Geerarsa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search

Geerarsi gosa wallee Oromoo keessaa tokko yoo ta'u kan wallifamus gootummaa agarsiisufi. Yeroo baayyee geerarsa kan geerraru warra dhiirati, dubartoonni hin geerraran.

Akaakuu Geerarsa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Geerarsa gosa lamatu jira. Innis geerarsa qondaalaa fi geerarsa gurgudduu jedhama. Geerarsa qondaalaa kan jedhamu, nama duulee diina ofii ajjeesee kan mirgaan gale, bineensota gosa adda addaa kanneen bosona keessa jiraatan (leenca, gafarsa, arba, qeerransaa fi kkf) adamsee kan ajjeese qondaala jedhama. Isaan kun hawaasa keessa jiraatan biratti kabajaa fi ulfina qabu. Yeroo sirna ykn cidha tokkorratti sirbamu ykn geerarsi yeroo gahu isaantu dura geerara. Gosa mirga argataniin dursa argatu. Yeroo geeraranis sirnaa fi tartiiba qaba. Dura waaqa, dachee, midhaan, loon (saawwan) fi booka ykn daadhiitu faarfatama. Faaruu daadhiitti aanee kan dhufu geerarsadha. Yeroo sanatti eenyutu dura geeraruuf akka mirga qabuu fi eenyutu akka itti aanu mirga isaan ajjeesanii qabanii fi hawaasa sana biratti beekamaniin tartiiba gala.

Geerarsa gurgudduu kan jedhamu nama duule hin ajjeefne ykn bineensa akka mirgaatti lakkaawu kan hin ajjeefne dha. Isaan kun warra qondaalaa booda geeraru. Yeroo geeraranis hojii qabatanii jirani qonnaa fi waan kana fakkaatu irratti bobba’anirratti cimaa fi jabaa ta’uu isaanii ykn ammoo duulanii mirga dhabuu isaaniif gadda itti dhaga'ame, yaalii fi tattaaffii godhan, kanaafis ragaa qaban himachuun balasiin komachuun geeraru. Akkasumas jireenya isaanii keessatti karaa adda addaa dhiphuu fi roorroo isaan mudate haala adda addaan ibsatu.

Yeroo Qondaalli ykn gurgudduun geeraru, kanneen taa’anii dhaggeeffatan "ishoo gurbaa" jechuun jala cooqa ykn soosisa kan jedhamuun harkaa fuudhanii gargaaru. Kunis geeraraan sun akka afuura fudhatuu fi akka onnatuufi. Yookaan ammoo warra geerarsa beeku ykn qondaaltotaa fi gurgudduutu wal harkaa fuudhee dabareedhaan geeraru jechuudha.

Akka fakkeenyatti, geerarsa kana ilaalun ni danda'ama.

Birbirsa mootii mukaa

Riqaa malee hinyaabani;

Birboo mootii galaanaa

Daakaan malee hince’ani;

Abbaan ofii mootii dha

Harmeen ofis giiftii dha

Mirga malee hinwaamani.

Kanaafuun boobe tume

Kanaafan booye du’e.

Qumxaa machallaa godhe

Balasiin abbaa godhee

Waanuman yaade godhee

Hodhemoo… nan barreesse?

Tolchemoo… nan balleese?

Abbaa koo yaa abbaa koo

Wayyaa kee kuula maru

Natu kuula marsiise

Maqaa kee duulli haabaru

Natu duula barsiise.

Qoteen baase maqaa kee

Akka guuboo dinnichaa

Hordeen dhaabe maqaa kee

Akka muka birbirsaa.

Abba koo ani jedhu kuni

Sooressa guutuu miti

Hiyyeessa duutuus miti

Gamna itti himatan miti

Raatuu ifatan miti

Hinqotata maasi isaa

Hingorfata maatiisaa

Hingodhata maayiisaa;

Jaarsa dallaan waleensuu

Isa didaa qajeelchu

Yaa isa kan coome qalu

Isa kan doofeef faluu.

Yoo ajjeesan mucaa ta’u

Mucaa kurkuraa ta’u;

Hundatu nama dhungata.

Yoo dhaban budaa ta’u

Budaa furgummaa ta’u;

Hundatu nama tuffata.

Ameessa maalan godhaa?

Yeennaa borillee gu’e;

Si’achi maalfaan godhaa?

Yeennaan borillee du’e.

Moosisnaan korma ta’e

Tumamnaan qotiyyoo ta’e

Gurgurraan dhibba bite

Gunfureen dhimma fixe.

Si’achi maalan yaadaree?

Bajjii qotachuu malee

Qalbii horachuu malee

Goodarree dhaabuu malee.

Dhoobamee taa’u malee

Dhoobee dibachuu malee

Ulee qaldhoo qabachuu

Biyya abbaa koo taphachu.

Gojjolaa nyaateettaaree?

Yoo foon taskaaraa malee

Gujii agarteettaaree?

Gabaa Jimaataa malee

Boora agarteettaaree?

Sangaa magaala malee

Dhiiga agarteettaaree?

Dhiqaa fagaaraa malee!

Akkam taanee akkas taane?

Akkamiin akkas taane?

Goommanaaf raafuu taane

Dhala abbaa raatuu taane

Hunduu nutti xaphatte

Muka nuugii taane kaa;

Hunduu nu bobeeffatte

Dhala luujii taane kaa

Hunduu nu odeeffattee

Akkam taanee akkas taanee?

Moofa uffattuu taane

Doofa of gattuu taane

Fayyaa dhukubsatu taane

Beekaa wallaalaa taane

Otoo qabnuu deegaa taane

Akkam goonee taanuree?

Kam goorree jalaa baanuree?

Inni Abbaan koo guddise

Kaballaan na kuffise

Inni abbaa koo tii gadii.

Hardha gaangeensaa sadii

Gaangeen biyyaaf barcuma

Ani hinyaabne takkumaa.

Kaabbortaan raroo taatee

Na geessee rakkoo taatee.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]