Jump to content

Maddarroo(molakiyulii)

Wikipedia irraa
Kun maddarroo sukkaara ti. buxussuuddoota kaarboonii halluu diimaa, buxussuuddoota oksijiinii diimaa fi buxussuuddootni haayidiroojiinii adii taasifamuun garaagarummaa agarsiisu. Dhugaa jiru keessatti buxussuuddoota halluu hin qaban.

maddarroon(Afaan Ingiliiziin: Molecule) garee buxussuuddoo walitti hidhama keemikaalawaa humna walharkisa cimaa ta'e qaban irraa kan uumamee dha. Maddarroowwan buxussuuddoota wahiyyoo tokkoo (homonuclear) ykn wahiyyoo adda addaa (heteronuclear) irraa ijaaramuu danda’a. Maddarroowwan guuttiiqoota(ayoonoota) of keessatti qabachuu danda’u, garuu yeroo baay’ee gareewwan buxussuuddoota giddu galeessa ta’anii fudhatamu. Qorannoon molakiyuulotaa fiiziksii molakiyuulaa ykn keemistirii molakiyuulaa jedhamuun beekama.

Maddarroon buxussuuddoo boca ykn bifa addaatiin walitti maxxanan irraa ijaarama . Walnyaatinsi atoomotaa hundi walqixa hin danda’amu; atoomonni boca murtaa’e kanneen biroo caalaa filatu. Akkasumas, vaalaansii adda addaa qabu . Fakkeenyaaf, atoomonni oksijiinii yeroo hunda atoomota biroo wajjin hidhoo lama, atoomonni kaarboonii yeroo hunda atoomota biroo wajjin hidhoo afur qabu, atoomonni naayitiroojiinii immoo yeroo hunda atoomota biroo wajjin hidhoo sadii qabu.

Yaadiddama sochii gaazotaa keessatti jechi "maddarroo" jedhu, qabiyyeen isaa maal iyyuu yoo ta'e, suuddoo gaasii kamiyyuu ibsuuf fayyadama. Kana jechuun buxussuddoonni gaazii luujii illee molakiyuulota ykn maddarroo atoom-tokkee ykn buxus-tokkee waan ta’aniif akka molakiyuulotaa ykn maddarroowwanitti ilaalamu.

Gaasota keessatti molakiyuulonni bilisaan socho’u. Dhangala’oo keessatti molakiyuulonni ammallee walitti hidhamaniiru garuu naannoo sanatti socho’uu danda’u. Jajjaboo keessatti molakiyuulonni bakka isaaniitti qofa hollachuu danda’u. Faalkaa watanaa afraffaan kan ta’e pilaazmaa keessatti atoomonni  ykn buxussuddoonni waan aayoonoomaniif ykn guuttiiqoomaniif molakiyuulota  uumuu hin danda’an.

Foormulaawwan ykn ukeewwan maddarroo lakkoofsa tokkoon tokkoo gosa atoomii argamu ibsuudhaan qabiyyee maddarroo bakka bu’u. Fakkeenyaaf, foormulaan maddarroo gilukoosii C6H12O6 yoo ta’u, atoomota kaarboonii ja’a, atoomota haayidiroojiinii kudha lamaa fi atoomota oksijiinii ja’a of keessaa qaba.

Gosoota Maddarroo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Molakiyuulii: Garee atoomii akaakuu tokkoo yookiin garagaraa lama yookiin isaa ol kanneen elektiroonii walii qooduudhaan hidhoo keemikaalaa hidha uumaniidha. Molakiyuulota akaakuu lamatu jira. Isaaniis: molakiyuulota elementii fi molakiyuulota koompaawundiiti.

A) Molakiyuuloota Elementootaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Atoomonni elementii gosa tokkoo lama yookiin isaa ol yommuu walfudhatan molakiyuulii elementiitu uumama. Fakkeenyaaf biroomiinii (Br2 ), kilooriinii (Cl2 ), fi haayidiroojiinii(H2 ) dha. Molakiyuulonni atoomota akaakuu tokko qofa irraa uumaman kunniin molakiyuulota elementii jedhamu. Molokiyuulootni elementootaa iddoo 3tti qoodamau. Molakiyuuloota atoom-tokkee:-Molakiyuuloota elementoota kannen atoomii tokko qofa of keessaa qabani dha. Elementoonni tokko tokko uumama isaanii irraa kan ka’e atoomoonni isaanii walfudhachuun molakiyuulota uumuu hin danda’an. Kanaafuu, suukaawoo dha. Elementoonni kunniin gaasota luujii jedhamu. Atoomonni elementoota akkasii akkuma molakiyuulotaa bilisaan jiraachuu ni danda’u. Molakiyuuloota isaanitis. Fakkeenyawwan molakiyuulii atoom-tokkee hiliyemii (He), niiyoonii (Ne) argoonii (Ar) fi kkf dha.

Moolakiyuulota atoom-lamee(buxus-lamee)

Molakiyuuloota elementootaa kanneen atoomota lama of kessaa qabani dha. Fakkeenyawwan molakiyuulii atoom lamee Haayidiroojiinii(H2), oksijiinii (O2), kilooriinii (Cl2), biroomiinii (Br2), fi ayoodiinii (I2) fi kkf dha.

Molakiyuulota atoom-hedduu(buxus-hedduu)

Molakiyuuloota elementoota kanneen atoomota lamaa ol irraa ijaaramani dha. Fakkeenyaaf, molakiyuuliin ozoonii (O3 ) atoomota sadi qaba. Kana malees, molakiyuuliin foosfarasii (P4 ) atoomota afur of keessaa yommuu qabaatu, molakiyuuliin, salfarii (S8 ) immoo atoomota saddeet qaba.

Molakiyuulota Kompaawundootaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Molakiyuulonni Kompaawundii: atoomoonni elementoota adda addaa lama yookiin isaa ol yeroo walnyaatinsa keemikaalaa adeemsiisan kan uumamu dha. Fakkeenyaf, Haayidiroojiinii (H2 ) + Oksijiinii (O2 ) → bishaan (H2 O)

Wabiiwwan[gulaali | lakkaddaa gulaali]