madaaluuf kan gargaarudha.
- Jechoota fayyadamnu hiikaan isaanii maalidha?
- Yaada (keessattuu) bifa hiika tokko qofa qabuun akkamitti ibsuu dandeenya?
- Yaanni hundi afaaniin ibsamuu danda'aa?
- Dhugummaa ka'umsa falmii tokkoo akkamitti dhugummaa argannoo (conclusion) isaa irratti dhiibbaa godha?
- Akkamitti sirriitti yaaduu (reasoning) dandeenya?
- Qorbareedinna (Aesthetics): Qorbareedinni kan ilaallatu bareedina, ogina (art) fi miira (taste / camii) keenya.
- Bareedinni maalidha?
- Namni tokko fakkii (painting) bareedaa yoo jedhu, garuu namni biraan fakkii sana fokkisaa yoo jedhe hoo? Fakkii sun bareedaa fi fokkisaa ta'uu danda'aa yeroo tokkotti?
- Waan dhugaa ta'e bareedaa dhaa?
- Waan gaarii ta'e bareedaa dhaa?
- Ogina (Art) maalidha? Aadaadhaan, bocni (sculpture) masaraa aadaa keessa jiru ogina jennee yaanna. Yoo bocsaan bocaa dhagaa suphee irraa bocsee masaraa aadaa keessa kaa'e, hedduun isaa ogina jedhu. Garuu hoo yoo namni tokko dhagaa lafa irraa kaase - dhagaan sun hojii oginaa dhaa?
- Axiology (Yaadiddama sonaa): Axiology ykn Yaadiddama sonaa damee falaasamaa kan sona (value) qo'atuudha. Kanatti Sakkoo (Ethics) fi Qorbareedinna (Aesthetics) ni dabalama, garuu sona bal'aa ilaala.
- Maaltu sona qaba?
- Dhugumaan yeroon maallaqa dhaa? Moo nuti akkas goonee jirraa?
- Jaalalli, bareedinni, ykn haqa sona qabuu?
Falasamaa Hojii Irra Oolaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Yaadonni falaasamaa kan hawaasa keessatti dhalatan dhiibbaa guddaa hojiiwwan hawaasni raawwatu irratti qabu. Weaver yaadonni bu'aa qabu jedhe falmeera. Falasamaan hojii irra oolaa (Applied Philosophy) dameewwan akka Sakkoo Hojii irra Oolaa fi Falasamaa Siyaasaatti fayidaa qaba. Falaasama siyaasaa fi diinagdee beekamoo kanneen akka Confucius, Sun Tzu, Chanakya, Ibn Khaldun, Ibn Rushd, Machiavelli, Locke, Rousseau, Adam Smith, Marx, Gandhi fi Martin Luther King Jr. mootummoota ijaaruu fi hojii isaanii mirkaneessuuf fayyadaman. Barnoonni guddataa kan John Dewey barsiise dhiibbaa barnootaa Ameerikaa jaarraa 20ffaa irratti qaba ture. Yaayni/Loojikiin herregaa, afaanii, saayinsii saaykoo-sammuufi saayinsii komputaraa keessatti barbaachisaadha. xiinbeekumsa/yaadiddama Beekumsaa hubannoo barbaachisummaa beekumsaafi ragaa sirrii kennuuf gargaara (kunis seeraa, diinagdee fi murtoo keessatti barbaachisaadha). Falasamaan Saayinsii immoo amala qorannoo saayinsii irratti dhiibbaa godheera. Falasamaawwan adda addaa hojiiwwan hojii irra oolan bu'uura yaadaa isaanii keessatti hubannoo jabaa kennuuf yaalu.
Falasamaan waa'ee yaada killayyaa ykn marii yaaxxinaa qofa miti. Barattoonni meeshaalee qeequun itti yaadan, rakkoolee xiinxalan, fi murtoo odeeffannoo irratti hundaa’e akka murteessan ni kenna. Ogummaaleen kunniin haala barnootaa kessatti qofa osoo hin taane jireenya guyyaa guyyaa keessattis sona guddaa qabu.
Gahee Dubartootaa Falasamaa Keessatti
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Dhiironni waliigalaatti marii falaasamaa hogganaa turanis, dubartoonni seenaa guutuu falaasama keessatti hirmaataniiru. Falaasamonni dubartootaa durii irraa kaasee gumaacha godhaniiru, kanneen akka Hipparchia of Maroneia (c. 325 Dh.K.D.) fi Arete of Cyrene (jaarraa 5ffaa fi 4ffaa Dh.K.D.). Yeroo durii fi giddu galeessaa keessatti ni fudhataman turan, garuu falaasamaa kamiyyuu galmee barruu Dhihaa keessa hin galle hanga jaarraa 20ffaa fi 21ffaa, yeroo maddeen tokko tokko Susan Langer, Elizabeth Anscombe, Hannah Arendt fi Simone de Beauvoir akka seennatti dubbatan.
Jaarraa 19ffaa jalqabaatti, kolleejjonni fi yuunivarsiitiiwwan tokko tokko UK fi US keessatti dubartoota fudhachuu jalqaban, akkasumas barattoota dubartootaa hedduu uuman. Haa ta'u malee, gabaasni US Department of Education kan waggoota 90ffaa, dubartoonni muraasni qofti falaasamaatti galan, fi falaasamaan dameewwan namummaa keessatti saala gidduu baay'ee wal hin qabanne keessaa tokko akka ta'e argisiisa. Bara 2014tti, falaasamaan barnoota ol'aanaa keessatti akka "seenaa dheeraa damee kanaa kan dubartootatti jibba agarsiisuu fi hariiroo saalaa" barattoota dubartootaa fi pirofeesarootaatti taasisu ibsame. Piroofeesarri falaasamaa University of Sheffield Jennifer Saul bara 2015tti, dubartoonni "falaasamaa dhiisanii deemuu yeroo rakkisan ykn miidhaan isaan irra ga'u ykn deebiin isaanitti kennamu" jette. Waldaan Falaasamaa Kanaadaa waggoota 90ffaa jalqabaatti wal madaalii saalaa dhabuu fi loogii saalaa damee falaasamaa barnootaa keessatti jiraachuu isaa hubate. Juun 2013tti, piroofeesarri sociology Ameerikaa tokko, "ibsa falaasamaa beekamoo afur keessatti ibsa dhiheenya ba'e keessaa, barreesitootni dubartootaa 3.6% qofti," jette. Susan Price galmeen falaasamaa "galmee dhiirota adii qofaan hogganamaa jira, damee kan seenaa dheeraa dhibee dubartootaa fi hariiroo saalaa qabu," jette falmite. Morgan Thompson addaan baasuu, garaagarummaa dandeettii, garaagarummaa qulqullinaa fi dhabamuu fakkeenyotaa falaasamaa keessatti sababa dhiphina saalaa ta'uu danda'a jedhe yaada. Saul akka jedhutti, "Falasamaan, kan saayinsii namaa irra durii, dhiiraa dha (fi adiidha). Yoo dameewwan saayinsii namaa biroon wal qixxummaa saalaa bira ga'anii jiran, falaasamaan dhugumaan dhiirotaan baay'inaan caalama, herregaa irra caalaa illee." Qorannoon dhimma kana irratti taasifame akka agarsiisutti, rakkoon kun har'allee falaasama barnootaa keessatti bal'aa dha fi marii barbaachisaadha.
Cuunfaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Cuunfaatti, Falasamaan ykn Raagumsi ykn Marraagni jaalala ogummaa fi qorannoo gaaffilee bu'uuraa jireenya, beekumsa fi dhugaa irratti xiyyeeffatuudha. Jechi isaa "jaalala ogummaa" irraa kan dhufe yoo ta'u, mala qeeqaa fi sirnaawaa fayyadamuun beekumsa barbaaduuf yaala. Seenaa dheeraa fi badhaadhaa kan aadaa fi yeroo adda addaa irra ture qaba. Dameewwan gurguddoo akka Xiindhugomuumaa (Metaphysics), xiinbeekumsa (Epistemology), Sakkoo (Ethics), Yaaya (Logic), Qorbareedinna (Aesthetics), Falasamaa Siyaasaa fi Falasamaa Amantii of keessatti qabata. Hojiin falaasamaa jireenya hojii irra oolaa keenya irratti dhiibbaa guddaa qaba fi meeshaalee yaada qeeqaa fi furmaata rakkooleef barbaachisoo ta'an ni kenna. Tokkoon tokkoon damee falaasamaa akka hubannoo keenya bal'isuu fi addunyaa naannoo keenya jiru qeeqaan akka ilaallu nu gargaara. Hanga dhalli namaa yaaduu fi gaaffilee bu'uuraa kaasuutti, falaasamaan dhimma namaa wajjin wal qabatuu fi qo'annoo barbaachisaa ta'ee jiraata. Rakkooleen ammayyaa kanneen akka wal madaalii saalaa damee kana keessatti jiranis dhimmoota fuulduratti furmaata barbaadanidha.