Jump to content

Faangasii

Wikipedia irraa

Marqoon ykn commeen mootummoota lubbuu akkaan adda addaa fi hawwataa ta'an keessaa isa tokkodha. Orgaanizimoonni kun doobana, raacitifi habuuttaa kan hammatan yoo ta’u, sirnannoo, industirii fi qoricha keessatti shoora murteessaa qabu. Fangasiin biqiltootaa irraa haala adda ta’een footosinteesii hin raawwatan; kanaa mannaa, wantoota orgaanikii caccabsuun soorata argatu. Amalli adda taʼe kun uumama keessatti burkutessitoota barbaachisoodha. Maarqoon orgaanizimoota tambidugee(eukaryotic ) yoo ta’an, jechuunis tambii fi caasaa lubbiyyoo walxaxaa qabu. Cicha lubbiyyoo isaanii chitiin kan of keessaa qabu yoo ta’u, biqiltoota cicha lubbiyyoo seeloosa irratti hundaa’e qaban irraa adda isaan taasisa. Maarqoon karaa saleessaafi mit-saleessaa karaa dhukeen kan wal horu yoo ta’u, kunis karaa qilleensaa, bishaanii ykn lubbu qabeeyyii ta’een babal’achuu danda’a.

Gosoota Faangasii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Faangasiin gareewwan gurguddoo hedduutti ramadamu:

  1. Doobana (Molds) – Isaan kun fangasiin seel-hedduu kan qaban yoo ta’u, caasaa liilanaawaa(filamentous) tushaa maarqoo (hyphae)jedhaman keessatti guddatanidha. Yeroo baayyee nyaata badaa jiruu fi bakka jiidha qabu irratti argamu.
  2. Raacitii (Yeasts) – fangasii seel-tokkee, kichuudhaan wal hormaatanidha. Raacitiin daabboo tolchuu, dhugaatii macheessoo tolchuu fi baayooteknooloojii keessatti bal’inaan itti fayyadama.
  3. Habuttaa (Mushrooms) – Isaan kun qaama firii fangasii murtaa’oo yoo ta’an, yeroo baay’ee bosonaafi maasii keessatti argamu. Mushroomni tokko tokko nyaatamuu kan danda’u yoo ta’u, kaan ammoo summawaa ykn wareersaadha.
  4. Mycorrhizal Fungi – Maarqooleen kun hundee biqiltootaa wajjin hariiroo leettumsaawaa uumuun soorata xuuxuu keessatti gargaaru.
  5. Pathogenic Fungi – Maarqoleen tokko tokko nama, bineeldootaafi biqiltoota irratti dhukkuba kan akka mimmi'oo fi waagii midhaan irratti fidu.