Jump to content

Pirootistaa

Wikipedia irraa

Pirootistoonni seel-qeenxee, seel-hedduu ykn gurmuun jiraachuu danda’u. Pirootistaan iyukaariyootikii. Kana jechuun, seeliin isaanii niwukilaasii dhugaa qaba jechuudha. Hedduun isaanii naannoo bishaanawaa jiraatu, garuu sanyii muraasni iddoo jiidhaafi maxxantummaan jiraatu. Hedduun adeemsa walhormaata alsaallessaa, hirama walqixaatiin walhoru. Muraasni immoo adeemsa saalessaa konjugeesheniitiin walhoru.

Konjugeesheniin: adeemsa walhormaataa organizimiin lama walitti

maxxananii wantoota dhaalaa waljijjiiruun hormaata raawwataniidha.

Pirootistaa gosa gurguddaa lamatti qoodamu. Isaanis:

i) Pirootiistoota biqiloota fakkeeyyii: Hundi isaanii kilooroofilii qabeeyyii

waan ta’aniif soorata qopheessitoota. Fkn: saphaphuuwwan kan akkaa

saphaphuu diimaa, saphaphuu magariisaa, ispaayirojiraafi kkf hammatu.

ii) Pirotiistoota bineeldota fakkeeyyii: lubbu qabeeyyii biroo sooratoofi

baay'een bakkaa bakkatti kanneen sochii godhanidha. Hundi isaanii

seel-qeenxeedha.

Pirootistootni bineeldota fakkaatan pirootoozowaa jedhamanii waamamu.

Fkn: Ameebaa, pilasmoodiyeemii, tirayipasoomaafi paramisiyeemii fa’i.