Jump to content

Dambalii

Wikipedia irraa

Dambaliin jeequmsa amaloota naannoo, kan akka dhiibbaa dambalii sagalee fi daambalii bishaanii ykn cimina dirree elektiromaagneeti dambalii ifaa keessatti ykn damballin jeequmsa yeroofi bakka.kessaa imaluudha.

dheerina dambalii .

Dheerinni Dambalii (λ): Dheerinni Dambalii kan ibsamu fageenya tuqaawwan walfakkaatan dambalii  walmaddii  gidduu jiruudha. Fakkeenyaaf, fageenyi fiixee ykn dhooqa dambalii lama walmaddii jiran gidduu jiru dheerina danbaalii  dha. Dheerinni dambalii qubee Giriikii λ (lambda)  tiin agarsiifama.. Dambaliiwwan guyyaa guyyaan ilaallu kanneen akka ifa, sagalee ykn dambalii bishaanii dha. Dheerinni danbalii fi firikuweensii(irradeebinna) gidduu hariiroon figgisoo tu jira .Danbaliin lama yoo saffisa walfakkaataa qabaate dheerinni dambalii gabaabaan irradeebina guddaa qaba.


Gosoota Dambalii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dambalii qaxxaamuraa (transverse wave)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

dambalii qaxxaamuraa yemmuu kallattiin hollannaa suudoo fi kallaattiin sochii dambalii waliif kofa sirrii uumaniidha.

Dambalii waltarroo (Longitudinal wave)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dambalii qaxxaamuraa yemmuu kallattiin hollannaa suudoo fi kallaattiin sochii dambalii waltarree ta'aniidha Fkn: dambalii sagalee,fi dambalii cedhedhaa.

Hariiroo dheerina Dambalii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

hariiroo Yeroo dambalii, irrededdebina, dheerina dambalii fi Saffisa dambalii gidduu jiru. Yoo Damballin irradeddebina 2 Hz qabu ilaalte kun dambalii 2 sekondii tokkotti qabxii tokko darbu jechuudha. Kunis tokkoon tokkoon dalgee qabxii sana darbuuf sekondii 0.5 akka fudhatu agarsiisa. Kanaafuu, yeroon danbalii sekondii 0.5 dha.Kanaaf, yeroon wal-faana irradeddebinaati ti


saffisa dambalii = irradedebina×dheerina dambalii ⇒ v = λ×f[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kanaaf akka:

saffisa Dabalii
Irradeebina ykn firkuweensii.
T yeroo

Jechoota Dambalii waaliin walqabatan[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bakka boqonnaa: Bakki boqonnaa bakka hin jeeqamne ruqooleen ykn dirree yeroo isaanis raafama hin jiran. iddoo tasgabba'aa.

Qaxxaamura: Qaxxamurri fageenya qabxiin murtaa’aan gidduttii  argamu jechuudha

bakka boqonnaa isaa irraa socho’a.

Dhooqa: Dhooqa jechuun qabxii gadaanaa bakka boqonnaa gadiitti argamuu.

Fixxee: Fixxee qabxii olka’aa(olaanaa) bakka boqonnaa olitti argamudha.

Yeroo (T): Yeroon, mallattoo T tiin kan agarsiifamu, yeroo marsaa guutuu tokkoo kan sochii irradeddebi'e. Akkasumas yeroo dambaliin guutuu tokko gara qabxii kenname tokko dabarsuu.

Irradedebina (f ): Irradedebina Firikuweensiin, mallattoo f tiin kan bakkabu'u dha.Irradedebinni  lakkoofsa dambalii guutuu tokku yeroo tokkotti qabxii kenname tokko darbanii jedhamee ibsama. Irradedebinni hamma olka’u lakkoofsi dambalii sekondii tokkotti dha.

Bikkoomni waliigalaa firikuweensii sekondii tokkotti marsaa tokko dha. Kunis Hertz tokko (Hz) jedhamee ibsama

1Hz=1 marsaa/s.

Hiixina (A): Hiixinni ykn Ampiliituudiin kan ibsamu qaxxamura guddaa bakka walmadaalummaa irraati. Hiixinni mallattoo A tiin kan agarsiifamu yoo ta’u, meetiraan (m) .safarama

Saffisa Dambalii (v): Saffisni dambalii kan ibsamu fageenya dambalii sekondii tokko keessatti deemtudha. Mallattoo v tiin kan agarsiifamu yoo ta’u akkuma saffisa hundaatti sekondii tokkotti meetiraan safarama.

Falcha Dheerinni Dambalii vaakiyuumiin alaa(miti-onaa)[gulaali | lakkaddaa gulaali]