Sadhata waliigalaa

Boolla gurraacha kompiitaraan fakkeeffame kiiloo meetira 600 irraa kan mul’atu: Jeettii keenya duuba yeroo ilaalamu, boolli gurraacha guddaan urjii asoosamaa ulfaatina Aduu dachaa kudhaniin uumame.
Sadhata waliigalaa (yaadrimee waliigalaa Birqabaa jedhamuunis beekama) yaada ji'oomeetirii harkisa lafaa kan Albert Einsteiniin bara 1915 maxxansee fi ibsa amma harkisa lafaa fiiziksii ammayyaa keessatti kennamedha. Sadhata waliigalaa sadhataa addaa fi seera Niwutan kan harkisa waaligaala fooyyessa, ibsa tokkummaa harkisa lafaa akka amalli ji’oomeetirii iddoo fi yeroo, ykn yoomessaa kenna. Keessattuu, jallinni yommessaa anniisaa fi momeentii maatirii fi raadiyaashiniin jiru kamiyyuu wajjin kallattiin wal qabata. Hariiroon kun kan murtaa’u walqixxummaa dirree Aayinshitaayiniin yoo ta’u, kunis sirna walqixxummaa diferenshiyaalaa gartokkee ti.