Gaaddisaa Birruu

From Wikipedia
Jump to navigation Jump to search

Gaaddisaa Birruu artistii Oromoo asoosaa fi diraamaa barreessun beekkamu. Gaaddisaan aartii Oromoo guddisuu keessatti gumaacha guddaa godhe.

Seenaa Duubaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Gaaddisaan Birruu abbaa isaa Birruu Waaqaa fi harmee isaa Bijigee Gonfaa irraa bara 1950 A.L.Itti, Godina Arsii, Magaalaa Boqqojjiitti dhalate. Gaaddisaan, obboleeyyan dhiiraa lamaa fi dubaraa lama kan qabu yoo ta’u, hojii qonnaa adda addaatin maatii isaa gargaaraa guddate. Yeroo umriin isaa barumsaaf ga’u Mana Barnootaa Boqqojjii seenee kutaa 1-8 barate. Kutaa 9-10 immoo Magaalaa Asallaatti mana barnootaa yeroo sana “Raas Daargee” jedhamutti barate. Bara sana keessa barattoonni qaphxii olaanaa qabaniifi fedhii barsiisaa ta’uu qaban filatamanii barsiisummaaf leenji’uu danda’u turan. Gaaddisaanis barataa cimaa waan tureef, bara 1965tti barsiisummaaf filatamee dhaabbata leenjii barsiisotaa seene. Sana booda, waggaa lamaaf leenji’ee barsiisummaan eebbifamuun Godina Arsiitti ramadamee barsiisaa ture.

Gaaddisaan, waggaa jahaaf erga barsiisee booda, barnootasaa itti fufuun bara 1973 A.L.Itti Yuunivarsiitii Finfinnee seenee damee barnootaa Ogbarruu Afaan Ingiliziitiin digirii jalqabaan eebbifame. Hamileefi kaka’umsa inni barnootaaf qabu dabalaa waan dhufeef, waggoota muraasa booda barnoota isaa itti fufuun Ogbarruu Afaan Ingiliziitiin Digirii lammaffaa Yuunivarsiitii Finfinneerraa fudhateera.

Beekumsaafi dandeettii barnootaan argate kana hojiirra oolchuuf waajjiraalee mootummaa fi mitimootummaa adda addaa keessatti tajaajileera. Haaluma kanaan, Dhaabbata Giddu-gala Qorannoo Misoomaa fi Barnootaa jedhamee waamamu keessatti, kutaa qorannoofi qu’annoorratti qindeessaa pirojeektii ta’uun bara 1997-2006tti tajaajileera. Isaan duras Dhaabbata Federeeshinii Luuteraanii Addunyaa keessatti Ofiisara Qophii Ragaa Bu’uuraa ta’uun bara 1989-1997tti hojjeteera. Biiroo Komiishina Qophii fi Ittisa Balaa Oromiyaa keessatti itti gaafatamaa gargaarsaafi hariiroo tajaajila hawaasaa ta’uun bara 1986-1989tti hojjeteera. Haaluma walfakkaatuun, Ministeera Dhimma Aadaafi Ispoortii keessatti, miseensa garee qopheessitoota Kuusaa Jechoota Afaan Oromoo ta’uun bara 1977-1986tti hojjataa tureera. Kana malees, bara 1967-1972tti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti barsiisaa tureera.

Gaaddisaa Birruu barreessaa akka ta’u kan karaa baneef barnoota Afaanii fi Ogbarruu barachuusaa ta’ullee, hojii Dhaabaa Wayyeessaa hordofuunsaa caalaatti kaka’umsa ittuumeera. Yeroo taphoota gaggabaaboo Dhaabaan barreessee raadiyootiin darbaa ture Gaaddisaan immoo hojii Dhaabaa kana raadiyooniitiin hordofa ture. Kunis, qalbiifi fedhiinsaa gara waa barreessuutti akka dhufu taasise. Kanarraan kan ka’e, asoosama gabaabaa matadureen isaa Waa Lama Dhabuu jedhu yeroo jalqabaaf barreesse. Asoosamichis raadiyootiin torban 29f darbeera. Kanarraa ka’uun, kitaabilee Afaan Oromoo adda addaa barreessuu eegale. Kitaabilee inni barreesse keessaa tokko, asoosama dheeraa Kuusaa Gadoo jedhu yoo ta'u kunis bara 1983tti maxxanfame. Asoosamni kunis, seenaa ogbarruu Oromoo keessatti asoosama dheeraa yeroo duraaf barreeffame jedhamee beekameera. Ittifufuun, Guuboo yookaan kuusaa jechoota Afaan Oromoo bara 1977-1986tti namoota biroo waliin qopheesseera.

Gamabiraatiin, asoosama dheeraa matadureensaa Dhaamsa Abbaa jedhu bara 1994tti kan maxxansiise yoo ta’u, bara 1995tti immoo asoosama gabaabaa matadureensaa Waxala Qaccee Gaabbii jedhu barreessee dorgommii Qaacceessa ogbarruu sadarkaa idiladdunyaatti adeemsifametti dhiyaatee tokkoffaa bahuun badhaafame. Bara 1997 asoosama gabaabaa matadureensaa Fedhii Gamtokee jedhu dorgommiif dhiyeessee sadaffaa bahuun badhaafameera. Haaluma walfakkaatuun, bara 2001 kitaaba “Fedhii Gamtokkeefi Ogbarruu Gaggabaaboo Biroo” barreessee maxxansiisuun uummata biraan gaheera. Dabalataanis, Gaaddisaan kitaaba matadureensaa “Namummaa” jedhu namoota waliin ta’uun bara 2004 maxxansiiseera. Kana qofa osoo hinta’in, barruulee matadureensaa “Birmata” jedhu kan waggaatti si’a lama maxxanfamu namoota waliin qopheessuun dubbistootaaf dhiyeessaa tureera.

Ogummaa barreessuu kana malees, Gaaddisaa Birruu aartii Oromoo guddisuuf barreessitoota Oromoo waliin Waldaa Barreessitoota Oromoo bara 2002tti hundeesseera. Hogganaa waldichaas ta’uun tajaajilaa jira. Kaayyoo waldichaas bu’uureffachuun barreessitoonni Oromoo caalaatti akka barreessan jajjabeessuuf haala mijeessuun itti gaafatamummaa guddaa bahaa jira. Walumaagalatti, gummachi Artisti Gaaddisaa Birruu aartii Oromoo guddisuu keessatti qabu salphaa miti. Gaaddisaan baroota Afaan Oromootiin barreessuun akka yakkaatti ilaalamaa ture keessatti aarsaa kaffalamuu qabu hunda kaffaluun kitaabolee Afaan Oromoon barreesseera. Kunis, guddina aartii Oromootiif qooda guddaa taphateera. Kana malees, Gaaddisaan itti gaafatamummaa adda addaa fudhachuun guddina aartii Oromoo gama barreessuun jiruuf gumaacha guddaa taasisaa jira. Kun hundi immoo, dhaloota isa booda jiraniif hamilee guddaa ta’uun barreessitoonni hedduun akka uumaman taasisaa jira.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  • Barnoota Afaan Oromoo Kitaaba Barataa Kutaa 7, 2014