Elektirooniksii

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Ruuqolee elektiroonikii kan gubbaatti maxxane

Elektirooniksiin waa'ee elektirikaal sarkiyuutii yoo ta'u kunis ruuqolee elektirkii ka'aa kan akka vaakiyuum tuubii, tiraanzisterii, daayoodii fi integireetid sarkiyuutii of keessaa qaba, kan sana wajjin walqabatu teeknoloojii walqabsisiistuu mugaas of keessaa qaba. Baayyinaan, meeshaalen elektirooniksii sarkiyuutii kan irra caala ykn guutummaan semiikondaakterii ka'aa kan ruuqota mugaan deeggarame of keessaa qabu qabata; sarkiyuutonni akkasii elektiroonik sarkiyuutii jedhama.

Amalli al-liniyaarii ta'uu ruuqolee ka'aa fi yaa'a elektiroonii too'achuu danda'uun isaanii asattoo dadhabaa guddisiisuu dandeechise, kanaafis elektriioniksiin baayyinaan odeeffannoo hujeessuu, telekoominikeeshinii, fi asattoo hujeessuu keessatti hojiirra oola. Meeshaaleen elektirooniksii akka iswiichiitti hojjachuu danda'uun isaanii odeeffannoo dijitaalaa hujeessuu dandeessisa. Teeknooloojiin walqunnamsiisaa kan akka sarkiyuuti boordii, teeknooloojiin elektirooniksii ittiin qarqaban (electronics packaging), fi maloonni walqunnamtii bu'uuraa kan biraa tajaajilli sarkiyuutii sanaa guutuu akka ta'u gochuun ruuqolee walitti makaman kana gara sirna hojjatuutti jijjiira.

Elektirooniksiin saayinsii fi teeknoloojii elektrikaalii fi elektiroo-makaanikaalii irraa adda; elektrikaalii fi elektiroo-makaanikaaliin waa'ee anniisaa elektirikii oomishuu, tamsaasuu, kuusuu, anniisa elektirikii gara anniisaa biraatti jijjiiruu, anniisaa bira gara anniisaa elektirkiitti jijjiiru of keessatti qabata; kan gochuufis motora, jenereetara, baatirii, iswiichii, riileyi, tiraanisfoormerii, rezisterii, fi ruuqota mugaa kan biraatti fayyadama. Saayinsoota kana lamaan gargar baasun bara 1906tti erga tiraayoodin, kan asattoo raadiyoo fi sagalee dadhabaa odoo meeshaa makaanikaaliitti hin fayyadamin ol guddisuu dandeessisiise, Lii Di Forestiin kalaqamee booda jalqabe. Hanga bara 1950tti, saayinsiin kun "raadiyoo teknooloojii" jedhama ture sababiinsaas iddoo inni itti hojiirra oolu inni guddaan tamsaastuu raadiyoo (radio transmitters), fudhattuu raadiyoo (radio receivers) fi vaakiyuum tuubii irratti ture.

Yeroo ammaa, meeshaaleen elektirooniksii baayyeen elektiroonii too'achuuf ruuqolee semiikondaakteriitti fayyadamu. Qorannoon meeshaalee semiikondaakterii fi teeknoloojii wal qabatuu damee fiiziksii falkaa-jajjaboo (solid-state physics) jedhama, elektiroonik sarkiyuutii rakkoo furuuf jecha sxaxuuni fi hojjachuun ammoo elektirooniksi injineeringi jedhama. Barruun kun elektirooniksi injineeriingii irratti xiyyeeffata.  

Meeshaalee Elektirooniksii fi Ruuqota Isaanii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Teknishaanin elektirooniksii yeroo voolteejii sarkiyuuti boordii safarun mirkaneessu

Ruuqoleen elektiroonikii kan jedhaman qaama fiizikaala sirna elektiroonikii keessa jiru kamiyyuu kan elektiroonii too'achuuf ykn fiildii isaanii haala faayidaa sirna elektiroonikii san wajjin deemun jijjiiru danda'u hunda dha. Walumaa galatti ruuqoleen walitti kan qabatan yoo ta'u kunis piriintid sarkiyuuti boordii (printed circuit board) irratti baqfamuun qabsiifamaniiti; walitti qabsiifamun isaani kunis elektiroonik sarkiyuutii faayidaa addaa qabu (fakkeenyaaf ampilifaayerii, raadiyoo fudhataa ykn osileeterii) uumuufi. Ruuqoleen elektiroonksii baayyee beekkamoon kaappaasiterii, indaakterii, rezisterii, daayoodii, fi tiraanzisterii faadha. Ruuqoleen yeroo baayyee ka'aa (fkn tiraanzisterii fi taayiristerii) ykn mugaa (kaappaasiterii, indaakterii, rezisterii, daayoodii, fi tiraanzisterii) jechuun bakka lamatti qoodamu. 

Seenaa Ruuqolee Elektiroonikii ][edit | Lakkaddaa gulaali]

Vaakiyuum tuubii (Vacuum tubes or Thermionic valves) ruuqa elektiroonikii kan jalqaba kalaqame dha. Jijjiirama guddaa elektirooniksii irratti walakkeessa jaarraa 20ffaa kan duraa keessa dhufeef, vaakiyuum tuubiin sababa ture. Vaakiyuum tuubiin elektirooniksii ittiin gowwoomsoo tabachuu harkaa baasee raadiyoo, televizyinii, fonogiraafii, raadaarii, bilbila fageenya dheeraa fi wantoota biraa baayyee ilmaan namootatii kennisiise. Vaakiyuum tuubiin, hanga bara 1980n keessatti maayikirooweevii fi tamsaasa humna guddaa (high power transmission) akkasumas fudhattuu televizyiinii keessatti shoora olaanaa tabata ture. Erga yeroo sanaatii, meeshalen falkaa-jajjaboo gutummaan vaakiyuum tuubii dhaalan. Vaakiyuum tuubiin ammallee iddowwaan hojii addaa barbaachisu keessatti kan fayyadaa jiran yoo ta'u kunis kan akka ampilifaayerii RF humna guddaa, kaatood reyi tuubii, meeshaalee sagalee kan addaa, ampilifaayerii gitaaraa fi meeshaalee maayikirooweevii muraasa keessatti ni tajaajilu.

Ebla 1955ttii IBM 608, meeshaa IBM kan vaakiyuum tuubii tokkolle hin fayyadamane, gutummaan sarkiyuutii tiraanzisterii kan fayyadamu kaalkuleeterii jalqabaa ti; kunis kaalkuleeterii gurguraaf hojjatame kan tiraanzisterii qofa fayyadamu addunyaarratti kan jalqabaa ti jedhamee yaaddama. IBM 608, tiraanzisterii jermeeniyeemii 3,000 qaba ture. Thomas J. Watson meeshaaleen IBM sana booda oomishaman hundi saxaxasaanii keessatti tiraanzisterii akka fayyadaman ajaje. Erga yeroo sanaatii, kompitara keessatti loojik geetii (logic gates) fi meeshaalee moggaa (peripheral devices) hojjachuuf tiraanzisteriin qofatti fayyadu.

Gosa Sarkiyuutii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Sarkiyuutii fi ruuqonni garee lamatti qooddamuu danda'u: anaaloogii fi dijitaala. Meeshaan tokko sarkiyuutii akaakuu isa tokko, ykn akaakuu isa kan biraa ykn makaa lamaanituu qabaachuu danda'a.

Sarkiyuutii Anaaloogii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Hitachi J100 adjustable frequency drive chassis

Meeshaalen elektiroonikii anaaloogii baayyeen, kana akka fudhattuu raadiyoo, waliitii fiduu sarkiyuutii bu'uraa muraasa irraa hojjataman. Sarkiyuutiin anaaloogii voolteejii odooo addaan hin citin walitti fufaa fi kan daangaa hin qabne kan fayyadamu yoo ta'u sarkiyuutii dijitaalli ammoo voolteejii muraasa kan lakkoofsaan beekkamaa ta'e fayyadama.

Lakkoofsi sarkiyuutii anaaloogii saxaxamee baayye dha, sababiinsaas sarkiyuutin kan ruuqa tokko qaburraa kaasee hanga sirna ruuqolee kumaatti lakkawwaman qabutti waan of keessatti qabatuuf.

Sarkiyuutiin anaaloogii yeroo tokko tokko sarkiyuutii liiniyaarii jedhama garuu bu'aawwan al-liniiyaarii ta'an kan akka miikserii, mojuleeterii, kkf fayyadamuu danda'a. Fakkenya sarkiyuutii anaaloogii gaarii keessaa muraasni ampiliifaayerii vaakiyuum tuubii fi tiraanzisterii, ampilifaayerii dalagaarra oolu fi osileeterii faa dha.

Yeroo ammaa sarkiyuutii guutummaan anaaloogii ta'e darbe darbee malee hin argamu. Yeroo ammaa sarkiyuutiin anaaloogii, saffisa fooyyessuuf jecha, tooftaa dijitaalaa ykn maayikiroopirooseserii fayyadamuu danda'a. Sarkiyuutii akkasii kun yeroo baayyee anaaloogii ykn dijitaalii odoo hin taane "asattoo makoo" jedhama.

Yeroo tokko tokko sarkiyuutii anaaloogii fi dijitaalaa gargar baasun ulfaataa dha; sababiinsaas hojii isaanii keessatti ruuqota liniyaarii fi al-liiniyaarii of keessa waan qabaniif. Fakkenyi gaarin kompaaraaterii (comparator) kan voolteejii fufaa ta'e fudhatu garuu akka sarkiyuutii dijitaalii baha sadarkaa lama qabu baasa. Akkanuma, ampilifaayeriin tiraanzisterii guddaa amala iswiichii agarsiisu kan danda'u yoo ta'u kanaafis bahaa sadarkaa lama qabu baasa.

Sarkiyuutii Dijitaalaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Sarkiyuutiin dijitaalaa sarkiyuutii elektirikii kan voolteejii sadarkaa muraasa qofa qabu dha. Sarkiyuutiin dijitaalaa haala fiizikaala ta'en Buuliyaan aljebraa bakka bu'uun beekkamaa dha, kanaafis bu'uura kompitara dijitaalaa ti. Injineroota baayyedhaaf, waa'ee sarkiyuutii dijitaalaa yoo dubbatan, jechi sarkiyuuti dijitaalaa, sirna dijitaalaa, fi loojikii jedhu wal gegeeddaranii fayyadamuun ni danda'ama. Sarkiyuutiin dijitaalaa baayyeen lakkoofsa lamee (binary system) kan sadarkaa voolteejii lama qofa qabu, "0" fi "1", fayyadama. Yeroo baayyee, loojikii "0"n voolteejii xiqqaa ta'ee kan "gadaanaa" jedhamuun bakka buufama, loojikii "1"n ammoo voolteejii guddaa kan "olaanaa" jedhamuun bakka buufama. Garuu, sirni tokko tokko faallaa kanaa ("0"n olaanaa ) fayyadamauu ykn karantii irratti hunda'aa. Yeroo baayyee, saxaxaan loojikii sanaa hiika kana sarkiyuutii tokkorraa sarkiyuutii biraatti saxaxa sanaaf akka mijatuuf jecha jijjiiruu danda'a. Hiikaan sadarkaa "0" fi "1" akkuma abbaan murteesse.

Loojikiin sadee (kan haala sadi qabu) qoratamee ture, kompitarri kan maddaas hojjatamee ture

Kompitaroonni, sa'aatin elektiroonikii, fi too'atoonnii loojikii saganteeffamu (kan hojii industirii keessa jiru too'atu) sarkiyuutii dijitaalaa irraa hojjataman. Hujeessitoonni asattoo dijitaalaa fakkeenya tokko.

Buu'ura irraa ijaarraman:

  • Loojik geetii (Logic gates)
  • Aaderii (Adders)
  • Filiip-filooppii(Flip-flops)
  • Kaawunterii(Counters)
  • Galmee (Registers)
  • Maltipileekserii (Multiplexers)
  • tiriigerii (Schmitt triggers)

Meeshaalee bu'uuraa gurguddaa:

  • Maayikroopirooseserii (Microprocessors)
  • Maayikirookontiroolerii (Microcontrollers)
  • Application-specific integrated circuit (ASIC)
  • Digital signal processor (DSP)
  • Field-programmable gate array (FPGA)

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1.  Sōgo Okamura (1994). History of Electron Tubes. IOS Press. p. 5. ISBN 978-90-5199-145-1. Retrieved 5 December 2012.
  2. Bashe, Charles J.; et al. (1986). IBM's Early Computers. MIT. p. 386.
  3. Pugh, Emerson W.; Johnson, Lyle R.; Palmer, John H. (1991). IBM's 360 and early 370 systems. MIT Press. p. 34. ISBN 0-262-16123-0.
  4. IEEE Dictionary of Electrical and Electronics Terms ISBN 978-0-471-42806-0
  5. Andrew R Hickey (May 15, 2008). "Crazy' Ant Invasion Frying Computer Equipment".

Liinkii Alaa[edit | Lakkaddaa gulaali]