Sagalee

Wikipedia irraa

Sagaleen akaakuu anniisaa ta’ee, kan gurra namaatiin miiraa’uu danda’uudha. Fakkeenyaaf: waca sinbiraa, iyyiinsa bineensotaa, sagalee muuziqaa, sagalee konkolaattotaafi kanneen kana fakkaataniidha. Sagaleen hollannaa wantootaatiin uumama. Hollannaan hundi garuu sagalee uumuu hin danda’an. Fakkeenya hollannaa sagalee uumuu danda’anii: Hollannaa foo’aa giitaaraa, maasinqoo, kiraaraa, hollannaa dirra dibbeefi kanneen kana fakkaataniidha. Sagaleen tokko uumamuuf qaama hollatu, yaa’a keessa darbuu fi gurri dhagahuu danda’u jiraachuu qaba.

Daddarbuu Sagalee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Sagaleen iddoo tokkoo gara iddoo birootti darbuuf dirqama yaa’a(meeshaa) maatariitu isa barbaachisa. Maatariin hundi sagalee ni daddabarsu, garuu haalli ittiin dabarsan tokkoo miti. Sagaleen caalatti jajjaboo keessa yoo daddarbu, dhangala’oon immoo gaasii caalatti sagalee of keessa dabarsa. Sagaleen iddoo duwwaa (Vaakiyumii) keessa hin darbu. Sagaleen yommuu tamsa’u marmaarsa mataa isaa qaba. Sagaleen hangii marmaarsa isaa irratti hundaa’un bakka saditti qoodama

a) Sagalee miira’aa: marmaarsa hangii naannoo 20Hz hamma 20,000Hz

b) Sagalee miira’aan olii: marmaarsa hangii 20,000Hz olitti gurra keenya miidhuu danda’a.

c) Sagalee mir’aan gadii: marmaarsa 20Hz gadiitti waan baay’ee xiqqaa ta’eef gurra namaan dhagahamuuf rakkisaadha

Saffisni sagaleen wantoota adda addaa keessatti qabaatu caasaa molekiyuulota wantichaa irratti hundaa’a. Saffisni sagalee jajjaboo keessatti waan suudoowwan jajjaboo keessa jiran walitti dhihaataniif haala salphaan walitti bu’iinsa suudoowwan itti aanan wajjiin godhamuun saffisaan daddabarsu. Saffisni sagalee dhangala’oofi gaasii keessatti suudoowwan isaanii baay’ee addaan fagaatanii waan argamaniif walitti bu’iinsi gidduu isaanitti uumamu xiqqaadha. Kanaafuu, saffisni sagalee jajjaboo keessatti guddaadha. Kan dhangala’oo immoo yommuu itti aanu, kan gaasii keessattii immoo baay’ee xiqqaadha.

Saffisni sagalee qilleensa teempireecharri isaa 00 C irratti 331m/s ta'a. Saffisni sagalee qilleensa keessatti teempireechara irratti hundaa’a.Teepreecharri qilleensaa 1o C dhaan yommuu dabaluu saffisni sagalee 0.6m/s tiin dabala. Haaluma kanaan saffisni sagalee qilleensa teempireecharri isaa T ta’e keessatti qabaatu (VT)n hima heerregan yommuu ibsamu

VO= saffisa sagalee qilleensa 0o C irratti qabaatu = 331m/s, T n teempireechara