Viilheelmi Roontigan

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Wilhelm Rontgen

Viilheelmi Koonraad Roontigan (Ingiliffa: Wilhelm Conrad Rontgen; Bitootessa 27 1845 - Guraandhala 10 1923) fiizisistii lammii biyya Jarmanii yoo ta'u gaafa Sadaasa 8, 1895, elektiromaagineetiik raadiyeeshinii kan amma eksi-rey (x-rays) ykn carallaa Roontigan jedhamu yeroo jalqabaatiif uumuu fi argachuu isaatini. Argannoosaa kanaafis bara 1901tti Badhaasa Noobelii argate. Kabaja argannoosaa kanaafis, bara 2004tti Tokkuummaa Addunyaalessaa kan Kemistirii (International Union of Pure and Applied Chemistry (IUPAC)) elementii 111ffaaf maqaa rontigeniyem jedhu kennuufiin Viilheelmi Roontiganitti moggaase.

Seenaasaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bakka dhaloota Roontigan kan Remscheid-Lennep jiru

Bara 1865tti, Viilheelmi Roontigan ulaagaa barataa guyyaa ta'ee barachuuf barbaachisu odoo hin guutin Yuunivarsiitii Yuutireekti galee barachuuf yaalii godhe. Erga Inistiitiyuutii Pooliiteekniikii Federaalaa kan Zuuriiik (amma ETH Zuuriik jedhama) (Federal Polytechnic Institute in Zurich) galee barachuu akka danda'u dhaga'ee booda, qormaata darbuudhan makaanikaal injineriingii barachuu jalqabe. Bara 1869tti, Yuunivarsiitii Zuurikirraa PhD dhaan eebbifame; yeroo achi turetti barataa Pirofeesar August Kundtiin baayyee jaalatamu ta'e. Roontiganis pirofeesar Kundt hordofuudhaan bara 1873tti gara Yuunivarsiitii Istiraasbergi (iddoo dhiheenya sana Jarmaniitin qabame) deeme.

Hojiisaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bara 1874 Roontigan Yuunivarsiitii Istiraasbergitti barsiisaa ta'e. Bara 1875, Roontigan Hohenheim, Württembergitti piroofeesara Akkaadaamii Qonnaa (Academy of Agriculture) ta'e. Pirofeesara fiiziksii ta'ee bara 1876 Istiraasbergitti deebi'e. Bara 1879tti, Yuunivarsiitii Giisenitti dura ta'aa fiiziksii ta'ee muudame. Bara 1888, dura ta'aa fiiziksii Yuunivarsiitii Viyuutisbuurgi ta'e, bara 1900 Yuunivarsiitii Muniikitti muudama wal fakkaataa gaaffii mootummaa Baveeriyaatin argate. Roontigan Ayoowaa USA keessaa maatii qaba ture, kanaafis yeroo tokko gara sanatti godaanuf yaadee ture. Muudama hojii Yuunivariitii Kolombiyaa kan Niwuu Yoorki jirutti fudhatee tikkeettii ittiin gara USA deemu kutee ture. Garuu Waraannii Addunyaa I waan banameef yaada isaa jijjiiree Muniik keessatti umurii isaa guutuu achitti dabarse.

Bara 1895 Roontigan meeshaa vaakiyuum tuubii adda addaa - kan Henriiish Heerzi, Wiiliiyaam Kiruuksi, Nikolaa Teslaa, fi Filiip Voon Leenaardi - yeroo dischaarjiin elektirikii isaan keessa darbu dhiibbaa (effect) isaan wantoota alaarratti fidan qorachaa ture. Sadaasa gara jalqabaa keessa, yaalii tokko irra deebi'ee tuubii Lenardiin hojjachaa ture. Tuubii Lenaardii kanatti foddaa aluuminiyeemii xiqqoo kan itti godhe yoo ta'u kunis kaatod reeyiin akka tuubii kana keessaa ba'uu danda'uf ture, garuu aluuminiyeemii sana badii humna guddaa elektiroostaatiik fiildiin dhufurraa oolchuuf kaardiboordidhaan uwwisee ture - elektiroostaatiik fiildii guddaan kaatod reeyii uumuuf barbaachisaa ture. Kaardiboordin ifni akka hin dabarre haguugee akka dhorku mirkaneesse, garuu Roontigan kaatod reyiin ijaan hin mullanne kaardiboordii baariyeem pilaatinoosaayinaayid (barium platinocyanide) dibame irratti yeroo gara foddaa aluuminiyeemi sanatti siqe ifa akka uumuu arge. Roontigan, tuubin Hittorf-Kirooks kan tuubii Lenardii caalaa fuullee yabbuu qabu, ifa kana uumuu akka danda'u yaade.  

Gaafa Sadaasa 8 1895 gara galgalaa keessa, Roontigan yaada kana eksipermentiin ilaaluuf murteesse. Of eeggannoodhaan, kaardiboordii gurraacha kan duraan Lenardi tuubii irratti itti fayyadame kan fakkaatu hojjate. Achiin booda tuubi Hiitoorfi-Kiruuksi kaardiboordii kanaan aguuge, itti aansee elektiroostaatiik chaarjii akka uumuuf elektiroodota maraa shiboo Ruumkoorfitti qabsiise. Odoo argii baariyeem pilaatinoosaayinaayid itti hin godhin dura, Roontigen aguuggaan kaardiboordii ifaa akka sirriitti dhorku ilaaluuf kutaa isaa dukkaneesse. Chaarjii shiboo maraa Ruumkoorfi (Ruhmkorff coil) tuubii keessa dabarse aguugaan kaardiboordii ifa guutuutti akka dhorku erga hubatee booda, tartiiba eksipermentii isa itti aanu gochuuf achi garagale. Yeroo kana Roontigan teessoo tuubicharraa hanga xiqqoo achi fagaatee jirurraa ifa urgufamu arge. Mirkaneessuuf, dischaarjii dabalataa yeroo baayyee godhee yoo ilaalu ifti sun yeroo hundumaa ni jira ture. Ifa qabsiisee yoo ilaalu, ifti urgufamu sun kan dhufe argii baariyeem pilaatinoosaayinaayid inni itti aansee fayyadamuuf turerraa aka dhufe arge.

Roontigan gosti ifaa sanaan dura hin beekkamne waan kana akka uume tilmaame. Sadaasni 8 guyyaa Jimaataa waan tureef, kanatti fayyadamuun guyyaa boqonnaa dhuma torbaniitti fayyadamee yaalii kana irra deebi'ee hojjatee yaadannoo jalqabaas barreesse. Torbeewwan itti aanuttti, Roontigan laabiraatorii isaa keessatti nyaachaa achuma bulaa amaloota ifa haaraa kanaa qorachaa ture. Roontigan, ifa haaraa kanaan eksi-reyii (X-ray) jechuun moggaase, kunis herregarratti gatiin hin beekkame X (afaan Ingilifaan kan eeksi jedhamee dubbifamu) waan bakka buufamus isarraa ka'eeti. Afaan baayyee keessatti, ifni haaraan kun maqaa isaatin moggaafamee "Carallaa Roontigen" (raadiyoogiraamin isaan wajjin walqabatu ammoo "Roontiganoogiraam") jedhamuun waammama.

Erga argannoo kana argatee torban lama booda, Roontigan suuraa eksi-reyii (carallaa-X) harka haadha manaasaa Aanaa Bartaa kaase. Ishiinis yeroo lafee harkashii argitu "Du'akoo ijaan argeera" jettee dubbate.

Wayita dandeettii wantoonni tokko tokko carallaa kana dhaabuuf qaban qorachaa jiruu, Roontigan leedii (lead) xiqqaa tokko odoo dischaarjiin godhamaa jiruu gara tuubichaatti fide. Roontigan yeroo kana suura raadiyoogiraafii jalqabaa arge, kunis suura lafee qaamaasaa kan argii baariyeem pilaatinoosaayinaayidi irratti mullatu ture. Booda akka inni dubbatetti, yeroo kanattan yaaliwwanan hojjatu dhoksaan hojjachuuf murteesse, sababiinsaas yoo dogoggora wayii hojjate miidhaa hojii pirofeeshinaalaa isaarratti qabu waan sodaateefi.

Peepperiin inni jalqaba maxxansiise "Ifa Haaraa Irratti" (Infiliffa: On A New Kind Of Rays Jarmaniffa: Über eine neue Art von Strahlen) gaafa Sadaasa 28 1895 maxxanfame. Amajjii 5 2896tti, gaazexaan Oostiriyaa tokko raadiyeeshinii haaran argamuusaa gabaase. Roontigan argannoo isaa kanaaf Yuunivarsiitii Viyuutisbuurgi irraa Doktora kabajaa meedisinii argate. Walumaa galatti, waa'ee eksi-reyii irratti peepperii sadi'i bara 1895 fi 1897 gidduutti maxxansiise. Harra, Roontigan abbaa raadiyooloojiin dhibee baruu (diagnostic radiology) jedhamee ilaallama, raadiyooloojiin dhibee baruun gosa fayyaa kan suuraa eeksi-reeyiitti fayyadamuun dhibeen dhukkubsataa maal akka ta'e adda baasuti.

Kuusaan peepperii Roontigan Laayibrerii Medisinii Biyyaalessaa kan Bethesda, Meeriilaandi jiru keessatti argama.

Jireenya Dhuunfaasaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Awwaala Viilhelm Roontigan kan Alter Friedhof kan Giisen jiru

Roontigan Aanaa Bartaa Ludviig kan fuudhe yoo ta'u intala tokko kan Jooseefin Bartaa Ludviig jedhamtu qaba ture. Intala kana yeroo ishiin wagga 6 bara 1887 obboleessa Aanaa irraa guddifate. Roontigan bara 1923 dhibee xannacha marrimaanitiin waggaa 77tti du'e. Xannachi marrimaanii kun sababa inni raadiyeeshinii ayoonessaa irratti hojjachaa tureef kan dhufe jedhamee hin yaaddamu sababiinsaas tokkoffaa yeroo gabaabadhaaf qofa qorannoo kana hojjate, lammaffaa Roontigan namoota ittisa leedii irraa hojjatame fayyadamaa turan keessaa kan jalqabaa ture.

Roontigan argannoo isaa kanaaf paatentii hin fudhanne, qarshii Badhaasa Noobelii irraa argates Yuunivarsiitii Viyuutisbuurgiif kenne. Qaala'aa gatii (inflation) Waraana Addunyaa Iffaatti aanee dhufeen, Roontigan jireenyasaa gara dullumaa dhaba mallaqaa keessa seene, kanaafis umurii isaa gara dhumaa keessa manasaa baadiyyaa kan Weilheim naannoo Muuniik jiru keessatti dabarse. Dhaamsa (will) isaa raawwachuuf jecha, erga inni du'ee booda xalayaawwan saayinsii kan inni namootaan wajjin walii barreessaa ture (scientific correspondence) hundi ni gubaman.

Badhaasaa fi Kabajaamuu Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bara 1901 Roontigan Badhaasa Noobelii kan fiiziksii argate. Badhaasni kun ofiseelaan "yaadannoo tajaajila olaana inni carallaa addaa maqaa isaatin moggaafame kana argachuun kenneef beekkamtii kennuuf" jedhame. Roontigan qarshii badhaasa kanarraa argate yuunivarsiitii isaatif kenne. Akkumaa Piyeer Kurii, Roontigan argannoo isaa kanaaf paatentii fudhachuu dide, sababiinsaas ilmi namaa hundi argannoo kanarraa fayyadamaa akka ta'an waan barbaadufi ture.

  • Rumford Medal (1896)
  • Matteucci Medal (1896)
  • Elliott Cresson Medal (1897)
  • Badhaasa Noobelii kan Fiiziksii (1901)
  • Sadaasa 2004 IUPAC elementii lakkoofsa 111 Roontigeniyeem (Rg) jechuun kabaja isaaf moggaase. IUPAP maqaa kana Sadaasa 2011tti fudhate.

Yaadatamuu Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Harra, Remshaat Leenep (Remscheid-Lennep) keessatti, kan Dusseldoorfirraa gara bahaatti 40 km fagaatee argamutti, manni Roontigan bara 1845 keessatti dhalate godamabaa Deutsches Röntgen-Museum jedhamu ta'ee tajaajila. Viyuutisbuurgitti, bakka inni itti eksi-reeyii argate, dhaabbanni bu'aa-malee tokko laabiraatorii isaa kan kunuunsu yoo ta'u daawwannaa gara iddoo yaaddanoo Roontiganitti godhamus ni qopheessa.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1. Novelline, Robert. Squire's Fundamentals of Radiology. Harvard University Press. 5th edition. 1997. ISBN 0-674-83339-2 p. 1.
  2. Trevert, Edward (1988). Something About X-Rays for Everybody. Madison, WI: Medical Physics Publishing Corporation. p. 4. ISBN 0-944838-05-7.
  3. Nitske, Robert W., The Life of W. C. Röntgen, Discoverer of the X-Ray, University of Arizona Press, 1971.
  4. Agar, Jon (2012). Science in the Twentieth Century and Beyond. Cambridge: Polity Press. p. 18. ISBN 978-0-7456-3469-2.
  5. Landwehr, Gottfried (1997). Hasse, A, ed. Röntgen centennial: X-rays in Natural and Life Sciences. Singapore: World Scientific. pp. 7–8. ISBN 981-02-3085-0.
  6. "Fundamental contributions to the X-ray : the three original communications on a new kind of ray / Wilhelm Conrad Röentgen, 1972 1972". National Library of Medicine.
  7. Glasser, Otto (1933). Wilhelm Conrad Röntgen and the Early History of the Roentgen Rays. London: John Bale, Sons and Danielsson, Ltd. p. 305. OCLC 220696336.
  8. Deutsches Röntgen-Museum kan www.roentgen-museum.de argamu
  9. Röntgen Memorial Site kan www.wilhelmconradroentgen.de argamu