Hiibboo

From Wikipedia
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i

Hiibboon ( Afaan Ingiliish: Riddles) gosoota afoolaa keessaa tokko ta’ee akka tapha gaaffii fi deebiitti dhihaatuudha. Hiibboon wanta beekkamaa tokko akka iccitiitti gaafachuun taphatama. Gaafatamaan wantoota deebii itti fakkaatan maqaa dhahuun deebisuuf yaalaa. Yoo argate bakka waljijjiiruun gaafataa ta'a. Yoo deebisuu dadhabe immoo biyya kennuun deebii bara.[1]

Ummatni Oromoo durii kaasee hiibboo galgala erga loon galani booda hanga sa’aan hirriibaa gahuu ibbidda irratti wal-yaamani taphatu. Karaa kanaan uummatni daa’ima isaa jireenya hawaasummaa fi gadi fageenyaan hubachu ittiin barsiifataa dhufe. Kana malees Oromoon aadaa, falaasama, seenaa fi duudhaa karaa ittiin dabarsatuudha.

Gosoota hiibboo[edit | Lakkaddaa gulaali]

Hiibboon waan gaafatamu irratti hundaa'uun hiibboo hibibii fi hiibboo hibbakka jedhamuun bakka lamatti qoodama. Hiibboo hibibiin ka deebiin isaa wantoota yoo ta’u namni kamuu waliin taphachuun dandeetti waa hubachuu kan itti cimsatuudha. Hiibboo hibbakkaan (Hibboo Xarii) deebiin isaa namoota beekkamoo ykn ollaa saani yoo ta'u yeroo baay'ee maatiin mana tookkoo taphachuun naannoole isaani kan itti baraniidha.[2]

Seera Hiibboon itti taphatamu[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1. Gaafataan warra gaafatuu sana keessaa yoo dhiira ta'e jibicha yoo dubara taate raada jedha.
  2. Jalaa qabaan ammo tari jedha.
  3. Gaafataan hiibboo jedha.
  4. Jalaa qabaan ammoo hibbakkaa ykn hibib jechuun qophaawuu isaa agarsiisa.
  5. Gaafataan ni gaafata.
  6. Jalaa qabaan deebisu yaala. Yoo deebise gara hiibboo haaraa gaafachuutti ce'uun xumarama.
  7. Jalaa qabaan yoo deebisuu dadhabe, gaafataan biyya naa kenni jedha.
  8. Jalaa qabaan maqaa biyyaa waamun kennaaf.
  9. Gaafataan lafa isaa ta'e irraa fudhatee hanga barbaade ykn hanga gaafatamaan afaan dammaan si qabe jedhutti arrabsaa lafa isaa immo faarsee deebii hima.

Fakkeenya[edit | Lakkaddaa gulaali]

  • Obsaa: Hiibboo.
  • Obsee: Hibib.
  • Obsaa: Harkaan facaasanii, ijaan funaanan.
  • Obsee: Sanyii.
  • Obsaa: Hin arganne.
  • Obsee: Hin beeku maalinni.
  • Obsaa: Biyya naa kenni.
  • Obsee: Finfinne fudhadhu.
  • Obsaa: Finfinnee fudhadhee maalan gaabbaa. Finfinne argadhee maalan dhaba. Handhuura oromiyaa lafa gamoon bosonaa. Lafa bareedaan keessa guute. Ati fuula kee cilee dibadhu akka hoolaa jaanjoon lafaa sitti ha yaami'itu akka kallee qalbiin kee yaa rarraatu. Gama kiyya diddi facaase, gama kee gagabsaa facaasee gama koo urgooftuu facaase gama kee citto facaase. Fardi hin dannabsuu kanaa oli sin arrabsu. Deebiin barreeffama.

Kanas Ilaali[edit | Lakkaddaa gulaali]

Tarree Hiibboo Oromoo

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1. "Hiibboo". afaan-oromoo.com. 
  2. "Hibboo". opride.com.