Miciree

Wikipedia irraa

Micireen micirjirtii seelhedduu keessatti sadarkaa guddinaa isa jalqabaati. Walqunnamtii saalaa bineeldota keessatti

lubbiyyoo hanqaaquu dubartii irraa argamu lubbiyyoo sanyii  kormaa dhiira irraa argamuun erga walhormaata booda jalqaba. Seelonni lamaan yeroo walitti makaman lubbiyyoo tokkicha zaayigootii ykn miciraa jedhamu uumu. Sana booda zaayigootiin lubbiyyoo hedduu blaastoomeerii ykn miciree lubbiyyoo duree jedhamanitti qoodama. Bilaastoomeeroonni kun walitti gurmaa’anii kubbaa jabaa morula jedhamu uumu. Morulaan akkuma guddachaa deemuun dhangala’aa fudhatee bakka qaawwa qabu kan blastocoel ykn baqaqaawwaa jedhamu uuma.

Hoosiftoota keessatti, blaastoosiistiin osoo dhaaba gadameessaatti hin maxxanin dura haguuggii ittisaa isaa keessaa ba’a. Erga maxxanee booda, miciree guddinaa fi dagaagina isaa sadarkaa adda addaatiin, kanneen akka Miciruffeessuu (gastrulation), Ujumribeessuu (neurulation) fi Qamijaaruu (organogenesis ) dabalatee itti fufa. Miciruffeessuu jechuun yeroo micireewwan baqaana sadii uumuun kutaalee qaamaa adda addaa ta’udha. Ujumribeessuun adeemsa sirna narvii uumuu yoo ta’u, Qamijaaruun ammoo guddina tishuuwwanii fi qaamolee adda addaa qaama keessa jiran hunda ti.

Nama keessatti daa'imni guddachaa jiru ulfa erga ulfooftee gara torban sagalffaatti miciree jedhama. Qabxii sana booda hanga dhalatutti curra ykn rimaaya jedhama. Lubbu qabeeyyii biroo keessatti jechi "miciree" jedhu sadarkaa guddina jalqabaa kamiyyuu osoo hin dhalatin ykn hin kille keessa hin yaa'in ibsuuf bal'inaan itti fayyadamuun ni danda'ama.

Guddina miciree salamander, naannoo bara 1920moota keessa
Miciree (fi qamalee tokko ) hantuuta xixiqqoo ( Rana rugosa ) .
Miciree hantuutaa fi bofaa