Jump to content

Ramaddamee(Taxonomy)

Wikipedia irraa
Ramaddamee (Taaksonoomii)
Sadarkaalee Ramaddii Lubbu-qabeeyyii: Jireenyi mootummoota adda addaatti, kan itti aansee hanga sanyiitti gadi qoodamu.
Odeeffannoo Waliigalaa
Damee Saayinsii Xiinjiree
Yaad-rimeewwan Gurguddoo
Yaad-rimee Ijoo Sadarkaalee Ramaddii, Moggaasa Maq-lamee, Mootummoota Jireenyaa
Seenaa fi Ogeessota
Ogeessota Gurguddoo Aristotle, Carl Linnaeus, Charles Darwin
Hojirra Oolmaa fi Walqabatii
Faayidaa Hojirraa Lubbu-qabeeyyii adda baasuu, Hariiroo jijjiirama suutawaa hubachuu, Eegumsa sanyii
Dameewwan Walqabatan Xiindhaala, Dhakkalxii, Baayookeemistirii


Ramaddameen (Afaan Ingiliffaan: Taxonomy) damee xiinjiree kan lubbu-qabeeyyii adda baasuu, moggaasuu, fi akkaataa hariiroo uumamaa isaanii irratti hundaa'uun garee gareen ramaduu qo'atuudha. Innis akka "mana kuusaa" (library) xiinjireetti ilaalama; akkuma kitaabonni mata duree isaaniitiin tarreeffamanii kaa'aman, lubbu-qabeeyyiinis amaloota isaanii irratti hundaa'uun iddoo sirrii ta'e argatu. Ramaddiin kun ogeeyyii xiinjireetiif lubbu-qabeeyyii haaraa argaman adda baasuuf, hariiroo jijjiirama suutawaa isaanii hubachuuf, fi haala salphaan waa'ee isaanii walii galuuf gargaara. Bu'uurri ramaddamee ammayyaa hojii saayintistii Siwiidin, Kaarloos Liinas (Carl Linnaeus) irratti kan hundaa'eedha.

Addunyaan lubbu-qabeeyyiin kunniin keessa jiraatan baayyee garaagarummaa kan qabu yoo ta'u, gammoojjii hoo'aa irraa hanga cabbii bantii lafaatti, akkasumas lafa jalaa danda'a. Sanyiiwwan lubbu-qabeeyyii adda addaa hedduutu dachee kanarratti argamu. Akka qorannoo agarsiisutti sanyiiwwan lubbu-qabeeyyii addunyaa kana irratti argaman gara miliyoona 8.7 ta'uu danda'u, garuu hanga har'aatti kanneen qorataman miliyoona 1.2 qofa. Lubbu- qabeeyyiin hedduu waan ta’aniif waa’ee isaanii beekuufi qorachuuf kanneen walfakkaatan walitti fiduun ramaduun barbaachisaa ta’ee argameera.

Barbaachisummaa Ramaddii Lubbu-qabeeyyii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ramaddiin lubbu-qabeeyyii faayidaa hedduu qaba. Inni duraa, lubbu-qabeeyyii miliyoonaan lakkaa'aman haala qindaa'aa ta'een gurmeessuun, waa'ee isaanii salphaatti qo'achuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf, sanyii haaraa yoo arganne, isa kam akka fakkaatu beekuuf ramaddii fayyadamna. Lammaffaa, hariiroo jijjiirama suutawaa (evolutionary relationship) lubbu-qabeeyyii gidduu jiru hubachuuf nu gargaara; gareen tokko isa kamiif fira dhiigaa akka ta'e beekuun seenaa jireenyaa hubachuuf furtuudha.

Sadaffaa, ramaddiin maqaa saayinsawaa kan addunyaan itti waliigalu kennuun, wal-dhabdee fi burjaajii maqaa naannoo irraa dhufu hambisa. Maqaan naannoo tokko naannoo biraatti jijjiiramuu danda'a, ykn maqaan tokko lubbu-qabeeyyii adda addaatiif ooluu danda'a. Dabalataanis, eegumsa sanyii (conservation) keessatti, sanyiiwwan balaa irra jiran adda baasuuf fi karoora baraaruu baasuuf ramaddiin barbaachisaadha. Dhuma irratti, fayyaa, qonna, fi qoricha oomishuu keessatti, micirjirtoota dhukkuba fidan ykn biqiltoota qoricha kennan sirriitti adda baasuuf ramaddiin murteessaadha.

Maqaa Saayinsawaa fi Moggaasa Maq-lamee

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Kaarloos Liinas, abbaa ramaddamee ammayyaa.

Lubbu- qabeeyyiin iddoo garagaraatti, afaan adda addaatiin maqaa adda addaa qabu. Maqaan kun maqaa naannoo jedhama. Fakkeenyaaf, Maqaan namaa afaan Oromootiin Nama yommuu jedhamu, afaan Amaaraatiin “Sewu”, afaan ingilifaatiin immoo “Human” jedhama. Rakkoo kana hambisuuf, saayintistoonni sirna maqaa saayinsawaa kan addunyaan hundi irratti waliigalu uuman. Sirni kun moggaasa maq-lamee (binomial nomenclature) jedhama. Sirna kana kan jalqabe Kaarloos Liinas ture.

Akka sirna kanaatti, lubbu-qabeessi tokko maqaa jechoota Laatiin lama qaba: maqaa qaccee (genus) fi maqaa sanyii (species). Maqaan qaccee yeroo hunda qubee guddaan jalqaba. Maqaan sanyii immoo qubee xiqqaan jalqaba. Yeroo kompiitaraan barreeffamu, maqaaleen kunniin bifa jallaa (italics)tiin barreeffamu. Yeroo harkaan barreeffamu immoo, kophaatti jala sararamu. Fakkeenyaaf, maqaan saayinsawaa namaa Homo sapiens dha; "Homo" maqaa qaccee yoo ta'u, "sapiens" immoo maqaa sanyiiti. Maqaan saayinsawaa Leencaa Panthera leo yoo ta'u, kan Qeerransaa immoo Panthera pardus dha; kunis isaan lamaan qaccee tokko (Panthera) keessa jiraachuu isaanii agarsiisa.

Sadarkaalee Ramaddii (Taxonomic Ranks)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Fakkii agarsiisa sadarkaalee ramaddii bal'aa irraa gara isa dhiphaatti.

Akka sirna ramaddii ammayyaatti, lubbu-qabeeyyiin hariiroo uumamaa qaban irratti hundaa'uudhaan sadarkaalee gulantaawwan adda addaatti ramadamu. Sadarkaaleen ramaddii kun tartiibaan xiqqaa irraa gara guddaatti ykn guddaa irraa gara xiqqaatti tarreeffamuu danda'u. Gulantaawwan gurguddoon saddeet jiru. Isaanis, guddaa irraa gara xiqqaatti:

  1. Goobee (Domain): Sadarkaa ramaddii isa guddaa fi bal'aa ta'eedha. Goobeen gurguddoon sadii jiru: Baakteeriyaa, Arkiyaa, fi Yuukaariyoota.
  2. Mootummaa (Kingdom): Goobeen mootummoota adda addaatti qoodama. Fakkeenyaaf, mootummaan bineeldotaa (Animalia) bineeldota hunda ofjalaatti hammata.
  3. Murna (Phylum): Murni mootummaatti aanee kan argamu yoo ta'u, gitaawwan walfakkaatan of keessaa qaba. Fakkeenyaaf, gitni qurxummiilee, munyuuqeewwanii, dagal-hareeyyii, allaattiiwwanii fi hoosiftootaa murna Lafee qabeeyyii (Chordata) jalatti ramadamu.
  4. Gita (Class): Tarreelee(orders) amaloota walitti dhiheenya qaban of keessatti hammata.
  5. Tarree(Order): Warra adda addaa amaloota walitti dhiheenya qaban of keessatti hammata.
  6. Warra (Family): Warri qacceewwan amaloota walfakkaataa qaban of keessatti hammata. Fakkeenyaaf, leencaiifi qeerransi Warra tokko, Bashuurreyyii (Felidae) jedhamu, jalatti ramadamu.
  7. Qaccee (Genus): Qacceen sanyiwwan amaloota walfakkaataa qaban kan of keessatti hammatudha. Fakkeenyaaf, leencaiifi qeerransi qaccee tokko, Deeroo (Panthera) jalatti ramadamu.
  8. Sanyii (Species): Sanyiin sadarkaa ramaddii keessaa isa xiqqaa fi bu'uuraati. Sanyiin garee lubbu-qabeeyyii kan uumamaan wal-horuu danda'anii fi dhalattoota hormaata-danda'oo uumuu danda'anidha.

Mootummoota Jireenyaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Muka Jireenyaa kan Ernst Haeckel bara 1879 kaase, hariiroo jijjiirama suutawaa agarsiisuuf yaale.

Seenaa keessatti, lakkoofsi mootummootaa jijjiiramaa ture. Jalqaba, mootummoota lamatu ture: Biqiltootaa fi Bineeldotaa. Booda, argannoo maaykirooskooppii wajjin, Pirootistaan dabalame. Amma, sirni beekamaan mootummoota jaha fayyadama:

  1. Meerqa(Bacteria): Lubbu-qabeeyyii lubbiyyoo-tokkee pirookaariyootikii ta'an.
  2. Arkiyaa (Archaea): Isaanis pirookaariyootikii yoo ta'an, caasaa seelii fi keemistirii addaa kan naannoo baayyee cimaa (akka hoo'a guddaa) keessa jiraachuuf isaan dandeessisu qabu.
  3. Lubdakoo(Protista): Yuukaariyoota irra caalaan isaanii lubbiyyoo-tokkee ta'an, kan akka amoebaa fi paaramisiyamii.
  4. Marqoo(Fungi): Irra caalaan isaanii lubbiyyoo-hedduu yoo ta'an, nyaata isaanii qaama alagaa irraa xuuxuun argatu. Fakkeenyaaf, raammoo.
  5. Biqiltoota (Plantae): Yuukaariyoota lubbiyyoo-hedduu kan footosinteesisii gaggeessuun nyaata ofii isaanii qopheeffatan.
  6. Bineeldota (Animalia): Yuukaariyoota lubbiyyoo-hedduu kan nyaata argachuuf socho'an fi wantoota biroo nyaatan.