Binensotta

Binensotti qoqqodama organizimotta kessaattii guggudo kan ta'aan kessa tokko yoo ta'uu, kan qoqqodamus akkaa kingdom Animalia yokan Metazoa ta'eet. Walumma galattii celli bayee kan qaban, waan isaan marsee jiruu kan hubatanii fi kan nyataan immoo organizimotta biraa nyachuun yokan kuttaa organizimotta biraa kessaa hanga ta'ee nyachuun kan jiratanii dha. Qamnii isaan kuni akkumaa gudataniin jabacha dhufaa, kunis bayinaan kan ta'uu akka embryot yoo guddatan, haa ta'u malee binensotti tokko tokko itti anee metamorphosis geggesu.
Jechii "animal" jedhuu kan dhufee latin "animal" yokan (bayeet (plural) "animalia") kunis jechaa "anima" jedhamuu irraa kan dhufee yoo ta'uu, hikaan jechaa kana qillensa yokan lubuu barbachisaa jechuu dha. Akka jechaa guyya guyyat fayyadamanit, jechii kunii hikaan isaa binensotaa nama alla ta'aan ibsuuf tajajilama. Haa ta'u malee Baayoloojii kessatti jechii kunii miseensotta Kingdom Animalia ta'aan hundaa ibsuuf tajajilamaa. Kanaafu jechii "binensotta" jedhuu biology kessatti yoo tajajilamuu namas walit-qabata.
Bineensi akka biqiltoota ifa adduun kan hin guddannee f fi Nyaata hin qopheffannedha.
Qoodinsa Xin-lubbuu[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Baayoloojii(xin-lubbuu) keessatti bineensonni gita jireenyaa tokko yoo ta’an gita 34tti qoodamu. Kanneen keessaa baay’een isaanii raammoo xixiqqoo ykn gosoota raammoo fakkaataniidha.
- Sarphaphuu(Ispoonjiiwwan) Porifera 7700 gosa ( bineensota galaanaa ispongii fakkatan ) .
- murna duree Pilaakoozoo 1 gosa ( Daqiiqaa galaanaa ) .
- binodhoqonna'aa faaqqee Ctenophora 150 (bineensota galaanaa) .
- murna qurxumelellaa Cnidaria gosa 11,000 (bineensota galaanaa, [[Qurxummii dhoqonnaa'a
]] dabalatee ) .
- Garaa hin qabne Xenacoelomorpha gosa 100
- Daakaallatti Orthonectida gosa 26 (qurxummii xinnoo galaanaa; qola kan uwwifame, kan lafee kan qabu, ykn raammoon kan paraasitii/maxxantuu ta’e) .
- Raammoo battee Platyhelminthes gosa 25,000 ( raammoo bishaan keessa jiraatu ykn paraasitii(maxxantuu/akankarreettii) kan akka coos) .
- Rammoo Rifeensee Gastrotricha gosa 690 (qurxummii xinnoo galaanaa) .
- Binoogolollee Rotifera 2000 (Qurxummii xinnoo galaanaa) .
- Raamoo mat-qoreeyyii Acanthocephala 1100 (faayilamii xiqqaa bineensota lafee hin qabne paraasitii kan raammoo mataa qoree qabu of keessaa qabu. ) .
- Rammoo a'ama Gnathostomulida 100 (minnoo galaanaa) .
- Rammoo a'ama xixxinnoo Micrognathozoa 1 ( zeacal xiqqaa Giriinlaanditti argamu ) .
- Raammoo Xiyyaa Chaetognatha 100 (raammoo galaanaa xiqqaa) .
- Maxxantuu qaabjibuu Cycliophora 3 (kan naannoo afaan qamadii taa'ee nyaata garmalee nyaatu) .
- Raammoo lafaa Annelida 17,000 (galaanaa fi lafaa, lafaa dabalatee) .
- maxxantuu kalee miilsaddeetta Rhombozoa 100 (kalee miila saddeet qabu keessatti argama) .
- ramoo sabbata Nemertea 1200 ( raammoo galaanaa ) .
- Raammoo Koottee(qoochoo fardaa) Phoronida 11 (bineensa galaanaa xiqqaa) .
- bino-qola faanosii Brachiopoda 300-500 (bineensota galaanaa xixiqqoo) .
- qolaalqabeeyyii- Mollusca 112,000 (cillalluu fi miilsaddeet/oktoopus, mahaarii,/oyiisterii fi kkf) .
- Raammoo loozii Sipuncula 144-320 (raammoo galaanaa) .
- Raammoo waancaa(kessoo munnee) Entoprocta 150 jedhamuun beekama
- Bineensa arrii dhagaa ykn Bineertoo Bryozoa 5000 (Maayikiroozoo Galaanaa) .
- Jaawuda dhoqqee Kinorhyncha 150 (minnow lafa galaanaa) .
- matbatte Looriisifeeraa 122
- ramoo qunxurroo Priapulida 20 (raammoo galaanaa) .
- raamoo eegee Nematomorpha 320 ( raammoo bishaan keessaa, paraasitii larva) .
- Raammoo geengoo(muqurtii) Nematoda 25,000-1,000,000 (raammoo geengoo ykn Maagaa geengoo bakka hundatti argamu ) .
- Rammoo baattoo qeensaa Onikoofooraa 200
- Risaa bishaanii ykn qarambullee bishaanii Tardigrada 1000 (zeacal xiqqaa, bishaan hunda keessatti argama) .
- miilixinxima Arthropoda : 1,200,000 ( centipedes sadii, saroonni, miildhibbee, miilkumee, Qaajibbuu, Gawisoo fi kkf) .
- Qoreqabeyyii Echinodermata 7000 (bineensota galaanaa, urjii galaanaa fi kkf) .
- Ramoo ija qilxuu Hemichordata 100 (raammoo galaanaa) .
- Lafe dugdaa qabeeyyii Chordata 100,000 (hunduma lafee dugdaa - qurxummii, amfibiyaanota(gita-raachaa), reptiles(gita-lootuu), simbirroota, hoosistoota ) .