Sirna Biiftuu

Wikipedia irraa

Sirni biiftuu kan uumame akka yaada hiddama saayinsii ammayyaatti sochii gaazotaa, duumessaafi dhukkee adda addaa irraa akka ta’e ni ibsa. Adeemsi sochii kana keessatti qaamni gara alaa jiran lafjottii kan geeddaraman yommuu ta’u qaamni gara keessaafi rukkina cimaa qabu gara biiftuutti jijjiirame jedhameeti amanama. Biiftuun handhuura sirna biiftuu keessatti argamti. Sirni biiftuu erga uumamee kaasee waggoota biiliyoona 4.6 ta’a jedhamee yaaddama. Sirna biiftuu keessatti lafjoonni saglan daandii / oorbitii/ Jeema jedhamu irra biiftuu naanna’u. lafjoonnii saddet fageenya Biiftuu irraa qabaniin dhihoo irraa gara fagootti yoo tarreessinu Qaamu-daalacha/gaanfurroo (Meerikurii), Bakkalcha(Veenusii), Lafa, Arraasa/goofoo(Maarsii), (Ejabula) Juppitarii, Lafqubeellaa(Saatarnii), Uraanusii(Elruuda), Neeptuunii(Habashaaqoo)dha. Qaamman biroo sirna biiftuu keessatti argaman immoo saatalaayitoota(Batolchee ykn Addessa namtolchee), asteerooyidootaa(Bungulkattaan), koomeetotaa(qorsaaa)fi meetiyoorota(Bubbuttuwwan/Qaanqorsa) fa’a. Saatalaayitoonni qaamman sirna biiftuu keessaa kan pilaanetoota naanna’an yommuu ta’an qorsaawwan, Bungulkattaan Qaanqorsa qaammaan sirnicha keessatti biiftuu naanna’anii dha.

Biiftuu[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Biiftuun urjii dha. Innis wirtuu sirna biiftuu keessatti kan argamu fi hanga sirnichaa keessaa dhibbaatama 99.9 qabata. Biiftuun urjii hanga giddu-galeessa qabdu dha. Urjiilee baay’ee guddoon hanga harka dhibbaan caalu yoo qabaatan,

Bakkasa Bantii ykn waaqa barii

kanneen baay’ee xiqqoo ta’an immoo, hanga harka kudhaniin xiqqaa ta’e qabu. Ho’a fi ifti nuyi biiftuu irraa argannu hundinuu kan dhufan, bu’ura biiftuu bakka qaanquumaan haayidiroojini itti raawwatu dha. Tempireecharri wirtuu biiftuu digirii seelshiyesii kitila 15 dha. Dirreen maagineetii biiftuu, taatewwan hedduun akka ijoobiiftuu, banbanaa,bubbeewwan, fi oyrooraa ykn waaqa barii ykn Bakkasa bantii bareedoon lafarratti akka uumaman kan taasisu dha

Lafjoo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hiikkaan lafjoolee seera qabeessaan yeroo jalqabaaf Hagayya,2006 Gamtaa Astiroonoomii Addunyaatiinkenname. Hiikkaa kanaan Piluutoon lafjoo salgaffaa ta’uunsaa hafe. Pilaanetiinqaama:

1) Biiftuuttinaanna’u,

2) Hanga gahaa giraavitiimataaisaatiin marfameqabu, fi

Lafjoo kattaa'oo

3) Daangaawantootaxixiqqoonaannoo isaa ifakan godhe. Wantootni ulaagaa 1) fi 2) guutan garuu 3) hin guunne,kanneen akka Piluutoo yookaan Siiresii, pilaanetoota dinkii jedhamu. Sirni biiftuu pilaanetoota saddeet qaba: kan akka lafjoo katta'oo afur (qaamu-daalacha, bakkalcha, Lafa fi Arraasa) fi lafjoo gaasawoo afur (Harrattuu, lafqubellaa, badhessaa-samii, fi garba-samii). Bita: Siiresiinqabattoo bungulkattaa guddicha keessatti, bungulkattaa isa baay’ee guddaa ta’ee fi lafjoo cuggee dha.

Lafjoo cuggee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

yeroo ammaatti Lafjoo xixiqqoo jalatti ramadamanii kan beekaman shaniidha. Isaanis; seerees, puluutoo, haawmiyaa, makmakeefi eeris jedhamuun waamamu. Seerees kan argamu gidduu maarsii fi juuppitariitti sabbata astirooyidii(Bungulkattaa) keessatti yoo ta’u, kan hafan afran immoo neeptuuniin boodatti aduurraa fagaatanii argamu. Wantoon tokko lafjoolee xixiqqoo jedhamuuf ulaagaan waldaa astiroonoomii addunyaa kaahe guutuu qabu. Ulaagaaleen kunniin;

• Aduurra naanna’uu qabu,

• Hanga boca isaanii murteessuu danda’u kan qaban,

• Jeema mataa ofii murtaa’aa ta’e kan hin qabneefi

• Addeessota kan hin ta’iniidha.

Seerees

Diyaameetiriin ishee 950km.Teempireecharri dirra seerees -105o C

Pilaaneetii diwaarfii aduutti hiiqxee argamtuudha.

• Addeessa hin qabdu.

• Altokko aduurra naanna’uuf waggoota 4.6 itti fudhata.

• Lafjoo xixiqqaa yeroo jalqabaaf Doonii hawaa keessa adeemuun daawwatamteedha. • Seerees sakondii tokkotti hanga ishee keessaa 6kg sababa hurkaatiin dhabdi. • Hanga sabbata astirooyidii keessaa tokko sadaffaa gumaachiti

Dabalataaf:[gulaali | lakkaddaa gulaali]