Jump to content

Bineelda

Wikipedia irraa
?Neefka (Animalia)
Garaagarummaa Neefka: Bineeldoota gita adda addaa irraa
Garaagarummaa Neefka: Bineeldoota gita adda addaa irraa
odeeffannoo saayinsaawaa
Domain: Eukaryota
mootummaa: Animalia
Linnaeus, 1758
Murna (Phyla)

Neefka (yookiin Bineeldoota; Afaan Ingiliziin: Animalia) mootummaa orgaanizimoota lubbiyyedduu (multicellular) ta’anii fi adda durummaan anniisaa argachuuf qaama biraa irratti kan hirkatanidha. Isaanis orgaanizimoota Tambidhugee (eukaryotic) yoo ta’an, kana jechuun seelonni isaanii Niwukilasidhaan kan marfamanii fi orgaaneloota adda addaa kan of keessaa qabanidha.

Hiika (Definition)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Amalli addaa bineeldoota Biqiltoota irraa adda isaan taasisu inni guddaan, anniisaa argachuuf orgaanizimoota biroo yookiin bu’aa orgaanizimoota biroo nyaachuu (soorattoota / heterotrophic) irratti kan hundaa’aniidha. Biqiltoota irraa adda ta’uun, bineeldootni ifa aduu fayyadamuun nyaata ofii qopheeffachuu kan hin dandeenye ta’uu isaaniiti; kanaa mannaa, wantoota kaarboonii of keessaa qaban qaama keessatti bullaasuun jiraatu. Dabalataan, bineeldootni hundi, sadarkaa guddinaa murtaa’e tokko irratti, ofiin socho’uu (motility) ni danda’u, yoo xiqqaate sadarkaa jiissaa (larva) ykn jireenya isaanii keessaa kutaa muraasa irratti sochii taasisaniin beekamu.

Caasaa seelii bineeldaa: Cicha lubbiyyoo kan hin qabne ta'uu isaa hubadhu.

Hiikni bineeldootaa inni lammaffaan caasaa seelii isaanii irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, seelonni bineeldootaa cicha lubbiyyoo (cell wall) jabaa ta’e hin qaban. Bakka cicha lubbiyyoo, seelonni bineeldootaa pirootinoota akka Koollaajiiniitiin walitti qabamanii caasaa laafaa fi jijjiiramuu danda’u uumu. Caasaan kun bineeldootni boca adda addaa akka qabaatanii fi akkaataa jireenyaa garaagaraa akka jiraatan isaan dandeessiseera. Micirjirtii (organism) biroo irraa adda kan isaan taasisu, tishuuwwan adda addaa kanneen akka gummee walqunnamsiistuu (connective tissue) fi maashaa (muscle) qabaachuu isaaniiti.

Amalli biraa kan bineeldoota ibsu, guddina isaanii keessatti adeemsa wal-xaxaa ta’e keessa darbuu isaaniiti, kunis miciree irraa kaasee hanga ga’eessatti jijjiirama fida. Bineeldootni bishaan keessaa, lafa irraa, fi qilleensa keessa dabalatee bidoollee (habitat) adda addaa keessa kan jiraatan yoo ta’u, guddinni isaanii shifargaa (microscope) irraa kaasee hanga bineensa guddaa kan akka qurxumbojaa cuqulissa (blue whale)tti garaagarummaa qaba. Akkaataa uumama isaaniitiin, bineeldootni nadheefa (metabolism) oksijiinii irratti hundaa’e gaggeessuun anniisaa oomishatu.

Xiinneefka (Zoology) qorannoo bal’aa waa’ee bineeldootaa, caasaa isaanii, fi jireenya isaanii kan qoratuudha. Bineeldootni baay’een isaanii, ilbiisota dabalatee, lafee dugdaa kan hin qabne (invertebrates) yoo ta’an, bineeldootni lafee dugdaa qaban (vertebrates) immoo murna Tushaaleeyyii (Chordata) jalatti hammatamu.

Madda Jechootaa (Etymology)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jechi "Bineelda" jedhu kun jechoota Afaan Oromoo bu’uuraa lama irraa kan dhufe yoo ta’u, isaanis "bineensa" fi "beeylada" jedhaman irraa walitti kuufamee kan uumameedha.

  • "Bineensa": Bineeldota bosonaa, kanneen namaan hin madaqne.
  • "Beeylada": Bineeldota manaa kanneen namaan madaqan.

Saayinsii Xiinneefka keessatti garuu, jechi "Bineelda" jedhu kun lamaan isaanii walitti qabuun, orgaanizimoota mootummaa Neefka jala jiran hunda bakka bu’uuf tajaajila. Kanaafuu, saayinsii keessatti namnis akka bineeldaatti lakkaa’ama.

Jechi Ingiliffaa "Animal" jedhu immoo jecha Laatiinii "animalis" jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, hiikni isaas "hafuura qabaachuu", "lubbuu qabaachuu" ykn "hafuura baafachuu" jechuudha. Afaan Oromoo keessatti jechi Neefka jedhu mootummaa "Animalia" bakka bu’a.

Amaloota (Characteristics)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Amaloota Caasaa (Structural Features)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bineeldootni hundi orgaanizimoota tambidhugee ta’anii fi lubbiyyedduu dha. Seelonni isaanii cicha lubbiyyoo kan hin qabne yoo ta’u, maatriiksii seelii-alaa (extracellular matrix) kan pirootinoota akka Koollaajiinii of keessaa qabuun deeggaramu.

Qaamni bineeldootaa tishuuwwan addaa afur irraa kan ijaarameedha:

  1. Maashaa (muscle)
  2. Aarsituu/ribee (nerve)
  3. Gummee walqunnamsiistuu (connective tissue)
  4. Tishuu uwwisaa (epithelial tissue)

Guddina (Development)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Blaastulaa: Sadarkaa guddina miciree bineeldootaa.

Guddinni bineeldootaa adeemsa wal-xaxaa ta’e kan miciree (embryogenesis) keessa darba. Zaayigootiin qoqqoodamiinsa seelii (mitosis) irra deddeebi’aa ta’e gaggeessuun, tuuta seelii "blaastulaa" (blastula) jedhamu uuma. Adeemsa "gastrulation" jedhamuun gara caasaa "gaastrulaa" tti jijjiirama, achi irraas baqqaana imii (germ layers) miciree uumamu: ektoodarmii, meezoodarmii, fi endoodarmii.

Bineeldootni tokko tokko, kanneen akka ilbiisotaa fi raachotaa, adeemsa Bocjijjirrama (metamorphosis) jedhamu keessa darbu. Kuni immoo bifa jiissaa (larva) irraa gara bifa ga'eessatti jijjiiramuu of keessaa qaba.

Formulaan guddinaa (Growth rate) yeroo baay'ee akka armaan gadiitti ibsamuu danda'a:

Bakka guddina sanyii, baay'ina, fi dandeettii baattoummaa (carrying capacity) ta’etti.

Walhormaata (Reproduction)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Walhormaanni bineeldootaa yeroo baay'ee Walhormaata saalaa (sexual reproduction) irratti kan hundaa'eedha. Haa ta'u malee, bineeldootni tokko tokko walhormaata saal-malee (asexual reproduction) kan akka kichaawuu fi walhormaata alrimeessaa (parthenogenesis) ni gaggeessu.

Madaallii jeneetikii uummataa (population genetics) herrega Hardy-Weinberg fayyadamuun ibsamuu danda’a:

Bakka fi deddeebii aleelotaa bakka bu’an.

Walhormaanni amala bineeldota waloo ta’an keessaa isa tokko yoo ta’u, isaanis akka mirkaneessaniif itti fufiinsa gosa isaanii. Kanaafuu, walhormaanni adeemsa lubbu qabeeyyiin fakkaattii isaanii ittiin bakka buusani dha. Alsaalessaafisaalessaatti qoodamu.

Alsaalessaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

walhormaata saalaa malee gosa walhormaataa nama dhuunfaa tokko kan hirmaachisu yoo ta’u, walitti makamuu saallubbiyyoo(gaameetii) warra lama irraa kan hin ummamneedha. Walhormaata saalmalee bineeldotaa keessatti duguggurqabeeyyii caalaa bineensota duguggurmaleeyyii biratti baay’inaan mul’ata. Kichaa'uu fi addabahinsaa gosoota walhormaata saalmalee keessumaa bineeldota bishaanii(aboyyii) keessatti baay’inaan mul’atudha. Bifa walhormaata saalmalee bineeldota keessatti mul’atu inni biraan immoo walhormaata alrimeessaa (parthenogenesis) dha. Gosa walhormaataa kana keessatti hanqaaquun hinmisoomne akkuma ilbiisotaa fi duguggurqabeeyyii tokko tokkoo sanyii haaraatti guddatu.

Addaan-bayiinsa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Addaan-bayinsii gosa walhormaata saalmalee kan orgaanizimiin tokko gara orgaanizimoota adda addaa lamaa fi isaa oltti qoodamudha. fknf: dubra'a, meerqa

Adeemsa:

  • Orgaanizimiin haadhoon wantoota dhaalsanyii isaa baayyisa.
  • Sana booda kutaa lamatti (binary fission) ykn isaa ol (multiple fission) qoodama.
  • Kutaan tokkoon tokkoon isaa orgaanizimii haaraa ta’a.
Kichaawa (Budding)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kichaawuun gosa walhormaata saalmalee kan orgaanizimiin haaraan guddina (kichuu) orgaanizimii warraa irraa guddatudha. fknf: haaydiraa(binidditoo)

Adeemsa:

  • Kichuun orgaanizimii warraa irratti uumamee guddachuu jalqaba.
  • Orgaanizimiin haaraan kun osoo addaan hin ba’iin of danda’ee yeroo muraasaaf warra sanatti maxxanee jiraata.
Ciccita (Fragmentation)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ciccituun gosa walhormaata saalmalee kan orgaanizimiin tokko gara ciccitaatti caccabee, tokkoon tokkoon ciccitaa gara orgaanizimii haaraatti guddatudha. fknf: Urjii galaanaa,

Adeemsa:

  • Orgaanizimiin warraa bakka hedduutti qoodama.
  • Tokkoon tokkoon kutaa kutaalee badan haaromsee gara orgaanizimii guutuutti guddachuu danda’a.
Walortee alrimaawaa (Parthenogenesis)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Parthenogenesis gosa walhormaata saala malee kan hanqaaquun tokko osoo hin-rimaayin gara nama dhuunfaa haaraatti guddatudha. fkf: lootuufi ilbiisota tokko tokko

Adeemsa:

  • Seelii hanqaaquu hin misoomin gara orgaanizimii haaraatti guddata.
  • Adeemsi kun malawwan akka baayyachuu kiroomozoomii ykn adeemsa jeneetikii biroo of keessaa qabaachuu danda’a.

walhormaatni saalessaa gosa walhormaataa warra lama kan hirmaachisu yoo ta’u, gaameetiin warra lama (kormaa fi dhalaa) walitti makamuun kan barbaadudha. Ilmoo warra lamaan irraa wantoota dhaala sanyii qaban ni hora. Warri orgaanizimoota baadirlamee(diploid) kan tuuta kiroomozoomii guutuu qaban (2n).Walhormaatni saalessaa caasaa walhormaataa kormaa fi dhalaa adda addaa kan dalagaa adda addaa qabu of keessatti qabata. Dalagaaleen barbaachisoo ta’an keessaa tokko lubbiyyoolee baadirgamisa (haploid gametes) (n) jedhaman oomishuuf odeeffannoo jeneetikii warra irraa gara ilmootti dabarsuudha. Walhormaata saalessaa keessatti kormaa ameenxaa fi lubbiyyoo baaddirgamisa (haploid (n) ) cidhaan keessatti kan uumu yoo ta’u, lubbiyyooleen sanyii kormaa (ameenxaa)hanga walqunnamtii saalaa bahutti gonnee ykn kuburqunxurroo (epididymis) keessatti kuufamaniiru. Gama biraatiin dhalaan lubbiyyoo baaddirgamisa (haploid) ovum ykn hanqaaquu (n) kan gutoo keessatti bilchaatu kan uumuu fi seelonni isparmii gaameetii dubartootaa wajjin walitti makamuun adeemsa walhormaataatiin zaayigootii uuma.

Xiinaannoo (Ecology)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Saphaphuu soorataa keessatti bineeldootni ga'ee soorattoota (consumers) taphatu.

Xiinaannoo (Ecology) bineeldootaa qorannoo walitti dhufeenya bineeldootni naannoo isaanii fi orgaanizimoota biroo wajjin qaban ilaallatudha. Akka soorattootaatti (heterotrophs), isaan sadarkaa adda addaa irra jiru. Bineeldootni adamsitootni (predators) baay'ina bineensota biroo to'achuun, sanyiin tokko qeeya sana akka hin dhuunfanne taasisu.

Daddabarsi anniisaa sadarkaa soorataa gidduutti formulaa kanaan ibsama:

Bakka ga'umsa daddabarsaa (trophic efficiency) ta'etti, yeroo baay'ee 10% qofatu darba.

Garagarummaa (Diversity)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hamma (Size)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bineeldootni hammaan garaagarummaa guddaa qabu. Inni hunda caalaa guddaan qurxumbojaa cuqulissa (blue whale) yoo ta’u, dheerinni isaa meetira 30 fi ulfaatinni isaa toonii 190 ol ta’uu danda’a. Kaan immoo shifargaa (microscope) qofaan mul’atu.

Qurxumbojaa cuqulissa (Blue whale) bineeldoota lafa irra jiraatan hunda caala.

Seerri Kleiber (Kleiber's Law) hariiroo hamma qaamaa fi nadheefa gidduu jiru ibsa:

Bakka saffisa nadheefa fi ulfaatina qaamaa ta’etti.

Lakkoofsa fi jireenya murnoota gurguddoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Baayoloojii fi xiinneefka keessatti, bineeldootni murnoota (phyla) 33-35 ta’anutti qoodamu. Murnootni gurguddoon saglan:

Murnoota 9n keessaa Miilixinxima (Arthropoda) sanyiiwwan miliyoona 1.2 ol qabaachuun bineeldoota hunda keessaa dhibbeentaa 80% ol qabata. Baay’inni sanyii bineeldootaa indeksii garaagarummaa Shannon (Shannon Diversity Index) fayyadamuun shallagamuu danda’a:

Madda Jijjiiramaa (Evolutionary Origin)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Maddi jijjiirama bineeldootaa waggoota miliyoona 600 dura, yeroo "Pre-Cambrian" jedhamu keessa akka ta’e amanama. Qorannoon xiinsanyii (phylogeny) akka agarsiisutti, bineeldootni pirootistaawwan (protists) koloonii uuman kan "Choanoflagellates" jedhaman irraa akka dhufan tilmaamama.

Waggoota miliyoona 541 dura, ta’iin guddaan "Cambrian Explosion" (Dho’iinsa Kaambiriyaan) jedhamu ni uumame. Yeroo kana keessa, bineeldootni jabaa fi caasaa qaamaa wal-xaxaa kan akka walfakkannaa gamlamee (bilateral symmetry) qaban ni uumaman.

Xiinsanyii (Phylogeny)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Muka Jireenyaa: Hariiroo xiinsanyii bineeldootaa agarsiisa.
  • Xiinsanyii Alaa: Bineeldootni garee "Opisthokonta" jedhamu keessatti ramadamu, gareen kunis fangasii fi pirootistoota tokko tokko of keessaa qaba.
  • Xiinsanyii Keessaa: Bineeldootni "Parazoa" (fkn: Ispoonjii) fi "Eumetazoa" (bineeldoota tishuu dhugaa qaban) jedhamuun qoodamu. Eumetazoa keessatti immoo, "Radiata" fi "gamlameeyyii" (Bilateria) jedhamanii qoodamu.
  • Gamlameeyyii (Bilateria): Garee gurguddoo lamatti qoodamu: Protostomes (afaan dura uumama) fi Deuterostomes (munnee dura uumama).

Seenaa Ramaddii (History of Classification)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Aristotle (384-322 BC): Bineeldoota dhiiga diimaa qabanii fi hin qabne jedhee qooduun beekama.
  • Carl Linnaeus (1758): Kitaaba isaa Systema Naturae keessatti sirna ramaddii ammayyaa (Taxonomy) fi Binomial Nomenclature uume.
  • Charles Darwin (19ffaa): Tiyoorii jijjiirama sanyii (Theory of Evolution) fayyadamuun ramaddii "Phylogenetics" irratti hundaa'e fidi.

Har’a, ramaddiin kan gaggeeffamu "Cladistics" fayyadamuun, ragaalee DNA fi molekulaarii irratti hundaa'ee ti.

Aadaa Namaa Keessatti

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bineeldootni aadaa fi jireenya dhala namaa keessatti bu’aa qabatamaa hedduu kennu (nyaata, uffata, geejjiba). Cinaa faayidaa qabatamaatiin, bineeldootni aadaa, amantii, fi seenaa keessatti iddoo guddaa qabu. Fakkeenyaaf, afoola Oromoo keessatti mammaaksota fi hibboowwan hedduu bineeldoota irratti hundaa'an jiru.

Dabalataan Ilaali

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Campbell, N. A., & Reece, J. B. (2005). Biology (7th ed.). Pearson Benjamin Cummings.
  • Hickman, C. P., Roberts, L. S., & Larson, A. (2001). Integrated Principles of Zoology. McGraw-Hill.
  • Linnaeus, C. (1758). Systema Naturae.
  • Woese, C. R., Kandler, O., & Wheelis, M. L. (1990). "Towards a natural system of organisms". PNAS.