Jump to content

Seerluga

Wikipedia irraa

_______ Seerluga yookaan caasluuga afaan Oromoo bakka baay'eetti afaanota biroo irraa adda waan ta'eef qoratamuu qaba.

Fkn. Afaan Ingiliffaa keessatti Matima + Gochima + Aantima yoo ta'u kan afaan Oromoo immoo Matima + Aantima + Gochima ta'a.

Qubeen Afaan Oromoo, Afaan Oromoo baruuf bu'ura dha. Qubeen kun ka'umsi isaa Laatinii yoo ta'u yeroo ammaatti bal'inaan itti hojjetamaa kan jiru dha. Qubeen Afaan Oromoo qubee guguddaa fi qubee xixiqqaa jedhamuun lamatti qoodama.

Qubee Guguddaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Gabateen armaan gadii qubee Afaan Oromoo gurguddaa agarsiisa:

Qubee gurguddaa
A B C D
E F G H
I J K L
M N O P
Q R S T
U V W
X Y Z

Qubeelee armaan olitti barreeffaman alattis qubeen Afaan Oromoo qubee guguddaa warra qubee dachaa ta'an torba of keessaa qaba. Isaanis:

Qubee Dachaa
CH DH
NY PH
TS ZY
SH

Hubachiisa: P, TS, V, Z, fi Zy n sagalee fi jechoota afaan ollaa fi addunyaa biraa irraa ergiffanne. Itti gargaaramuuf akka salphatuuf kan uumame malee sagalee dubbifamaa kanniin Afaan Oromoo keessatti hin argaman

Qubee Xixiqqaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Afaan Oromoo qubee xixiqqaa gabatee armaan gadii keessatti agarsiifaman qaba:

Qubee Xixiqqaa
a h o v
b i p w
c j q x
d k r y
e l s z
f m t
g n u

Qubeelee armaan olitti barreeffaman alattis qubeen Afaan Oromoo qubee xixiqqaa warra qubee dachaa ta'an of keessaa qaba. Isaanis:

Qubee Dachaa
ch sh
dh ts
ny zy
ph

Hubachiisa: p, v, z, ts, fi zy n aadaa sabafi sablammii naannoo Oromoo jiraatanii calaqqisiisuuf kan uumamani malee Afaan Oromoo keessa hin jirani. Garuu, jechoota ergissan dhufan waajin, qubeewwan kun amma tokko Afaan Oromoo keessatti hojiirra oolaniiru.

Qubee Dachaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Qubeen dachaa qubee sagalee addaa ta'e, kan qubeewwan digdamii jahan keessa hin jirre of keessaa qabu. Sagalee qubee kanniinii qubeewwan dubbifamaa gara garaa lama walitti fiduun barreeffamu. Qubeewwan dachaan kunniin qubee akka SH, NY ,CH, DH, PH fi TS ti. Qubeewwan dachaa kanniin keessa qubeen TS quboota akka P,V fi Z dabalatee qubee ergifanna ykn qubee alagaa jedhamani beekkamu.

Qubee Dachaa
CH | ch SH | sh
DH | dh TS | ts
NY | ny ZY | zy
PH | ph

Haala ijaarsa Sagalee keessatti Qubee dubbifamaa fi dubbachiiftuun tokko dubbi + dubba + dubbi akkasumas dubba + dubbi + dubba yoo ta'e sagalee yookaan birsaga jechaa ta'a.


Karaa gara biraa sagalee jechuun ijaarsa himaa keessatti birkii tokko dha.


Fkn.

    1. Oromo
    2. Biyya
    3. Ardii

birkii jechaa ta'ee Sagalee hiika kennuu danda'u jechuu dha.

Birsagni caasaa dhamsagaan yookaan walta'iinsa dhamsagootaatiin ijaarramu.Afaan Oromoo keessatti birsagni tokkodhamsagaa fi dhamsagootarraa ijaaramuu danda'a.

Jechi qindeeffama dhamsagootaa, birsagootaa fi dhamjechootaa kan unkaalee hiikaa tokkoo fi isaa ol qabaniin dhiyaatuu fi of danda'ee dhaabbatu.

Himni yoo xiqqaate matimaa fi gochima kan qabu, ergaa kan dabarsuu danda'uu fi sirna tuqaatin kan goolabamu.

Himni sadarkaa caaseffama isaa irratti hundaa'uun bakka gurgoddoo afuritti qoodama.

Leeximni gaalee 'hima leexaa' jedhurraa dhufe. Himni leexaan gochima tokko qofa of keessaa qaba.

Kana jechuun dabal gochima hin qabu jechuu dha.

Fakkeenya:

1. Inni mana ijaare.

2. Obbo Gadaan bara darbe oomisha gaarii argate.

Xiinhima (Saayinsii waa'ee himaa qoratu) keessatti waantonni murteessoon saddeeti. Isaanis:-

1. Maqaa
2. Bamaqaa
3. Maqibsa
4. Gochibsa
5. Gochima
6. Walqabsiistuu
7. Durgala
8. Raajeffannoo

Jechi kamiyyuu hima keessatti murteessota kanarraa adda ta'uu hin danda'u.

  1. Maqaa

Hima keessatti akka galumsaa fi faayidaa isaatti maqaan bakka jahatti qoodama.

1.1 Maqaa Matayaa

1.2 Maqaa Gamtaa