Agarii Tulluu

From Wikipedia
Jump to: navigation, search

Agariin Tulluu qabsaawaa mirga Oromooti. Agariin bara sirna abbaa lafaa keessa cunqursaa ummata Oromoorra ga'u balaaleffachuudhan qabsoo waraanaa jalqabe. Qabsoo irra guddaa gochaa kan ture naannoo Salaaletti ture. Qabsoo kana gara naannoo biraattis baballisuuf sochii gochaa ture.

Ijoollummaasaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Agarii Tulluu giddu galeessa Oromiyaa godiina Shawaa Kaabaa aanaaa Dagam iddoo addaa Leemman sillaasee jedhamuutti bara 1934tti dhalate. Agarii Tullu diimaa gara magaalatti aanuu fi dhaabbanni isaa baayyee gabaabadha. Yemmuu alaalaa ilaalan nama homaa hin beekne wayii fakkaata. Yeroo baayyee fuula isaa iraa gammachuutu dubbifama. Onneen isaa garuu dhiibbaa ilmaan nafxanyaatin madooftee jirti. Namoonnii isatti dhiyaata akka ragaa bahanitti Agariin garraamessa. Garraamummaan isaa garuu sodaataa isa hin goone, hinumaayyuu akka inni hiyyeessaf falmuuf baayyee gargaare.

Agarii Tulluu bishaan daakudhan yeroo ijoollumaasaa dabarse. Gootichi Agarii Tulluu umurii ijoollumaatin bara 1950tti leenjii looltummaa fudhachuuun waraana yeroo sana kubur zabanyaa jedhamu kana mana mootummaa eegu keessatti qaxaramuun magaala Finfinneetti gale. Waraana keessatti qaxaramuu murteessuun isaa jaalala sirna sanaaf qabu osoo hin taanee booree garaa isaa guutte baafachuuf mala ittiin leenjii loltummaa fii meeshaa waraanaa argatu mijeeffachuufi. Wayita looltuu kubur Zabanyaa ta’ee hojjeechaa jiru kanattii loogin sanyii biyya kana keessatti dagaagee jiru fi cunqursa uummata Oromoo irra gahaa ture sana arguudhan garaan isaa caalatti murtii qabsoo hidhannoo gochuuf murteesse sanarra akka ga’uuf gumaacha guddaa godhe. Kana malees wayita Salaale lafa dhaloota isaa turetti dhiibbaa ilmaan Nafxanyaa yookan Abbaan lafa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiran suni umrii ijoollumaati sammuu Agarii keessa seeee jira.

Qabsoo Inni Godhe[edit | Lakkaddaa gulaali]

Wayita loltuu Kubur zabanyaa ta’uun Finfinneetti tajaajila ture sana miseensa Waldaa wal-gargaarsa Maccaa Fi Tuulama ta’uudhan sochii sabboonummaa Oromoo waldichaan jalqabame sana keessattillee qooda fudhachaa akka ture seenaa jireenya isaa irra mirkaneeffannee jirra. Waldaa kana keessattis jeneraal Taaddasaa Birruu wajjin wal baree dhimmaa qabsoo Oromoo irrattilleen mar’achaa akka turanii fi Agariin caalatti akka inni murtii jabaa kanarra ga’uu godhee jira.

Bara 1959tti wayita hooggantoonni Waldaa Maccaa fi Tuulama mootummaa Hayilasillaasetiin yakkamanii mana hidhaa gala sanatti Agarii Tulluu immoo hojii loltummaa kubur Zabanyaa hojjecha jiru sana dhiise meeshaa waraanaa hidhatee jiru fudhachuudhan gara bosona Salaaleetti qajeele. Tarkaanfii kana fudhachuuf kan isaa kaakaase cunqursaa uummta Oromoo irra jiru san hambisuuf karaa nagaa waan hin yaadamneef qabsoo hidhannoo geggeessuun barbaachisaa ta’uu isaa waan itti amaneef.

Erga qabsoo hidhannoo irratti bobba’ee booda sodaa tokko malee uummata fincila diddaa garbummaatif akka kakka’an barsiisaa ture. Uummanni abba lafaa akka hin gabbaree fi abbaan lafaa immoo uummata irra irboo akka hin fudhanne akkeekkachiisaa kan ture wayita ta'u abbaa lafaa ajaja isaa kana fudhachuu dide irratti immoo tarkaanfii fudhachaa ture. Ilmaan Nafxaanya gochaa Agarii kun kan aarse fii rifachiise waan ta’eef gootni kun akka waan shiftaa ta’ee fakkeessudhan uummata burjaajessuuf yaalan illeen gochaa isaa amala shiiftaa waan hin qabneef uummanni irraa hin fudhane. Sababiin isaas Agariin akka shiftaa qabeenya namaa kan saamu osoo hin taane rakkoo hiyyeessaaf nama falmuu fi qabeenya warra ilmaan nafxanyaa qofa addaan baasee nama saamaa ture.

Agariin bosonaa keessa dhokaate kan ta’uu osoo hin taanee guyyaa saafa’aan baadiyyaadha hanga magaalatti uummata keessa deemee balaa sirni sun uummata Oromoo irraan ga’aa ture sana nama ifatti uummata barsiisaa ooludha. Sabaabin isaa immoo uummmata biratti fudhatama waan argatee fi qabsoo inni gochaa jiru uummata bal’aaf ta’uu uummanni duurse waan hubateefi.

Agariin ummata Oromoo biratti jaalala guddaa waan horateef mootummaan garboofta abbaa irree sanaaf Agarii argachuun lilmoo takkittii tuulaa cidii guddaa keessa barbaaduu itti ta’e. kana irraa ka’uudhan nama Agarii qabes ta’ee nama Agarii bakka jiru argee mootummatti himeef badhaasni guddaan akka kennamu labsame.

Gootni kun baayyee abshaala waan ta’eef tooftaa garaa garaa fayyadamuudhan uummata amansiisaa akka ture ni dubbatama. Faakenyaf bara qabsoo isaa keessatti guyyaa tokko ergamtoonni mootumma garboofata abbaa irree biraa dhufan kan dhalootan Oromoo ta’an Agarii qabanii keennuuf akka dhufan waan duursee dhaga’eef galgala bakka isaan jiranitti akkuma tasa irra ga'e. Sana booda jarri nu ajjeessa jedhanii baayyee rifatan, inni garuu akka isaan ajjeessuf hin dhufne itti hime tasgabeesse. Sana booda “akka ana qabuuf yookan ajjeesuuf dhuftan dhaga’een dhufe, akkanumaan dhaamaatan malee ana rasaasni na hin ajjeessu jechuudha isaan fuuldura dhaabbatee rasaasa sobaa kan yeroo kubur zabanyaa ture argate qawwee isaa keessa galchuun ofitti dhukaase du’uu didnaa jaarrii baayye rifatte. Itti aansee immoo rasaasa sana qawwee isaa keessa godhee ergamtoonni sun akka itti dhokkasani ajajee fuuldura dhaabbate. Haaluma inni ajajee dabaree dabareedhan itti dhokaasan, garuu Agarii hooma hin taane. Sana booda Agarii rasaasni hin dhawu jechuudha ballinaan odeeffame. Kuni immoo sodaa Nafxanyoonni Agariirraa qaban kan dabalee fi fudhatamni Agarii uummata keessatti qabullee akka dabalu taasise. Kabaja guddaas akka argatu ta’e.

Agarii Tulluu hordoffiin mootummaa abbaa irree waan itti baayyateef yeroo hunda of jijjiiret qabsoo sana adeemsisaa ture. Yeroo tokko qeesii fakkatee yoo deemee yeroo biraa immoo kadhatuu fakkaatee deemaa. Yemmoo barbaade immoo qotee bulaa baadiyya fakkaate waan garaa isaa hojjechaa ture. Yeroo sana namoonni oduu funaananii qaama nageenyatiif geessaan “Agariin qeesii fakkatee amma asii darbee agarree ture” yoo jedhan tibbaa sana namni uuffata qeesii uffate hundi qaama nageenyatiin qabamanii qoranna irratti gaggeeffama. Xiqqoo turanii immoo “Agariin Kadhattuu fakkaatee yommuu asiin darbu agarree turree” oduun jedhu qaama nageenyaa qaqaba. Tibba sana immoo kadhattuu hundi qabamanii mana hidhatti guurramuun kanuma barame. Garuu Agarii argachuun hin dandeenye. Agariin gaafa ofii isaatii barbaade malee qaama nageenyatti hin mul’atu garuu isaanuma wajjin oolun kanuma barame.

Ummanni Oromoo salaalee akka Agariin harka mootummaa oftuulaa sanatti hinkufneef akka armaan gadii kanatti sirbaan waaqa kadhatuuf.

“Kuyyuu hinroobin yaa cabbii
Hurufa kuyyuu hinroobin yaa cabbii
Nafseetti faradanii Agarii Tulluu baasi yaa rabbii

Gaafa Nafxanyoota irratti tarkaanfi fudhachuu barbaades tasa osoo hin taane akka qopha’anii eegani dura ergaa itti dhaameetuma dhaqa. Fakkeenyaf guyyaa tokko Bulchaa aanaa Dagam yeroo sanaa kan ta’etti akka dhaquu ergaa itti dhaame. Guyyaa jedhame yoo ga’uu namichi waardiyyoota isaa qabatee meeshaa isaa hidhatee loltuuta isaa hidhachiisee dhufa Agarii eegutti ka’e. Osumaa eegaa jiru kadhataan uuffata baayyee moofa’e uuffatee kadhachaa deemu tokko mana bulchaa kanaatti goree kadhate. Hojjettooni isaa kadhataa kanaaf miidhan kennaniifii nyaachisan. Kadhatichis “aduun waan itti dhiittef bakkin ani deemu immoo bosona keessa darbeeti waan ta’eef shiftaan na reebaa akka gooftan keessan na bulchuuf naaf kadhadha” jedhen. Hojjettonnis goofta isaani kadhataniif yaa bulu, achi baaxii mana jala yaa ciisu jedhee hayyameefi kadhatichi bakka bultee argate. Sana booda dhufa Agarii eeguu itti fufan. Sa’aati beellamaa darbus Agariin dhufuu waan dideef abbaa angoo “suni duraanu erga hoomi tiskee na fuldura dhaabatee naan lolti” jechuu tuffii Agariif qabu mullisuun laphee ofii dhiittessee ta’ ee. Yeroo kan kadhataa baaxii jala ciisu sun waan namni kun jechaa jiru hunda sirritti dhaga’a. Ergaa obsaan xiqqoo turee booda kadhatichi bakka ciisuu ka’ee shuggixii qanqalloo iitti kadhachaa ture sana keessaa baase gurraa bulchaa sana irratti qabee akka harka kennatu gaafate. Namichis naasudhan qawwee isaa lafa godhatee harkaa itti kennate. Edaa kadhaata bakka bultii gaafate sun Agarii Tulluuti. Sana booda Agarii namichas Wardiyyoota isaa walitti hidhee erga garafaa turee booda mana tokkotti galchee balbala itti cufuudhan meeshaa waraana isaani fi maallaqa fudhatee deemudhan waan ta’e sana akka bulchaa godinichaatti Fiichee deemudhan itti himu ajajee yoo himuu baate garuu yeroo biroo deebi’uudhan akka ajjeessu akkeekkachiise.

Gochaan Agarii kun kan rifachiise fi baayyee aarse bulchaa aanaa kuyyuu yeroo sanii kan ture fitawurarii Muluu Asanuu anuu Agarii nan qaba jedhee dhaadachuudhan bulchaa godinichaatif waadaa galee, akka ittiin qabuuf qawwee Domoftorri Ameerikaa shan kennameefi. Qawween kunis ashkarootasaatii hiruun barbaacha Agariitiif Aanaalee Kuyyuu, Warra Jaarsoo, Giraar Jaarsso, Dagam, Hidhabuu Abootee fi Yaayyaa Gullallee lafa kanaa dura Agariin keessa socha’uun qabsoo gaggeessa ture keessa ka’an. Barbaachaa baayyina keessa naannoo lafa dhaloota Agarii kan taate bakka Leemman sillaasee jedhamuun beekkamtutti Agarii argatan itti marsan. Sana booda Agariin namoota ergmanii isa qabuu dhufan dura dhaabachuudhan injifannoo seenaan hin daganne galmeessisuu danda’ee jira. Namoota qabuu dhufan kaan isaani ajjeessee, kaan immoo madeesse, kanneen hafan immoo dheessanii gara dhufanitti akka deebi’aniif dirqisiise.

Sanaa booda uummanni Salaalee gootummaa kana dingisiifachuudhan akka Muluu of fakkeessanii Agariidhaf sirba armaan gadii kana sirbaniif.

Ana rabbitu na baasee
Dabalee gurrarra yaasee
Burruusee dheefatu baasee
Qawwee awuraajjaa gachisiisee

Itti dabaluudhanis akka armaan gaditti weeddisu:

Yaa burruusee
Ashkara koo yaa burruusee
Ni lolla naan jettaniitoo
Sintu rakkoorra na buusee

Jechuudhan salphina Muluu sirbaan Agarsiisaa turan. Burruusee fi Dabaleen ashkaroota Muluu turan.

Guyya tokko bakka Agarii jiru kan duurse hubate Asmaarin duraan Agarii wajjiin deemee faarsa ture qaama nageenyatti hime. Asmaariin kun kan Agarii ganeef namni bakka Agariin jiru hime lafa gaashaa lamaa fi qarshii kuma kudhan badhaasa akka argatu mootumman suni waan labseefi. Sana booda humni dafee qaqqabaa mana Agariin keessa jiru sanatti marsanii yemmuu Agarii bahuu ajjeesuu yookan immoo madeessani booji’uudhaf eeguu jalqaban. Humni waraana dafee qaqqabaa itti marsuu waan dhagayateef toftaa itti harkaa bahu barbaadee jalqabe. Sana booda qamisii dubartii kaawwatee, kophee durbaa godhatee, shaashii hidhatee durbaa bareeddu fakkaatee karuma balbalaati bahee deeme. Yeroo kana waranni iddoo qabatee eegaa jiru ilaale sanyoon isaa baate inni itti aanee dhufa jedhanii of eeggannoodhan eegutti ka’an. Agariin duubatti darbuudha jaallewwan qabsoo isaa wajjin bombii fi rasaasa itti roobsudhan loltoota baayyee ajjeesee kaan immoo madesse warri kaan immoo gara dhufanitti akka deebi’an godhe. Gama Agariitin jaallee qabsoo tokko qofatu wareegame.

Sochiin Agarii jalqabe kun hirriiba kan dhoowwe mootummaan Hayila sillasee loltoota baayyina gara Salaalee naannoo Agariitti qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiru sanatti bobbaasee, Agarii bakka jiru nutti himaa jechuu uummata daraaruu fi hidhuu itti cimsan. Baayyinni loltoota bobba’ee Sulultaa hanga qarre gohaatti kan lafa dhiphise ture. Yaa ta’u malee uummanni naannoo saniii namni tokkoyyuu Agarii dabarsanii kennuu irraa ofumaa dararaa fi gidiraa irra gahu fudhachuuf filatan.

Qabsoon Agariin godhus Salaalee keessaa Aanaa ja’a jechuun Aanaa Dagam, Kuyyuu, Warra Jaarsoo, Hidhabuu Abootee, Giraar Jaarsoo fi Yaayya Gullallee yoo ta’u Shawaa dhihaa keessaa immoo Aanaa Meettati. Kanaaf Agarii eessa akka oolu fi bulu hin beekkamu har’aa bakka tokkotti yoo argame bariisaa immo iddoo biraatti Argama.

Qabamuusaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Dhumarratti qabsoo hidhannoo kana gara kutaa Oromiyaa biraatti baballisuu fi iddoo jijjiirachuudhan umurii qabsichaa dheeressuuf yaadee gara dhiha Oromiyaa, Wallaggaatti bobba’ee. Gaafa gara Wallaggaatti deemuu Finfinnee naannoo Qacanee Madaniyalemi jedhamu bakka duraan itti boqotutti goruudhan jaallewwaan qabsoo isaatif gara magaalaa Naqamteetti deemuu isaa fi isaan illee akka isa hordoofuun garas deemaan xalayaa barreessef dubartii haadha manichatti kenneefii deemee. Xalayaa kana irraatti Hoteela keessa qubatulleen barreesse ture. Isumaa bakka sanii bahee qaamni nageenya mootummaa abbaa irree Agarii barbaachaf iddoo qacanee Madaniyalemi kana dhaquun mana Agarii boqotu sana seenuun haadha mana sana dirqisiisani bakka Agarii jiru gaafachuun xalayaaa sana dabarsitee akka kennitef seenaa isaa irraa hubanneera. Bakka Agariin boqotu kana kan hime immoo namuma dura Agarii wajjin Dirree Qabsoo galee booda maalaqqaan mootummaan sun bitate akka ta’ee qorannoo seenaa godhame irraa hubannee jirra.

Erga xalayaa Agarii jallewwan isaati katabe sun harka diinatti kuftee booda Gurraandhala 8, bara 1962 tti Magaala Naqamtee hoteela keessa boqote keessatti gootichi Oromoo Agarii Tuulluu harkaa warra oftuultotaatti kufe. Sana booda gammachuudhan Agarii fudhatanii gara Salaalee geessanii magaala Fiicheetti hidhan.

Sana booda uummanni qabamuun Agarii aarse sodaa tokko malee dirreetti bahanii Agariidhaf sirbuu jalqban. Fakkeenya gaafa qabamuu isaa dhaga’an:
Yaa Hoolota oborii
Hoolota Hamdee gugurraa sanii
Shiboo irra maranii
Harka Agarii ibiddo sanii

jechuun dhaamsa dabarfachaa tura.

Dhaamsi sirba armaan olii kanaa dhaamsa guddaadha. Hamdee Abarraa Nafxanyicha uummata Salaaleerraa lafa fudhatee biyyaa isaanirraa akka baqatan godhee yoo ta’u. Hoolota Hamdee jechuun immoo wardiyyoota Hamdee jala kaachudhan uummata isaani rakkisa jiran jechuu isaaniti.

Agariin erga hidhame turtii ji’a tokkoo keessatti akka duuti itti murteeffamu godhan. Sana booda Eblaa guyyaa Wiixata bara 1962 magaala Ambisootti obboloota isaa Jimaa Tulluu fi Hirkoo Tulluu wajjiin bakka uummannii baayyinan jirutti fannisaani ajjeessan. Jimaa Tuulluu fi Hirkoo Tulluu obboleessa Agarii ta’uun qofa fannifamanii ajjeffaman.

Duutii ijjoollee Tulluu kan baayyee aarse ummanni Oromoo Salaalee akka armaan gadii kanatti sirbaan gadda isaanii ibsachaa turan.
Yaa haadha too yaa Tarrafuu
Tokko du’ee lamat hafuu
Lama du’ee tokkotti hafuu
Sadi du’ee maalitti hafuu

Agarii Tulluu seenaa qabsoo uummata Oromoo keessatti goota bara baraan kabaja fi jaalalaan yaadatamaa kan jiraatu fi sochiin sabboonummaa Oromoo innii godhee laphee ilmaan Oromoo keessa kan hin baanedha.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]