Laamberti Baartelsi
Seenaa qabsoo sirna didaa bittaa nafxanyaa Oromoon Arsii(Sikkoo Mandoo)'tiin gaggeefamaa ture irratti ga'ee olaanaa kan taphatan keessaa Leenjisoo Diigaa isa beekamaa ture.
Seenaa qabsoo diddaa gabrummaa Oromoonni Sirna gita bittaa nafxanyaa irratti gaggeessan keessaa qabsoon Oromoon Arsii(Sikkoo Mandoo) bara 1881-1887tti gaggeesse akkaan hadhaawaa fi Aarsaa guddaa kan gaafate akkasumas injifannoowwan dirree waraanaa irratti Oromoon Nafxanyaa irratti gonfate keessaa injifannoon Doddotaa, Albasoo, Dibbee, Haroo Hamoommotaa fi laga Qalaxaatti Humni Waraana Arsii Leenjisoo Diigaatiin Hoogganamu si'a shaniif bara 1881-1885 tti Minilik itti Jilbiiffachiise kan yoomuu dagatamuu miti. Fakkeenyaaf, Waraana bara 1884tti gaggeeffameen Leenjisoon akkasumas Jaatamee Bultumii fi ilmaan isaa farda Minilik Yaabbate kan Abbaa Daanyoo jedhamu ajjeesuudhaan hanga Dibbee fi Gonfoo mataa minilik irraa fuudhanitti kan kalaahe ture. haa ta'uu malee Minilik xinnomaaf lubbuunsaa baraaramtee jirti. Guyyaa sana Leenjisoon Minilikiif Jal-deemtuu isaa hanga Magaalaa Mojootti fardaan ari'ee biraa deebi'ee ture. Leenjisoo Diigaa harka muraa fi Harma muraa Aanoleetiin booda waan harka kennate fakkaachuudhaan nafxanyaan waraana akka hiikkattu erga taasiseen booda Hoogganaa Waraana Nafxanyaa Dajjaach Wasanee jedhamu ajjeesuudhaan Gootummaa isaa mirkaneessee jira. Oromoon Arsii har'as ijoollee isaa yommuu Eebbisu Onnee Leenjisoo, Harka Leenjisoo, Ija Leenjisoo, Gurra Leenjisoo isiniif haa kennu jedha. kunis Gootummaa fi Hayyummaa Leenjisoo mirkaneessuudhaaf. Leenjisoon Gosa Arsii kan Kolooba Jedhamu keessaa dhalatus kan isa guddise garuu gosa Harmee isaa Abeeta akka ta'e himama. ilmi Oromoo Arsii tokko akka Aadaatti gosa Abbaa Malee kan haadhaa biratti hin guddatu ture. haa ta'uu malee wayta inni ijoollee turetti Abbaan isaa waan irraa du'eef haati isaa maatii ishee bira fiddee laatte. Leenjisoon gosti Abbaa isaa Koloobni waan isa hin guddifneef aarii irraa qaba ture. guyyaa tokko Bosona deemee ijoollummaa isaatti Leenca erga ajjeeseen booda Gosa Kolooba jedhamu kan Abbaa Kootii naaf yaamaa jedhee Eessuma isaa ajaje. Eessumni isaas Gosa koloobaa keessaa namoota baay'ee wameef kana booda Leenjisoon haala Armaan gadii kanaan gosa Abbaa Isaa Kolooba geerarsaan qaanesse
Koloobni gadi gatee
Abeetni guddifatee
waan boru biyyaa tahu
waan boru Arsii tahu
Leenjoon har'uma mudhifatee,,,,(2x)
. Leenjisoon kana jedhee kan geerareef gosa Abbaa isaa Kolooba Gaabbii keessa galchuuf ture. Gootummaan Leenjisoo tan guyyaa keessa dhufte osoo hin taane tan ijoollummaa irraa waliin guddate ta'uu umrii ijoollummaatti adamoo bahee Leenca Ajjeesuun isaa kun ragaadha.
Gaaf Leenjisoon du'e Ummanni Sikkoo Mandoo kan Waabee gamaa fi gamanaa marti yaa'ee boohe manguddoon Sirna Awwaalcha isaa irratti argaman tokko immoo haala armaan gadiitiin Leenjsoo faarsuudhaan ummata tasgabbeessaniiru.
Waan akka Leenjisoo Homuu hin qabnee warri midhaan nyaatu nuyyuu hafnee,,,,,,(2x)
. Hiikkaan dubbii tanaas, Leenjisoon Seenaa Yoomuu hin duune hojjateera waan ta'eef hin duune. kan du'e immoo nuyi warra Seenaa osoo hin hojjanne midhaan nyaatu kan qabsoon keenya midhaaniif bishaan ta'e malee jechuudha.,,,,,,,,,,Leenjisoon Heexosaa irraa dhiheenyatti kan argamu naannawa Doddotaatti akka dhalate ni himama. Goonni du'us Seenaan isaa bara bara baraan kan jiraatu ta'a.
Gadabitti galaa Gadaa Hulluuqaa,,,,,,,,,,!!!