Gammachuu Magarsaa

Wikipedia irraa

Gammachuu Magarsaa sabboonaa Oromoo fi antiroppoolojistii beekkaamaadha. Dr Gammachuun waa'ee seenaa fi aadaa Oromoo qoratee barruullee adda addaa fi kitaabota barreessuun rabsuu fi leenji kennuun beekkama.

Seenaasaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Gammachuun kan dhalatee guddate magaalaa Dambi Doollootti.

Dr Gammachuun sanyii abbaa bokkuu kan naannoo sanaa kan dhumaa kan ta'e Abbaa Bokkuu Ruudaa Kuraa irraa dhalate. Abbaan Bokkuu Ruudaa Kuraa sanyii Makkoo Biliirraa dhalata. Kanarraan kan ka'e Bokkuun sirna gadaa obboleessa Gammachuu isa angafatti kenname. Obboleessi Gammachuu beekkumsa aadaa Oromoo baayyee waan hin qabneef, Bokkuu kana dabarsee Dr Gammachuutti kenne. Kanarraan kan ka'e Dr Gammachuun bokkuun sirna gadaa na bira jira jedha, kana jechuun akka abbaa bokkuutti of ilaala. Abbaa bokkummaa isaatin Oromoo tajaajiluuf, qorannaa gurguddaa wa'ee Oromoorratti geggeessaa ture, ammas geggeessaa jira.

Gammachuun bara Dargii keessa 1979tti hidhamee ture, duutis itti murteeffamee ture. Kunis Jimmatti hojjataa mootummaa ta'ee hojjachaa wayita jirutti ture. Gargaarsa hiriyaasaa Takkaa Tulluu jedhamuun murtii du'aa kana jalaa ba'e. Kana booda hojii birroo mootummaa dhiisee yuunivarsiitii gale.

Gammachuun mana hidhaa wayita jiru, luba amantii kaatolikii Abbaa Biraana Yesus (yeroo sana Abbaa Dammiroo Suraafel jedhama) wajjin wal bare. Abbaa Biraana Yesus ammoo antiroppooloojistii fi luba kan ture Laamberti Baartelsi wajjin wal barsiise. Dr Gammachuun Baatelsi wajjin waggaa saddet hojjate. Laamberti Baartelsi yeroo kana kitaabaa waa'ee amantii Oromoo ibsu kan "Oromo religion: myths and rites of the western Oromo of Ethiopia: an attempt to understand" jedhamu barreessee maxxanse.

Baartelsis carraa iskoolarshiippii waan kenneefif Gammachuudhaan gara Keeniyaa deeme. Barnootasaa Keeniyaatti qorannoo seenaa kan Afrikaarratti xiyyeeffate godhe. Qorannoo kanarratti modeelin seena Afrikaa ittiin barreeffame hin gammachiifne ture, seenan Oromoos akkuma seenaa Afrikaa kaanii modeelii sanaan barreffame ture. Kanaafis seenan Afrikaa modeelii biraatin akka barreeffamu qaba jedhee murteesse.

Kanarraan kan ka'e Aleeksaandiroo Tiraawelsii wajjin hojjachuu jalqabe. Gammachuun Aleeksaandiroodhaf, walaloo seena baroota gadaa ibsu kan Ingiliffaan fixed text jedhamu guuraa ture. Daataa guuruu kana booda seenan Oromoo yeroo barreeffamu, modeelii sirna gadaatin ta'uu akka qabu murteesse.

Keeniyaa yeroo ture kanatti, USIU (United States International University Africa) galee saayinsii siyaasaa fi walqunnamtii Addunyaalessaa baratee digirii fudhate. Yuunivarsiitii kana wayita turetti, haadha manaasaa kan Lammii Keeniyaa taatee wajjinis walbarre. Haati manaasaa tun sanyummaan Eshiyaa yoo taatu waa'ee Oromoorratti qorannoo geggeessaa turte.

Kana booda Gammachuun iskoolarshiippii postgraduate sudies argate gara Kaayiroo deemun Yuunivarsiitii Ameerikaa achi jirutti barate. Achittis sosoolojidhaan postgraduate diploma fudhate. Kanarratti, qorannoo "Ethnic relations in Ethiopia" jedhu hojjate. Gorsaansaa qorannoosaa kana waan jaalateef, SOAS (School of Oriental and African Studies) akka galuuf gargaare.

Gammachuun SOAS galee maastersiisaa hojjate. Qorannoo maastersiisaa "Cosmology and classification of birds among the Oromo" kan jedhurratti hojjate. Gorsaansaa barruu kana dubbisee waan jaalateef, iskoolarshiippii warri kennaniif itti fufanii PhD akka hojjatu akka eeyyamaniif gaafate. Akkaataa kanaan iskoolarshiippii eeyyammaniifii PhD itti fufee hojjate. Barruun qorannoosaas "Knowledge, identity and colonizing structure" kan jedhu ture.

Hojii Isaanii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Gammachuun dura ta'aa Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa ta'uun waggaa muraasaaf hojjataniiru. Gammachuun waggaa dheeradhaaf Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti barsiisudhaan hojjachaa ture.

Maxxansaa Isaanii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  • The Politics of Representation and State Violence in Ethiopia: The Oromo Colonial Experience. Dissenting Knowledges Pamphlet Series (No. 14)
  • Oromummaa: Tradition, Consciousness and Identity. Kitaaba Being and Becoming Oromoo jedhu kessatti boqonnaa tokko
  • Failed Modernization of the Ethiopian State: Oromo Perspectives on Ethiopian Political Culture. Journal of Oromo Studies Volume 15, Number 1
  • The Oromo World View. Journal of Oromo Studies Volume 12, Number 1 & 2
  • Knowledge, Identity, and Colonizing Structure (PhD Thesis)

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]