Hidhoo keemikaalaa
|
File:Covalent Bond in Hydrogen.svg Hidhoo waajoomaa molakiyuulii haayidiroojiinii (H₂) keessatti uumamu. Elektiroononni lamaan wiirtuu lamaan gidduutti qoodamu. | |
| Odeeffannoo Waliigalaa | |
|---|---|
| Damee Saayinsii | Keemistirii, Fiiziksii |
| Yaad-rimeewwan Gurguddoo | |
| Yaad-rimee Ijoo | Hidhoo Guuttiiqaa, Hidhoo Waajoomaa, Hidhoo Sibiilaa, Elektiroonota Vaalaansii |
| Seenaa fi Ogeessota | |
| Ogeessota Gurguddoo | Gilbert N. Lewis, Linus Pauling, Walther Kossel |
| Hojirra Oolmaa fi Walqabatii | |
| Faayidaa Hojirraa | Uumama molakiyuulotaa, Ijaarsa wantootaa, Wal-nyaatinsa keemikaalaa |
| Dameewwan Walqabatan | Keemistirii Orgaanikii, Keemistirii Inorgaanikii, Fiiziksii Hagoo |
Hidhni keemikaalaa harkisa waaraa kan atoomota, ayoonota, ykn molakiyuulota gidduutti uumamee, walitti qabuun molakiyuulota, kiristaalota, fi caasaalee biroo uumudha. Humni kun kan maddu harkisa elektiroo-istaatikii guuttiiwwan chaarjii faallaa qaban gidduu jiru (hidhoo guuttiiqaa) ykn qoodinsa elektiroonotaa atoomota lama gidduutti (hidhoo waajoomaa) ta'uu danda'a. Hidhoonni keemikaalaa ciminaan garaagarummaa kan qaban yoo ta'u, hidhoowwan ciccimoon akka hidhoo waajoomaa, guuttiiqaa, fi sibiilaa, fi hidhoowwan laafaa akka humnoota molakiyuulii gidduu (intermolecular forces) kanneen akka hidhoo haayidiroojiinii qaba. Uumamni fi cabni hidhoo keemikaalaa bu'uura wal-nyaatinsa keemikaalaa hundaati.
Seenaa Yaad-rimee Hidhoo Keemikaalaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Yaadiddama Luwiis
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Yaadiddama Gilbert N. Luwiis kan hidhata keemikaalaa keessatti, atoomonni tasgabbii argachuuf yaalu. Akka yaada isaatti, atoomonni qola elektiroonii isaanii isa alaa (valence shell) guuttachuuf wal-nyaatu. Tasgabbiin kun yeroo baayyee elektiroonota saddeet qola alaa keessatti qabaachuudha, kunis Seera Saddeettee (Octet Rule) jedhama. Atoomonni tasgabbii kana argachuuf elektiroonota vaalaansii isaanii fayyadamuun hidhoo uumu. Luwiis elektiroonota vaalaansii kana bakka buusuuf mallattoo tuqaa fayyadame, kunis Caasaa Luwiis (Lewis Structure) jedhama.
Yaadiddama Kossel
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Yaadiddama hidhoo keemikaalaa Walther Kossel akka jedhutti, atoomonni wal-nyaatinsa keemikaalaa keessatti hirmaachuun, qindaa'ina elektiroonii gaasota luujii (noble gases) kan tasgabbaa'aa ta'e fakkaachuuf yaalu. Fakkeenyaaf, haloojinoonni elektiroonii tokko fudhachuun, sibiilonni alkaaliin immoo elektiroonii tokko kennuun, qindaa'ina gaasii luujii bira ga'u. Harkisni elektiroo-dhaabii (electrostatic) suuddoo chaarjoota walifaalla kana gidduutti uumamu hidhoo cimaa fida. Gosti hidhoo keemikaalaa kun hidhoo elektiroovaaleentii ykn hidhoo guuttiqaa (ionic bond) jedhamuun beekama.
Akaakuuwwan Hidhoo Keemikaalaa Cimaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Hidhoonni gurguddoon atoomota walitti hidhan sadii:
Akaakuuwwan Hidhoo Keemikaalaa Cimaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Hidhoonni gurguddoon atoomota walitti hidhan sadii: Hidhoo Guuttiiqaa, Hidhoo Waajoomaa, fi Hidhoo Sibiilaa. Isaan kunniin "hidhoo keessoo molakiyuulii" (intramolecular bonds) jedhamu, sababni isaas atoomota molakiyuulii tokko keessa jiran walitti hidhu.
1. Hidhoo Guuttiiqaa (Ionic Bond)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Hidhoon guuttiiqaa humna harkisa elektiroostaatikii cimaa kan ayoonota chaarjii waliif faallaa ta'e qaban jidduutti argamu dha. Hidhoon kun kan uumamu atoomiin sibiilaa elektiroonii vaalaansii isaa guutummaatti gara atoomii sibilalaatti yeroo dabarsudha. Atoomiin elektiroonii kennetu kaatiyoonii (cation) chaarjii poozatiivii qabu yoo ta'u, inni fudhate immoo aniyaanii (anion) chaarjii negaatiivii qabu ta'a. Harkisni cimaan ayoonota kana gidduu jiru kompaawundii guuttiiqaa (ionic compound) uuma. Garaagarummaan elektiroonegaatiivii atoomota hidhoo uuman gidduu jiru yoo guddaa (yeroo baayyee 1.7 ol) ta'e, hidhoon guuttiiqaa uumama.
Fakkeenyi beekamaan Soogidda Nyaataa (NaCl) dha. Soodiyeemiin (Na) elektiroonii tokko qola alaa irraa qaba, Kilooriiniin (Cl) immoo torba qaba. Tasgabbii argachuuf, Soodiyeemiin elektiroonii isaa tokko kilooriiniif kennuun, gara kaatiyoonii Na⁺tti jijjiirama. Kilooriiniin immoo elektiroonicha fudhachuun, qola isaa guuttatee gara aniyaanii Cl⁻tti jijjiirama. Harkisni cimaan Na⁺ fi Cl⁻ gidduu jiru hidhoo guuttiiqaa uumee, kiristaala soogiddaa jabaa ijaara.
Amaloota Kompaawundoota Guuttiiqaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Baalcii (Crystal) Uumuu: Kompaawundootni ayoonii baay’een isaanii bifa jajjaboo kiristaala (baalcii) ta’een jiru. Ayoononni chaarjii faallaa qaban humna cimaan walitti qabamanii caasaa wal-irra deddeebi'u uumu.
- Qabxii Baqinaa fi Danfinaa Olaanaa: Sababa harkisa cimaa ayoonota gidduu jiruuf, hidhoo kana cabsuuf anniisaa hoo'aa guddaa barbaada.
- Cabeessummaa: Kompaawundootni ayoonii jajjaboo ta'anis, yeroo rukutaman salphaatti caccabuu danda'u (cabeessa).
- Bulbulamummaa: Irra caalaan isaanii bulbulaa waaggee (polar solvents) kan akka bishaanii keessatti bulbulamu.
- Dabarsa Elektirikii: Haala jajjabootiin elektirikii hin dabarsan, garuu yeroo baqan (molten) ykn bishaan keessatti bulbulaman, ayoononni bilisaan socho'anii elektirikii dabarsu.
2. Hidhoo Waajoomaa (Covalent Bond)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Hidhoon waajoomaa kan uumamu yeroo atoomonni lama elektiroonota vaalaansii isaanii wal qooddatanidha. Qooddachuun kun atoomonni lamaanuu qola elektiroonii alaa isaanii guuttachuun tasgabbii akka argatan taasisa. Hidhni kun irra caalaan atoomota sibilalaa gidduutti uumama. Elektiroononni qoodaman kun "duumessa elektiroonii" uumuun wiirtuuwwan atoomii lamaanii gidduutti harkisa uumuun isaan walitti hidha.
Hidhoon waajoomaa gosa adda addaa qaba:
- Hidhoo Tokkee, Lamee, fi Sadee: Atoomonni cimdii elektiroonii tokko (hidhoo tokkee), lama (hidhoo lamee), ykn sadii (hidhoo sadee) qooddachuu danda'u. Fakkeenyaaf, molakiyuulii oksijiinii (O₂) keessatti hidhoo lamee, naayitiroojinii (N₂) keessatti immoo hidhoo sadeetu jira. Hidhni sadeen isa cimaa fi gabaabaadha.
- Hidhoo Waaggee fi Waaggamalee: Yoo elektiroononni walqixa qoodaman, hidhichi waaggamalee (nonpolar) jedhama (fkn, H₂). Yoo atoomiin tokko elektiroonegaatiivii caalaa qabaatee elektiroonota ofitti harkise, qoodinsi wal-qixa hin taane uumamee, hidhoo waaggee (polar) jedhama (fkn, H₂O).
3. Hidhoo Sibiilaa (Metallic Bond)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Hidhni sibiilaa atoomota sibiilaa gidduutti kan uumamudha. Caasaa sibiilaa keessatti, atoomonni elektiroonota vaalaansii isaanii salphaatti gad-lakkisu. Elektiroononni gad-lakkifaman kun walitti qabamanii "galaana elektiroonii" uumu, kunis wiirtuuwwan atoomii poozatiivii ta'an hunda walitti qabee eega. Harkisni elektiroo-istaatikii kaatiyoonota poozatiivii fi galaana elektiroonii negaatiivii gidduu jiru sibiilichaaf jabeenya kenna.
Amalli sibiilotaa kan akka dabarsoo elektirikii fi hoo'aa gaarii ta'uu, calaqqisuu, fi dandeettii tumamee diriiruu (malleability) fi harkifamee haphatuu (ductility) kan argamsiise sababa hidhoo sibiilaati. Galaanni elektiroonii bilisaan socho'u kun salphaatti anniisaa elektirikii fi hoo'aa dabarsuu danda'a.