Marii Kurii

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
POTY barnstar.svg
Marii Kurii
Marie Curie c1920.jpg
Ogummaa: Fiiziksii, Kemistirii
Biyya: Poolaandi, Firaansi
Guyyaa dhalootaa: Sadaasa 7, 1867
Bakka dhalootaa: Waarsawu, Poolaandi
Guyyaa du'aa: Adoolessa 4, 1934
Bakka du'aa: Paaris, Firaansi

Marii Skiwoodofiskaa Kurii (Maria Salomea Skłodowska-Curie) (Sadaasa 7 1867 - Adoolessa 4 1934) fiizisistii fi kemistii beekkamtuu yoo taatu namoota qoraannoo wa'ee raadiyoo'aktiviitii irratti godhan keessaa kan jalqaba fi adda duree turte. Mariin dhalootaan lammii Poolaandi yoo taatu boodarra garuu lamummaa Firaansi argate. Mariin Badhaasa Noobelii argachuun dubartii jalqabaa yoo taatu, nama badhaasa kana si'a lama argate kan jalqabaa (dubartii keessaa kan qofaa) ti, nama saayinsii adda addaatin badhaasa kana si'a lama argate kan qofaa, fi maatii Kurii kan Badhaasa Noobelii shan argate keessaa nama tokko turte. Mariin Yuunivarsiitii Paarisitti dubartii pirofeesara taate kan jalqabaa yoo taatu bara 1995 dubartii jalqabaa kan hojii mataa ishiitin Paaris keessatti awwalcha namoota kabajamoof addatti qophaa'e keessati awwaalamte dha.

Mariin Waarsawu, kan yeroo sana Mootummaa Poolaandi jedhamu fi kutaa Impaayera Raashiyaa ta'e keessatti Mariyaa Saloomiyaa Skiwoodofiskaa taatee dhalatte. Mariin dhoksaan socho’u Yuunivarsiitii Filootingi (Floating University) Waarsawu keessatti barattee leenjii saayinisii hojiirrattii Waarsawu keessatti jalqabde. Bara 1891tti, umurii 24tti, obboleettii ishii angafaa hordofuun barnootaaf Paaris deemte. Paarisitti digirii ishii kan argate yoo ta'u hojiiwwan saayinsii hojjatte hundas Paaris keessatti hojjatte. Badhaasa Noobleii kan 1903 abbaa manaashii Piyeer Kurii fi fiizisisti Henrii Baakireel wajjin kan addaan qooddatte Mariin bara 1911tti ammoo Badhaasa Noobelii kan Kemistirii dhuunfaa ishiitti argatee jirti.

Argannoo Marii keessaa raadiyoo'aktiiviitii (jecha kana kan uume ishii dha), toofta ittiin ayissotooppota raadiyoo'aktiivii addaan baasanii fi elementoota haara lama kan polooniyeemii fi reediyeemii jedhaman kaasun ni danda'ama. Qajeelfama Mariitin, ayissotooppota raadiyoo'aktiivii ta'anitti fayyadamuun, qorannoon jalqabaa kan akkataa ittiin neoplasmas yaalanii fayyisuun danda'amu irratti xiyyeeffatu godhame. Mariin dhaaba Inistiitiyuutii Kurii jedhamu Paarisii fi Waarsawu keessatti kan dhaabdee yoo ta'u dhaabni hanga ammaatti giddugala qorannoo fayyaa ta'ee argama. Yeroo Waraana Addunyaa I, giddugala raadiyooloojii dirree waraanaa kan jalqaba dhaabde.

Lammii Firaansi yoo taateyyuu, Marii Skiwoodofiskaa Kurii (maqaa maatii lamaanuu ni fayyadamti) eenyummaa kan Poolish ta'uushii hin daganne. Ijoollee ishii kan durbaa lamaanuu Poolaandiffa kan barsiifte yoo ta'u akka daawwataniifis gara Poolaandi yeroo baayyee isaan geessitee jirti. Elementii jalqaba argate – Polooniyeemii kan jalqaba bara 1889 adda baafte – maqaa biyya dhaloota ishiin polooniyeemi jettee moggaafte.

Mariin bara 1934 Hospitaala Sanselomuuz (Sancellemoz - Haute-Savoie), Firaansi keessatii duute, sababiin du'a ishiis apilaastiik animiyaa yoo ta'u kunis kan dhufe raadiyeeshiniidhaaf saaxilamuu isheetin ture - kan saaxilamtes yeroo qorannoo teesti tuubii reediyeemii kiisii keessatti waan baachaa turtee fi tajaajila eksi-reyii yeroo waraanaa kenniteen ture.

Seenaa Jireenyaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Ijoollumaa Ishii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Marii Skiwoodofiskaa Waarsawu, kutaa Poolaandi kan Impaayera Raashiyaa jala ture keessatti Sadaasa 7 1867 dhalatte. Mariin ilmoo shanaffaa fi kan dhumaa Birooniswaa, fi Waadiswaa Skiwoodofiskaa ti. Obbleeyyan Marii kan angafa ishii ta'an Zoofiyaa (1862 dhalate), Yoozeef (1863), Birooniiswaa (1865) fi Heleenaa (1866).

Władysław Skłodowski ijoolleesaa durbaa wajjin (bitaarra) Maariyaa, Bronisława, Helena, bara 1890tti
Iddoo dhaloota Marii ulica Freta kana Waarsawu keessa iddoo haaraa jedhamutti argamu - amma iddoo Godambaa Skłodowska-Curie kan ta'e.

Karaa abbaas ta'ee karaa haadhaa, maatiin Marii qabeenyaa isaanii fincila bilisummaa Poolaandiif jecha godhaniin (kan dhiyoo sana ka'e Fincila Amajjii kan 1863-65) dhaban. Kunis dhaloota itti aane dhufu, Marii dabalatee, obboleeyyanshii kan durbaa fi obbleessa ishii, rakkina qabeenyaa fi jireenya moo'achuuf qabsoo keessa akka seenan godhe.

Akaakayyuun Marii kan karaa abbaa, Yoozeef Skiwoodofiskaa, Lubliin keessatti barsiisaa kabajamaa ture, achittiis Boleswaa Piruus kan seenaa ogbarruu Poolaandi keessatti nama guddaa ta'e yeroo ijoollummaasaa barsiisee ture. Abbaan ishii, Władysław Skłodowski, herregaa fi fiiziksii barsiisa ture, barnoota boodarraa Mariin ; akkasumas geggeessaa jiminaaziyemii dhiirotaa ture. Erga qondaaltonni Raashiyaa ajaja akkaata fayyadama laabiraatorii ibsu mana barumsaa Poolaandi kessaa balleessanii booda, abbaan ishii meeshaalee laabiraatorii baayyee kan manasaatti fide, akkasumas akkamitti akka fayyadaman ijoollee isaa barsiise.

Abbaan ishii boodarra qondaaltota Raashiyaatin deeggarsaa bilisummaa Poolandiif qaburraan kan ka'e hojiirraa ari'ame, kanarraan kan ka'e hojii miindaansaa xiqqoo ta'e hojjachuuf dirqame; kana malees, maatin Marii investimeentii godhaniin qarshii dhaban, kanaafuu galii argachuuf jecha dargaggoota mana isaanii akka bulan eeyyaman. Haatii Marii Bronisława mana barumsa fi jireenya dubartoota (boarding school) keessaa hojjatti turte, ergaa Mariin dhalattee hojii kana gadi lakkifte. Yeroo Mariin waggaa 10, Bronisławan dhibee tuubarkiloosisiin duute. Waggaa sadi'i dura, obboleettiin Marii Zoofiyaan, dhibee taayifesii kan mana barumsaatii ishii qabeen duute.

Abbaan Marii nama waaqatti amanu hin turre (atheist), haati ishii garuu Kaatolikii cimtuu turte. Duuti haadhaa fi obboleettii sihii Mariin amantii Kaatolikii dhiiftee aginoostikii taate.

Yeroo Mariin waggaa 10, mana barumsaa fi jireenyaa J. Sikorska galtee barachuu jalqabde; itti aansee jiminaaziyeemii dubartootaa kan baratte yoo ta'u gaafa Waxabajjii 12 1983 madaaliya warqeetin eebbifamte. Erga gaggabdee kuftee booda, tarii dippireeshiniidhaan ta'uu hin oolu, waggaa itti aanu sana baadiyyaa keessatti fira abbaa ishii biratti dabarsite. Wagga itti aanu ammoo Waarsawu keessatti abbaashii biratti nama qayyabachiisaa dabarsite. Barnoota sadarkaa olaanaa sababii dubartii taateef galuu waan hin dandeenyeef, ishiini fi obboleettiin ishii Bronisławan yuunivarsiitii dhoksaan hojjatu kan Yuunivarsiitii Filootingi jedhamu, dhaabbata barnoota olaanaa bilisummaa Poolandi deeggaruu fi kan dubartoota fudhatu, galan.

Labiraatorii Warsawu keessatti, bara 1890–91, Maria Skłodowska hojii sayinsiishii isa jalqabaa hojjatte

Mariin obboleettii ishii Bronisława wajjin waliigaltee uumte, kunis yeroo Bronisławan Paarisitti medisinii barattu gargaaruuf, waggaa lama boodammoo Bronisławan akkasuma Marii akka gargaartu ture. Kana wajjin wal qabatee, Mariin hojii maatii namaa wajiin jiraattee ijoollee isaanii barsiisuu (governess) jalqabde: jalqaba manaa ishiitii deddeebi'uun qayyabachiisu, achii booda waggaa lamaaf maatii wayii wajiin jiraattee ijoollee isaanii barsiisuu jalqabde; kunis iddoo Ischukii (Szczuki) jedhamu yoo ta'u maatin kunis kan Żorawskis jedhaman fira abbaa ishii turan. Yeroo maatii kanaaf jirtutti, ilma isaani  Kazimierz Żorawski, kan sana booda herregaa beekkama ta'e, jaalatte. Maatin isaa garuu Mariin kan saantima cabduu hin qabne fuudhuun akka hin danda'amne itti himan, innis kan maatin isaa dura dhaabachuu hin dandeenye. Haala kanaan addaan ba'uun isaani jara lamaanifuu ulfaataa ture. Sana booda odoo hin turin Kazimierz Żorawski dafee doktireetii isaa argate, akka barsiisaa herreegaattis hojii jalqabe, Yuunivarsiitii Kirakoov keessatti pirofeesaraa fi dura ta'aa ta'e. Erga dulloomee booda, pirofeesara herregaa Waarsawu Pooliiteekniik (Warsaw Polytechnic) ta'e yeroo jirutti, siidaa Marii kan bara 1935tti Inistiitiyuutii Reediyeemii kan Mariin bara 1932 dhaabde fuuldura jiru jala taa'ee baayyee yaadan bada ture.

Jalqaba bara 1890tti, Bronisława — kan ji'a muraasa dura, kan doktarii fi qabsaawaa mirga namaa Poolaandi ta'e Kazimierz Dłuskitti heerumte — Mariin gara Paaris akka dhuftuuf ishii affeerte. Kaffaltii yuunivarsiitii waan hin dandeenyeef, Mariin affeerraa kana hin didde; qarshii ishii barbaachisu walitti qabuuf, waggaa tokkoo fi walakkaa ishiitti itti fudhate. Abbaanshii kan deebi'ee hojii mindaa guddaa qabu aragate, ishii gargaare. Yeroo kana hunda Mariin of barsiisuu itti fufte, kitaaba dubbisuu, xalayaa babarreesuun, fi tutooriyaalii (tutor) fudhacuun barachaa turte. Jalqaba bara 1889, Mariin Waarsawutti gara mana abbaashiitti deebite. Achittiis ijoolee namaa barsiisu ittuma fufte, hanga 1991ttis achuma turte. Mariin tuutooriyaalii ni kenniti, Yuunivarsiitii Filootingitti ni baratti, akkasumas leenjii saayinsii shaakalaan deeggarame laabiraatorii keemikaalaa keessatti jalqabde; laabiraatoriin kunis Godambaa Industirii fi Qonnaa keessatti, bakka Krakowskie Przedmieście 66 jedhamutti Waarsawu dulloomaa keessatti argama. Laabiraatoriin kun wasiilashii Józef Boguskin, kan kemistii Raashiyaa Dimiitirii Mendeleeviif gargaaraa ta'ee Seenti Petersibergi keessatti hojjachaa ture, kan hoogganamu ture.

Jireenya Ishii Kan Paarisi[edit | Lakkaddaa gulaali]

Gara dhuma 1891 keessaa Mariin Poolaandi gadi lakkiftee gara Paaris deemte. Paarisitti, hanga mana yuunivarsiitiitti dhiyaatu kan Latin Quarter jedhamu kireeffatutti, Mariin obboleettii ishii abbaa manaa obboleettii ishii bira quabatte. Bara 1891tti, Mariin Yuunivarsiitii Paarisitti galmooftee fiiziksii, kemistirii, fi herrega barachuu jalqabde. Mariin qabeenya xiqqo qabdutti fayyadamtee jiraatte, qora bonaa hamaadhan waaddamaa fi yeroo tokko tokko ammoo beelarraa kan ka'e gaggabdee kufaa turte. 

Mariin guyyaa guyyaa barachaa alkan alkan ammoo qo'achiisaa turte, ittiin jirachuuf garuu ga'aa hin turre. Bara 1893tti, Mariin fiiziksiidhan digirii fudhatee laabiraatorii pirofeesara Gabriel Lippmann kessatti hojii jalqabe. Bukketti ammoo barnoota ishii kan Yuunivarsiitii Paaris ittuma fufte, carraa gargaarsa barnootaa argatteen, bara 1894tti digirii lammaffaa fudhatte. 

Mariin ogummaa saayinsiishii isa dheeraa Paarisi keessatti amala maagineetawaa sibiila adda addaa qorachuun jalqabde, kan ishee hojjachiisiises Société d'encouragement pour l'industrie nationale ture. Baruma kana keessa Piyeer Kuriin jireenya ishii keessa seene; fedhii guddaan saayinsiif isaan lamaanu qaban walitti isaan harkise. Piyeer Mana barumsa Fiiziksii fi Kemistirii, École supérieure de physique et de chimie industrielles de la ville de Paris (ESPCI), keessatti barsiisaa ture. Kan wal isaan barsiises fiizisistii Poolaandi pirofeesara Józef Kowalski-Wierusz ture; kunis Mariin laabiraatorii guddaa akka barbaaddu waan bareef, kanammoo Piyeer qabaachuu danda'a yaada jedhuun ture. Piyeer laabiraatorii guddaa yoo qabaachuu baateyyuu, Mariif iddoo wayii qopheesseefii ishiinis achitti hojii jalqabde. 

Jaalala guddaan lamaanuu saayinsiif qaban irra caala walitti akka isaan dhiyaachaa deeman gode, boodarras jaallalli keessa isaanitti biqile. Kana booda Piyeer gaa'ilaaf Marii gaafate; jalqabarratti Mariin kana hin fudhanne, sababinsaas gara biyya ishiitti deebi'uu barbaaddi ture. Piyeer garuu, ishii wajjin gara Poolaandi deemuf qophaa'aa ta'usaa itti hime, yoma kana jechuun saayinsii jaalatu dhiis hojii xiqqaa akka Firaansiffa qofa barsiisuu hojjachuuf ta'elle. Gidduu kanatti, boqonnaa gannaa 1894tti Mariin gara Waarsawutti deebi'te warrashii dubbifte. Amallee Mariin saayinsii isa jaalattu Poolaandi keessatti hojjachuu nan danda'a jettee yaaddi ture, garuu Yuunivarsiitii Kiraakoov keessatti sababii ishiin dubartii taateef iddoo dhowwatan. Xalayaan Piyeer ergeef gara Paarisitti deebitee PhD akka itti fuftu ishii amansiise. Jajjaabeessaa Mariitin, Piyeer qorannoo maagineetizimii irratti godheen bara 1895 PhD argate; mana barumsaasaa keessattis gara pirofeesaraatti guddate. Namoonni waa'ee Marii yeroo dubbatan "argannoo guddaa Piyeer" jedhu ture. Gaafa Adoolessa 26 1895 Suu (Sene) keessatti gaa'ila isaanii raawwatan; lamaanuu sirna ga'ilaa kan amantii hin barbaadne ture. Uffata aruzaa dhiiftee, uffata gurrracha cuquliisni Mariin gaafa gaa'ilaa sana uffatte, sana boodallee yeroo laabiraatorii keessa hojjachu baayyee ishii tajaajile. Jarri laamaanuu yeroo boqonnaa isaanii kan ittiin dabarsan waa lama qabu: karaa dheeraa saayikilii hoofuu, fi biyya alaa daawwachuu ture, kunis irra caala akka isaan walitti dhiyaatan godhe. Piyeer keessatti, Mariin jaalalaa haaraa, gargaaraa, fi nama saayinsii waliin hojjattu kan guutummaan itti abdachuu dandeessu argatte. 

Elementii Haaraa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Piyeeri fi Marii laabiraatorii keessatti

Bara 1895tti Viilheelmi Roontigan jiraachuu eksi-reyii (x-rays) argate, garuu akkaataa uummama isaanii irratti hubannoo ga'aan hin turre. Bara 1896 Henirii Baakireel ashaboon Yuraaniyemiin carallaa akka maddisiisuu fi carallaan kunis humna waantoota keessa seenuu danda'uu isaatin eksi-reyii akka fakkaatu argate. Baakireel raadiyeeshiniin kun, akka fosfaraseensii madda anniisaa alaarraa kan dhufe odoo hin taane yuraaniyemichuma irraa kan burqaa jiru akka fakkaatu agarsiise. Argannoo gurguddaa lamaan kanaan dhiibbamuun, Mariin qorannoo PhD ishii carallaa yuraaniyemii kana irratti akka gootu murteessite. 

Saampiloota qorachuufis tooftaa haaraatti fayyadamte. Waggaa kudha-shan dura, abbaan manaashii Piyeerii fi obboleessi isaa elektiromeetirii hojjataan, kunis meeshaa siyaa'aa chaarjii elektirikii safaruuf gargaaru ture. Elektiromeetirii Piyeer kanatti fayyadamuun, carallaan yuraaniyemii qilleensi naannoo yuraaniyemii sanaa jiru elektirikii akka dabarsu kan godhu ta'u argatte. Tooftaa kanatti fayyadamuun, hojiin kampaawondii yuraaniyemii sanaa baayyina yuraaniyemii achi keessa jiruu irratti akka hundaa'u argatte. Raadiyeeshiniin kun walnyaatinsa molokiyuulotaa ta'urraan kan dhufu odoo hin taane atamiirraa kan dhufu jettee yaada dhiyeessite. Yaadni kunis yaada durii kan atamiin waan addaan cabuu hin dandeenye jedhu kuffise. 

Bara 1897 intalshii Ayiriin deesse. Maatii ishii gargaarufis, Mariin Ikool Noormaal Supperiyeertti (École normale supérieure) barsiisuu jalqabde. Kuriiwwan (Piyeerii fi Mariin jechuudha) laabiraatorii hojii saayinsiif hojjatame hin qaban turan; hojiisaanii baayyee gamoo Mana Barumsa Fiiziksii fi Kemistirii bukkee jiru gara laabiraatoriitti jijjiiranii ittti fayyadamaa turan. Gamoon kun, kan duraan kutaa baqaqsanii yaaluu barnoota fayyaa ta'ee tajaajilaa ture, kan qilleensa seeran hin galchinee fi kan bishaan dhowwuuyyuu hin dandeenye turre. Jarri lamaanuu miidhaa hamaa raadiyeeshiniidhaaf saaxilamuun namarraan ga'uu waan hin beekneef ittisa wayiituu odoo hin fayyadamin wantoota raadiyoo'aaktiivii irratti hojjachaa turan. Manni barumsaashhii, Mariidhaa qorannoo kanaaf fandii wayiituu hin kennineefi, garuu kaampaanota sibiilaa fi albuuda baasuu irraa fi dhaabotaa adda addaa fi mootummootarra deeggarsa maalaqaa (subsidy) ni argatti ture. 

Qorannoon tooftawaan Mariin geggeessite albuuda yuraaniyemii lama irratti ture, pitchblende fi torbernite (chalcolite ni jedhama). Elektiroomeetiriin pitchblenden yuraaniyemii dachaa afuriin akka caalu agarsiise, chalcolite ammoo dachaa lamaan akka caalu. Yoo yaadni ishii kan duraanii, kan raadiyoo'aktiiviitiin kampaawondii tokkoo baayyina yuraaniyemii irratti hundaa'a jedhu dhugaa ta'e, albuudonni lamaan sun wanta bira kan yuraaniyemii caalaa raadiyoo'aktiivii ta'e akka of keessaa qaban hubatte. Haala tooftawaa ta'eenis wantoota biraa kan carallaa burqisiisan barbaaduu jalqabde, bara 1998 elementiin tooriyeem raadiyoo'aktiivii akka ta'e argatte. 

Piyeeris hojii ishii kanaan baayyee booji'ame. Bara 1898 walakkeessa keessa hojiishii kana keessatti baayyee harkifamuurraan kan ka'e qorannoo kan matasaa kan kiristaala irratti hojjachaa ture dhiise Marii wajjin hojjachuu jalqabe. 

Yaadni qorannoo sanaa kan mataa ishii ti [Reyid yoo barreessu]; namni kamiyyuu mata duree kana filachuuf ishii hin gargarre, yoo abbaa manashiitti yaada isarraa fudhachuuf itti himteyyuu daftee abbumaa mataduree sanaa fudhatte. Boodarra seenaa jireenyaa abbaa manaashii keessatti si'a lama galmeessitee jriti, wanti ifa hin ta'in tokkoyyuu akka hin jiraanneef. Seenaa ogummaashii kan saayinsii kana gara jalqabaa irratti saayintistoonni baayyen dubartiin yaada qorannoo haaraa akkanaa kan ishiin irratti hojjachaa jirtu kana ni burqisiifti jedhanii amanuuf rakkachuu akka danda'an hubachuu hin oolle. 

Piyeer, Ayiriinii fi Marii Kurii

Mariin argannoo ishii kana maxxansiisuun murteessaa akka ta'e waan barteef dursa kennuufif murteessite. Waggaa lama dura, Baakireel odoo argannoosaa waa'ee raadiyo'aktiviitii Académie des Sciences dhaaf guyyaa lama booda dhiyeesseera ta'e kabajni nama raadiyoo'aaktiviitii argate jedhuu fi Badhaasni Noobelii Silvaanus Toomsaniif kennama ture. Mariinis mala argannoo ittiin maxxansan kan ariifataa ta'e filatte. Barruun ishii, kan hojii ishii gabaabsee fi salphisee ibsu, Académiedhaaf gaafa 12 Ebla 1898 pirofeesarashii kan duraanii Gabriyeel Liipmaan dhiyaateef. Sanayyuu ta'ee, akkuma Toomsan Baakireelin durfame, argannoo Marii kan tooriyeem akkuma yuraaniyemii carallaa burqisiisa jedhu akka Mariin argatteefitti hin galmoofneef; sanan ji'a lama dura, Geerhaardi Kaarli Shimiit Barliin keessatti argannoo kana maxxansiiseera ture.

Yeroo sanatti, addunyaarraa namni fiiziksii kamiyyuu waa'ee hima Mariin yaadannoo ishiirratti barreessite hin beeku, kunis pitchblende fi chalcolite yuraaniyemii caalaa ammam akka raadiyoo'aktiivii ta'an ibsa: "dhugaan kun baayyee adda, kanaafuu albuudonni kun elementii yuraaniyemii caala raadiyoo'aktiivii ta'an qabaachuu danda'u amantii jedhutti nama geessa". Boodarra yaadattee waan ishiitti dhaga'ame yoo dubbattu "yaada kana ariitidhaan mirkaneessuuf fedhii cimaatu na keessa ture" jette. Ebla 14 1898, Kuriiwwan (Piyeeri fi Mariin) piichibileendii (pitchblende) giraama 100 madaalanii fudhachuun mooyyee keessatti tumuu jalqaban. Yeroo sanatti wanti isaan barbaadan kun kan baayyee xiqqatee argamu waan ta'eef boodarra oorii tooniidhaan lakkaawwamu hujeessuu akka qaban battala sanatti hin hubanne ture.

Adoolessa 1898, Mariini fi abbaan manaashii barruu elementii haaraa argachuu isaanii isbu walii wajjin maxxansan, elementii haara kanas "polooniyeemii" jechuun kabaja biyya Marii Poolaanditti moggaasan, Poolaandi sana boodallee gara waggaa digdamaaf impaayera sadi'iin addaan qoqqoodamtee turte. Gaafa Mudde 26 1898, Kuriiwwan elementii haraa kan biraa argachuu isaanii beeksisan, elementii kana jecha Laatinii kan "radius" (carallaa) jedhurraa "reediyeemi" jechuun moggaasan. Qorannoosaanii kana keessattis, jecha "raadiyoo'aktiiviitii" jedhu uuman.

Argannoo isaanii kana shakkii tokko malee mrikaneessuuf, Kuriiwwan polooniyeemii fi reediyeemii qulqulluu baasuu barbaadan. Pitchblenden albuuda xaxamaa waan ta'eef ruuqoleesaa adda baasun ulfaataa ture. Polooniyeemii argachuun amma tokko salphaa ture; amalli keemikaalaasaa bismazii fakkaata, wanti oorii san keessaa bismazii fakkatu polooniyeemii qofa ture. Reediyeemiin garuu, argachuuf baayyee ulfaataa ture; amalli keemikaalaasaa baariyeemii kan fakkatu yoo ta'u bismazin lamaan isaanituu of keessaa qaba. Bara 1898 Kuriiwwan reediyeemii xiqqoo argatan, garuu reediyeemii baayyinaan jabaa ta'e, kan baariyeemin hin faalamne argachuun kan bira hin ga'amne ta'e. Kuriiwwan hojii ulfaataa ashaboo reediyeemii mala diferenshiyaal kiristaalaayizeeshiniidhan addaan baasuu jalqaban. Pitchblende toonii tokko keessaa, bara 1902tti reediyeem kilooraayidii kan amma giraamii tokko bakka kudhanitti qoodamtee ga'u adda baasan. Bara 1910tti Marii Kurii sibiila reediyeemii qulqulluu adda baafte. Mariin polooniyeemii, kan jireenya-walakka guyyaa 138 qofa qabu, adda baasurratti hin milkoofne.   

Bara 1898 hanga 1902 gidduuttii, Kuriiwwan walii wajjin ykn dhuunfadhaan barruu saayinsii 32 maxxansiisan, kana keessaa tokko seelonnii xannachaa fidan yoo reediyeemitti saaxilaman seelota fayyaa caala dafanii du'u kan jedhu ture. 

Bara 1900, Mariin miseensa faakaltii École Normale Supérieure ta'uun dubartii kan jalqabaa taate, abbaan manaashii ammoo faakaltii Yuunivarsiitii Paarisi gale. Bara 1902 sababa du'a abbaa ishiitin gara Poolaandi deemte. 

Piyeerii fi Marii Kurii, 1903

Adoolessa 1903tti, Gabriel Lippmannin gorfamuun, Mariin dokitireeti ishii Yuunivarsiitii Paarisirraa argatte. Ji'uma sana keessa, Marii fi Piyeer Royaal Inistitushinii Landanittin waa'ee raadiyoo'aktiiviitii haasaa akka godhaniif affeeraman; Mariin akka hin dubbanne dhorkamte, Piyeer qofatu dubbate. Yeruma kana keessa, indastirii haaran reediyeemii irratti hundaa'e guddachuu jalqabe. Kuriiwwan argannoo isaanii kanaaf paatentii hin fudhanne, kanaafis bu'aan isaan bizinesii guddachaa jiru kanarraa argatan gadaanaa ture.

Badhaasa Noobelii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Suura Badhaasa Noobelii kan 1903

Mudde bara 1903, Akkaadaamiin Saayinsii Iswiidin Piyeer Kurii, Marii Kurii fi Henrii Baakireel Badhaasa Noobelii kan Fiiziksii kenneef, kunis "yaadannoo tajaajila olaana isaan qorannoo wal faana raadiyeeshinii Pirofeesar Henrii Baakireel argate irratti godhaniin kennaniif beekkamtii kennuuf". Jalqaba irratti, koreen kun badhaasa kana Piyeerii fi Baakireelif qofa kennuuf yaade, garuu miseensa koree kanaa fi deeggaraa saayintistoota dubarti ta'n kan ture Herregaa Iswiidin Maagnus Jostaa Mittaag-Leefler dhimma kana Piyeeritti hime. Piyeer erga komii dhiyeessee booda, maqaan Marii filannoo kana keessa gale. Mariin Badhaasa Noobelii argachuudhaan dubartii jalqabaa ti.

Kurii fi abbaan manaashee qaaman Istookoolmi deemanii badhaasa fudhachuu hin didan; hojiitti baayyee qabamanii turan, Piyeeris yeroodhaa gara yerootti dhukkubsachaa ture, Piyeer ayyaneffata bakka ummanni walitti qabametti godhamu hin jaalatu ture. Looretiin Noobelii barnoota gabaabaa (lecture) kennuu waan qabuuf, Kuriiwwan bara 1905 gara sana deeman. Maallaqni badhaasa kanarraa argatan, Piyeerii fi Marii gargaartuu laabiraatorii kan jalqabaa akka qacaratan isaan dandeessise. Badhaasa Noobelii argachuutti aane, akkasumas affeerraa Yuunivarsiitiin Jeneevaa iddoo kennuufiif godhe, Yuunivarsiitin Paaris Piyeerif sadarkaa piroofeesarummaa kenneef, dura bu'aa fiiziksiis godhee muude. Kuriiwwan laabiraatorii seeran hojjatamellee hin qaban turan yeroo sana. Hiyyannoo Piyeer irraa ka'uun, Yuunivarsiitin Paaris laabiraatorii haaraa ijaaruu fi meeshaa itti guutuuf walii galan, garuu hanga bara 1906tti hin xumuramne ture.

Muddee 1904, Kuriin intalashii lammaffaa Iivi deesse. Mariin boodarraa nama afaan dhalootashee Poolaandiffa ijoollee ishii barsiisu mindeessiteefi, ijoollee ishiis Poolaandi akka daawwataniif ni ergiti, ofiifis fuuteet deemti ture.

Ebla 19 1906tti, Piyeer balaa karaarraatin du'e. Kuriin du'a abbaa manashee kanaan guyyatu itti dukkanaa'e. Caamsaa 13 1906tti, dippaartimentii fiiziksii Yuunivarsiitii Paaris dura ta'ummaa Piyeerif kennee ture Mariif kennuuf murteesse. Mariinis affeerraa kana laaboraatorii cimaa hojjachuudhaan yaadanoo Piyeerif oolchuf na gargaara jettee fudhatte. Mariin Yuunivarsiitii Paarisitti pirofeesara ta'udhaan dubartii jalqabaa taate.

Hawwiin Mariin laabiraatorii cimaa ijaaruf qabdu garuu Yuunivarsiitii Paarisitti hin xumuramne. Gara dhuma jireenyaa ishii keessa, Mariin Inistiitiyuutii Reediyemii (Institut du radium, amma Inistiitiyuutii Kurii, Institut Curie) hoogganaa turte, kunis laabiraatorii raadiyoo'aktiiviitii Yuunivarsiitii Paarisii fi Inistiitiyuutii Paasteriin ishiidhaaf hojjatame ture. Yaadni Inistiitiyuutii Reediyemii uumuu kan dhufe bara 1909 hoogganaa Inistiitiyuutii Paaster kan ture Piyeer Pool Emiila Ruudhaan ture. Piyeer Pool Emiila Ruun Yuunivarsiitiin Paaris Mariif laabiraatorii seeran hojjatamee kennuufii daddhabuu isaatiin baayyee gaddee gara Inistiitiyuutii Paaster akka dhuftu yaada dhiyeesse. Sana booda, Marii gadi lakkifti sodaa jedhuun, Yuunivarsiitiin Paaris kan duraan dide yaada jijjiiruun, gamoon Kurii, waliigaltee Yuunivarsiitii Paarisii fi Inistiitiyuutii Paasteriin ijaarrame.

Bara 1910tti Mariin reediyeemii addaan baafte; akkasumas sadarkaa addunyaalessaa madda raadiyoo'aaktivii kan kabaja ishii fi Piyeeriif kurii jedhamee moggaafame uumte. Haa ta'u malee, bara 1911 Akkaadaamiin Saayinsii Firaansi miseensa akka taatu harka tokko ykn lamaa jecha odoo hin filatamin hafe. Bakka ishiitti kan filame Iduwaardi Biroonii, kalaqaa Gulyeelmoo Maarkoonii telegiraafii wadaroo-maleessaa akka hojjatuuf gargaare, ture. Dubartiin Kurii jalattii doktireetii barattu, Maargariit Pereeyi, dubartii jalqaba miseensa akkaadaamii kanaa taatee filatamte - kunis walakkaa jaarraa tokkoo booda, bara 1962tti ture. Mariin saayintistii beekkamtuu Firaansif hojjattu ta'ee oduma jiruu, ilaalchi uummataa garuu gara nama biyya alaa ta'uu ishiitin gara jibbuutti deema - qisaasa Direeyfus irrattis mul'ateera - kunis oduun sobaa Mariin sanyii Yihudaa ti jedhu akka odeeffamu godhe. Yeroo filannoo Akkaadaamiin Saayinsii Firaansi geggeefamu, gaazexaa kaachoo mirgaa (right wing press) saba nama biyya ormaa taatee fi nama waaqatti hin amanne taateefi balaleffatanii maqaa ishii xureessan. Intalli ishii booda wa'ee kanaa yoo dubbattu gaazexoonni Firaansi yeroo Mariin badhaasa Firaansi keessatti kennamuuf filatamtu akka nama biyaa ormaa gatii hin qabneetti ishii dhiyeessu, yeroo badhaasa biyya alaa kan akka Badhaasa Noobelii fudhattu ammoo akka goota lammii Firaansi taatetti barreessu jechuun of tuulummaa isaani ibsite.

Mariin bara 1910-11tti walqunnamtii jaalalaa waggaa tokkoof fiizisistii Pool Loonzyevaa, kan duraan barataa Piyeer ture, wajjin akka qabdu bara 1911tti ifa ta'e. Namni kun nama fuudhee yoo ta'u garuu haadha manaasaa wajjin jiraachaa hin turre. Kunis qisaasa maxxansaalee gaazexoota fide, warri karaa hojii mormitoota ishii ta'an kanatti fayyadman. Kuriin (umuriin wagga 40n walakeessa kan turte) umuriidhaan Loonzyevaa waggaa shaniin caalti turte, gazeexootarrattis akka nama ormaa sanyii Yihuudi gaa'ila namaa diigdutti ibsamte. Yeroo qisaasni kuni jalqabu, Mariin Beeljiyeem turte; yeroo deebitu, uummata aaretu karra ishiirratti ishii eege, ishiinii fi ijoollenshii durbaa lamaan hiriyaashii biratti baqatanii turuun dirqama itti ta'e.

Beekkamtiin hojiishii sadarkaa addunyaalessaatti ol gudhachaa dhufe, Akkaadaamiin Saayinsii Iswiidinis mormii qisaasa Loonzyevaa irraa ka'ee dhufe bukkeetti qabuun, yeroo lammaffaatiif, Badhaasa Noobelii kan Kemistirii kan bara 1911 kenneef. Badhaasni kun "yaadannoo tajaajila ishiin guddina kemistiriitif elementii reediyemii fi polooniyemii argachuun, reediyemii adda baasun, fi qorannoo ummamaa fi kompaawondoota elementii addaa kanaa irratti gooten gumaachiteef beekkamtii kennuuf" jedhameeti kennameef. Mariin Badhaasa Noobelii lama moo'un ykn qooddachuun nama jalqabaa turte, namni badhaasa kana damee saayinsii adda addaatin argate lama qofa yoo ta'u kunis Marii fi Laayinas Poolin qofa. Jilli beektota biyya Poolaandi, barreessaa asoosamaa Henriik Shinkeeviichin durfamuun Mariin gara biyya ishiitti deebite qorannoo ishii akka achitti itti fuftu gaafatan. Badhaasni Noobelii inni lammataa Mariin mootummaa Firaansi Inistiitiyuutii Reediyemii akka deeggarana amansiisuuf ishii gargaare. Inistiitiyuutin kunis bara 1914tti kan hijaarrame yoo ta'u achi keessatti qorannoo kemistirii, fiiziksii, fi fayyaatu godhama ture. Badhaasa Noobelii kan bara 1911 erga fudhattee ji'a tokkoon booda, Mariin dippireeshinii (depression) fi dhukkuba kaleetin hospitaala seente. Bara 1912 baayyeesaa, Mariin jireenya ummataa dhiiftee garuu Ingilaandi keessa hiriyaashii fiizisistii Heertaa Ayirtan biratti dabariste. Laabiraatorii ishiitti kan deebite ji'a Muddee keessa yoo ta'u kunis ji'a 14 booda ture.

Bara 1912tti, Hawaasni Saayinsii Waarsawu aangoo hoogganummaa laabiraatorii haaraa Waarsawu keessa jiruu kennuufiff affeere, garuu Mariin ni didde, sababiinsaas Inistiitiyuutii Reediyemii kan Hagayya 1914tti xumurame irrattii fi karaa haaraa Gaabine Piyeer-Kurii jedhamee moggaafame irratti xiyyeeffachuu barbaadde. Mariin bara 1913tti Poolandi yoo deemtu Waarsawuttis simannaan godhameef garuu angaawonni Raashiyaa iddoo hin kennineefi. Guddinni Inistiitiyuutiichaa waraana dhufeen addaan cite, qorattoonni Firaansi baayyen Loltuu Firaansitti makamuuf dirqaman, inistiitiyuutichis hojiisaa bara 1919 deebi'ee jalqabe.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1.  "Marie Curie – Biography". Nobelprize.org. 4 July 1934. Retrieved 1 August 2012.
  2. "She had given a whole new area of physics its name." "The Genius of Marie Curie: The Woman Who Lit Up the World" on YouTube (a 2013 BBC documentary).
  3. See her signature, "M. Skłodowska Curie", in the infobox.
  4. Her 1911 Nobel Prize in Chemistry was granted to "Marie Sklodowska Curie" 
  5. Barbara Goldsmith (2005). Obsessive Genius: The Inner World of Marie Curie. W. W. Norton & Company. p. 149. ISBN 978-0-393-05137-7.
  6. "The Genius of Marie Curie: The Woman Who Lit Up the World" on YouTube (a 2013BBC documentary).
  7. Tadeusz Estreicher (1938). "Curie, Maria ze Skłodowskich". Polski słownik biograficzny, vol. 4 (in Polish). p. 111.
  8. "Marie Curie – Polish Girlhood (1867–1891) Part 1". American Institute of Physics. Retrieved 7 November 2011.
  9. Wojciech A. Wierzewski (21 June 2008). "Mazowieckie korzenie Marii" [Maria's Mazowsze Roots]. Gwiazda Polarna 100 (13): 16–17. Retrieved 10 September 2012.
  10. Robert William Reid (1974). Marie Curie. New American Library. p. 12.ISBN 0002115395.