Laamberti Baartelsi

Wikipedia irraa

Seenaa qabsoo sirna didaa bittaa nafxanyaa Oromoon Arsii(Sikkoo Mandoo)'tiin gaggeefamaa ture irratti ga'ee olaanaa kan taphatan keessaa Leenjisoo Diigaa isa beekamaa ture.

Seenaa qabsoo diddaa gabrummaa Oromoonni Sirna gita bittaa nafxanyaa irratti gaggeessan keessaa qabsoon Oromoon Arsii(Sikkoo Mandoo) bara 1881-1887tti gaggeesse akkaan hadhaawaa fi Aarsaa guddaa kan gaafate akkasumas injifannoowwan dirree waraanaa irratti Oromoon Nafxanyaa irratti gonfate keessaa injifannoon Doddotaa, Albasoo, Dibbee, Haroo Hamoommotaa fi laga Qalaxaatti Humni Waraana Arsii Leenjisoo Diigaatiin Hoogganamu si'a shaniif bara 1881-1885 tti Minilik itti Jilbiiffachiise kan yoomuu dagatamuu miti. Fakkeenyaaf, Waraana bara 1884tti gaggeeffameen Leenjisoon akkasumas Jaatamee Bultumii fi ilmaan isaa farda Minilik Yaabbate kan Abbaa Daanyoo jedhamu ajjeesuudhaan hanga Dibbee fi Gonfoo mataa minilik irraa fuudhanitti kan kalaahe ture. haa ta'uu malee Minilik xinnomaaf lubbuunsaa baraaramtee jirti. Guyyaa sana Leenjisoon Minilikiif Jal-deemtuu isaa hanga Magaalaa Mojootti fardaan ari'ee biraa deebi'ee ture. Leenjisoo Diigaa harka muraa fi Harma muraa Aanoleetiin booda waan harka kennate fakkaachuudhaan nafxanyaan waraana akka hiikkattu erga taasiseen booda Hoogganaa Waraana Nafxanyaa Dajjaach Wasanee jedhamu ajjeesuudhaan Gootummaa isaa mirkaneessee jira. Oromoon Arsii har'as ijoollee isaa yommuu Eebbisu Onnee Leenjisoo, Harka Leenjisoo, Ija Leenjisoo, Gurra Leenjisoo isiniif haa kennu jedha. kunis Gootummaa fi Hayyummaa Leenjisoo mirkaneessuudhaaf. Leenjisoon Gosa Arsii kan Kolooba Jedhamu keessaa dhalatus kan isa guddise garuu gosa Harmee isaa Abeeta akka ta'e himama. ilmi Oromoo Arsii tokko akka Aadaatti gosa Abbaa Malee kan haadhaa biratti hin guddatu ture. haa ta'uu malee wayta inni ijoollee turetti Abbaan isaa waan irraa du'eef haati isaa maatii ishee bira fiddee laatte. Leenjisoon gosti Abbaa isaa Koloobni waan isa hin guddifneef aarii irraa qaba ture. guyyaa tokko Bosona deemee ijoollummaa isaatti Leenca erga ajjeeseen booda Gosa Kolooba jedhamu kan Abbaa Kootii naaf yaamaa jedhee Eessuma isaa ajaje. Eessumni isaas Gosa koloobaa keessaa namoota baay'ee wameef kana booda Leenjisoon haala Armaan gadii kanaan gosa Abbaa Isaa Kolooba geerarsaan qaanesse


Koloobni gadi gatee Abeetni guddifatee waan boru biyyaa tahu waan boru Arsii tahu Leenjoon har'uma mudhifatee,,,,(2x)

. Leenjisoon kana jedhee kan geerareef gosa Abbaa isaa Kolooba Gaabbii keessa galchuuf ture. Gootummaan Leenjisoo tan guyyaa keessa dhufte osoo hin taane tan ijoollummaa irraa waliin guddate ta'uu umrii ijoollummaatti adamoo bahee Leenca Ajjeesuun isaa kun ragaadha.

Gaaf Leenjisoon du'e Ummanni Sikkoo Mandoo kan Waabee gamaa fi gamanaa marti yaa'ee boohe manguddoon Sirna Awwaalcha isaa irratti argaman tokko immoo haala armaan gadiitiin Leenjsoo faarsuudhaan ummata tasgabbeessaniiru.

Waan akka Leenjisoo Homuu hin qabnee warri midhaan nyaatu nuyyuu hafnee,,,,,,(2x)

. Hiikkaan dubbii tanaas, Leenjisoon Seenaa Yoomuu hin duune hojjateera waan ta'eef hin duune. kan du'e immoo nuyi warra Seenaa osoo hin hojjanne midhaan nyaatu kan qabsoon keenya midhaaniif bishaan ta'e malee jechuudha.,,,,,,,,,,Leenjisoon Heexosaa irraa dhiheenyatti kan argamu naannawa Doddotaatti akka dhalate ni himama. Goonni du'us Seenaan isaa bara bara baraan kan jiraatu ta'a.

Gadabitti galaa Gadaa Hulluuqaa,,,,,,,,,,!!!

Nuti maanguddootni Oromoo beekamoo fi Hayyuuleen akkasuma Seekoleen Oromoo kan keessatti argamnu lakkofsaan 50 taanu Godina Kibba-Bahaa naannoo magaalaa Roobeetti gaafa Bitootessa 16 hanga 18 bara 2015tti walitti dhufuun marii akkaan jajjabaa fi seena-qabeessa gaggeeffannee murii armaan gadii dabarfanneerra. Walgahii keenya kanaan seenaa  fi gootummaa Oromoo irratti marihanneerra. Ummanni Oromoo seenaa isaa keessatti ummata goota, arjaa biyya isaa irratti sodaatamaa fi kabajamaa ture. Oromoon yoo biyyi isaa diinaan weeraramu ummata bakka jiru maraa iyyee iyya waliif dabarsuun diina isa weraaraa ture qaanessee of irraa deebisaa ture akka tahe firaa fi diinniis ni beeka.[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ummatni Oromoo ummata hooda fi safuu namaaf qabuu fi ummata nama hin tuqne dha. Yoo isa tuqan, saaman, ajjeessan, ukkaamsan, hidhanii itti taphatan ummata callisee ofirratti ilaaluu miti. Har’a tan nu qabatte baasa addaa ti.[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ilmaan Tigrootaa biyyuma teenyarratti nutti duulanii nu saamanii, nu ajjeessanii, nu madeessanii, abbaa fedhan ukkaamsanii kaan hidhaatti guuranii itti taphataa, kaan biyyaa ar’anii dhabamsiisaa jiran. Ilmaan dhalle qacaleen sammuu qaroo mirga uumamaan ummatni isaanii qabaachuu qabu karaa nagaan gaafatan nu duratti rasaasaan tumanii reeffa ilmaan keenyaa awwaallachuuyyuu nu dhoorkan; kanneen madeessanii osoo dhiigni isaanii akka bishaanitti irraa lola’u hidhaatti darban achitti dhumaa jirti. Jaarolee, dubartootaa fi daa’imman dhumaatii foon isaanii kana garaan dadhabatee maaliif nu fixxan? jedhan itti dabalanii fixaa jiran. Dubartoota keenya nu duratti gadi baasanii gudeedaa jiran.[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Duuba Oromoo mee maaltu nuuf hafe jetta? Kun safuu dha; qaanyii qaanyii caalu. Kanaa mannaa dhabamuu nuuf wayya. Ummatni guddeessi miliyoona afurtamaa olitti herregamu ilmaan faashistii Tigrootaa cinaa cinaa (Nuusa) Oromoo hin geenyeen biyya isaa irratti akkanatti salphatee jiraachuun nu Oromoo hafnaan kan alaa nu dhagayuufuu salphina guddaa dha.[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Maal taana ree? Oromoo guyyaan nuuf hin hafne. Nuti Oromoon kana booda wanni eegnu nuuf hin hafne. Dhagayaa wal-dhageesisaa, iyyaa iyya waliif dabarsaa, seenaa gootummaa abbootii keessan kaleessaa waliif labsaa bakka jirtanii geeraraa onnee abbootii keessan kaleessaa saniin diina biyya teessan weeraree ummata keessan fixaa jiru dura dhaabbadhaatii lolaa ajjeessaa irraa hiikkadhaa. Salphisaatii biyya teessanii baasaatii seenaa gootummaa abbootii keessan kaleessaa nu dhageesisaa.[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Iyyaa iyyaa! Nu gayee bakka jirtanii ka’aa maanguddoota Oromoo Arsii Sikkoo- Mandoo kan guutummaa Godina Baalee irraa walitti dhufnee labsine kana bakka jirtanii wal-dhageesisaa. Kumni du’u kumatu dhalataa hin dagatinaa. Ilmaan guyyaa morkaa kanneen murtii guutoo tahaa! Gayee bakka jirtanii ka’aa! Nuu fi wayyaaneen warra gumaa ti.  Ilmi Oromoo kan dhiiga Oromummaa qabu warra saba isaa waliin warra gumaa tahe waliin dhaabbachuun akka seenaa fi aadaa Oromoottis yakka seenaa hamaa tahuu dhalli Oromoo kamuu beekuun dhalli Oromoo kamuu wayyaanota warra saba isaa waliin warra gumaa tahan waliin tasuma akka hin dhaabbanne dhala Oromoo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

maraaf dhaamna; akeekkachiifna.[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Seenaa isaa keessatti Oromoon Oromoo diinaaf basaasuun, ergaa diinaa fudhatee garaa ofiif nyaatee buluuf saba isaa ajjeessuun, miidhuu fi dararuun qaanyii dha, safuu dha. Kana Oromoon bakka jiruu akka lagatu dhaammanna. Ilmaan Oromoo hojii mootummaa wayyaanee biyya Oromoo weerartee Oromoo saba keessan fixaa jirtu keessa jirtan, kanneen humna waraanaa, poolisaa fi faxinoo keessa jirtan osoo ummatni keessan wayyaaneen lafarraa duguugamaa jiruu jireenyi isin jiraattan hin jiru. Kana hubatuun labsi iyyaa iyya waliif dabarsaa maanguddootni Oromoo guutummaa Oromiyaaf ummatni Oromoo weerartuu biyya isaa irraa akka baasuuf labsan kana fudhattanii ummata keessan waliin dhaabbattanii seenaa gootummaa akka galmeessitan yaamicha isiniif goona. Osoo kana dhageessanuu falmaa ummatni keessan godhu dura yoo dhaabbattan boru akka salphattanii fi seenaan itti gaafatamtan ifatti isin akeekkachiifna.[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Wareega qaaliis kafallu gootummaa abbootii keenyaa isa kaleessaa saniin weerartoota murna bicuu ilmaan Tigraay Oromoon qaanyessee biyya isaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

irraa akka deebisu nuti maanguddonni Oromoo kunneen Rabbii fi ummata[gulaali | lakkaddaa gulaali]

keenyarratti abdii qabnu dhaammanna.[gulaali | lakkaddaa gulaali]

""jajjaboo Sabaa""[gulaali | lakkaddaa gulaali]