Jump to content

DNA

Wikipedia irraa
Fakki DNA

DNA, gabaabaajee jecha Afaan inglizii deoxyribonucleic acid jedhuu yoo ta'u, Afaan Oromoon yoo hiikkamuu Dhangaaggee Tambii riboosii hanqadhituu(hanquu oxygen(hadhituu))  molakiyuulii ykn maddarroo lakkadhaalaa(genetic code) orgaanizimoota of keessaa qabuudha. Kunis bineensota, biqiltoota, pirootistoota, fi baakteeriyaa dabalata. Innis funcaa Tambiixeedduu(polynucleotide) lama kan heeliiksii dachaa keessatti argaman irraa ijaarama.

DNAn tokkoon tokkoon lubbiyyoo orgaanizimii keessa jiruu; isaanis lubbiyyoowwan pirootiinii akkamii akka hojjetan itti hima. Irra caalaa pirootinoonni kun inzaayimoota.Ijoolleen DNA warra isaanii irraa dhaalu. Kanaafidha ijoolleen amala warra isaanii wajjin kan akka gogaa, rifeensaafi halluu ijaa kan qooddatan. DNAn nama tokko keessa jiru walittimakamiinsa DNA tokkoon tokkoon warra isaanii irraa argamudha.

Kutaan DNA orgaanizimii tokkoo tartiiba "DNA lakkadhaala hin qabne" dha. Tartiiba pirootiinii lakkadhaala/koodii// hin kennan. DNAn koodii hin qabne tokko tokko gara molakiyuulota RNA koodii hin qabneetti kan barreeffaman yoo ta’u, kanneen akka RNA dabarsuu, RNA raayboosoomaa fi RNA qajeelfamaa. Tartiibonni biroo tasumaa hin barreeffaman, ykn RNA dalagaa hin beekamne ni uumu. Hammi DNA koodii hin qabne gosoota gidduutti garaagarummaa guddaa qaba. Fakkeenyaaf, jiinoomiin namaa %98 ol DNA koodii hin qabne yoo ta’u,jiinooma baakteeriyaa idilee keessaa gara %2 qofatu DNA koodii hin qabne dha.

Vaayirasiin DNA ykn RNA fayyadamuun orgaanizimoota faalu. Jiinoomiin vaayirasoota DNA irra caalaan isaanii niwukilasii seelii keessatti kan raawwatamu yoo ta’u, vaayirasoonni RNA ammoo yeroo baay’ee saayitoopilaasmii keessatti baay’atu.

Seelii yuukaariyootii keessaa DNAn gara baaddirootatti gurmaa’a. Hirama seelii dura adeemsa danooma DNA keessatti baaddirri baay’een ni tolfamuu. Orgaanizimoonni yuukaariyootii kan akka bineensotaa, biqiltoota, fangasii fi pirootiistonni DNA isaanii harka caalu niwukilasii seelii ykn wirmaata keessa kuusu. Garuu pirookaariyootonni akka baakteeriyaa fi arkiiyaa DNA isaanii saayitoopilaasmii ykn kalloo areeroo qofa keessatti, baaddira geengoo keessatti kuufatu. baddiroonni yuukaariyootii keessaa pirootinoonni kiroomaatinii kan akka histoonii DNA walitti qabuu fi qindeessuuf gargaaru.

Caasaa DNA[gulaali | lakkaddaa gulaali]

DNAn boca maramaa dachaa kan qabu yoo ta’u, tokkoon tokkoon tarkaanfii sadarkaa Tambiixa ykn tambiixa lama.

Tambiixa(nucleotide)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Tambiixoonnii molakiyuulota sukkaara diyooksiiraayiboosii, garee fosfeetii fi beezii naayitiroojiinii irraa ijaaramaniidha.DNAn gosa Tambiixa afur irraa kan ijaarame yoo ta’u, isaanis adenine (A), thymine (T), cytosine (C) fi guanine (G) dha.Adeeniiniin taayiminii wajjin, saayitoosiniin immoo guwaaniin waliin karaa hidhoo haayidiroojiinii cimdii ta’a.Adenine fi thymine hidhoo haayidiroojiinii lama kan uumuu yoo ta’u, cytosine fi guanine ammoo hidhoo haayidiroojiinii sadii uumu.Cimdiin beezii tartiiba kamiinuu dhufuu danda’u (A-T ykn T-A; C-G ykn G-C), kunis DNAn odeeffannoo akka koodii ykn lakkada godhu isa dandeessisa.

Kiroomaatinii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Baaddira irratti DNAn pirootiinota histoonii jedhaman waliin hidhamee kiroomaatinii uuma. Waldaan kun epijeneetiksii(Oldhalmaya) fi dambii jiinii keessatti qooda fudhata. Jiiniiwwan yeroo guddinaa fi sochii seelii ni ibsama, ni cufamu, dambii kun bu’uura sochii irra caalaan isaa seelii keessatti raawwatamuudha.

Jalteessa Dhangaaggee Tambii Riboosii Hanqadhituu(DNA)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

DNA Jalteessuu jechuun adeemsa DNA itti irradeddebi'aani garagalchan ykn kooppii godhaniida.DNA golluun (helicase) hidhoo haayidiroojiinii cabsuudhaan hidda DNA addaan baasa.Hidhoonni adda baafaman akka unkaa ijaarsa hidda haaraa tajaajilu.DNA poliimereeziin tokkoon tokkoon hidda unkaa irratti niwuukilootaayidoota dabalataa dabalata.Bu’aan isaas molakiyuulota DNA walfakkaatan lama yoo ta’u, tokkoon tokkoon isaanii hidda jalqabaa tokkoo fi hidda haaraa ijaarame tokko qabu.

Foloqa(Mutatation)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Foloqni jijjiirama tartiiba DNA yeroo jaltiinaa uumamuu danda’uudha.Gosoonni foloqa (mutation) haqiinsa, bakka buusa, suuqxii fi dacha’ooma ykn mirroma kan dabalatudha.Foloqni caasaa pirootiinii, dalagaa fi dandeettii orgaanizimii irratti dhiibbaa adda addaa qabaachuu danda’a.Foloqni tokko tokko miidhaa kan geessisu yoo taʼu, kaan immoo giddu galeessa taʼuu ykn faayidaa kan qabu taʼuu dandaʼa.Foloqni garaagarummaa jeneetikiif gumaacha kan godhu yoo taʼu,  jijjiirama tirannaa fiduu dandaʼa.

Burqophee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Oomishni pirootiinota adeemsa burqophee ykn tiraanslation ykn hiikkoo jedhamu keessatti raawwatama. Adeemsa kana keessatti odeeffannoon jeneetikii/ dhalmaya DNA keessatti kuufame gara ergamaa RNA (mRNA)tti ergamee booda gara tartiiba addaa amiinoo asiidotaatti jijjiirama. Sana booda Ergaa (mRNA)n  qaama raayboosoomii jedhamaniin kan dubbifamu yoo ta’u, amiinoo asiidonni tartiiba sirrii ta’een walitti qabamanii pirootiinii oomishuu.