Geerarsa
Geerarsi gosa ogafaanii ta'ee jecha mana rukutu kan nama onnachiisuun jiruu fi jireenya, gaddaa fi gammachuu, obsaa fi hamilee kan ittiin ibsataniidha. Geerarsa yeroo baayyee warra dhiiraatu gootummaa agarsiisufi geerara. Jireenya ummata Oromoo keessatti ergaa dabarsuuf tajaajila. Oromoon gerarsaan goota isaa faarfatee dhaadata.[1]
Akaakuu Geerarsa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Geerarsa gosa lamatu jira. Innis geerarsa qondaalaa fi geerarsa gurgudduu jedhama. Geerarsi qondaalaa kan qondaalaan geeraramuudha. Qondaalaan nama duulee diina ofii ajjeesee kan mirgaan gale ykn bineensota bosona keessa jiraatan (leenca, gafarsa, arba, qeerransaa fi kkf) adamsee kan ajjeesedha. Isaan kun hawaasa keessa jiraatan biratti kabajaa fi ulfina qabu. Yeroo sirna ykn cidha tokkorratti sirbamu ykn geerarsi yeroo gahu isaantu dura geerara. Tartiiba mirga isaan ajjeesanii qabanii fi hawaasa sana biratti beekamaniin wal-duraa duuban geeraru. Yeroo geeraramu dura waaqa, dachee, midhaan, loon (saawwan) fi booka ykn daadhiitu faarfatama.
Geerarsa gurgudduu kan jedhamu nama duule hin ajjeefne ykn bineensa akka mirgaatti lakkaawu kan hin ajjeefneen geeraaramuudha. Isaan kun warra qondaalaa booda geeraru. Yeroo geeraranis hojii qabatanii jirani qonnaa fi waan kana fakkaatu irratti bobba’anirratti cimaa fi jabaa ta’uu isaanii ykn ammoo duulanii mirga dhabuu isaaniif gadda itti dhaga'ame, yaalii fi tattaaffii godhan, kanaafis ragaa qaban himachuun balasiin komachuun geeraru. Akkasumas jireenya isaanii keessatti karaa adda addaa dhiphuu fi roorroo isaan mudate haala adda addaan ibsatu.
Yeroo Qondaalli ykn gurgudduun geeraru, kanneen taa’anii dhaggeeffatan ishoo gurbaa jechuun jala cooqa ykn soosisa kan jedhamuun harkaa fuudhanii gargaaru. Kunis geeraraan sun akka afuura fudhatuu fi akka onnatuufi. Yookaan ammoo warra geerarsa beeku ykn qondaaltotaa fi gurgudduutu wal harkaa fuudhee dabareedhaan geeraru jechuudha.
Fakkeenya geerarsa
Birbirsa mootii mukaa Riqaa malee hinyaabani; Birboo mootii galaanaa Daakaan malee hince’ani; Abbaan ofii mootii dha Harmeen ofis giiftii dha Mirga malee hinwaamani. Kanaafuun boobe tume Kanaafan booye du’e.
Qumxaa machallaa godhe Balasiin abbaa godhee Waanuman yaade godhee Hodhemoo… nan barreesse? Tolchemoo… nan balleese?
Abbaa koo yaa abbaa koo Wayyaa kee kuula maru Natu kuula marsiise Maqaa kee duulli haabaru Natu duula barsiise. Qoteen baase maqaa kee Akka guuboo dinnichaa Hordeen dhaabe maqaa kee Akka muka birbirsaa.
Abba koo ani jedhu kuni Sooressa guutuu miti Hiyyeessa duutuus miti Gamna itti himatan miti Raatuu ifatan miti Hinqotata maasi isaa Hingorfata maatiisaa Hingodhata maayiisaa; Jaarsa dallaan waleensuu Isa didaa qajeelchu Yaa isa kan coome qalu Isa kan doofeef faluu.
Yoo ajjeesan mucaa ta’u Mucaa kurkuraa ta’u; Hundatu nama dhungata. Yoo dhaban budaa ta’u Budaa furgummaa ta’u; Hundatu nama tuffata. Ameessa maalan godhaa? Yeennaa borillee gu’e;
Si’achi maalfaan godhaa? Yeennaan borillee du’e. Moosisnaan korma ta’e Tumamnaan qotiyyoo ta’e Gurgurraan dhibba bite Gunfureen dhimma fixe. Si’achi maalan yaadaree? Bajjii qotachuu malee Qalbii horachuu malee Goodarree dhaabuu malee. Dhoobamee taa’u malee Dhoobee dibachuu malee Ulee qaldhoo qabachuu Biyya abbaa koo taphachu.
Gojjolaa nyaateettaaree? Yoo foon taskaaraa malee Gujii agarteettaaree? Gabaa Jimaataa malee Boora agarteettaaree? Sangaa magaala malee Dhiiga agarteettaaree? Dhiqaa fagaaraa malee! Akkam taanee akkas taane? Akkamiin akkas taane? Goommanaaf raafuu taane Dhala abbaa raatuu taane
Hunduu nutti xaphatte Muka nuugii taane kaa; Hunduu nu bobeeffatte Dhala luujii taane kaa Hunduu nu odeeffattee Akkam taanee akkas taanee? Moofa uffattuu taane Doofa of gattuu taane Fayyaa dhukubsatu taane
Beekaa wallaalaa taane Otoo qabnuu deegaa taane Akkam goonee taanuree? Kam goorree jalaa baanuree? Inni Abbaan koo guddise Kaballaan na kuffise Inni abbaa koo tii gadii. Hardha gaangeensaa sadii Gaangeen biyyaaf barcuma Ani hinyaabne takkumaa. Kaabbortaan raroo taatee Na geessee rakkoo taatee.
Fakkeenyaa Geerarsa gootaa
Goota goota caalu Seenaan yoo gilgaalu Goota biyyaaf kufu Seenaan bira hin lufu Oromoon sodaatee hin beekuu Yoo sodaachise malee Seenaan gootaa hindhumu Yoo obsinee itti dhiifne malee
Geessituu alaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Geerarsa
- Oromo oral literature
- Zelalem Abera''Digga saaqoo''
Wabii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- ↑ Namoonni HAADHA MANAA isaanii waliin walqunnamtii saalaa jalqabuuf utuu jedhanii, utuu qunnaamtii hin godhiin jalaa qaamni kormaa dhangala’u ykn eegalanii daqiiqaa 1 gaditti xumuran rakkoo kana qabu jedhamee yaadama. Waanti kun takkaa yoo nama qabate waan nama hin gadhiifne yokaan nama waliin hafu miti. Waqxii tokkoof nama mudatee baduus danda’a, namoota tokko tokkorrammoo turuu danda’a. Dhibee kana kan fidu kana jedhamee quba itti qabamee adda baafamuu baatus kanneen armaan gadii waliin ta’anii harka keessaa qabu. 1. Dhiphina/muddama sammuu (stress) 2. Yeroo hedduu garmalee gadduu (depression) 3. Sodaan walqunnaamtii saalaa hin danda’u jedhu dursee sammuu keessa jiraachuu. 4. Miira balleessaa qabaachuu (guilt) namatti dhaga’amuu 5. Rakkoon hariiroo jaalalaa (relation ship) jiraachuu. AKKAMIIN OFGARGAARUU DANDEENYA? Namoota rakkoo kana qaban keessaa 95% osoo qoricha mana yaalaa hin barbaadiin maloota armaan gadii kana keessaa kan isaaniif ta’u fayyadamanii dhibee kana ofirraa balleessu. 1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa. 2. Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (masturbation) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhanyoo qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an. 3. Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa dhiiraa (penis) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara. Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha. 4. Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara. 5. Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna. 6. Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa. Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa deema. 7. Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf. Fayyaan faaya Dhibee Wal qunnamtii Saalaa Dafanii Xumuruu Faayidaa Timiraa Mallattoo Dhukkuba Kalee fi Wantoota Gochuu Qabnu Mallattolee Dadhabuu Onnee Dhiita'uu Qaama Saala Dhiiraa(Varicocele)fi Mallatto Isaa Haphachuu Rifeensaa Akkamiin Ittisuu Dandeenya? Mallattoo, Ka'umsaa fi Furmaata Hir'ina Dhiigaa Dhukkuba Huuba Qoonqoo/Toonsilii Faayidaa Jinjibilli Qabu