Jump to content

Ogbarruu

Wikipedia irraa

Ogbarruun (og-barruu) hojii kalaqa ilma namaa dhugaa hawaasa keessa jiru bu’ureeffachuun akkaataa miidhagina qabuun haala aartiin kan dhiyaatuudha.

Hiikkaa ogbarruu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ogbarruun afoolaas ta'e, barreeffama amaloota nama bashannansiisuu, barsiisuu, kakaasuu, koofalchiisuu, qirqiirsuu, gaddisiisuu, gammachiisuu, amansiisuufi kkf of-keessaa qabuudha. [1] Akka Zarihuun jedhutti, ogbarruun waan barreeffame mara qofa osoo hin taane kan afaaniin darban afoola kanneen akka walaloo fa’aa ni dabalata.[2] Ogbarruu ilaalchisuun Asaffaan akka lafa kaa’eetti, safuu fi falaasama hawaasummaan kan itti dhiyaatuudha. Hojii kalaqaa kamiyyuu keessatti yoo dhimma hojii sanaa isa gooroo hin ta’iin , dhimmi rakkina safuu osoo hin ka’iin hin hafu. [3]

Hayyoota garaagaraan jechi Afaan Ingiliish literature jedhu Afaan Oromootin ogbarruu jedhamee hiikame. Haata’u malee jechi ogbarruu ogummaa barreeffamaa ta'uu bu'uureffachuun, barreeffama qofaaf kan jedhani mormanis jiru.

Ogbarruu Oromo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ummanni Oromoo ogbarruu ofii qaba. Ogbarruu fayyadamuun haala jiruu fi jireenya isaa ibsata. Ogbarruun Oromoo yeroo gara yerootti suutan dagaagaa kan dhufeedha. Haala guddinaafi dagaagina ogbarruu Oromoo keessatti, dhiibbaa mootummoonni darban biyya keenya bulchaa turan irraan ga'an irraa kan ka'e afaanichi carraa afaan hojii, afaan barnootaa, afaan sab-qunnamtii, afaan qorannoofi qo'annoo akkasumas carraa afaan barreeffamaa ta'uu sadarkaa eegameen argachaa turu dhabuun qancaruu danda'e.

Qorannaan ogbarruu jala bu’ee fayidummaa isaanii fi dadhabinna isanii saaxilee kallattii ifaa ta’e akeekus baay’ee xiqqaadha. Fakkeennaaf sadarkaa digirii sadeessootti, ogbarruu Oromoo irratti qorannaan hojjataman keessa kan Dr. Addisuu Toleessaa geerarsa Oromoo irratti hojjatan, kan Dr. Taaddesee Jaalataa afoolaa fi tapha ijoolle Oromoo Gujii irratti hojjatan, kan Dr. Asafaa Teferraa ogwolaloo diddaa Oromoo Salaalee irratti hojjatan fi biyya keessa Yuunivarsitoota Finfinne (Dr. Xilahuun Taliilaa, Dr. Teshoomee Egeree, Dr. Destaa Dessalenyii) fi Yuunivarsiti Jimmaa kan eeramaniidha.

Ogbarruu afaanii/afoolaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  1. Makmaaksa (proverb)
  2. Weedduu (song)
  3. Faaruu addaraa "spirit possession cult songs"
  4. Masqala "songs of Orthodox western Oromo"
  5. Manzuuma, Mawlid, baahroo and qasiida "muslim"
  6. Weedduu jaalalaa "Western Oromo love songs"
  7. Asmaarii
  8. Hibboo
  9. Sheekkoo(durdurii)(Fable)[4]

Ogbarruu barreeffamaa/barruu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Geessituu alaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]


Aadaa Oromoo

Aartii - Afaan
Nyaata - Waaddii | Ancootee | Baaduu | Marqaa | Caccabsaa | Qoocco | Ittoo | Cuucoo | Cororsaa | Qorii | Irra diba | Qorsoddoma
Ogbarruu - Fixeensa | Mudaammuddii | Namummaa
Qoricha
Sirna Gadaa
Tiyaatira - Tiyaatira
Waaqeffannaa - Waaqa‎ | Gumii Waaqeffattoota Addunyaa | Irreecha | Ateetee
Wallee Oromoo - Dibbee Qaallu | Shaggooyyee | Geelloo | Tirrii | Dhiichisa | Ragada
Hawwisoo Oromoo - Afran Qalloo

  1. Fedhasaafi Hundumaa, 2011
  2. Zarihuun, 2004:1-3
  3. Asaffaa, 2009:32
  4. dhaabbata qunnamtii barnootaa. 2001 fuuleffannaa ogbarruu afaan oromoo finfinne mala qunnamtii barnootaa,