Tarree Hiibboo Oromoo
Appearance
Tarreen kun hiibboo bebekkamoo ummata Oromoo keessaa muraasa qaba.
| Hiibboo | Deebii |
|---|---|
| Ari’anii hin qaban utaalanii hin dhaaban | Gaadidduu |
| Soba dhugaa fakkaatu | Abjuu |
| Abbaan bokkuu marmaratee rafe | Boqqoolloo |
| Fannisan fannoo hin qabduu teesisan teesson hin qabdu | killee |
| Guyyaa bakka feete ooltee galgala hanxaxiin cufatti | ija |
| Funyaan qabdii furrii hin baafattu | Baaqelaa |
| Hojii waaqaa mukti buuphaa buuse | Jirbii |
| Bixxilleen lamaan tabbatti hirkatte | gurra |
| Hoolaan gurraachi abbaan koo naaf qale dhiiga hin qabu | mixii |
| Ilmoon haadha keessaa baatee haadha dhiitti | kibriitii |
| Funyaan qabdii hin haxxifattu | Shumburaa |
| Qamadii garaa jalaa bokkaan hin tuqu | Harma sa’aa |
| Bakka qottiyyoo diimaan ciise margi hin margu | ibidda |
| Osoon kolfuun gubadhe | Akaayii/Akaawwii |
| Loon baay’ee keessaa kormaa tokko qofa | Addeessa |
| Shaa jettii shanbaa jettii harkaan nan tuqin jettii | Doobbii |
| Ilkaan hin qabduu dheedhii nyaachuu hin dadhabdu | Hindaaqqoo |
| Osoo boossuu kofaltii osoo haatuu mar’atti | Majii |
| Gabaabaa qalbii dheeraa | Hindaaqqoo |
| Dheeraa qalbii gabaabaa | Farda |
| Mana hin qabduu nyaata hin dhabdu | Tafkii |
| Loon hin qabduu ni elmiti | Silmii |
| Hamma majii geessii biyya waliin geessi | Aduu |
| Bifaan gurraattii amalaan giiftii | Eelee |
| Hin dhiqattu hin dibattu ni bareeddi | Hiddii |
| Ganama argee guyyaa dhabe | Fiixensa |
| Lafarra kaattii saree fakkaatti | Sardiidoo |
| Jiraa du’aa baatu du’aa jiraa baatu | Fardaafi kooraa |
| Yoo bahu mana ilaalaa yoo galu ala ilaala | Gaafa re’ee |
| Ani asin kaa’ee maaltu achirra sikaa’e | dabaaqula |
| Ani silaalaa ati waaqa ilaalta | eegee re’ee |
| Arraba hin qabuu daaraafi awwaara arraaba | Qilleensa |
| Yoo nyaatu ni fayyaa yoo dhugu ni du’a | ibidda |
| Balbala cufattee sirbiti | ittoo |
| Sangaa gurraachi bosona keessa deema | injiraan |
| Baala fakkaataa waaqarra kaata | Billaacha |
| Foon diimaa mataatti baata ofii hin nyaatu namaaf hin laatu | Lukkuu kormaa |
| Jaarsa gabaabaa bareedaa kan afaan areedaa | Boqqolloo |
| Adii dhalaa gurraacha horsiifata diimaa guddifata | Barbaree |
| Haati lafa dhiittii ilmoon haadha dhiitti | Mooyyee fi bolotaa |
| Ilmoon ni deemna ni deemna jettii haati ni teenya jettii | dhagaa daakuu |
| Gabaa hin dhaqxuu dhadhaa hin dhabdu | Boraatii |
| Ganama hiyyeessaa galgala dureessa | Mooraa loonii |
| Godoo gamaa balballi ishee lama | Funyaan |
| Ani lafan si kaa’e maaltu waaqa irra si baase | Bishingaa |
| Asuma taa’ee walitti qabe | Yaada |
| Abbaas hin fakkaatu haadhas hin fakkaatu | Gaangee |
| Akka ayyaana keenyaa halaala irra teenya | Harma |
| Yoo ergan ni fagaatti yoo waaman ni dhiyaatti | Bilbila |
| Lafee hin qabuu ija hin dhabu | Biddeena |
| Karaarra teessee qullubbii qollaati | Gufuu |
| Asii fiigee gunbii diige | Hantuuta |
| Afur taatee boolla tokkotti fincoofti | Mucha sa’aa |
| Abbaa garbee iyyaa darbe | Waraabessa |
| Isuma tumuu isumaan qabuu | Sibiila |
| Akaayyii ishee hin nyaatanii gaaddisa ishee hin taa’ani | Xaafii |
| Bifaan wal fakkaatti hojiidhaan wal caalti | Kanniisa |
| Tokko ganama jibba Tokko gagala jibba Tokko ganna jibba | nama liqiin irra jiru, ka niitiin qoccoltu, kan manni dhimmisu |
| Fuuldura mootii teessee fincoofti | Jabanaa |
| Bisingaa gaara irraa gadi jige | Eegee sa’aa |
| Uleen abbaan koo naaf kenne hin cabduus hin dabduus | Maqaa |
| Ani ergaan dhaqaa ati eessa dhaqxa | Gaaddidduu |
| Luka Afur qaba garuu laga hin cee’u | Siree/teessoo |
| Kaballaan dhahee Albaase | Gingilchaa |
| Ooyiruu guddaa baaqelaa facaase | Waaqaf urjii |
| Bakka saani gurraachi ka’e adiin ciise | Daaraa |
| Sabbata aayyoo maree mareen dadhabe | Karaa |
| Yoo loo’u akka bofaa, yoo taa’u akka dhagaa | Dabaaqulaa |
| Wajjumaan nyaannaa maaf huqqata | Fal’aana |
| Abbaan gabaabaan lafa jala fiiga | Maarashaa |
| Gamaanis gaara gamanaanis gaara keessi fardaan magaala | Marqaa |
| Calaq calaqqisee meetii sodaachise | Bakakkaa |
| Muree muree manarra tuule | Citaa |
| Jabbii jabbii hootu | Furriifi quba harkaa |
| Sangaan gaafa dalgee bookkisaa gadi darbe | Xiyyaara |
| Qotiyyoon abbaa kiyyaa eegee qaban malee hin qottu | Maqasii |
| Sulula qal’oo araddaa bal’oo | Qoonqoo |
| Ejersa jigoo bo’oo kanniisaa | Numa du’e |
| Namichi daboo kadhatee warri daboo deebi’ee, inni achumatti hafe | Reeffa |
| Ulee awwaalarraa bareeddeef hin muratan | Obboleettii |
| Obboleettii gabaabduu qaqqabdee hin dhungattu | irree |
| Boollatti galti yaa shurrubbaa ishee | Xaddee |
| Mucaan koo shaalee shaalee gara waaqaatti ol erge | Gaagura |
| Fayyaan du’aa dhalaa du’aan fayyaa dhala | Lukkuu,buuphaa,cuucii |
| Balluxee fi qalluxeen wal qabattee wal huute | Qacceefi muka |
| Karaan gibee naannoo naannoo | Gundoo |
| Fardeen laga wancii mudhii qaqallatti | Goondoo |
| Dukkanni gumbii guute | Nuugii |
| Bishaan Buutu xabuluq hin jettuu daggala seentu shokok hin jettu | Lilmoo |
| Osoon kaadhuun wanta adii gatee darbe | Hancufa |
| Shaa jedhe hin dhangala’u | Eegee fardaa |
| Afaan banatee nama ilaala | Hubboo |
| Ulee gantuu mataan gadi jedhe | Ookkoo |
| Bakkalcha fakkaatti lapheerra kaatti | Amartii |
| Ni deemaa ni deemaa hin dhaabbatu | bishaan |
| Yoo tuqan ni boo’a | Adaamii |
| Hiriyoonni lamaan wal fakkaatuu waliin deemu | kophee |
| Kophaa deemtii hin sodaattu | Biiftuu |
| Ganama luka afur, guyyaa luka lama, galgala luka sadi | Daa’ima,Dargaggeessa,Jaarsa |
| Ija waliin dhalattee osoo hin laalin duute | Biddeena |
| Laga bu’een ulee qajeelaa dhabe | Lafee cinaachaa |
| Guutan hin ulfaattu | yeroo/sa’aatii |
| Hamma fudhattu gadhiisaa deemti | Tarkaanfii miilaa |
| Yoo haadduun murtees godaannisa hin qabu | Bishaan |
| Kan ol-deemu tasa kan gadi hin deebifamne | umurii |
| Gamana taa’ee gamatti waraane | ija |
| Aayyoo baruxeen karaatti duute | Qaanqee |
| Kittaa buufattee waajjira seentee | Muuzii |
| Ani anuma hin nyaadhuu hin dhugu | suuraa |
| Hinuman si dhiqa maaf daalachoofta | Qodaa bukoo |
| Obboon bulukkoo uffatee rafe | Dibaa abiddaa |
| Ejersa dabe falli hin deebisu | Gaafa hoolaa |
| Mataa filattee gabaa baate | Suufii |
| Lafa keessaa lafa abaaramaa | Boolla |
| Re’een maraatte abdola afuufti | Buufaa tumtuu |
| Morma qabdi mataa hin qabdu | Buqqee |
| Hibakka bookkise dallaatti si rakkise | Bubbee |
| Ulee qal’oo qabatee farda sadi yaabbate | Distii/Marqaa |
| Haati nama ilaalti ilmoon nama nyaatti | Rasaasa |
| Ganama kaatee lafa arraabdi | Hartuu |
| Dura Diigamee booda ijaarama | kaarra loonii |
| Abbaan eeboo dhibbaa laga keessaa sirba | Meexxii |
| Galgala faca’u galgala dhabamu | Urjii |
| Gaaraa gugatee daaraa uffate | Qoraan |
| Ollaa walii ta’anii wal hin argan | Ija |
| Kan bu’ee hin banne kan hattuun hin hanne | Beekumsa |
| Fardeen gamaa dhuftu luugamni hin deebisu | Hoqqisaa |
| Burqaa gaaraa balballi saddeeti | Mucha/Harma saree |
| Muka diimaa diimate jedhanii bira hin darban | Harbuu |
| Akka bofaa loo’aa addunyaa hundaa mo’aa | Hirriiba |
| Tokko ni deemna jedha, Tokko ni dhaabbanna jedha, Tokko ni teenya jedha | Bishaan, Muka, Dhagaa |
| Hiddi isaa lafa lixee ijji isaa nama fixe | Qaaraa |
| Ninyaata hin dhugu | Daana’oo |
| Gaara guddaa jala re’een adiin cicciiste | ilkaan |
| Bixxilleen aayyoo jilbarratti hin cabu | Missira |
| Mana ijaaree karaa isaa wallaale | Tuulaa midhaanii |
| Maree sirra taa’e | Gogaa |
| Damee qabdii hin yaabbatamtu ija qabdii hin nyaatamtu | Hiddii |
| Yoo dhalu nama dheessa erga dhale ilma dheessa | Namaa fi Udaan |