Jump to content

Hulaa:saayinsii/filatamaa

Wikipedia irraa


Suraa Filatamaa Tibbanaa



Barruu Filatamaa

Sirna Biiftuu


Sirni Biiftuu: Aduu, bakkalleelee(planets) 8tan, Addeessoota hedduu bakkalleeleen naanna'an, bakkalleelee jaagee(dwarf planets) hedduu fi bungulkaataalee(asteroids), qorsoota(comets), qaanqorsoota(meetiyoorota) fi wantoota xixiqqoo biroo hedduu of keessaa qaba; isaan hundinuu biiftuu wiirteefachuun naanna'u. Sirni Biiftuu qaama ruuda Karaa Waraabeessaa(MIlkyway) ti. Pilaaneetonni, adeessoonni, pilaaneetonni jaagee fi wantootni sirna kana keessa jiran hundi gara waggoota kuma kitila 4.5 dura akka uumaman himama.

Irra caalaan ulfaatinaa fi rukkina sirna biiftuu Aduu yoo ta'u itti-aansuun Ejabula: bakkalleelee saddeet keessaa guddaa ta’e keessatti argama. Pilaaneetonni keessoo afran—Meerkurii, Bakkallee, Lafaafi Goofoo—pilaaneetota akdachee jedhamuun beekaman, adda durummaan dhagaa irraa ijaaramaniiru. Karaa biraatiin, pilaaneetonni alaa afran, kanneen pilaaneetota ak-ejabula jedhamanii beekaman, jechuunis Ejabula(Jupiter), Bakkalmartii(saturn), Falaqoo(Uranus) fi Dotila(Neptune) baayʼee guddaa kan taʼanii fi adda durummaan qilleensiyyee(gas) irraa kan ijaaramanii dha.

Pilaaneetonni gurguddoon lamaan Sirna Biiftuu keessatti argaman Ejabulafi Bakkalmartii haayidiroojiinii fi heeliyum irraa kan ijaaraman yoo ta’u, Yuuraanis fi Neeptuuniin ammoo wantoota cabbaawoo irraa kan ijaaraman yoo ta’u, irra caalaan isaanii cabbii dha. Haa ta’u malee, Sirni Biiftuu naannoowwan wantoota xixiqqoodhaan guutamanis of keessaa qaba.Fakkeenyaaf, Sabbatni asteroyidii Goofoo fi Ejabula gidduu jiru akkuma pilaaneetota akdachee qaamolee xixiqqoo sibiilaa fi kattaa irraa hojjetaman of keessaa qaba. Neeptiyuunii bira darbee naannoon Sabbata kuuparii jedhamuun beekamu qaamolee xixiqqoo puluutoo wajjin wal fakkaatan of keessaa qaba. Naannoo kun wantoota 10,000 ol kan of keessatti hammate yoo ta'u, osoo baay'ee guddaa ta'anii ofii isaanii pilaaneetii ta'uu danda'u. Wantoonni xixiqqoo Kuiper Belt keessa jiran tokko tokko pilaaneetota xixiqqoo Ceres, Pluto fi Eris jedhaman of keessatti qabatu. Pilaaneetota keessaa jaha, yoo xiqqaate pilaaneetota xixiqqoo sadii fi wantootni xixiqqoo biroo wantoota xixiqqoo ji'a jedhamuun beekamaniin naanna'u. Juupitaar ji'oota baay'ee kan qabdu yoo ta'u, walumaa galatti addeessa 67 qaba.