Raadaarii

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Anteenaa raadaarii fageenya-dheeraa, kan misaayelii baalistiikii fi wantoota balali'an arguuf gargaaru.

Raadaarin sirna ittiin wantoota-argan kan dambalii raadiyoo fayyadamuun fageenya, ol kaa'insa, kallattii, ykn saffisa wantootaa arguuf tajaajilu dha. Raadaarin xiyyara, ispeeskiraaftii, bidiruu, misaayelii qajeelfamu (guided missile), konkolaataa, odeeffannoo haala qilleensaa fi akkaataa taa'umsa lafaa arguuf gargaara. Diishin ykn anteenaan raadaarii, dambalii raadiyoo ykn maayikirooweevii tamsaasa, kunis wantoota fulduraasaa jiran kan gufuu itti ta'anitti bu'ee gara duubatti deebi'a. Wantoonni gufuu ta'an kun anniisaa dambalii keessa amma xiqqoo gara diishii ykn anteenaatti, kan yeroo baayyee naannodhuma tamsaasaa (transmitter) kanatti argamutti, deebisu.

Raadaariin biyyoota adda addaa baayyedhaan yeroo Waraana Addunyaa Lammaffa fi sana dura hojjatame. Jechi raadaar jedhu bara 1940 Humna Galaanaa USAtin kan uummamee yoo ta'u kunis gabajee gaalee RAdio Detection And Ranging jedhurraa dhufe ture. Gabajeen kun erga sanii gabajee ta'uunsaa hafee akkuma jechaatti tajaajiluutti darbe.

Faayidaan raadaarii kan ammaa baayyee ball'aadha, kunis too'annaa tiraafikii qilleensarraa, sirna ittisa-qilleensarraa, astironoomii raadarii, sirna farra-misaayelii; raadaarii bidiruun iddoowwanii fi bidiruu biraa arguuf; sirna xiyyara akka walitti hin buune dhorku; sirna garba ilaaluu, sirna ispeesii ilaaluu, fi sirna ispeeskiraaftii walittii dhiyeessuu keessatti; meetirooloojii keessatti hordoffii jiidha qilleensaa kan rooba fiduu; sirna xiyyara balaliisuu keessatti; misaayelii qajeelfamu keessatti iddoo rukutamu addaa baasuus; raadaarii lafa keessa seenu kan qorannoo ji'ooloojiif oolu dabalata. Raadaarii teknooloojii olaanaa fayyadaman hujeessa asattoo lakqurxaawaa (digital signal processing) ofirraa qabu, odeeffannoo fayyadu waca guddaa keessaa adda baasuus danda'u.

Sirnoonni kaan kan raadaarii fakkatan kutaa elektiroomaagineetiik ispektiremii keessaa kan biraa fayyadamu. Fakkeenyi tokko liidarii dha, liidaariin bakka dambalii raadiyoo ifa leezerii kan ijaan mul'atu fayyadama.

Akkaataa Hojii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Sirnoonnii raadaarii tamsaastuu dambalii raadiyoo kan asattoo raadaarii jedhamu kallattii duraan murtaa'etti tamsaasu qabu. Damabaliin raadiyoo kun yoo waan ta'etti bu'e, yeroo baayyee gara duubatti calaqqifamu yookan kallatti adda adaatin bittinneeffamu. Asattoon raadaarii gara duubatti calaqqiseeffama, keessaahuu meeshaalee dabarsoo elektirikii ta'an keessatti  — keessumattuu sibiilaan, bishaan garbaatinii fi lafa jiidhadhaan. Kana keessaa muraasni altimeter raadaarii  fayyadamuu nama dandeessisu. Asattoon raadaarii kan gara duubaatti kallattii tamsaastutti calaqqiseeffametu raadaariin akka hojjatu godha. Yoo wanti asattoo raadaarii calaqqiseesse sun gara tamsaastutti ykn faallaa tamsaastutti deema ta'e, jijjiiramana ammamtaa dambalii raadiyoo kan sanaan walqixxaatutu fida, kanas kan godhu galtee Dooppilerii ti.  

Fudhattuun raadaarii, yeroo baayyee, garuu yeroo hunda miti, iddoodhuma tamsaastun jirutti argama. Asattoon raadaarii duubatti calaqiseeffamee anteenaan fudhatame yeroo baayyee dhadhabaa yoo ta'eyyuu, elektirooniik ampilifaayeriidhaan anniisaa isaa guddisuun ni danda'ama. Asattoo raadaarii fayyidaa kennuu danda'u argachuuf, tooftaa asattoo hujeessuu xaxamaanis hojiirra oola.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]