Sirni Gogaa
Sirni gogaa sirna karaa alaatiin guutummaatti nafa namaa haguugee argamuudha.Kanaafuu, wantoonni garagaraa qaama miidhuu danda’an gara keessa nafaatti akka hin seenne dhoorkuun qaama balaa irraa ittisa. Akkasumas dhangalaawan lubbuuf barbaachisoo ta’an gara alaatti akka hin baanes ni ittisa.
Sirni gogaa gogaafi caasaalee gogaa irraa uumaman kanneen akka rifeensaa, qeensaafi xannachoota adda addaa gogaa keessa jiran hammata.
Caasaalee[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Gogaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Qaamolee nafa namaa keessaa hammaan kan gogaa gahu hin jiru. Ulfaatina waliigalaa nafa namaa tokko keessaa gogaan 12-16% uwwisa.

Gogaan baqqaanota gurguddoo lama irraa ijaarame. Isaanis:
ippidarmisiifi
darmisii (indoodarmisii) dha.
Ippidarmisii: baqqaana ala gogaa karaa alaatiin qaama uwwisee argamuudha.
Darmisii: baqqaana keessoo gogaa ippidarmisiin jalatti kan argamu ta’ee ippidarmisii caalaa yabbuudha.
Qeensa[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Qeensi gosa pirootiinii jabaa, gogaafi haalaan walitti hacuuccamaa ta’e irraa tolfame. Qeensi caasaalee gurguddoo sadii qaba. Isaanis: hundee, pileetiifi qarqara qeensaati. Hundee qeensaa: kutaa jalqabbii qeensaa ka’uumsi isaa baqaana darmisii kan ta’eefi gogaadhaan uwwifamee argamuudha. Pileetii qeensaa: kutaa qeensaa gogaa gubbaatti argamuufi kan ijaan mul’atuudha. Qarqara qeensaa: Pileetiitti aanee naannawa qeensaa karaa alaatiin gogaa wajjiin daangeffamuudha.
Rifeensa[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Rifeensi caasaa qal’aafi dheeraa gogaa keessaa guddatuudha. Kutaan rifeensaa gogaan alatti argamu shaaftii yammuu jedhamu inni gogaa keessaa immoo hidda jedhama
Xannachoota dafqaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Xannachootni dafqaa baqqaana darmisii keessatti iddoo hundaatti faca’uun argamanis; barruu harkaa, keessa faana miilaafi adda irratti lakkoofsa hedduun argamu. Dalagaan isaanii yeroo keessi qaama nafaa hoo’u, dafqa qopheessanii hoo’a hammaan ol ta’eefi xuraawaa karaa ujummoolee ofiitiin gogaa irratti gadi lakkisuun (gara alaa baasuun) qaama qabbaneesuudha.
Zayitni xannachoota kanneeniin qophaa’u gogaafi rifeensaaf dibata uumamaa ta’uun miidhagina kennaaf. Akkasumas, gogaan paatojinootaan akka hin faalamne ittisuufi hamma bishaan gogaa keessaa hurkee bahu xiqqeessuun fayyummaa namaa eega.
Xannachoota guurii: xannachoonni kunniin ujummoo ala gurraa keessatti kan argaman ta’ee wanta amala hapheessuu qabu, guurii gurraa jedhamu maddisiisu. Faayidaan guurii kanaas; dibbeen gurraa yeroo hundajiidhinsa akka qabaatu gochuufi wantoota kanneen akka dhukee, baakteeriyaa, fangasootaa, ilbiisootaafi kanneen kana fakkaatan gurra irraa ittisuudha
Dalagaalee[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Dalagaan qaama namaa haala mijataa ta’een akka itti fufuuf sirni integumentarii ga’ee ol’aanaa qaba. Dalagaawwan sirna integumentarii keessaa isaan ijoon kanneen armaan gadiiti.
1. Qaama irraa balaa ittisa: jarmoonniifi xiyaan ifa aduu hamaa gara keessa qaamaatti akka hin seenneef ittisa. Fakkeenyaaf, baqqaana ippidarmisiifi seebamii xannacha zayitaatiin qophaa’u.
2. Qaama miiraa ta’uun tajaajila: gogaan miirawwan kanneen akka tuqaatii, dhukkubbii, dhiibbaa, hoo’aafi diilallaa adda baasuuf gargaara. Fakkeenyaaf, sirbidoota baqqaana darmisii keessaa.
3. Tempireechara qaamaa too’ata: tempireecharri qaamaa dabaleera yoo ta’e karaa dafqaafi tooftaalee garagaraatiin hoo’i hammaa ol ta’e gara alaatti akka bahu taasifama. Fakkeenyaaf, xannacha dafqaa. Akkasumas yeroo qorraa hoo’i gara alaatti akka hin baane ittisuun qusata. Fakkeenyaaf, gogaa
Hojiin isaa inni guddaan:
- Tishuuwwanii fi qaamolee keessoo qaamaa eeguu
- bishaan Qaamaakka hin hir’anne gochuu
- Jijjiirama tasa ho'aa irraa qaama eeguu, homeostasis eeguu
- Meeshaalee balfa karaa dafqaan akka baafatan gargaaraa
- Akka fudhataa tuqaalee, dhiibbaa, dhukkubbii, ho’aa fi qorraatti hojjeta ( Somatosensory system ilaali) .
- Qaamni keenya gubannaa aduu irraa melanin dhangalaasuun ni eega
- Ifa altiraavaayoleetiif saaxilamuudhaan vitaamin D maddisiisuu
- Bishaan, cooma, gilukoosii, vitaamin D kuusuu
- Kunuunsa bifa qaamaa
- Miidhaawwan xixiqqoo suphuudhaaf seelii haaraa stratum germinativum irraa uumamuu
- Raayyaa UV irraa eeguu.
- Ho'a qaamaa ni to'ata
- Orgaanizimicha naannoo isaa irraa adda baasee, addaan baasa, ni eega.