Jump to content

Keemistrii jiree

Wikipedia irraa

Baayookeemistriin qorannoo walnyaatinsa keemikaalaa lubbu qabeeyyii keessatti, akkasumas walumaa galatti molakiyuulota baayoloojiiti. Baayoloojii seelii fi xiinqaamaaf barbaachisaa dha . Qorannoon baayookeemistirii inzaayimoota, niwuukilii asiidota, cilbishee, sukkaara, burqata fi lipiidota of keessatti qabata . Qaama keessatti molakiyuulonni irra caalaan isaanii poliimaroota sansalata dheeraa molakiyuulota xixiqqoo irraa ijaaramaniidha. Baayookeemistriin jijjiirama keemikaalaa molakiyuulota ijaarsa xixiqqoo kana uumuu, fi nyaata irraa anniisaa uumuu qorata. Namni baayookeemistirii qoratu baayookeemistii jedhama.

Maakroomoolekiyuulii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Poolimaroonni baayoloojii atoomota kuma kudhaniin hanga miliyoona kudhanii fi isaa ol qabaachuu danda’u. Poolimaroonni kun molakiyuulota xixiqqoo hedduu irraa kan ijaaraman yoo ta’u, tokkoon tokkoon isaanii atoomota shantama hin caalle qabu. Molekuloonni xixiqqoo kun cilayyaa, haayidiroojiinii, hadhituu fi naayitiroojiinii irraa qofa jechuun ni danda'ama . Akkasumas waalgaa, badaatuufi buxusaawwaan biroo muraasa kan of keessaa qaban yoo ta’u, isaanis hojii baayoloojii poliimaroota kanaaf murteessoo dha.

Maakroomolekuloonni gosa afur qabu .

Dhagaggee Tambii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

DNA Double Helix
DNA, asiidii niwuukilii, heeliiksii dachaa irraa ijaarame.

Asiidonni niwuukilii maddarrota sansalata dheeraa qaban yoo ta’an gosa lama qabu: DNA fi RNA . Ijaarsi isaanii niwuukilootaayidii jedhamu .

DNAn seelii hunda keessatti argama. Odeeffannoo asiidota niwuukilii hundaafi pirootiinota hunda hojjechuuf barbaachisan of keessaa qaba . Innis heeliiksii dachaa keessatti walitti makamee argama . Innis qabiyyee dhaala  yoo ta’u odeeffannoo jireenyi dhalootaa dhalootatti dabarsu qabata.

RNAn odeeffannoon DNA irraa argamu seelii qaamaa keessa akka hojjetu gochuuf hojjeta. Pirootiinii addaa hojjechuuf odeeffannoon DNA keessa jiru gara molakiyuulii RNAtti dabarfama. Moleekiyuuliin RNA biraa kana akka tuuta qajeelfama pirootiinii sana hojjechuuf itti fayyadama. RNAn pirootiinii hojjetu raayboosoomii jedhama, akka raayboozaayimii ta’ee saffisa amiinoo asiidonni dhuunfaa walitti hidhamanii pirootiinii uumuuf qaban baay’ee dabala.

Pirootiinii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

DNA Double Helix
Diyaagiramni ribuu karaa baayookeemistoonni boca pirootiinota itti ibsan keessaa isa tokkodha . Diyaagiramni ribuu kun kan pirootiinii himoogilobiinii kan wanta diimaa dhiiga keessa jiruudha. Oksijiinii baachuuf itti gaafatamummaa qaba .

Pirootinoonni poliimaroota amiinoo asiidotaa ti . Gosoonni amiinoo asiidonni beekamoo ta'an adda addaa digdamii qabu .

Bal’inaan yoo ilaalle pirootinoonni dalagaa gosa lama qabu. Inni jalqabaa caasaa dha: isaan caasaa ijoo seelii fi tishuu keessatti argaman hedduu uumu . Maashaan, rifeensi, fi gogaan hundi isaanii irra caalaa pirootiinii irraa kan hojjetamanidha. Inni lammaffaan hojii kan hojjetudha: akka inzaayimootaatti walnyaatinsa keemikaalaa seelii lubbuu qabu keessatti baay’ee saffisiisu. Jireenyi seelii hundi walnyaatinsa keemikaalaa kuma tokkoo fi isaa ol kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis meetaabolizimii jedhamu yoo ta’u, isaanis molakiyuulota nyaataman gara anniisaatti, ykn gara molakiyuulota biroo seelii lubbuun jiraachuuf barbaachisutti jijjiiru. Hojiin pirootiinota walnyaatinsa kana saffisiisuudha, yeroo baay’ee dachaa miliyoona tokkoo ol saffisaan. Kana malees, walnyaatinsi keemikaalaa osoo gocha pirootiinii hin qabaatin akka uumamu taasisa.

Kaarboohayidireetii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kaarboohayidireetiin sukkaara fi dhamsa of keessaa qaba .

Sukkaaroonni kaarboohayidireetii salphaadha. Monoosaakaayidoonni "sukkaara tokkicha" dha, kan akka gilukoosii fi firuktoosii . Disaakaayidoonni monosaakaayidii lama walitti makamaniiru. Sukkaarri nyaata (sukkaara shankoora)  disaakaayidii gilukoosii fi firuktoosii ti. Poolisaakaayidoonni monosaakaayidii hedduu walitti makaman irraa kan hojjetamanidha. Poolisaakaayidoonni harki guddaan isaanii poliimaroota gilukoosii yoo ta’an gosa lama qabu: istaarjii fi seeloosa . Istaarchiin wantoota adii midhaan, dinnichaa, ilippaa, fi daabboo, akkasumas madda anniisaa qaamaaf salphaatti argamuudha. Seeluloosiin meeshaa caasaa biqiltoota hunda ol qabataniidha. Meeshaan muka hojjetu walakkaan isaa seeliiloosii dha.

Kaarboohayidireetiin qaama keessatti hojiiwwan hedduu kan qaban yoo ta’u, inni guddaan garuu akka madda anniisaa qophaa’aa meetaabolii seeliitiif ta’utti hojjechuudha . Hidha keemikaalaa kaarboohayidireetii keessa jiru cabsuudhaan anniisaan gadi lakkifamuu fi qaamni itti fayyadamuu danda’a.

Lipiidota[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Lipiidonni cooma, fi waxii dha . Lipiidonni guutuu ta’an hidhoo tokko  kan qaban yoo ta’u dhadhaa fi laardii keessatti argamu . Lipiidonni hin guutamne hidhoo dachaa tokkoo fi isaa ol kan qaban yoo ta’u yeroo baay’ee zayita keessatti argamu. Qaamni namaa lipiidota akka madda anniisaatti kuufata. Yeroo qaamni anniisaa guddaa barbaadu, molakiyuulonni lipidii caccabee anniisaa sana gadi lakkisu.

Fuulota walqabatan[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  • Tarree mata dureewwan baayookeemistirii
  • Baayoofiiziksii
  • Kiroomaatoogiraafii
  • Keemistirii orgaanikii