Juupitaar

Wikipedia irraa

Juupitaarii ykn Harrattuu (mallattoo: .♃ ) lafjoo ruuda xurree Aannannoo keessatti argamti . Pilaaneetiin kun aduu irraa 5ffaa (shanaffaa) dha . Lafjoolee akkaa Urjaaduu(mercury), Veenusii/bakkalcha, Lafaa fi Maarsii durfamtee jiru . Duuba isaanii irratti Sigiga ykn lafqubellaa(Saturn), Uranus, Neptune fi Pluto jiru .

lafjoon kun ruda kana keessa jiran keessaa isa guddaadha. Kuusaa gaazii guddaa ta'uun ni amanama. Kunis ulfaatina Aduu keessaa kuma tokko (1/1000ffaa) qofa akka ta'u taasisa. Garuu ulfaatinni urjiilee biroo walitti qabame dachaa lamaa fi walakkaa (2.5x) ta'a. Pilaaneetonni gaazii of keessaa qaban Saturn, Uranus, Neptune, fi Jupiter mataa isaati. Irra caalaa gaazii haayidiroojiinii jedhamu fi kurmana ulfaatinaa lafjicha wahiyyoo heeliyum jedhamu of keessaa qaba.


Juupitaar ji'oota jaatamii- sadii qabdi. Isaan keessaa afur, ayoo, yuropa, Ganimedii fi kaalisto, ji’oota Galiiyoo jedhamuun beekamu.