Nikolaa Teslaa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
POTY barnstar.svg
Nikolaa Teslaa
Tesla Sarony.jpg
Ogummaa: kalaqaa, injiinera elektirikaalii, injinera makaanikii, fiizisistii
Biyya: Flag of Serbia.svg SarbiyaaFlag of the United States.svg USA
Guyyaa dhalootaa: Adoolessa 10, 1856
Bakka dhalootaa: Isimiilyen, Oostiriyaa
Guyyaa du'aa: Amajjii 7, 1943
Bakka du'aa: Niwuu Yoorki, USA

Nikolaa Teslaa (Afaan Sarbiyaatin: Никола Тесла; Adoolessa 10, 1856 - Amajjii 7, 1943tti jiraate) lammii Sarbiyaa-Ameerikaa fi kalaqaa(inventor), injiinera elektirikaalii (electrical engineer), injinera makaanikii, fi fiizisistii yoo ta'u kalaqa inni ittiin beekkamu keessaa tokko elektirikii danbali'uuni (alternating current).

Teslaan hojii elektirikii fi bilbilaa kan jalqabe gara Ameerikaatti(USA) bara 1884 Toomaas Ediseniif hojjachuuf odoo hin godaanin dura ture. Ameerikaatti odoo baayyee hin turin gargaarsaa fi waliigaltee namoota gara garaa wajjin godheen laabiraatorii qorannoo waa'ee meeshaalee elektirikii keessattii geggeessu dhaabe. Mirga paatentii motora elektirikii (AC induction motor) fi tiraanisfoormerii (transformer) kan inni qabu dhaabbanni Joorji Westiingihaawus (George Westinghouse) jedhamu eeyyama kan argate yoo ta'u, akkasumas dhaabbanni kun Teslaa akka gorsaatti elektirikii danbali'uuni (alternating current) hojjachuuf akka isaan gargaaru qacare. Dabalataanis, Teslaan, qorannoo voolteejii guddaa fi firiquweensii guddaa naannoo Niwuu Yoorki fi Koloraadoo Ispiriingisitti geggeesun kan walqunnamtii raadiyoo, qorannoo eksi-reyii (X-ray), fi mala humna elektirikii wadaroo malee (wireless transmission of electricity) ittiin tamsaasu oomishuuf isa gargaarun ni beekkama.

Bu'aawwan qorannoo gara garaa kan raajii fakkaatan kun Teslaan addunyaarratti akka beekkamu isa godhe. Teslaan, qorannoosaarraa qarshii baayyee yoo argatellee, horiisaa kana qorannoowwan gara biraa irratti balleesse. Kanarraa ka'uun bara dullumsaa keessa hoteela Niwuu yoorki Hoteel keessa kutaa 3327 kessaa jiraachaa ture; darbe darbee maxxansaalee gara garaatif yaada adda ta'e ni kennas ture. Sababaa yaada inni kennuu fi qorannoo inni geggeessuun kan ka'e, Teslaan maqaa saayintistii maraataa jedhamu kennameefi. Dhumarrattis, bara 1943 hiyyoomee fi liqaa keessaa jiraachaa turee du'e. Hojiiwwan Teslaa baayyeen sana booda dhokatanii turanillee bara 1990n keessaa kaasee beekkamtummaan isaa fi aadaa keessatti kaafamuun isaa dabale. Bara 2005tti, Teslaan Ameerikaanota Gurguddoo 100 filaman keessatti maqaan isaa dabalame.

Bara 1960tti, kabajaa fi yaadannoo Teslaatif, walgayiin General Conference on Weights and Measures for the International System of Units safartuu jabinaa human maagineetii safaruuf gargaaru teslaa jehee moggaase.

Dahloota Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Mana Teslaan keessatti dhalate, Isimiilyen, Kirooshiyaa keessa kan jiru kan lammata ijaarame, fi waldaa abbaansaa keessatti tajaajilaa ture, kan lammata ijaarame. Yeroo waraana Yugoslaav, gamoo baayyeen ibiddaan gubatee ture. Bara 2006, deebi'ee haareffamee baname.
Teslaan uffata aadaa yoo uffatu, 1880
Galmee cuuphamuu Teslaa, Waxabajjii 28 1856
Abbaa Nikolaa Teslaa, Miluutin, luba waldaa Orotodoksii mandara Isimiilyen kan ture.

Nikolaa Teslaan bara 1856tti Adoolessa 10 maatiisaa lammii Sarbiyaa ta'an irraa mandara Isimiilyen, biyya Oostiriyaa (biyya amma Kirooshiyaa jedhamtu) keessatti dhalate. Abbaan isaa, Milutin Teslaan, luba waldaa Ortodoksii Sarbiyaa turan. Haati Teslaa, Dukaa Teslaa, kan abbaan ishiis luba waldaa Ortodoksii Sarbiyaa turan, dandeettii fi kennaa meshaalee mana keessaa hojaachu fi walalooo Sarbiyiffaa dhedheera ta'an yaadachuu qabdi. Haa ta'u malee barumsa hin qabdu turte. Sanyiin maatii Teslaa Dhihaa Sarbiyaa naannoo Moonteneegrootii maddan.

Teslaan maatii isaa ijoollee shan qabaniif mucaa afraffaa ture. Obollessa angafasaa kan Deen jedhamuufi obboleeyyan durbaa Milkaa, Anjeliinaa fi Maarikaa jedhaman qaba. Obboleettiin isaa Deen balaa farda yaabbachuutin yeroo inni umuriin isaa waggaa shani duute. Namoonni tokko tokko akka jedhanitti farda dammaqsuun balaa kana kan uume Nikolaa Teslaati. Bara 1861tti, Teslaan mana barumsa sadarkaa 1ffaa mandara Isimiilyen keessa jirutti barumsa gale. Achittis Afaan Jarmanii, Herreegaa fi amantii barate.

Bara 1862tti, maatin Teslaa gara Goospiich, biyya Oostiriyaa, bakka abbaan isaa akka lubaatti tajajiltti galan. Nikolaanis barumsa sadarkaa 1ffaa fixee akkasumas barumsa giddu galeessaas fixe.

Bara 1870tti, Teslaan Kaarlovaak, Kirooshiyaatti barumsa sadraka lammaffaa xumuruuf gale; achittis barsiisaa Herreegaa Maartiin Sekuliichin baayye booji'ame. Teslaan integiraal Kaalkulesii waraqaa malee sammuudhumaa isaa keessatti hojjata ture, barsiisonni isaa garuu waan goowwoomsu itti fakkaata ture. Achittis barumsa waggaa afurii waggaa sadi'i keessatti xumuree bara 1873tti eebbifame.

Bara 1873tti, Teslaan gara mandara Isimiilyenitti deebi'e. Erga deebi'ee odoo hin turinis, dhukkuba koleeraatiin qabamee ji'aa sagaliif sireerra ciise. Yeroo baayyes inni du'a jedhamee sodaattamee ture. Abbaan Teslaa, abdii kutuun yoo inni fayyee mana barumsaa injineriingii beekkamaa akka isa galchu waadaa galeef (duraan abaan isaa akka inni luba waldaa ta'u barbaada ture).

Bara 1874tti, Teslaan dirqama loltuu waraanaa ta'uu jalaa gara Tomingaaj, naannoo Girachaakitti baqate jalaa ba'e. Achitti tulluu baayye akka adamsituuti koree yaabee arge. Teslaan ummaamaan wajjin wal arguunsaa qaamaanis ta'ee sammuun jabaataa akka isa godhe dubbata. Yeroo Tomingaaj ture kana kitaaba baayyee dubbise, boodarra yoo dubbatus barreeffamni Maark Tiween dhibee isaarraa akka fayyuuf na gargaareera jedha.

Bara 1875, Teslaan Pooliiteekniikii Oostiriyaa kan Giraaz jirutti iskoolaarshiippii waaraanatiin galmaa'e. Waggaa jalqabaa, Teslaan daree tokkollee odoo hin gubin barate, qaaphxii baayyee olaanaa ta'es fide, qormaata sagalis darbe (kunis qormaata darbuun isarraa eeggamu dachaa lamaan caala), Gumii Aadaa Sarbiyaa bane. Dabalataan xalayaa jajuu kan diinii teeknikaal faakaltiitin abbaasaaf barreeffame kan "Ilmi keessan urjii sadarkaa tokkoffaa ti" jedhu argate. Teslaan halkan keessaa sa'aatii 9 hanga galgala keessaa sa'aatii 5tti, Dilbataa fi guyyaa ayyaanaa dabalatee, hojjachaa (dubbisaa) akka ture dubbata. Yeroo abbaansaa milkii fi kabaja inni dhamaatii guddaadhan argate kana harkatti busheessu Teslaan baayyee qaaneffate. Erga abbaasaa bara 1879tti du'ee booda, Teslaan xalayaa hidhaa tokko kan pirofeesaroonni Teslaa abaasaaf barreessan argate. Xalayaan kunis, Teslaan yeroo barumsa akka addaan kutu yoo godhamuu baate garmalee hojjachuurraan kan ka'e akka du'u dubbata. Waggaa lammaffaarratti, Teslaan pirofeesar Poeschl wajjin waa'ee Gramme dynamo irratti wal dhabe; sabaabiin wal dhabdees Teslaan "Gramme dynamo"f komuteeteriin(commutators) barbaachisaa miti waan jedheefi. Dhuma waggaa lammaffaarratti, Teslaarraa iskolaarshiippiin isaa irraa fudhatame; innis araada qarshiidhaan taba tabachuu(gambling) keessa seene. Waggaa sadaffaatti, Teslaan qarshii isaaf kennamee fi kaffaltii mana barumsaa tabaan nyaachisee fixe. Boodarra garuu deebisee qarshii isaa amma tokko nyaatee maatii isaattii deebisee kenne. Teslaan yeroo dubbatu "dharraa koo gara dhabaa gaafasii fi achittan moo'adhe" jedha; ta'us erga gara USA dhaqeeyis taba biiliyaardis jedhamu ni tabata ture. Gaafa yeroon ga'u, Teslaan waan hin qophoofneef yeroon barnootaa akka isaa dheereffamuuf gaafate, garuu hin didame. Kanaafuu, semisteera dhumaarratti qabxii (grade) hin argannee; yuunivarsiitiicharraayis hin eebbifamne.

Mudde 1878 keessa, Teslaan Giraaz gadi lakkisee deemee, walqunnamtii maatiisaa wajjin qabu addaan kute; kunis barumsaa dhiisuusaa (addaan kutuusaa) dhoksuuf ture. Hiriyoonni isaa Laga Murtu isa nyaate jedhanii yaadaa turan. Teslaan gara Mariibor(amma Isloveeniyaa keessa kan jiru) deeme, achitti akka diraaftismaanitti ji'atti florins 60n hojjachaa ture. Yeroo boqonnaasaammoo jiraattoota wajjin karaarratti kaardii tabachuun dabarsa ture. Bitootessa 1879 keessa, abbaan Teslaa Miluutin Teslaa mucaansaa gara qe'eetti akka deebi'uuf kadhachuuf gara Maribor dhaqe, garuu Teslaan hin dide. Naannodhuma kan keessa kana Teslaa dhibeen sammuu isa mudate.

Teslaan yeroo umuriinsaa 23, 1879

Gaafa Bitootessa 24 1879, Teslaan eeyyama jireenyaa waan hin qabneef, poolisiin hooffamee gara Gospiichtti deebie. Gaafa Ebla 17, 1879, abaansaa Milutin Teslaan umuriisaa waggaa 60tti dhibee hin beekkamneen qabamee du'e. Bara sana, mana barumsaasaa durii kan Higher Real Gymnasium jedhamutti, Teslaan barattoota daree baayyee barsisaa ture.

Amajjii 1880, wasiilli Teslaa lama qarshii walitti buusanii Teslaan gara Piraag deemee akka baratu ergan. Carraa dhabeessa ta'ee, yeroo inni Yuunivarsiitii Chaarles-Ferdinaand ga'u, yeroon galmee darbee ture. Kana malees, Afaan Giriik kan barbaachisaa ture hin baranne; Afaan Cheekis dubbisuu fi barreessuu hin danda'u ture, garuu yuunivarsitiichaaf barbaachisaa ture. Haa ta'u malee, Teslaan daree seenee barachaa ture, akka yaaliitti, garuu qabxii itti hin arganne.

Bara 1881, Teslaan Ferenc Puskas jalatti, kaampaanii Budaappesti Telefoon Eksicheenji(Budapest Telephone Exchange) jedhamuu, kan tajaajila bilbila kennuuf hojjachuuf, gara Budaappesti deeme. Erga achi ga'ee booda, Teslaan kaampaaniin kun ijaarsarra akka jiruu fi hojii kan hin jalqabin ta'uu hubate. Kanaafuu akka diraaftismaaniitti Central Telegraph Officetti hojjacha ture. Ji'a muraasa booda, kaampaanichi hojii waan jalqabeef, Teslaanis gita hojii elektirishaanitiin hojjachuu jalqabe. Yeroo kana, Teslaan meeshaalee sentiraal isteeshinii (central station) baayyee fooyyesse; rippiiterii bilbilaa (telephone repeater) ykn ampilifaayeerii (amplifier) akka qajeeltotti akka hojjatu akka godhe dubbata. Kanaaf garuu paatentii itti hin arganne ykn ifatti hin wanti ibsame hin jiru.

Ediiseniif Hojjachuusaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bara 1882, Teslaan Continental Edison Company kan Firaansi jiruutti hojjachuu jalqabe; hojiinsaas meeshaalee eleektriikii saxaxuu fi fooyyesuu ture. Bara 1884tti, gara Niwuu Yoorkitti godaane; achittis Toomaas Ediseniin Hojii Maashinii Edisen (Edison Machine Works) akka hojjatuuf qacaramee. Tajaajilli Teslaan Ediiseeniif kennu hojii elektrikaal injineeringii salphaadhan kan jalqabe yoo ta'u yeroo gabaabaa keessatti gara rakkoowwan gurguddaaf fala barbaadutti guddate.  

Teslaan jenereeteroota DC kan Kaampaanii Edisen (Edison Company) guutumaan guutuutti akka haaraatti akka saxaxuuf haffeerran godhameef. Bara 1885tti, Teslaanis jenereeteroota fi motoroota Edisen kan duraanii akka haaraatti saxaxuu akka danda'uu fi tajaajila isaanii fi bu'aa qabeessa ta'u isaanii akka fooyyessu dubbate. Akka Teslaan jedhetti, Ediisen "Yoo kana gochuu dandeesse doolaara kuma shantama argatta" jedhee waadaa galeefi - jechi kuni garuu kaampaanii Edisen kan kaffaltiirratti baayyee waakkatuu fi kan qarshii amma kana baayyatu hin qabneef adda ture. Dhamaatii ji'a baayyee booda, Teslaan hojii kana hojjatee fixe; itti aansee kaffaltii isaaf waadaa galame gaafate. Ediseen garuu jechi sun qoosaa akka ture dubbachaa "Teslaa, ati qoosaa warra Ameerikaa kana hin barre" jedheen. Bakka sana, Edisen Teslaadhaafa kaffaltii isaa kan torbanii kan $18 ture irraatti $10 dabaluufiif yaada dhiyeesse. Teslaan yaada kana diduudhaan hojii isaas gadi lakkisee baye.  

Umurii Giddu-galeessatti (1886–1899)[edit | Lakkaddaa gulaali]

Erga Kaampaanii Edisen gadi lakkisee bayee booda, Teslaan namoota bizinesii lama wajjin bara 1886tti waliin hojjachuuf walii galan; jarri lamaan kun qarshii barbaachisuu dhiyeessanii kaampaanii ifa elektriikii kan maqaa isaatin moggaafame kan Ifa Elektirikii fi Warshaa Teslaa (Tesla Electric Light & Manufacturing) jedhamu dhaabuf murteessan. Kaampaaniin kunis ifa aarkii eleektriiki irratti hundaa'e kan Teeslaan saxaxee dhaabuu jalqabe. Dabalataanis motoroota humna elektriikiitiin hojjatanis saxaxa isaa qaba ture. Paatentiin(patent) jalqaba Teslaadhaaf USA keessatti kennameef kana ture.   

Investeroonni kun yaada motoroota haaraa fi mala ittiin humna elekriikii dabarsan haaraa kan Teslaan kalaquuf yaade baayyee hin fudhanne. Irra caalaa, isaan waan haaraa uumuurraa elektiriikii ummataaf dhiyeessuu wayya jedhanii yaadu turan. Dhumarratti, Teslaa dhiibanii akka inni kaampanicha keessaa ba'u godhanii harka duwwaa hambisan. Sirumayyuu paatentii isaallee fudhatama kaampaanichaa dabaluuf jecha maqaa kaampaanichaan waan galmeesseef hin dhabe. Teslaan sana booda hojii eleektriika suphuu adda addaa hojaachuuf dirqame, keessa darbee guyyaatti $2n boolla qotuulle hojjate. Teslaan gana bara 1886/1887 yeroo "mataa bo'aa hamaa fi boo'icha hadhaawaa" jedhee ibsa. Yeroo kana, Teslaan faayidaan barumsa koo maali jedhee of gaafata ture.   

AC fi Motora Indaakshinii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Suura kaafamaa Paatentii 381, 1968 irraa, kan piriinsippilii motorri indaakshinii Teslaa kan karantii dambali'uun hojjatuu ibsu.

Bara 1886 gara dhumaa, Teslaan Alfireed Biraawun, suupper intendentii Westerni Yuuniyeen (Western Union) fi abukaatoo Niwuu Yoorki Chaarles Peekin wal bare. Jarri lamaan kaampaanii dhaabuu fi kalaqa fi paatentii bu'adhaaf beeksisuurratti muuxannoo kan qaban turan. Paatentii Teslaarrattiifii yaada dabalataarratti hundaa'un Teslaa maallaqaan deeggaruufii paatentii isaa too'achuuf walii galan. Waliin, Ebla 1887tti Teslaa Elektriiki Kaampaanii(Tesla Electric Company) dhaaban. Bu'aan kaampaanii kanarraa argamus 1/3 Teslaadhaaf, 1/3 Peek fi Biraawun, fi 1/3 ammoo guddinaaf akka ooluuf walii galan. Teslaadhaafis laabraatorii Manaataanitti dhaabaniif; achittis Teslaan motora eleektriikii, jenereeterii, fi meeshaawwan biraa fooyyessuu fi haaraa kalaquurratti xiyyeeffate hojjata ture.   

Wantoota Teslaan laabraatorii kana keessatti kalaqe keessaa tokko motora indaakshinii kan elektirikii danbali'uuni hojjatu isa tokko. Elektirikiin danbali'uu, sirna anniisaa lafa fagootti tamsaasuuf mijatu waan ta'eef, Yuurooppi fi USA keessatti ijaarramaa ture. Motorri indaakshinii kun karantii pooliifeezii (polyphase current) kan maagineetiik fiildii naannawu uumuun motoricha naannessa (yaada kana Teslaan bara 1882tti akka burqisiise dubbata). Motora eleektriikii kalaqa cimaa ta'e kanatti Teslaan paatentii ji'a Caamsaa 1888tti itti argate. Motorri kun saxaxa ofumaaf naanna'uu jalqabuu fi kan komutaaterii hin qabne ture; kunis qaanqeen (spark) akka hin ummamne waan godhuuf suphaa yeroo yeroodhan barbaachisa ture hambise.   

Bara 1888, gulaalaa magaazina Electrical World kan ta'e Toomaas Komerford Maartin (hiriyasaa fi ummatatii kan beeksiisuun beekkamu), Teslaan hojiisaa karantii danbali'uu, indaakshin motoriis dabalatee, Inistiitiyuutii Elektirikaal Injineroota Ameerikaa (American Institute of Electrical Engineers (amma IEEE)) irratti akka ummatatti agarsiisuuf qindeesseef. Injineroonni Kaampaanii Elektirikii fi Warshaa Westiingihaawus hojjatan Joorji Westiingihaawusitti Teslaan motora AC sirna humnaa isa wajjin walqabatu kan sirriitti hojjatu akka qabu itti himan — Westiingihaawus pateentii waan akkasii argachuuf dhama'aa ture. Westiingihaawus paatentii walfakkaataa indaakshin motorii maagineetiik fiildii naanna'uu komiteeterii-maleessa ta'e kan fizisistii Xaaliyaanii Galiiliyoo Feraaris bara 1988 maxxanse baase irratti paatentii fudhachuu barbaadee ture garuu paatentiin Teslaa gabaa akka too'aatu tilmaame.    

Maashinii AC Dinaamoo-elektirikii (jenereeterii elektirikii AC) kan Nikolaa Teslaa, kan Paatentii 390,721 bara 1888 irra jiru.

Adoolessa 1888, Biraawun fi Peek waliigaltee Joorji Westiingihaawus wajjin saxaxa motora indaakshinii fi tiraanisfoormerii Teslaatif kaffaltii fi aksiyoonaa $60,000 baasu fi motorri tokkoonsaa humna-fardaa tokko oomisheef kaffaltii fayyadamaa (royalty) $2.50 akka kennan walii galan. Westiingihaawus dabalataan Teslaa miindaa ji'aa guddaadhan $2,000 ($52,000 qarshii ammaatti) waggaa tokkoof mindeesse; kunis Teslaan gorsaa ta'ee Kaampaanii Elektirikii fi Warshaa Westiingihaawus jalatti laabiraatorii Piitisbargi keessatti akka hojjatuuf ture.    

Waggaa sana keessa, Teslaan Piitisbargitti keessatti, karantii dambali'u kan konkolaataa magaalatiif (streetcars) anniisaa kennu uumuu irratti hojjachaa ture. Yeroo achi keessa turetti, sababa mormii humna AC tooftaan baayeessi ittiin oomishan kami jedhurratti injineroota Westiingihaawus fi isa gidduu tureef turmaata isaatti hin gammadne ture. Isaan gidduutti, sirna karantii AC marsaa 60 qabu (60-cycle) kan Teslaan dhiyeesserratti waliigalan, kunis ammamtaa motora Teslaa wajjin tokko akka ta'uuf ture. Garuu, odoo hin turin motorri indaakshinii kan Teslaan kalaqe saffisa seranaan waan deemuuf, konkolaataa magaalaatiif akka hin hojjanne baran. Bakkasaa motora tiraakshinii DC (DCtraction motor) fayyadaman.    

Waraana Karantii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Hojiin Teslaan karantii dambali'urratti hojjate, Teslaa "waraana karantii" jedhamu keessatti garee "AC" jala isa galche. Waraanni karantii kun Toomaas Edisenii fi Joorji Westiingihaawus gidduutti elektirkii kan isaanii fudhatamaa akka ta'uuf kan isaan godhan ture. Paatentiin Teslaa, paatentiiwwan kanneen biroo kan Westiingihaawus bite ykn kalaqe wajjin, Westiingihaawus sirna anniisaa AC kan sirna anniisaa DC Toomaas Edisen oomishu wajjin wal morku hojjachuu dandeessise.

Bara 1893, Joorji Westiingihaawus caalbaasii World's Columbian Exposition kan bara 1893 Chikaagotti geggeeffameef elektirikii dhiyeessuu moo'ate, kunis AC fayyadamuun kan dhiyaatu yoo ta'u caalbaasii kanarratti aannisaa DC Edisen mo'atan ture. Kunis seenaa AC keessatti kun waan ijoo ture, sababiinsaas Westiingihaawus ummata Ameerikaatti karantiin dambali'u namarraan balaa kan hin geesifne, amansiisaa, fi ta'uu agarsiise. Columbian Exposition kanatti, Teslaan galtee elektirikii kan sana dura Yuurooppii fi ameerikaa keessatti hojjatamaa ture agarsiise, kan keessaa tokko AC voolteejii guddaa ammamtaa guddaa qabuun ampuulii gaaz-dischaarji wadaroo-maleessaa ta'e akka ifu gochuu ture. Namni laale tokko akkana jedhe:

Kutaa sana keessa tirii pilaastikii irraa hojjatamee fi tiinidhaan gubbaan dibame lamatu ture. Titiin kun lamaan fiitii 15 addaa fagaatu ture, akka moggaa (terminal) shiboo gara tiraanisfoormerii irraa dhufuutti tajaajilu ture. Yeroo karantiin akka yaa'u godhamu, ampuulonni shiboon wayiitinuu elektrikiitti hin qabanne, garuu minjaalarra tirii lamaan gidduu taa'aa jiran, kan harkaan baatamanii kutaa san keessa eessayyuu geeffamuu danda'an, ifuu jalqaban. Yaalin kunii fi meeshaalen kun waggaa laam dura Landanitti yeroo Teslaan agarsiisu "ajaa'ibsiifannaa fi dinqisiifannaa guddaa uuman".

Teslaan piriinsipillii maagineetiik fiildii naanna'uu fi indaakshin motorii ibse, kanas meeshaa hanqaaquu kolombos jedhamutti fayyadamee hanqaaquun koopparii moggaa tokkoon akka dhaabatugochuun agarsiise.   

Bara 1892tti, Kaampaanin Ediisen Jeneraal Elektiriikiiitti, kan hojii adda addaarratti hirmaatutti, nama maallaqa dhiyeesu (financer) J. P. Morgaanin makame. Kaampaanii haaran kun (gara humna ACtti jijjiiramuun) Elektrikii Westiingihaawus wajjin falmii paatentii fi Westiingihaawus of jala galchuuf yaalii gochuu jalqabe. Paatentii waliin qooddachuuf kaampaanonnii lamaan waliigaltee bara 1896 mallatteessaniyyuu Westiingihaawus falmii diinagdee sanarraan kan ka'een hirrinni maallaqaa isa mudate. Liqaa dabalataa argachuuf Westiingihaawus paatentii Teslaa irra deebi'ee laalun dirqama itti ta'e, sababiinsaas baankonnii paatentiin kun kaampanichaaf hidhaa diinagdee itti ta'a jedhanii yaadu turan (yeroo sanatti Westiingihaawus Teslaa, Biraawunii fi Peekif kaffaltii fayyadama kalaqaaf naannoo $200,000 kaffalee ture). Bara 1897tti, Westiingihaawus Teslaatti rakkina diinagdee jiru ifatti itti hime, yoo duraan ture akkaata duraa sanaan itti fufe Teslaan Elektirikii Westiingihaawus isa harkaa waan bahuuf Teslaan kaffaltii fayyadamaa fudhachuuf warra baankii wajjin qabsaawuu akka qabu itti himame. Westiingihaawus Teslaan kaampaanii isaa kaffaltii fayyadama kalaqaa kan paatentii AC Teslaa akka dhiisu amansiise, bakkasaa Elektikiin Westiingihaawus ampuulii dimshaashatti $216,000 baasu irraa bituuf walii gale. Kunis Westiingihaawus kaffaltii guddaa fayydama kalaqaa kan humna-fardaa tokkoof $2.50 ta'e sana, kan karantii dambali'u baayyee fudhatama argachaa waan dhufeef maallqa guddaa ta'uuf ture, irraa bilisa ba'e.

Lammummaa Ameerikaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Adoolessa 30 1891tti, umurii 35tti, Teslaan lammummaa USA argate, Laabiraatorii South Fifth Avenue laboratory dhaabe, boodarra laabiraatorii kan biraa 6 E. Houston Street, in Niwuu Yoorkitti dhaabe. Teslaan iddoo lachanittuu ampuulii elektirikii wadaroo odoo hin fayyadmanin ibsa ture, kanaanis anniisaa wadaroo-malee dabarsuuf abdiin akka jiru agarsiise. Baruma sana, meeshaa kooyilii Teslaa jedhamuutti paatentii fudhate.

Teslaan akka hoogganaa ittaaanaa Inistiitiyuutii Elektirikaal Injinerootaa Ameerikaa ta'ee bara 1892 hanga 1894tti hojjateera. Dhaabni kun dhaabbata amma IEEE jedhamuuf ka'umsa (Inistiitiyuutii Injineroota Raadiyoo waliin) ture.

Yaalii eksi-reyii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Eksi-reyii harkaa kan Teslaan kaase

Bara 1894 jalqabee, Teslaan kan inni gosa anniisaa hin mullanne jedhee waamu qorachuu jalqabe; kunis yaaliisaa isa darberratti fiilmiin laabiraatoriisaa keessa jiru akka bade (gubate) waan argee fi. Kunis boodarra Roontigen reyi ykn eksi-reyii jedhamee adda baafame. Yaalin jalqabaa Teslaan naannoo kanarratti hojjate tuubii kiruuksii, dischaarjii elektirikii kaatodii qorraadhaan ture. Sana booda odoo hin turin, qorannoon Teslaa jalqabaa baayyen —ilaallata kalaqaa, saxaxa, yaadannoo, daataa laabiraatorii, meesaa, suuraa kan dimshaashatti naannoo $50,00 baasanii fi dhibbaa olitti lakkaawwaman— ibiddaa laabiratoorii 5th Avenue laboratory keessatti ka'een gubate, bara 1895tti. Teslaan kana ilaalchisee "Amma gadda guddaa keessa waanan jiruuf dubbachuuyyuu hin danda'u. Maalan jedha?" akka jedhe Za Niwuu Yoorki Taayimsi (The New York Times) gabaase ture. Teslaan odoo hin yaadin suuraa eksi-reyii (odoo Viilheelmi Roontigen bara 1895 eksi-reyii argachuusaa hin beeksisin torban muraasa dura) yeroo Geissler tube, dischaarji tuubii gaazii kan duraa, akka madda ifatti fayyadamee Maarki Tiween suura kaasuuf yaalu suura eksi-reyii kaase. Suurri fiilmirratti kaafame sibiila leensii kaameraarraa jiru qofa ture.

Bitootessa 1896, erga Viilheelmi Roontigan akka eksi-reyii fi eksi-reyiin suura kaasuu (raadiyoogiraafii) argate dhagayee booda, Teslaan qorannoo eksi-reyiin suura kaasuu kan mataasaa hojjachuu jalqabe, kanaafis vaakiyuum tuubii anniisaa guddaa moggaa (terminal) tokkoo qofa qabu, kan elektiroodii hin qabnee fi kan baha kooyilii Teslaarraa dhufuun hojjatu kan mataasaa saxaxee uume (jechi ammayyaa kan wanta meeshan kun uumu ibsuuf fayyadamnu bremsstrahlung ykn braking radiation dha). Qorannoo isaa keessatti, Teslaan karaa ittiin eksi-reyii uumaan adda addaa haaraa uume. Teslaan, sarkiyuutii isaatti fayyadamuun "meeshlen eksi-reyii... reyii Roontigan kan humni isaa meeshaalee baramaan baayyee caalu oomishuu nama dandessisiisa" jedhee amana.

Teslaan balaa sarkiyuutiinsaa fi meeshaale eksi-reyii noodii-tokkoo uumman irratti hojjachuun qabu hubate. Qorannoosaa jalqabaa kanarratti yaadannoo isaa baayyerratti, miidhama gogaa qaamasaa kan uume waan adda addatti qabsiise. Jalqaba miidhaan gogaasaarraa kun carallaa Roontiganiin kan dhufe miti jedhee amana ture, garuu yeroo eksi-reyiin gogaa tuqu ozoonii uummamutu fida, amma tokko ammoo naayitiras asidiitu fida jedhee amana ture. Teslaan dogoggoraan eksi-reyiin dambalii loogiitiyuuditi jedhee amana ture, kunis akkuma dambalii pilaazmaa keessatti uummamuu jechuu dha. Dambaliin pilaazmaa kun maagineetiik fiildii humna-maleessaa keessatti uummamu danda'a.

Adoolessa 11 1934, New York Herald Tribune barruu waa'ee Teslaa irratti maxxanse, kana keessatti yeroo Teslaan vaakiyuum tuubii elektiroodii-tokkoo irratti yaalii hojjatu waan wayita baayye isa muudate yaaddate; paartikilii xiqqoon kaatodiirraa cabdee, tuubii keessaa baatee, Teslaa rukutti ture. Teslaan "bakka itti wanti kun qaamaa seenetti dhukkubbii akka hiddaa fakkaatu, karaa ittiin qaama keessa ba'es akkasuma. Paartikiliin kun yeroo cabaa sibiilaa kan "rasaasa elektirikii" furguffameen wal dorgomsiifamu, Teslaan "paartikiloonni humna ifaa kallatti qabuu kana keessa jiran ... paartikiloota sana caala saffisaan deemu ... fi tuuta'insaan waliin deemu".

Raadiyoo[edit | Lakkaddaa gulaali]

Agarsiisa wadaroo-malee humnaa fi anniisaa dabarsuu kan bara 1891 yeroo barnoota ammamtaa guddaa if poteenshiyaalii irratti kennu geggeesse.

Tiyoorin Teslaa kan dambalii raadiyootin tamsaasuun akka danda'amu ibsu barnoota gabaabaa (lecture) fi agarsiisa bara 1893 Seenti Luwiis, Mizuuirii, Inistiitiyuutii Firankiliin kan Filaadelfiyaa, Pensilvaaniyaa fi Dhaabbata Ifa Elektirkii Biyyaalessaa (National Electric Light Association) keessatti kennenn jalqaba. Agarsiisnii fi piriinsippiliin Teslaa meeshaalee sabqunnamtii adda addaatin baayye barreeffamee ture. Meshaalee baayyeen kan akka kooyilii Teslaa raadiyoo guddisuu keessatti baayyee tajaajilarra oole.

Yaalin dambalii raadiyoo irratti Teslaan bara 1896 godhe, bakka inni jiraachaa ture Hoteela Gerlaach (boodarra Gamoo Dambalii Raadiyoo jedhamee moggaafame) keessatti godhame.

Bara 1898, Teslaan bidiruu raadiyoon-too'atamtu (paatentii US 613,809) agarsiise.

Bara 1898, Teslaan bidiruu raadiyoon too'atamtu ummatatti ekzibiishinii elektirikaalii kan Medisen Isquweer Gaardenitti geggeeffamerratti agarsiise — maqaasaa teelee-otomeeshin jedheen. Ummanni agarsiisa Teslaa kan laale waa'e akkamitti akka bidiruun sun hojjattuu irratti yaada dhugaarraa fagaate kan akka maajikii, telepaazii, jaldeessa hoofuu leenji'ee kan bidiritti keessa dhokateen hooffamaa jirti jedhee dubbata ture. Teslaan yaada kana waraaran USAttii akka torpeedoo raadiyoon-too'atamtuutti itti gurguruuf yaale, garuu isaan fedhii xiqqaa agarsiisan. Fagoodhaa raadiyoon too'achuun hanga Waraana Addunyaa I fi sana boodaatti waan haaraa ta'ee ture, sana booda garuu biyyoonni baayyeen sagantaa waraanaa keessatti itti fayyadamuu jalqabana. Teslaan carraa kanatti fayyadamuun haasaa walgayii Gumii Daldalaa Chikaagoo keessatti godhamerratti "teelee-otoomaatiksi" agarsiise, kunis Caamsaa 13 1899 yeroo gara Koloraadoo Ispiriingisitti deemaa turetti ture.

1900tti, Teslaan paatentii "tooftaa ittiin anniisaa elektirkii tamsaasan" fi "tamsaasaa elektirkii" fudhate. Yeroo Guliyeelmoo Maarkooniin bara 1901tti tamsaasa raadiyoo atilaantikiirra kan jalqabaa ta'e geggeessu, Teslaan paatentii koo 17 fayyadameeti hojjate jedhe dubbate. Kunis jalqaba falmii waggaa baayyee fudhatee fi kan paatentii raadiyoo irraatti godhamee ta'e. Bara 1903tti paatentiin Teslaa yoo kabajamuuf, bara 1904tti ammaoo kuni garagalfamee Maarkoniidhaa murteeffame. 1943tti, manni murtii olaanaan USA mirga paatentiwwan Teslaa, Oliiver Loojii, fi Joon Istoone deebise murteesseef. Manni murtii murtiin isaanii kun Maarkooniin "ani nama jalqaba raadiyoo tamsaasee" jedhurratti dhiibbaa akka hin fidne, garuu Maarkooniin paatentii tokko tokkorratti abbummaan Maarkoonin dhiyeessu kan mormisiisu waan ta'eef, paatentiiwwan sun na jalaa tuqaman jedhee iyyachuu hin danda'u (Kaampaaniin Maarkoonii Waraana Addunyaa I irraatti gaaffii mirgaa mootummaa USA irratti dhiyeessee ture, paatentii Teslaa kan duraanii deebisuun gaaffii kana bu'uura dhabsiisuuf godhame kan jedhan ni jiru).

Koloraadoo Ispiriingis[edit | Lakkaddaa gulaali]

Teslaan laabiraatorii Kolaraadoo Ispiriingis keessa yeroo taa'uu fi "Magnifying transmitter" isaa vooltii miliyoona ta'u fi aarkii meetira 7 dheeratu yeroo uumu.
An experiment in Colorado Springs. This bank of lights is receiving power by means of electrodynamic induction from an oscillator 100 feet (30 m) from the bulbs
A Colorado Springs experiment: here a grounded tuned coil in resonance with a distant transmitter illuminates a light near the bottom of the picture.

Caamsaa 17 1899, Teslaan Koloraadoo ispiriingisitti gale, achittii kutaa yaalii voolteejii-guddaa, ammamtaa-gudaa keessatti geggeessu qaba ture; laabiraatoriin isaa naannoo karaa Foot fi karaa Kiyoowaa jira ture. Naannoo kana kan filateef, naannoo kanatti karantiin dambali'u kan pooliifeezii ta'e hojiirraa oolee waan turee fi hiriyoota anniisaa inni barbaade hunda kafaltii malee isaaf kennuuf murteessan achii waan qabuuf ture. Achi akkuma ga'een, Teslaan gabaastotaan yaalii telegiraafii wadaroo-maleessaa geggeessaa akka jiru, kanaanis asattoo Paayiksi Piikii irraa Paarisitti ergaa akka jiru dubbate. Kitaabni bara 1978 ba'e kan Colorado Springs Notes, 1899–1900 jedhamu ibsa yaalii Teslaan godhaa turee qaba.

Fudhattoota (receiver) isaa fayyadamuun asattoo bakakkaa ilaalun Teslaan elektirikummaa atimosferii qorate. Teslaan yeroo kana dambalii hin sochoone (stationary waves) akka arge dubbate. Fageenyaa guddaanii fi amalli wanti bakakkaa guddaarraa argaa jiruu kun, amantii Teslaan dacheen ammamtaa rizonaantii qabdi jedhu mirkaneesseef.

Teslaan bakakkaa namtolchee uume(dischaarjii vooltii milyoonatti lakkaawwamu qabuu fi dheerina hanga fiitii 135 ta'u qabu). Sagaleen bakakkaa namtolchee kanarraa ba'e maayilii 15 fagaatee kan jiru Kiriippil Kiriik, Kolaraadotti ni dhaga'ama ture. Namoonni karaarra deemaa turan qaanqee miilaasaanii fi lafa gidduu utaalu argu ture. Qaanqeen ujummoo bishaanii yeroo tuqan ni ummama ture. Ampuulin laabiraatorii kanarraa hanga fiitii 100 fagaatee argamu hundi oduma dhaamee jiruuyyuu ni ifa ture. Fardeen dallaa fardaa keessa jiran kophee sibiilaa lukasaanirra jirurraa shookii elektriki waan isaan tuquuf dallaasaanii keessaa utaalanii ba'u. Billaachi elektirikiin ifte, wanti geengoo fakkaatu gubbaa koochoo ishiirraa ifa ture.

Yaalii hojachaa odoo jiruu, Teslaan odoo hin beekin jenereeterii humna elektrikii maddisiisu miidhee elektirikiin akka badu godhe. Adoolessa 1917, maaltu akka uummame yeroo The Electrical Experimenter irratti ibsu: "Akka fakkeenya anniisaa ammamtaa guddaa kan kiilowaatii dhibba baayyee ta'u yeroo gadi lakkifame, dinaamoon maddaa elektrikii maayilii 6 fagaatee argamu keessa jiru yeroo baayyee irra deddeebi'ee gubate, kunis sababa karantii ammamtaa guddaa qabu isaan keessatti uummameef ture, karantiin kunis qaanqee guddaan maraa shiboo gidduutti uumee pilaastikii isaan aguugee jiru gube".

Yeroo laabii isaa keessa ture, asattoo adda ta'e fudhattuu isaarraatti arge, kanas walqunnamtii pilaaneetii birarraa dhufe jedhee murteesse. Teslaan kanas xalayaa Mudde 8 1899tti gabaasaa Juuliyaan Haawutoornii kan Philadelphia North American keessa hojjatuu barreesserrattii fi xalayaa waa'ee argannoo jaarraa haaraa keessatti argamuu danda'an odeessu kan Mudde 1900tti Dhaabbata Qaxxaamura Diimaatiif barreesserratti "ergaa addunyaa biraarraa dhufe" kan "1...2...3..." jedhu jedhee ibse. Gabaastonni kana seenaa guddaa godhanii waan ilaalaniif Teslaan asattoo Maarsiirraa dhufe dhaga'aa jira jechuun dubbatan. Asattoo dhaga'e kanarratti baballisuun gaafa Gurraandhala 9 1901tti barruu Collier's Weekly article irratti mata duree "Pilaaneetota wajjin haasa'uu" jalatti yoo ibsu jalqaba asattoo beekumsaan too'atamaa jiru akkan dhaga'aa jiru battalumaatti ifa naa hin taane ture, asattoon kun Maarsii, Veenusii, ykn pilaanetota biraarraa dhufuu danda'a. Asattoo Teslaan dhaga'e kana ibsuuf yaadni adda addaa ka'eera. Teslaan yaalii Maarkoonin Yuurooppitti Adooleessa 1899 geggeessee ture fudhattuu isaarratti arge — Maarkoonin yaalii galaanarraaf qubee S (tuqaa/tuqaa/tuqaa) tamsaasee ture, kunis asattoo Teslaan Koloraadoo keessatti dhaga'e wajjin tokko— ykn asattoo yaalii tamsaasa wadaroo-maleee namani biraa godhaa jiru dhaga'e kan jedhu ture.

1899 keessa, Joon Jaakoob Astor IV doolaara $100,000 Teslaan akka sirna bakakkaa duraanii akka fooyyessuu fi haaraa akka hojjatuuf investii godhe. Teslaan qarshii kana yaalii Koloraadoo Ispiriingisitti hojjatuuf itti fayyadame.

Amajjii 7 1900tti, Teslan Koloraadoo Ispiriingis gadlakkisee deeme.Laabinsaa 1904tti diiggame, waggaa lama booda qabeenyi achi keessa tures liqaa kaffaluuf jecha gurgurame.

Yaalin Teslaan Koloraadotti godhe telekoominikeeshinii qaxxaamura-atilaantiki wadaroo-malee kan Wardenclyffe jedhamu naannoo Shoreham, Loong Islanditti akka dhaabuuf isa qopheesse.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1.  Jonnes, Jill (2004). Empires of Light: Edison, Tesla, Westinghouse, and the Race to Electrify the World. Random House. ISBN 978-0-375-75884-3.
  2. Burgan, Michael (2009). Nikola Tesla: Inventor, Electrical Engineer. Mankato, Minnesota: Capstone. p. 9. ISBN 978-0-7565-4086-9.
  3. "Electrical pioneer Tesla honoured". BBC News. 10 July 2006. Retrieved 20 May 2013.
  4. "Nikola Tesla". History Channel. Retrieved 15 June 2014. "Serbian-American engineer and physicist Nikola Tesla (1856–1943) made dozens of breakthroughs in the production, transmission and application of electric power."
  5. "Tesla, Nikola"Encyclopædia Britannica. Retrieved 7 June 2014.
  6. Laplante, Phillip A. (1999). Comprehensive Dictionary of Electrical Engineering 1999. Springer. p. 635.
  7. "Tesla Tower in Shoreham Long Island (1901–1917) meant to be the "World Wireless" Broadcasting system". Tesla Memorial Society of New York. Retrieved 3 June 2012.
  8. Cheney, Margaret (2001). Tesla: Man Out of Time. Simon & Schuster. ISBN 0-7432-1536-2.
  9. O'Shei, Tim (2008). Marconi and Tesla: Pioneers of Radio Communication. MyReportLinks.com Books. p. 106. ISBN 978-1-59845-076-7.
  10. "Welcome to the Tesla Memorial Society of New York Website". Tesla Memorial Society of New York. Retrieved 3 June 2012.

Kitaabota[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1. Seifer, Marc J (2001). Wizard: the life and times of Nikola Tesla: biography of a genius. Citadel. ISBN 978-0-8065-1960-9.
  2. O'Neill, John J (2007). Prodigal Genius: The Life of Nikola Tesla. Book Tree. ISBN 978-1-60206-743-1.
  3. Cheney, Margaret (2001) [1981]. Tesla: Man Out of Time. Simon and Schuster. ISBN 978-0-7432-1536-7.
  4. Cheney, Margaret; Uth, Robert; Glenn, Jim (1999). Tesla, Master of Lightning. Barnes & Noble Books. ISBN 978-0-7607-1005-0.
  5. Pickover, Clifford A. (1999). Strange Brains and Genius: The Secret Lives Of Eccentric Scientists And Madmen. HarperCollins.
  6. Childress, David (1993). The fantastic inventions of Nikola Tesla. Adventures Unlimited Press. ISBN 978-0-932813-19-0.
  7. Jonnes, Jill (2004). Empires of Light: Edison, Tesla, Westinghouse, and the Race to Electrify the World. Random House Trade Paperbacks. ISBN 978-0-375-75884-3.
  8. Bock-Luna, Birgit (2007). The past in exile: Serbian long-distance nationalism and identity in the wake of the Third Balkan War. LIT Verlag Münster. ISBN 978-3-8258-9752-9.
  9. Van Riper, A. Bowdoin (2011). A Biographical Encyclopedia of Scientists and Inventors in American Film and TV since 1930. Scarecrow Press. ISBN 978-0-8108-8128-0.