Addeessa

Wikipedia irraa
Fakkii ji'aa akka kutaa kaabaa lafaa irraa mul'atutti

Uumamni nuti Afaan Oromootiin Addeessa, Ji’a ykn Baatii jennee waamnu, kan Afaan Ingiliffaan Moon jedhamtu tun takka qofa akka hin taane beekuu qabna. Addeessi nuti arginu tun addeessa lafaati. Plaaneetonni biroo kanneen akka Jubbitarii fi Saatarniitis Addeessa mataa isaanii qaban. Akka dachii kana tokko qofo osoo hin taane, juppitar addeessa 67 Saatarniin ammoo addeessa 62 qabu. Waa’ee isaanii yeroo biraa itti deebina. Har’aaf garuu Waa’ee Addeessa teenyaa irraa haasofna. Addeessi nuti ijaan agarru tun addeessota hawaa kana keessatti argaman keessaa guddinaan sadarkaa Shanaffaa irratti argamti.

Diyaameetiriin Addeessaa Kilomeetira 3475 ta’a. Haala kanaan guddina lafaa fi Addeessaa yoo wal bira qabnu, Addeessi 1/3 lafaa taati jechuu dha. Kana jechuun lafti harka sadihiin addeessa caalti jechuudha. Addeessi yoo ijaan laallu, waan fageenya dhihoo irra jiru fakkaata. Haa ta’u malee Addeessi lafa irraa fagoo jira. Fageenyi inni lafarraa qabus, Kilomeetira 384,000 ol ta’a. fageenyi lafaafi addeessa jidduu jiru, bal’ina lafaa dacha 30 ni taha jechuudha.Yeroo ammaa kana addeessi lafa irraa fagaataa akka jirtu qorannoon godhame ni addeessa. Akka qurannoo kanaatti addeessi wagga waggaan Seenti meetira 3.8n lafarraa fagaatutti jira.

Marsaan Addeessi ofirra naannooftuu fi lafa irra martu yeroo hunda wal fakkaataa waan ta’eef, kallattiin yeroo hunda nutti mul’atu kallatti tokko qofa. Kallattii nurraa garagalee jiru ammoo, yoo Hawaa keessa ol fagaanne qofa arguu dandeenya.

Addeessi yoo asii ol ilaallu, akkuma aduu ifaa tahee nutti mul’ata. Akkasumas dachiis hanga tokko ni ibsa. Namoonni hedduun addeessi akkuma aduu kana waan iftu seehan, garuu addeessi ifaa mataa isaa hin qabu. Ifaa aduu irraa itti ifu deebisee gara lafaa balaqqeessa jechuudha.

Yeroo goobanutti, ifni aduu qaama addeessaa ka gara lafaa garagalu guutumatti ibsutti jira jechuudha. Yeroo cinaan qofti ifu ammoo, ifni aduu qaama gara aduu garagale cinaa qofa ibsutti jira jechuudha. Yeroo addeessi dhabamu ammoo, ifni aduu qaama dachii irraa garagaletti ifaa jira jechuudha.

Qaama Addeesaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Qaamni addeessaatis bakka gurguddaa sadihitti qoodama. Gubbaan Addeessaa wantoota akka Kaalshiyeemii, Yuraaniyeemi, Almuuniyeemii fi Albuudota biroo heddu irraa ijaarame. Qaama itti aanu, ykn ammoo jidduu addeessaa argachuudhaaf, gubbaa isaa kana Kiloomeetira 150 gad qotuutu nurraa eeggama. Itti aansuun ammoo dhangala’aa Sibiilaa, Maagnizhiyeemii fi albuudota biroo arganna. Jidduu addeessaa kanarraa gara Wiirtuudhaa deemuudhaaf haga Kilomeetira 90 qotuun barbaachisaa dha. Kana booda wiirtuu Addeessaa arganna. Wiirtuun kun Sibiila jabaan guutamee jira. Wiirtuun isaa kun Kiloomeetira 240 dheerata.

Akka qorannoon mul’isutti, gubbaan addeessaa waggoota dheeraaf wantoota akka Astroyids, Meteroyidsii fi Koomeetiitiin dhahamaa ture. Kunis gubbaan isii boolla garagaraa Akka qabaattu godhee jira. Nutis lafa irraa addeessa goobantee yoo ilaallu wantoota guguurraacha ta’an kan akka boolla xixiqqoo arguu ni dandeenya. Boolli kunniinis Astrooyidii fi Koomeetotaan dhahamee akka uumame dubbatama.

Baqqaanni qilleensaa Addeessa gubbaa jiru akkaan haphiidha. Ifa aduu irraa dhufus ta’e rakkoolee biraa ofirraa deebisuu hin danda’u. Qorannoo haga ammaa godhameen Addeessa irra haalli qilleensaa jiruu fi akkaataan uumama isaa jireenya ilma namaatiif mijaahaa miti.

Ilmi namaa Addeessa gubbaa yoo bahu ulfaatinni isaa akkaan gad bu’a. Sababni isaatiis, garaaviitii (Harkisa) dhabuu isiiti. Namni tokko, ulfaatina asitti ulfaatu, 1/6ffaa addeessa gubbatti ulfaata. Kana jechuun Ulfaatina keenya bakka jahatti qooduu jechuu dha. Namni Ulfaatinni isaa kiiloo 60 ta’e, addeessa gubbaa yoo bahe, Kiiloo 10 qofa ta’a jechuudha. Namni hagana ulfaatu ammoo addeessa gubbaa deemuu hin danda’u. Namni addeessa gubbaa bahe, utaaluu malee, deemuu hin danda’u. Sababaan ammoo, miila takka qofa ol fuudhuun ulfaataadha, yoo ol fuudhanis gad deebisuun hedduu rakkisaadha.

Amaloota qaamaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ji'i ija lafaatiin yoo ilaalamu qaama guddaadha. Kunis akka armaan olitti yaalameetti daayameetira lafaa harka afur keessaa tokko akka ta’ee fi ulfaatina lafaa harka saddeettamaa (1/80 X ulfaatina lafaa) akka qabu mirkaneessa. Hayyee, ji'i pilaaneetii ishee keessummeessituutti hammam akka dhihoo ta'e agarsiisa (ji'i Pilutoo Chaaron wal bira qabamee yoo ilaalamu guddaa ta'us) . [[ስዕል:EarthAndMoon.jpg|left|thumb|350x350px| Walbira qabamee yoo ilaalamu baay’ina ji’aa fi lafaa km miliyoona 50 dha. Fageenya akka mul'atutti]]

Marsoo fi hariiroo inni lafa waliin qabu[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Akkuma armaan olitti ibsame ji'i naannoo lafaa tokko guutuutti naanna'uuf guyyoota 27.3 fudhata. Haa ta'u malee, lafti yeroo walfakkaatutti Aduu wajjin walqabatee orbiiti mataa isheetiin waan deemtuuf, fuulli Ji'aa guyyoota 29.5tti jijjiiramuu argina.

Tibboota[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Fuula Ji'aa irratti yeroon xiqqoo jijjiirama. Yeroo gannaa fi Bona adda baasuun rakkisaa ta’e ilaaluun ni danda’ama ture. Kunis kofoon caccabsaa Ji’aa fi Aduu gidduu jiru xiqqaa (digrii 1.54) waan ta’eef.

Gaaddiddessuu Addeessaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Gaaddiddessuu Addeessaa taatee uumammaa kan Gaaddiddeessuun addeessaa kan uumamu yemmuu dacheen gidduu aduu fi addeessaa ooluudhaan ifa aduu irraa dhufu golguun addeessa irra akka hin buune gootuu dha.