Jump to content

Balbala'a

Wikipedia irraa
Fakkii halluu dhugaa Neebuulaa ykn(Balbala'aTrifid , caasaa gaazii fi pilaasmaa walxaxaa agarsiisu

Balbala'a ykn Neebuulaa jechii neebuulaa jedhuu jechaa laatiinii yoo ta'uu hikkinni isaas duumessaa ykn hurrii jechuudha.

Halkan urjiilee daawwanneerra. Yeroo samiin dukkanaa'u waan baay'ee adda bahanii mul'atan fakkatu! Kun garuu abjuu dha. Gidduun urjiilee duwwaa miti, garuu suudowwan xixiqqoo ta'an kanneen akka atoomotaa fi moliikiyulotaa hedduutu jiru. Meetir kiyuubii tokko keessa, miliyoonotaa fi akkasumas biliyoonotatu jiru. Suudowwan xixiqqoon kun urjiilee gidduutti wal sassaabuun duumessa uumu-ykn nebulaawwan. Duumessi kun baay'ee dimimmisoo waan ta'aniif, muraasa isaanii qofatu ijaan mul'ata. Garuu teleskooppiiwwan gurguddoo lafarrattii fi ispeesii gargaaramuun, qorattootni hawaa baay'ina qabiyyee hawaa nebulaawaa arguu fi suurawwan babbareedoo nebulaawwan kanaa maxxansuun argannoowwan isaanii qooduu danda'u.

Bakka Uumama Urjiilee

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Balbala'a kaarinaa
Nebulaa Oriyoonii (Balbala'a Arbigaadduu) Nebulaa samii keessaa isa baay'ee ifuu fi ijaan argamuu danda'uu dha

Urjiileen kan barabaraan jiraatan miti: akkuma dhala namaa, gara addunyaatti dhufu, jireenya isaanii keessatti suuta suuta jijjiiramaa deemuudhaan dhumarratti du'u. Akkaataa adeemsi isaa hanga har'aatti guutumaan guutuutti qoratamee bira hin ga'amiiniin,duumessa guddaa urjiilee gidduutti uumu. Adeemsi kun humna harkisaa ,kan maateriin keessa urjiileetti akka rukkina olaanaarra gahu godhu,of keessatti hammata. Urjiileen haala kanan uumamanis baay'ee ho'aa waan ta'aniif, Atomoota dummeessa naannoo isaanii marsanii jiran irra elektiroonota gad-lakkisiisuun, ‘Nebulaa Ayoona'ee' kan akka ‘Neebulaa Arbi-gaadduu' uumu. Bakka Uumama

Hambaawwan Dhukka'insa Urjii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
NGC 604, nebulaa Ruda Lami keessa jiru

Yeroon jireenya Urjilee Hanga isaanitin murta'aa. Urjiin hangi isaa guddaa, jireenyi isaa dhohiinsa guddaan xumurama. Qorattooni hawaa taatee kana « dhukka'insa urjii ykn suupparnoovaa» jedhanii waamu. Sababni isaas jiraachuu urjii haaraa samii keessaa bakka urjiin kamiyyuu kanaan dura itti hin argamne ta'uu raggaasisaa turan jedhanii yaadu. Amma faallaa kanaa kan ta'e, suupparnoovaan urjii du'aa jiru, elementoota jireenya isaa keessatti oomishe ispeesii gidduu urjiileetti kan gadi lakkisu ta'uu isaa beekna. Hambaan suupparnoovaa,haftee maaterii nebulaawaa dhohiinsa boodaa ti. Hambaawwan Suupparnoovaa(dhukka'insa urjii).

Nebulaa Pilaanetawaa (Balbala'a lafjaawaa)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Urjiileen hangi isaanii kan aduu waliin walfakkataa ta'an suuta suut du'aa deemu. Hammamtaan dabalaa deemuun, baqqaana alaa isaanii gadi dhiisaa deemuun hambaa urjiilee haadhoon ifanii, nebulaa pilaanetawaa jedhamuun kan beekamu uumu. Jechi nebulaa pilaanetawaa jedhamu bara 1785 nama Wiliyaam Herischel jedhamuun nebulaawan kana ibsuuf moggaafame. Sababni isaas, teleskooppii isaa keessatti pilaanetoota waan fakkaataniif. Boodarra ‘nebulaa urjiilee' jedhee moggaasuu dhiisuu isaaf ni gaabbe.

  1. "A stellar sneezing fit". ESA/Hubble Picture of the Week. Archived from the original on 22 July 2023. Retrieved 16 December 2013.