Jump to content

Fiiziksii

Wikipedia irraa
Fiiziksii / Xiinseerummama
Agarsiisa dameewwan Fiiziksii adda addaa: Makaaniksii, Elektiromaagneetizimii, Hurrisoo Hoo'aa, Rilooviitii, fi Makaaniksii Kuwantamii.
Odeeffannoo Waliigalaa
Damee Saayinsii Saayinsii Uumamaa
Madda Maqaa Xiinxala Seera Uumamaa
Yaad-rimeewwan Gurguddoo
Yaad-rimee Ijoo Wantoo, Anniisaa, Humna, Bakka, Yeroo
Seenaa fi Ogeessota
Ogeessota Gurguddoo Niiwutan, Einstein, Gaaliiliiyoo, Maakisweel
Hojirra Oolmaa fi Walqabatii
Faayidaa Hojirraa Teeknooloojii, Injinariingii, Yaala Fayyaa, Anniisaa, Geejjiba
Dameewwan Walqabatan Herrega, Keemistirii, Baayoloojii, Falasamaa


Fiiziksiin yookaan Xiinseerummamni saayinsii uumamaa kan wantoo, anniisaa fi humnoota bu’uuraa hariiroo isaanii bulchan qoratudha. Dameen saayinsii kun marlaaleen amala akkamii akka gulantaa hunda irratti qabu, suudoo cita-atoomii irraa kaasee hanga ruuda bal’aa fi marlaalee mataa isaatti, ibsuuf yaala. Fiiziksiin saayinsii biroo kan akka keemistrii fi baayoloojii irratti bu’uura kan ta’ee fi ogumala, qibaatummaa fi warshaa keessatti hojiirra oolmaa bal’aa qaba. Innis gaaffilee gurguddoo kanneen akka "Uumamni maal irraa hojjetame?", "Seeronni uumamaa maalidha?", fi "Hawaan akkamitti jalqabe, akkamittis xumurama?" jedhan deebisuuf yaala.

Hidda-jechaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Fiiziksiin jecha Giriikii durii: phusikḗ (φυσική) jedhu irraa dhufe, hiikni isaas "beekumsa uumamaa" ykn "waa'ee uumamaa" jechuudha. Jechi bu'uuraa isaa phúsis (φύσις) "uumama" agarsiisa.
  • Xiinseerummamni jecha Afaan Oromoo asliidha. Innis jechoota lama irraa ijaarame: xiin- (kan gochima "xiinxaluu" jedhurraa dhufe) fi -seerummama (kan jecha "seera uumamaa" jedhu agarsiisu). Walumaagalatti hiikni isaa "xiinxala seera uumamaa" jechuudha.

Seenaa Fiiziksii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Seenaan fiiziksii yaalii dhala namaa kan seera uumamaa addunyaa keenya bulchu hubachuuf godhamuudha. Innis qorannoo urjilee durii irraa ka'ee hanga yaadiddamoota walxaxoo har'aatti sadarkaa hedduu keessa darbe. Guddinni isaa hubannoo keenya kan waa'ee wantoo, anniisaa, hawaa, fi yeroo irratti qabnu bu'uuraan jijjiiree jira.

1. Ka'umsa Falaasama Bara Durii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hundeen fiiziksii qorannoo xinurjii (astronomy) irraa jalqaba. Qaroominni durii kan akka Sumeeriyaan, Ijiiptii, fi Indiyaa sochii aduu, ji'a, fi urjilee sirnaan ilaaluun, kalaandarii fi adeemsa herregaa uuman. Haa ta'u malee, qorannoon fiiziksii inni jalqabaa kan sababa uumamaa (natural causes) irratti hundaa'e Giriikii durii keessatti eegale. Falaasamaan akka Thales of Miletus taateewwan uumamaa (akka kirkira lafaa) sababa amantii odoo hin taane, sababa uumamaatiin ibsuuf yaalii jalqabaa godhe. Kunis yaada saayinsawaa keessatti tarkaanfii guddaa ture.

Dabalataanis, falaasoonni akka Anaksimander fi Empedocles yaad-rimee "elementoota" bu'uuraa (bishaan, qilleensa, ibidda, lafa) kanneen addunyaan irraa ijaarame jedhan dhiyeessan. Yaadni "atoomizimii" kan Leucippus fi Dimookiiratas maddisiisan immoo, wantoonni hundi suudoowwan xixiqqoo hin caccabne, "atoomota" jedhaman irraa akka ijaaraman tilmaame. Hojiin isaanii kun ragaa yaalii kan hin qabne ta'us, gaaffilee bu'uuraa fiiziksiin ammayyaa deebisuuf yaalu kaasuun seenaa keessatti iddoo guddaa qaba.

Yaad-rimeewwan herregaa kan qorannoo fiiziksiif bu'uura ta'an Pythagoras fi garee isaatiin guddatan. Isaanis hariiroo muuziqaa fi herregaa qorachuun, addunyaan seera herregaatiin akka bulan amanuutti dhufan. Hunda caalaa, Archimedes seera bu'uuraa makaaniksii kanneen akka seera fonqolchaa (law of the lever) fi humna oloolkee (buoyant force) argachuun beekama. Hojiin isaa kun adeemsa herregaa fi yaalii walitti fiduun, saayinsii ammayyaatiif fakkeenya gaarii ta'e.

2. Moosenaa Islaamaa fi Gumaacha Isaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bara Giddugaleessaa keessatti, guddinni saayinsii Awurooppaa keessatti laafus, addunyaa Islaamaa keessatti beekumsi Giriikii durii kuufamee, hiikamee, fi bal'ifame. Ogeeyyiin akka Al-Kindi, Al-Farabi, fi Ibn Sina (Avicenna) hojii Aristootil irratti ibsa bal'aa kennan. Haa ta'u malee, gumaachi guddaan kan dhufe saayintistii Arabii, Ibn al-Haytham (Alhazen), irraati. Alhazen abbaa xinagartii (optics) ammayyaa fi abbaa adeemsa saayinsawaa jedhamuun beekama.

Kitaaba isaa beekamaa "Kitaaba Xinagartii" jedhu keessatti, Alhazen yaad-rimee Giriikii kan ifni ija irraa baha jedhu yaaliidhaan fashaleesse. Inni, ifni wantoota irraa balaqeessuun gara ijaatti seena jedhe mirkaneesse. Akkasumas, seera balaqeessaa fi dabee darbuu sirriitti ibse. Hunda caalaa, inni qorannoo isaa hunda yaalii too'atamaa (controlled experiment) fi herrega irratti hundaa'uun gaggeesse. Adeemsi isaa kun bu'uura Warraaqsa Saayinsii Awurooppaa kan booda dhufeef karaa saaqe.

Dabalataanis, ogeeyyiin Islaamaa biroo damee makaaniksii, astiroonoomii, fi herregaa irratti gumaacha guddaa taasisan. Fakkeenyaaf, hojiiwwan Al-Biruni waa'ee rukkinna wantootaa fi kan Al-Khazini waa'ee madaallii haayidiroostaatikii irratti, hubannoo fiiziksii yeroo sanaa daran guddisan. Hojiin isaanii kun yeroo booda gara Laatiinitti hiikamuun, beekumsi kun Awurooppaa seenuun, Warraaqsa Saayinsii kakaasuuf gahee guddaa taphate.

3. Warraaqsa Saayinsii Awurooppaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Gaaliiliyoo Gaalileeyii, abbaa fiiziksii ammayyaa.

Jaarraa 16ffaa fi 17ffaa keessatti Warraaqsi Saayinsii Awurooppaa keessatti dhufe, kunis fiiziksiif yeroo haaraa bane. Kun kan jalqabe hojii Nicolaus Copernicus kan yaad-rimee lafti wiirtuu addunyaa ta'uu (geocentrism) mormuun, aduun wiirtuu ta'uu (heliocentrism) dhiyeesseeni. Yaanni isaa kun ilaalcha addunyaa isa durii guutummaatti jijjiire. Johannes Kepler immoo, ragaa daawwannaa Tycho Brahe irratti hundaa'uun, pilaaneetonni orbiitii geengoo odoo hin taane, eliptikaalaa akka qaban, fi seera sochii pilaaneetotaa sadii herregaan ibse.

Guddinni guddaan garuu Gaaliiliyoo Gaalileeyii irraa dhufe. Inni abbaa saayinsii ammayyaa jedhamuun beekama, sababni isaas yaalii sirnaawaa fi herrega fayyadamuun fiiziksii qorachuu jalqabe. Gaaliiliyoon yaalii isaa beekamaa kan wantoota gomboo irraa gadi darbuun, kufaatiin qaamolee ulfaatina isaanii irratti akka hin hundoofne mirkaneesse. Innis yaad-rimee "inertia" (qaamni tokko humnaan yoo dirqisiifame malee haala sochii isaa hin jijjiiru) fi seera kufaatii qaamolee gadi fageenyaan ibse. Hojii isaatiif, bataskaana Kaatoolikii wajjin walitti bu'us, adeemsi isaa kun saayinsiif daandii haaraa bane.

Guddinni kun hundi kan xumurame hojii Aayizaak Niiwutan tiin. Bara 1687, Niiwutan kitaaba isaa seena-qabeessa Philosophiæ Naturalis Principia Mathematica jedhu maxxanse. Kitaaba kana keessatti, seera sochii sadii fi seera harkisa lafaa waliigalaa ifa taasise. Seeronni kunniin sochii wantoota lafa irraa (akka kufaatii aapilii) fi sochii qaamolee hawaa keessaa (akka ji'a fi pilaaneetotaa) seera walfakkaatuun ibsuu danda'an. Hojiin Niiwutan bu'uura makaaniksii kilaasikaalii ta'uun, fiiziksii gara sadarkaa olaanaatti ceesise.

4. Guddina Bara Ammayyaa Duraa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jaarraa 18ffaa fi 19ffaa fiiziksiin kilaasikaalii daran kan itti dagaagedha. Dameen makaaniksii hojii ogeeyyii akka Leonhard Euler, Joseph-Louis Lagrange, fi Pierre-Simon Laplace tiin caalaatti guddate. Isaanis herrega kaalkulasii fayyadamuun seera Niiwutan haala ammayyaa fi humna guddaa qabuun ibsan. Adeemsi herregaa kun rakkoolee makaanikaa walxaxoo furuuf dandeettii guddaa kenne.

Yeroo kanatti, dameen haaraan kan Sirna Hoo'aa (Thermodynamics) jedhamu guddate. Guddinni motora hurkaa (steam engine) Warraaqsa Industirii keessatti, saayintistoota waa'ee hoo'aa, hojii, fi anniisaa qorachuutti geesse. Hojii Sadi Carnot, James Prescott Joule, fi Rudolf Clausius yaad-rimee anniisaa, seera eegumsa anniisaa (Seera Tokkoffaa Sirna Hoo'aa), fi yaad-rimee entrooppii (Seera Lammaffaa Sirna Hoo'aa) uume. Seeronni kunniin jijjiirama anniisaa kamiyyuu keessatti bu'uura.

Dameen guddaan biraa kan yeroo kana keessa dagaage Elektiromaagneetizimii dha. Argannoowwan Hans Christian Ørsted (yaa'antaan dirree maagneetii uuma) fi Michael Faraday (dirreen maagneetii jijjiiramaan yaa'antaa uuma) elektiriksii fi maagneetizimiin humna walqabataa ta'uu isaanii agarsiisan. Dhuma irratti, James Clerk Maxwell walqixxaattoo isaa beekamoon yaad-rimee kana guutummaatti tokkoomse. Hojiin isaa dambaliin elektiroomaagneetii jiraachuu fi saffisa ifaatiin akka deemu raage, kunis ifni gosa madana elektiroomaagneetii ta'uu isaa mirkaneesse.

5. Warraaqsa Fiiziksii Ammayyaa: Sadhatummaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dhuma jaarraa 19ffaa keessatti, argannooleen haaraan kanneen akka madana elektiroomaagneetii fi xaanxeffamaa argamuun, fiiziksiin Niiwutan guutuu akka hin taane agarsiisan. Rakkoon guddaan tokko saffisa ifaati. Akka yaadiddama Maakisweelitti, saffisni ifaa dhaabbataadha, garuu kun seera Niiwutan kan saffisni ida'amuu qaba jedhuun wal-faallessa. Yaaliin Maayikalsan-Moorlii kan saffisa ifaa safaruuf godhame, saffisni ifaa kallattii kamittuu dhaabbataa ta'uu isaa mirkaneessuun, rakkoo kana caalaatti hammaachise.

Furmaanni kan dhufe bara 1905, yeroo ogeessi paatentii umuriin 26 kan ture, Albert Einstein, barruu afur warraaqsa fidan maxxansetti. Tokkoon isaanii Yaadiddama Sadhata Addaa (Special Relativity) dhiyeesse. Einstein, hawaa fi yeroon dhaabbataa odoo hin taane, kan saffisa daawwataa irratti hundaa'ee jijjiiramu (dheerachuu fi gabaabbachuu) danda'u ta'uu isaa ibse. Kunis saffisni ifaa dhaabbataa ta'uu isaa ibsuu danda'e. Akkasumas, walqixxaattoo beekamaa dhiyeessuun, hangii fi anniisaan walitti jijjiiramuu akka danda'an agarsiise.

Bara 1915, Einstein yaadiddama isaa caalaatti bal'isuun, Yaadiddama Sadhata Waliigalaa (General Relativity) maxxanse. Kunis harkisa lafaa akka humnaatti odoo hin taane, akka gomboobina Sam-yeroo (curvature of spacetime) kan hanga guddaan uumamuutti ibse. Yaadiddamni kun raaga hedduu kanneen akka jallina ifaa naannoo aduutti fi sochii pilaaneetii Meerkurii kan fiiziksiin Niiwutan ibsuu dadhabe sirriitti tilmaame. Hojiin Einstein hubannoo keenya kan waa'ee hawaa, yeroo, fi harkisa lafaa irratti qabnu guutummaatti jijjiire.

6. Warraaqsa Fiiziksii Ammayyaa: Makaaniksii Kuwantamii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Yeroo wal-fakkaataatti, sadarkaa atoomii fi isaa gadiitti argannooleen haaraan fiiziksiin kilaasikaalii ibsuu hin dandeenye mul'atan. Rakkoo "madana qaama gurraachaa" furuuf, Maaks Pilaank bara 1900 keessa, anniisaan akka paakeejii xixiqqoo "hagoo" (quanta) jedhamuun daddarba jedhee tilmaame. Bara 1905, Einstein yaada kana fayyadamuun "taddoo iftinelektirikii" ibsuuf, ifni mataan isaa suuddoo anniisaa "suudifa" (photon) jedhamu irraa akka ijaarame agarsiise.

Argannoowwan kunniin bu'uura Makaaniksii Kuwantamii (Quantum Mechanics) tiif kaa'an. Saayintistoonni akka Niels Bohr (moodeelii atoomii), Louis de Broglie (suudoon amala dambalii qaba), Werner Heisenberg (prinsipilii hin-mirkanaa'ummaa), fi Erwin Schrödinger (walqixxaattoo dambalii) damee haaraa kana guddasan. Makaaniksiin kuwantamii addunyaa atamii gadii keessatti wantoonni amala dambalii fi suudoo lamaanuu agarsiisuu akka danda'an, akkasumas amalli isaanii tilmaama carraa (probability) irratti akka hundaa'u agarsiise. Yaadrimeen kun guutummaatti kan nama ajaa'ibu ta'us, bu'uura teeknooloojiiwwan ammayyaa kanneen akka laayizarii, semiikondaktarii, fi anniisaa niwukilariiti.

Dameewwan Ijoo Fiiziksii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Fiiziksiin damee saayinsii baayyee bal'aa waan ta'eef, qo'annoon isaa dameewwan gurguddoo hedduutti qoodama. Qoodinsi kun irra caalaan fiiziksii "kilaasikaalii" (kan warraaqsa kuwantamii dura ture) fi fiiziksii "ammayyaa" (kan sadhatummaa fi kuwantamii dabalatu) gidduutti godhama. Tokkoon tokkoon damee kanaa yaad-rimeewwan, seeronni, fi tooftaaleen qorannoo adda ta'an kan mataa isaanii qabu.

1. Xiimmitiqa Durtoo (Classical Mechanics)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Onii Niiwutan (Newton's cradle), seera eegumsa dadachoo agarsiisu.

Xiimmitiqni Durtoon damee fiiziksii isa durii fi bu'uuraa yoo ta'u, sochii wantoota naannoo keenyatti argamanii fi humnoota isaan irratti dalageeffaman qo'ata. Innis wantoota ijaan mul'atan kanneen saffisni isaanii kan ifaa irra baayyee xiqqaa ta'e irratti xiyyeeffata. Seerotni sochii Niiwutan, kan Sir Isaac Newton ashakame, makaaniksii kilaasikaa keessatti bu’uuraa dha. Seeronni kunniin amala kubbaa darbatame irraa kaasee hanga jeema bakkaallee hunda ibsuuf itti fayyadamu. Yaad-rimeewwan ijoo damee kanaa keessaa sochii, saffisa, ariitii, humna, hanga, furguga (momentum), fi anniisaa dabalata.

Dameen kun sochii wantootaa haala herregaatiin tilmaamuuf dandeettii guddaa qaba. Yoo haalli jalqabaa sirna tokkoo (iddoo fi saffisni) beekame, seeronni Niiwutan gara fuulduraatti yeroo kamittiyyuu haala sirnichaa sirriitti tilmaamuu danda'u. Amalli "tilmaamamuu" (determinism) kun falaasama saayinsii keessatti dhiibbaa guddaa uume. Makaaniksiin kilaasikaalii dameewwan xixiqqoo kan akka istaatiksii (statics - qorannoo qaamolee tasgabbii qabanii), hurrisoo(dynamics - sochii fi sababa isaa), fi xiinsochiii(kinematics - sochii osoo sababa hin ilaalin) of keessatti qabata.

Guddinni makaaniksii kilaasikaalii hojii Niiwutan boodas itti fufe. Herregaan ammayyaa kan akka kaalkulasii jijjiiramaa (calculus of variations) fayyadamuun, ogeeyyiin akka Lagrange fi Hamilton foormulaa haarawaa kan makaaniksii ibsu uuman. Akkaataan isaanii kun caalaatti killayyaa (abstract) ta'us, rakkoolee walxaxoo furuuf baayyee humna qaba. Dabalataanis, makaaniksiin kilaasikaalii bu'uura yaad-rimeewwan ammayyaa kan akka makaaniksii kuwantamii fi sadhatummaa waliigalaatiif ta'eera.

Makaaniksiin kilaasikaalii hojiirra oolmaa baayyee bal'aa qaba. Hojiin injinariingii, ijaarsa riqichaa, gamoo, konkolaataa, fi xiyyaaraa hundi bu'uuraan seera makaaniksii kilaasikaalii irratti hundaa'a. Akkasumas, sochii qaamolee hawaa keessaa (celestial mechanics) kan akka pilaaneetotaa, koomeetotaa, fi saatelaayitootaa tilmaamuuf tajaajila guddaa kenna. Daawwannaan saatelaayitootaa fi ergamni hawaa hundi shallaggii makaaniksii kilaasikaalii sirrii ta'e irratti hundaa'a.

Haa ta'u malee, dameen kun daangaa ni qaba. Inni taateewwan saffisa ifaatti dhihaatan ykn kan sadarkaa atoomii fi isaa gadiitti raawwataman sirriitti ibsuu hin danda'u. Naannoowwan kanneen ibsuuf, yaadiddamoonni haaraan kanneen akka sadhatummaa fi makaaniksii kuwaantimii barbaachisoo ta'an. Haa ta'u malee, jireenya guyyuu fi hojiiwwan injinariingii hedduu keessatti, makaaniksiin kilaasikaalii ammallee sirrii fi baayyee faayidaa qabeessadha.

2. Hurrisoo Hoo'a (Thermodynamics)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hurrisoo Hoo'a damee barnoota xiinseerummammaa wa’ee ho’aa, dalagaafi hoo’iyaa (temperature), fi hariiroo isaan anniisaa waliin qaban, akkasumas amaloota nafoo wantanaa qo’atuudha. Gama biraan ammoo, jijjirama anniissaa hoo’aa fi akkaataa adeemsi kun wantaanarratti dhiibbaa geesisuu qo’ata. Seeronni isaa kanneen akka eegumsa anniisaa fi guddina "entropy" (akkaataa maleenyummaa) sirna tokkoo ibsu.

Dameen kun kan guddate Warraaqsa Industirii jaarraa 19ffaa keessa, yeroo saayintistoonni gahumsa motora hurkaa fooyyessuuf yaalaa turanitti. Innis seerota bu'uuraa afur qaba. Seerri Zeerooffaan hoo'iyyaan akka amala madaala uumuu ibsa. Seerri Tokkoffaan seera eegumsa anniisaati; anniisaan uumamuu ykn baduu hin danda'u, garuu bifa tokko irraa gara isa kaaniitti jijjiiramuu danda'a. Seerri Lammaffaan hoo'i qaama qorraa irraa gara qaama hoo'aatti ofiin akka hin yaane, fi aldaarumma (entropy) sirna cufaa tokkoo yeroo hundaa akka dabalu ibsa. Seerri Sadaffaan immoo hoo'iyyaa zeeroo goonkumaa(absolute zero) biratti ga'uun akka hin danda'amne agarsiisa.

Hurrisoon hoo'a dameewwan saayinsii fi injinariingii hunda keessatti hojiirra oolmaa bal'aa qaba. Keemistirii keessatti, wal-nyaatinsi keemikaalaa kam akka raawwatamuu danda'u tilmaamuuf gargaara. Injinariingii keessatti, dizaayinii motorootaa, firijootaa, fi buufata humnaatiif barbaachisaadha. Xiinjiree keessattis, akkaataa lubbu-qabeeyyiin anniisaa itti fayyadaman hubachuuf bu'uura.

Yaad-rimeen "entrooppii" jedhu damee kana keessatti isa guddaadha. Innis safartuu jeequmsa ykn bittinaa'ina sirna tokkooti. Seerri lammaffaan akka ibsutti, adeemsi uumamaa kamiyyuu yeroo hundaa gara haala entrooppii guddaa qabuutti deema. Fakkeenyaaf, cabbiin yoo baqe, molekuloonni bishaanii caalaatti bittinnaa'u, kanaaf entrooppiin ni dabala. Yaadni kun kallattii yeroo (arrow of time) agarsiisa, sababni isaas yuuniversiin keenya yeroo hundaa gara haala jeequmsa guddaatti deema.

Dameen xiqqaan kan hurrisoo hoo'aa wajjin walqabatu makaaniksii istaatistiikii (statistical mechanics) dha. Innis amala wantoota gurguddoo (macroscopic) amala suudoowwan xixiqqoo (microscopic) isaan uuman irraa ka'uun ibsuuf yaala. Fakkeenyaaf, hoo'iyyaan gaasii tokkoo anniisaa sochii giddu-galeessaa molekuloota isaa wajjin walqabata. Kunis hurrisoo hoo'aa fi makaaniksii gidduutti riqicha ijaara.

3. Mandisloobilummaa (Electromagnetism)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Dirreen elektirikii kan guuttii poozatiivii fi negaatiivii gidduu jiru.

Mandisloobilummaan humna suddoowwan chaarjii elektirikii qaban gidduutti argamudha. Elektiromaagneetizimiin humnoota bu’uuraa uumamaa afuran keessaa isa tokko. Innis taateewwan akka elektirikii dhaabataa, yaa'antaa elektirikii, maagneetizimii, fi ifa walitti qabee ibsa. Hojiiwwan saayintistoota jaarraa 19ffaa kanneen akka Hans Christian Ørsted, André-Marie Ampère, fi Michael Faraday hariiroo cimaa elektiriksii fi maagneetizimii gidduu jiru ifa baasan.

Guddinni kun hundi kan xumurame yeroo James Clerk Maxwell walqixxaattoo isaa beekamoo afur dhiyeessetti. Walqixxaattoonni Maakisweel seera bu'uuraa damee kanaa yoo ta'an, isaanis akkaataa dirreen elektirikii fi maagneetii itti uumaman, wal jijjiiran, fi guuttii elektirikii fi yaa'antaa irratti dhiibbaa geessisan ibsu. Bu'aan guddaan yaadiddama Maakisweel dambaliin elektiromaagneetii jiraachuu fi saffisa ifaatiin akka deemu tilmaamuu isaati. Kunis ifni gosa madana elektiroomaagneetii ta'uu isaa mirkaneesse.

Hubannoon mandisloobilummaa teeknooloojii ammayyaa hundaaf lafee dugdaati. Elektirikii maddisiisuu fi tamsaasu irraa kaasee, hanga meeshaalee elektirooniksii kanneen akka raadiyoo, televijinii, kompiitaraa, fi bilbilaatti hundi bu'uuraan seera kana irratti hundaa'u. Ifni mataan isaa dambalii elektiroomaagneetii ta'uun isaa, damee xinagartii (optics) fiiziksii kana jalatti akka hammatamu taasise.

Dirreen elektirikii fi maagneetii wal-faana jiraatu. Dirreen elektirikii yeroon jijjiiramu dirree maagneetii uuma, dirreen maagneetii yeroon jijjiiramus dirree elektirikii uuma. Wal-jijjiirraan kun dambalii of-danda'ee deemu kan onnee keessa saffisa ifaatiin tamsa'u uuma. Dambaliin kun dheerinadambalii adda addaa qabaachuu danda'a, kunis calalii elektiroomaagneetii (electromagnetic spectrum) uuma, kan dambalii raadiyoo irraa kaasee hanga raajii gaammaatti jiru.

4. Xiimmitiqa Hagoo (Quantum Mechanics)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Makaaniksiin kuwaantimii amala wantoo fi anniisaa sadarkaa baayyee xiqqaa, kan akka atoomotaa fi suudoo atoomii gadii qorata. Dameen kun hubannoo keenya waa’ee addunyaa sadarkaa xiqqaa irratti guutummaatti warraaqsa kan fide yoo ta’u, seeronni fiiziksii kilaasikaalii sadarkaa kanatti akka hin hojjenne agarsiise. Yaad-rimeewwan isaa kan akka garlamummaa dambal-suudoo (suudoon amala dambalii fi suudoo lamaanuu qabaachuu) fi prinsipilii murtaa'uu dhabuu (iddoo fi dadachoon suudoo tokkoo yeroo tokkotti sirriitti beekamuu dhabuu) hubachuuf rakkisaa ta'anis, yaaliidhaan irra deddeebiin mirkanaa'aniiru.

Hundeeffamni isaa hojii Maaks Pilaank (yaad-rimee hagoo), Albert Einstein (taddoo iftinelektirikii), Niels Bohr (moodeelii atoomii), fi kanneen biroo hedduu irratti bu'uureffame. Makaaniksiin hagoo teeknooloojiiwwan ammayyaa kanneen akka laayizarii, tiraanzistara (bu'uura kompiitaraa), anniisaa niwukilarii, fi suuraa maagneetik reezonaansii (MRI) tiif bu'uura ta'eera. Innis amala keemikaalaa wantootaa fi hidhoo keemikaalaa ibsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Yaad-rimeen kun addunyaan sadarkaa xiqqaa irratti akka carraatti (probabilistic) malee, akka murtaa'aatti (deterministic) kan hin hojjenne ta'uu isaa agarsiisa. Kunis ilaalcha fiiziksii kilaasikaalii kan haala jalqabaa beekuun gara fuulduraa sirriitti tilmaamuun ni danda'ama jedhuun faallaa dha.

5. Sadhatummaa (Relativity)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Yaadiddamni sadhatummaa kan Albert Einstein, hubannoo keenya waa’ee bakkaa, yeroo fi harkisa lafaa irratti qabnu bu'uuraan jijjiire. Innis yaadiddama lama of keessatti qabata:

  • Sadhata Addaa (Special Relativity): Bara 1905 kan dhiyaate yoo ta'u, akkaataa yeroon fi iddoon sochii daawwataa wajjin walqabatee akka ta’e ibsa. Kunis saffisni ifaa onnee keessatti daawwataa kamiyyuuf dhaabbataa ta'uu isaa irraa madda. Bu'aan isaa kan akka yeroon suuta deemu (time dilation) fi dheerinni gabaabbachuu (length contraction) saffisa guddaa irratti mul'ata. Akkasumas, walqixxaattoo beekamaa kan hangii fi anniisaan walitti jijjiiramuu danda'an agarsiisus damee kana keessatti argama.
  • Sadhata Waliigalaa (General Relativity): Bara 1915 kan dhiyaate yoo ta'u, harkisa lafaa akka humnaatti odoo hin taane, akka qaxxaamura ykn jallina caasaa hawaa-yerootti (curvature of spacetime) ibsa. Akka yaada kanaatti, hangi fi anniisaan hawaa-yeroo jallisu, jallinni sun immoo akkaataa wantoonni itti socho'an murteessa. Yaadiddamni kun taateewwan akka jallina ifaa naannoo urjileetti, dambalii harkisaa (gravitational waves), fi holqa gurraacha (black holes) sirriitti tilmaameera. Sadhatummaan kosmooloojii ammayyaa fi hubannoo uumama addunyaatiif murteessaadha.

6. Xiinseerummama Killataa (Nuclear Physics)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dameen kun niwukilasii atoomikaa(killata) fi hariiroo isaanii qorata. Innis qorannoo xaaxxeefamaa (radioactivity), Makama niwukilaara (fission) fi Gamisama niwukilaaraa (fusion) of keessatti qabata. Fiiziksiin niwukilaraa anniisaa niwukilaraa fi teeknooloojiiwwan yaalaa kan akka yaala raadiyaashiniin kaansariitiin oomisha anniisaa irratti guddina argamsiiseera.

7. Xiinagartii (Optics)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Faca'iinsa ifa adii gara halluuwwan adda addaatti yeroo priizimii keessa darbu.

Xiinagartiin damee fiiziksii kan amala ifaa fi hariiroo inni wantoo wajjin qabu irratti xiyyeeffatuudha. Innis waa'ee uumama, maddisiifamuu, tamsa'ina, fi argannoo ifaa qorata. Dameen kun mul’ata ilma namaa, kaameraa, teeleskooppii, fi teeknooloojiiwwan ammayyaa kanneen akka faayibar optikii fi laayizarii hubachuuf baayyee barbaachisaa dha. Xiinagartiin yaad-rimeewwan akka balaqeessa (reflection), dabee darbuu (refraction), bittinaa'uu ifaa (diffraction), walseennaa (interference), fi waalgeessuu(polarization) ifaa gadi fageenyaan xiinxala. Innis damee fiiziksii kan jireenya guyyuu keessatti hojiirra oolmaa bal'aa qabudha.

Xiinagartiin seenaa dheeraa qaba. Qorannoon isaa Giriikii durii keessatti Yuukliid fi Heroon warra jalqaba seera balaqeessaa fi qajeela deemuu ifaa ibsanidha. Guddinni guddaan garuu hojii Ibn al-Haytham (Alhazen) jaarraa 11ffaa keessa dhufe. Inni yaalii fayyadamuun, argaan kan uumamu ifni wantoota irraa ija keenya seenuun akka ta'e mirkaneesse. Jaarraa 17ffaa keessatti, Niiwutan ifni suuddoo (corpuscles) irraa ijaarama jedhee yoo falmu, Haayigans immoo akka dambaliitti ibse. Falmiin kun dhuma irratti ifni amala lamaanuu (garlamummaa dambal-suudoo) akka qabu amanuutti geesse.

Xiinagartiin dameewwan gurguddoo lamatti qoodama: Xiinagartii Ji'oomeetirii (Geometrical Optics) fi Xiinagartii Nafoo (Physical Optics). Xiinagartiin ji'oomeetirii ifa akka xiyya qajeelaatti fudhachuun, seera balaqeessaa fi dabee darbuu fayyadamee hojii meeshaalee akka daawwitii, doo'innee (lens), fi priizimii ibsa. Innis saxaxa meeshaalee agartii (optical instruments) kan akka maayikirooskooppii fi teeleskooppiif bu'uura. Xiinagartiin nafoo immoo ifa akka dambalii elektiroomaagneetiitti fudhachuun, taateewwan akka bittinaa'uu, walseennaa, fi madaalcha ifaa qorata. Kunis hubannoo gadi fagoo kan amala ifaa nuuf kenna.

Teeknooloojii ammayyaa keessatti, xiinagartiin iddoo olaanaa qaba. Laayizariin ifa qindaa'aa fi humna guddaa qabu maddisiisuun, yaala fayyaa (akka baqaqsanii yaaluu ijaa), industirii (akka kukkutuu sibiilaa), fi wal-qunnamtii keessatti fayyada. Faayibar optiksiin immoo ifa fayyadamuun odeeffannoo guddaa saffisa olaanaan dabarsuun, interneetii fi telekoomii addunyaa jijjiireera. Akkasumas, suuraa kaasuu dijitaalaa, iskiriniiwwan ammayyaa (LCD, OLED), fi teeknooloojiiwwan agartii hundi bu'uuraan seera xiinagartii irratti hundaa'u.

Dabalataanis, xiinagartiin kuwantamii (quantum optics) damee haaraa kan wal-nyaatinsa ifaa fi wantoo sadarkaa suudoo tokkootti (single-photon level) qoratuudha. Dameen kun yaad-rimeewwan makaaniksii kuwantamii kan akka "quantum entanglement" fi "superposition" qorachuun, teeknooloojiiwwan gara fuulduraa kanneen akka kompiitara kuwantamii, wal-qunnamtii kuwantamii, fi seensariiwwan baayyee miirawwii ta'aniif karaa bana. Qorannoon damee kanaa hubannoo keenya kan uumama ifaa fi addunyaa kuwantamii irratti qabnu daran bal'isaa jira.

8. Xiinseerummama Hawaa (Astrophysics)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Xiinseerummamni hawaa damee xinurjii fi fiiziksii kan qaamolee samii (akka urjilee, pilaaneetotaa, gaalaaksiiwwan) fi taateewwan hawaa keessaa (akka dhoohinsa suuppernoovaa) hubachuuf seera bu’uuraa fiiziksii hojiirra oolchudha. Innis gaaffilee akka "Urjileen akkamitti dhalatu, jiraatu, fi du'u?", "Gaalaaksiin keenya akkamitti uumame?", "Addunyaan (universe) akkamitti jalqabe, akkasumas egereen isaa maali?" jedhan deebisuuf yaala. Xiinseerummamni hawaa teeleskooppii lafa irraa fi hawaa keessaa fayyadamuun, madana elektiroomaagneetii (ifa, raadiyoo, raajii-X) qaamolee samii irraa dhufu sassaabee xiinxala.

Dameen kun seenaa dheeraa kan qabu yoo ta'u, jalqaba isaa Niiwutan seera harkisa lafaa fayyadamee sochii pilaaneetotaa ibsuu irraa ka'a. Jaarraa 19ffaa keessatti, guddinni ispekitrooskooppii (spectroscopy) saayintistootaaf qabiyyee keemikaalaa fi hoo'iyyaa urjilee fageenya irraa beekuuf isaan dandeessise. Jaarraa 20ffaa keessatti, yaadiddamni sadhatummaa Einstein fi fiiziksiin niwukilarii akkaataa urjileen itti anniisaa maddisiisan (walmaka niwukilarii) fi akkaataa harkisni lafaa itti caasaa gurguddoo addunyaa (akka gaalaaksii fi holqa gurraachaa) too'atu ibsuuf gargaaran.

Xiinseerummamni hawaa dameewwan xixiqqoo hedduu qaba. Koosmooloojiin (Cosmology) uumama, guddina, fi egeree addunyaa guutuu qorata. Moodeeliin beekamaan "Big Bang" jedhamu, addunyaan dhoohinsa guddaa tokko irraa akka jalqabe ibsa. Dameen biraa immoo uumama fi jijjiirama urjilee (stellar evolution), caasaa gaalaaksiiwwanii, fi qorannoo pilaaneetota naannoo urjilee biroo (exoplanets) irratti xiyyeeffata. Qorannoon holqa gurraachaa (black holes) fi wanta dukkanaa'aa (dark matter) fi anniisaa dukkanaa'aa (dark energy) immoo damee fiiziksii isa amma baayyee nama hawatuudha.

Argannoowwan xiinseerummama hawaa ilaalcha dhalli namaa waa'ee addunyaa fi iddoo isaa keessatti qabu irratti jijjiirama guddaa fidaniiru. Hubannoon lafti wiirtuu addunyaa odoo hin taane, pilaaneetii urjii hedduu keessaa tokko naannoo jirtu ta'uu isii, fi gaalaaksiin keenya, Milky Way, gaalaaksiiwwan biiliyoonaan lakkaa'aman keessaa tokko qofa ta'uu isii, ilaalcha keenya bal'iseera. Guddinni teeknooloojii teeleskooppii, kan akka Teeleskooppii Hawaa Hubble fi James Webb, addunyaa keenya caalaatti gadi fageenyaan akka ilaallu nu dandeessiseera.

Dameen kun fiiziksii bu'uuraa wajjinis hidhata cimaa qaba. Laaboraatoriiwwan lafa irraa keessatti haala hoo'iyyaa fi dhiibbaa urjilee keessa jiru uumuun waan hin danda'amneef, hawaan akka laabiraatorii uumamaatti tajaajila. Urjileen niwutiroonii fi holqi gurraachi iddoo gaarii kan yaadiddama sadhatummaa waliigalaa fi amala wantoo haala cimaa keessatti ittiin qoratanidha. Dabalataanis, daawwannaan koosmooloojii waa'ee jalqaba addunyaa fi seera fiiziksii isa bu'uuraa irratti odeeffannoo guddaa kenna.

Hojirra Oolmaa Xiinseerummamaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Fiiziksiin guddina teeknooloojii fi jireenya guyyaa guyyaa keessatti gahee olaanaa qaba:

  • Teeknooloojii Yaalaa: Fiiziksiin suuraa yaalaa (fkn, xiyya-X, MRI, CT scan) fi yaala raadiyaashiniin wal’aansa kaansarii keessatti bu’uuraa dha. Meeshaaleen kunniin yaad-rimeewwan akka madana elektiroomaagneetii, maagneetizimii niwukilarii, fi fiiziksii suudoo irratti hundaa'u. Dabalataanis, laayizariin baqaqsanii yaaluu fi ultraasawundiin fakkii uumuu keessatti iddoo guddaa qabu.
  • Injinariingii: Riqicha fi gamoo saxaxuuf irraa kaasee hanga teeknooloojiiwwan aerospace misoomsuutti, fiiziksiin rakkoolee injinariingii qabatamaa furuuf barbaachisaa dha. Makaaniksiin Kilaasikaalii caasaa tasgabbaa'aa ijaaruuf, sirni hoo'aa immoo motora gahumsa qabu uumuuf gargaara. Seeronni elektiromaagneetizimii immoo bu'uura injinariingii elektirikaalii fi elektirooniksiiti.
  • Telekoomii: Qajeeltoowwan elektiromaagneetizimii qunnamtii raadiyoo, televijiinii fi interneetii keessatti hojiirra kan oolan yoo ta’u, mallattoon fageenya guddaa irratti akka darbu mirkaneessa. Kalaqni faayiber optiksii, kan yaad-rimee balaqeessa guutummaa keessoo (total internal reflection) irratti hundaa'e, wal-qunnamtii saffisaa fi amansiisaa addunyaa maratti dandeessiseera. Saateelaayitoonni GPS immoo yaadiddama sadhatummaa Einstein fayyadamuun iddoo sirrii lafa irratti agarsiisu.
  • Omisha Annisaa: Fiiziksiin maddoota anniisaa, humna niwukilaraa, anniisaa aduu fi humna qilleensaa dabalatee hubachuu fi guddisuu dandeessisa. Anniisaan niwukilarii wal-nyaatinsa fashinii (fission) irraa madda. Anniisaan aduu (solar power) immoo taddoo iftinelektirikii (photoelectric effect) fayyadamuun ifa aduu gara elektirikiitti jijjiira. Turbinoonni qilleensaa fi bishaanii immoo anniisaa sochii gara anniisaa elektirikiitti jijjiiru.
  • Geejjibaa: Guddinni fiiziksiin argame mootorootni gahumsa qaban, konkolaattota nageenya qaban, akkasumas imala hawaa illee akka hojjetaman godheera. Seerri Niiwutan sochii konkolaataa fi xiyyaaraa ibsuuf, sirni hoo'aa immoo gahumsa motoraa fooyyessuuf gargaara. Baaburonni maagneetiin deeman (maglev trains) humna maagneetizimii fayyadamuun saffisa olaanaan deemu.