Jump to content

Afoola

Wikipedia irraa

Afoolli/ogafaan (afaan Ingiliffaan 'oral literature' jedhama) jecha dhalootaa dhalootatti afaaniin darbaa dhufeedha. Uummatni duudhaa, aadaa, muuxannoo, mudannoo seenaa fi dhimma hawaasummaa ogummaa bohaarsuu, dubbachuu fi weeddisuun dhaloota dhufuuf kan ittiin dabarsanidha. [1][2]

Amaloota Ogafaanii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ogafaan amaloota hedduu qaba. Isaan keessaa kanneen bu’uura ta’an: uummatummaa, hurruubummaa, lufummaa, jijjiiramummaa, miidhagummaafi yoomessifaan ni argamu.

A. Uummatummaa

Ogafaan qabeenyaa uummataati. Akka kitaabaa abbaa barreesseen hin waamamu. Fakkeenyaaf mammaaksa tokko yommuu mammaakan, “akka Oromoon mammaaketti yookiin Oromoon yommuu mammaaku”jedhanii himu. Oromoon immoo nama tokko miti. Ummatadha. Gama biraatiin Afoolatti kan fayyadamu nama tokko miti. Kan kunuunsus akkasuma. Kanaafuu uummatni waliin itti tajaajilama; waliinis eeggata. Kunimmoo ummatummaa jedhama.

B. Hurruubummaa

Hurruubummaan haala wal duraa duubaan dhiyeenya afoolaa gochaan dhiyaatuudha. Afoolli nama tokko qofaan hindubbatamu. Gareewwan aadaan, amantiin, haala jireenyaatiin walfakkaataniifi waliigaluu danda’antu keessatti hirmaata. Tokko yoo dubbatu kanneen biroo immoo nidhaggeeffatu. Finnegan (1970:2) “Hurruubummaan amaloota afoolaa keessaa isa bu’uuraa ta’ee dhimma raawwii afoolichaa gadi fageenyaan hubachuuf wanta darbu caalaa akkaataa hirmaattonni miira isaanii sochoosanii agarsiisan wal faana ilaaluu qabna” jetti.

C. Lufummaa

Ogafaan hojii dhaloota tokkorratti dhaabbatu yookiin dhumatu miti. Dhalootaa dhalootatti ni daddarba. Ogafaan dhaloota irraa dhalootatti karaa lama daddarba: haasaa afaaniifi gochaan.Afoola kan dhalootaa dhalootatti dabarsan miseensota hawaasaati. Yaaduma kana Wasanee (2008:164) “Haalli afoolli tokko dhalootaa dhalootatti darbu lufummaa jedhama” jedhee ibsa.

D. Jijjiiramummaa

Ogafaan jijjiirammummaaf baay'ee saaxilamaadha. Ogafaan calaqqee uummataa dhalootarraa dhalootatti kan darbus afaaniin waan ta’eef jechoonni miidhagoon keessaa hafuu ykn itti dabalamuu danda’u. Hawaasni immoo diinagdeen, siyaasaan, haala jiruufi jireenyaan jijjiiramuu waan danda’uuf ogafaan ni jijjiirama Wasanee (2008:167).

E. Miidhagummaa

Miidhaginni ogafaanii kan madde itti fayyadama malleen dubbii adda addaa irraati. Miidhaginni haala afoolli sun miira sammuu ilma namaa hawwachuu danda’uun dhiyaachuu isaa mul’isa. Wasaneen (2008:168) “Miidhagummaan haala afoolli sun itti faarfamu ilmaan namaa hawwachuu danda’uun dhiyaachuu isaa mul’isa” jedha.

F. Yoomessaan walqabachuu

Gosti ogafaanii tokko hojiirra ooluuf yeroo murtawaa barbaada. Bakki, yeroofi haalli keessatti ni argamu. Bakki itti dubbatamu, yeroon itti dubbatamuufi haalli inni itti dubbatamu murtawaadha. Bakka hundatti yeroo hunda haala tokkoonis hindubbatamu. Yoomessi dhugaa qindeeffama afoolaa hedduu jiran hunda osoo ilaalamee, hundumtuu bakkaafi yeroo itti raawwatamu kan mataasaa ni qaba. Dorson(1972:45).

Faayidaa Ogafaanii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ogafaan seenaa, duudhaa, yaadaa fi beekkumsa hawaasaa dhaloota tokkoo isa birootti dabarsuun alatti tajaajila hedduu qaba. Isaan keessaa muraasni haala yeroo ibsuu, hir'ina jiru qeequu, honnachiisuu, boharsuu, barsiisuu fi miliqsuu dha.[1][3]

Akaakuu Ogafaanii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Gosoota ogafaanii uummatni Oromoo bal'inaan fayyadamu kanneen armaan gadiiti.

  1. 1 2 Addunyaa Barkeessaa (2016). Semmoo: Bu'ura Barnoota Afaannii fi Afoola Oromoo, maxxansaa 3ffaa, Finfinnee