Baatirii

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Seelii fi baatirii adda addaa (gubbaa-bitaadhaa gara jala-mirgaatti): AA lama, D tokko, baatirii ham reediyoo harkatti baatamuu, 9-vooltii (PP3) lama, AAA lama, C tokko, baatirii kamkorderii tokko, fi baatirii bilbilaa wadaroo hin qabnee tokko.

Baatiriin elektirikii meeshaa seelii elektirookeemikaalaa of keessaa qabu yoo ta'u hojiinsaas anniisaa keemikaalaa gara anniisaa elektirikiitti jijjiiru dha. Seelin tokko tokkoonsaa moggaa poozatiivii, ykn kaatodii, fi moggaa nageetivii, ykn anoodii qaba. Elektiroolaayitoonni ayonoonni elektiroodota ykn moggaa lamaan gidduu akka yaa'u godhu, kunis karantiin baatirii keessaa yaa'ee hojii akka hojjatuu godha.

Baatiroonni dursaa (primary battery) yeroo tokkoo faayidaarra oolanii achii booda kan gatamani dha; elektiroodonni isaanii yeroo baatiriin hojjatu akkaataa duubatti deebi'uu hin dandeenyeen jijjiiramu. Fakkeenya gaarin baatirii alkaalayinii kan meeshaalee socho'an baayyeen itti fayyadamanii fi kan ifaaf tajaajilu dha. Baatiriin lammaffoo (kan chaarjeffaman) yeroo baayyee chaarjii godhamuu fi faayidaarra ooluu danda'a; qabiyyeen elektiroodii kan jalqabaa yeroo karantiin faallan keessa darbe bakka duraatti deebi'a. Fakkeenyaaf baatirii liid-asidii kan konkolaataa keessatti itti fayyadmnu fi baatirii liitiyeem ayoonii kan elektirooniksii socho'u keessatti itti fayyadamnu kaasun ni danda'ama. Baatiriin bifaa fi danaa addaa addaatin dhufa, seelii baayyee xiqqishuu kan meeshaa warra gurri dabarsu gargaaruu fi sa'aatii harkaatii humna kennuu hanga baatirii guddinaan amma kutaa tokkoo ga'u kan anniisaa waljijjiirraa bilbilaa fi daataa senterii kompitaraaf dhiyeessuu ta'uu danda'a.

Akka tilmaama bara 2005tti, wagga waggaadhan daldallii baatirii qarshii biliyoona $48 baasa, waggaatti guddina dhibbantaa 6% ta'us agarsiisa.

Baatiriin boba'aa bebbeekkamoo akka gaazoliinii caala anniisaa xiqqaa qaba. Kana garuu amma tokko baatiriin anniisaa isaanii akka elektrikiitti (kan gara hojii makaanikaalitti karaa jijjiirramu) waan kennaniif ni fura, karaa biraa boba'aan injiinii keessatti gara hojiitti yeroo jijjiiramu annisaansaa baayyee xiqqaa dha.

Seenaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Diyaagiraamii sarkiyuutii keessatti mallattoo baatirii.

Jechi baatirii jedhu meeshaa elektirikaalii ibsuuf kan jalqaba fayyadame Beenjamin Firaankiliin ture, kunis bara 1748 Leyden jars baayyee ibsuuf qawwee baayyee kan yeroo sana baatirii jedhamuun wajjin wal fakkeessee (Beenjamin Firaankiliini jecha kana waraanarraa ergifate, baatiriin waraana keessatti meeshaa waraana waliin wajjin tajaajilan ibsa). Alesaandiroo Vooltaa baatirii elektirookeemikaalaa kan jalqabaa kan vooltaayik paayil jedhamau bara 1800tti hojjate. Kunis koopparii fi zinkii walirratti tuullame yoo ta'u gidduusaanii waraqaa bishaan soogiddaa keessa cuubametu jira, baatiriin kun karantii baayyee hin jijjiiramne yeroo dheeraaf maddisiisa. Vooltan voolteejin baatirii kun sababa walnyaatinsa keemikaalaa ta'uu hin hubanne. Vooltan seelonni inni uume kun madda anniisaa hin dhumneeti jedhee amana, fana maleesi nyaatamuu elektiroodota baatiriirra ga'u akka waan nuffisiisaa tokkootti qofa ilaale, akka waan hojii baatirii keessatti hafuu hin dandeenyeetti hin ilaalle. Bara 1834tti, Maayikil Faradaay nyaatamuun elektiroodotaa walnyaatinsa keemikaalaa geggeeffamuun kan dhufu ta'uu fi kan hin oolle ta'uu agarsiise.

Baatiroonni jalqabaa yaalii adda addaa hojjachuuf baayyee murteessoo kan turan yoo ta'u, garuu voolteejin isaanii kan jijijjiiramuu fi karantii guddaa yeroo dheeradhaaf kennuu kan hin dandeenye turan. Baatiriin seelii Daanish jedhamu, kan bara 1836tti kemistii biyya Biriiteen Joon Firedriik Daani'eelin kalaqame, baatirii akka madda elektirikiitti tajaajile kan jalqabaa ti. Baatiriin kun madaala industirii ta'e, akkasumas cimdaa telegiraafii keessati akka madda anniisaatti baayyinaa itti fayyadamuu jalqaban. Baatiriin kun huubboo koopparii kan bulbula kooppar salfeetin guuttame qabata, kana keessa huubboo suphee salfariik asidii fi elektiroodii zinkiitu qabatutu jira.

Seelonni jiidhaan elektiroolaayitii dhangala'oo fayyadamu, kunis yoo seeran qabamuu baate dhangala'uu fi cobuu danda'a. Namoonni baayyen huubboo fuullerraa hojjatame ruuqolee kana qabachuuf itti fayyadamu turan, kunis salphaatti akka caban godhe. Amaloonni akkanaa kun seelii jiidhan meeshaale socho'aniif mijataa akka hin taane godhe. Dhuma jaarraa 19ffaa keessa, baatiriin seelii gogaa kalaqame, isaanis meeshaalee socho'aniif humna dhiyeessuuf mijataa ta'an. Baatiriin seelii gogaa elektiroolaayitii dhangala'oo waan furdaa hin dhangalaanen bakka buusan.

Akkaataa Ittiin Hojjatu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Seelii voltaayikii kan agarsiisaaf hojjatame.Fakkeenya kanarratti, walakkaan-seelii lama riqicha soogidaa, kan ayonoota dabarsuu danda'un, walqabatan.

Baatiriin aannisaa keemikaalaa qajeeltodhaan gara anniisaa elektirikiitti jijjiira. Baatiriin seelii vooltaayik muraasa of keessaa qaba. Seeliin tokkoo tokkoonsaa walakkaa-seelii lama qaba, walakkaan-seelii elektiroolaayitii elektirikii dabarsu fi anaayonii fi kaatayonii of keessaa qaba; kunis karaa siiriyesiin walqabata. Walakkaan-seelii tokko elektiroolaayitii fi elektiroodii nageetiva ta'e qaba, elektiroodii kanatti anaayoniin (ayoonota chaarjii nageetiva ta'e qaba) itti godaanu; walakkaan-seelii kan biraa ammoo elektirolaayitii fi elektiroodii poozatiiva ta'e qaba, elektiroodii kanatti kaatayooniin (ayoonii charjii poositiiva ta'e qabu) itti godaanu. Walnyaatinsi redksii baatirii kana humna maddisiisa. Kaatayoononni yeroo baatiriin chaarjii ta'u kaatodii irrattii ni hirrifamu (elektiroonin itti dabalama), anayoononni ammoo yeroo dischaarjii ta'u anoodii irratti ni oksideeffamu (elektiroonin irraa fudhatama).

Seelii-walakkaan tokko humna elektiroomootivii (electromotive force - emf) qaba, kunis dandeettii inni karantii elektirikii keessoo seelii irraa gara duuba seelitti oofuf qabuun murteeffama. emf dhugaa garaagarummaa emf walakkaa-seelii lamaani ti. Kanaafuu, yoo elektiroodonni emf fi qabaatan, emfn dhugaa dha; jecha biraatin, emf dhugaa garaagarummaa dandeettii riddaakshinii walnyaatinsa-walakkaa ti.

Humna elektirkii hoofu ykn kan moggaa seelii baatirii hoofu voolteejii moggaa (terminal voltage) jedhama, voolteejidhaan safaramas. Voolteejin moggaa, kan seelii chaarjii gochaas ta'ee dischaarjii gochaa hin jirree tokko voolteejii sarkiyuutii banaa jedhama, kuns emf seelichaa wajjin wal qixxee dha. Sababa ittisa keessootiin (internal resistance), chaarjin moggaa seelii dischaarjii gochaa jiruu tokkoo voolteejii sarkiyuutii banaarra xiqqaa dha, kan seelii chaarjii gochaa jiruu ammoo voolteejii sarkiyuutii banaa ni caala. Seelii yaadaa kan baayyee bayeessa ta'e ittisa keessaa xiqqoo qofa qabaata, hanga dhumutti voolteejin moggaa seranaa qabaata, achii booda 0tti gadi bu'a. Yoo seelin akkasii voolteejii 1.5n odoo hin jijjiiramin qabaatee fi chaarjii kolombii tokkoo kuusee kaa'e, achii booda yoo guutummaan dischaarjii godhe hojii juulii 1.5 ta'u hojjachuu danda'a. Seelii dhugaarratti garuu, ittisni keessoo yeroo dischaarjin godhamu ni dabala, akkasumas voolteejiin sarkiyuutii banaa yeroo dischaarjiin godhamu ni hirrisa. Yoo giraafin voolteejii fi ittisaa yeroo irratti hundaa'ee kaafame, suurri uummamu yeroo baayyee qonyoo dha; bifti qonyoo kanaa kemistirii fi tarreeffama keessa seelotaa irratti hundaa'ee ni jijjiirama.

Voolteejin moggaa seelii irratti uummamu humna walnyaatinsi keemikaalaa elektiroodota fi elektiroolayitoota gidduutti ummamu baasu irratti hundaa'a. Seelin alkaalayinii fi zinkii-kaarbonii kemistirii addaa qaba, garuu tilmaamaan emf vooltii 1.5 qaba; akkasumas seelonni NiCad fi NiMH kemistirii addaa qabu, garuu tilmaamaan emf vooltii 1.2 qabu. Seelonni liitiyemii garuu emf vooltii 3 ykn sanaa ol qabu.

Akaakuu Baatirii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Gubbaadhaa gara jalaatti: baatirii guddaa vooltii 4.5 (3R12) qabu, seelii D, seelii C, seelii AA, seelii AAA, seelii AAAA, baatirii A23, baatirii PP3 kan vooltii 9 qabu, fi seelii kolbaa lama (CR2032 fi LR44).

Baatiroonni baatirii dursaa (primary battery) fi baatirii lammaffootti addaan qooddamu:

  • Baatiroonni dursaa haala duubatti deebifamuu hin dandeenyeen, anniisaa keemikaalaa gara anniisaa elektirikiitti jijjiiru. Yeroo ruuqonni walnyaatana dhuman, baatirii sanatti anniisaa deebisuun hin danda'amu.
  •  Baatiroonni lammaffoo chaarjeffamuu danda'u; kana jechuun, walnyaatinsi keemikaalaa geggeeffame duubatti deebifamuu danda'a, kanas anniisaa elektirikii seelii sanatti gad-lakkisuun raawwatama. Chaarjessuun kun baatirii sana gara ruuqolee jalqaba qabatuutti deebisa.

Baatiroonni dursaa muraasni, fakkeenyaaf kan sarkiyuutii telegiraafiif itti fayyadaman, elektiroodii isaanii jijjiirun hojiitti deebifamu. Baatiriin lammaffoo, sababa bittinaa'uu wantoota ka'aa baatirichaa, elektiroolaayitii dhabuu fi nyaatama sibiila keessa isaarran kan ka'e, yeroo daangaa hin qabneef chaarjeffamuu hin danda'an.

Baatirii Dursaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Baatiriin dursaa, ykn seelin dursaa, yoo walittii qabaman battalumatti karantii maddisiisuu jalqabu. Baatiroonni kun meeshaale socho'an kan karantii xiqqaa barbaadan, kan darbee darbee qofa fayyadaman, ykn bakka madda anniisaa biraarraa fagoo ta'etti waan akka akeekkachiisaa (alarm) fi sarkiyuutii walqunnamtii keessatti bakka anniisan elektirikii darbee darbee qofa jirutti tajaajilarra oolu. Baatiriin dursaa haala amansiisaa ta'een chaarjeffamu hin danda'an, sababiinsaas walnyaatinsi keemikaalaa geggeeffamee salphaatti duubatti deebi'uu waan hin dandeenyeef, akkasumas meeshaa ka'aan baatirichaas bakka jalqabarrattii irra turetti waan hin deebineef. Oomishtoonni baatirii baatirii dursaa chaarjessuuf yaaluu hin gorsan. 

Walumaa galatti, baatiriin dursaa baatirii charjeffamu caalaa rukkina anniisaa guddaa qabu, garuu baatiriin dursaa (baatirii gataman) hojiiwwan anniisaa guddaa barbaadan kan loodii oomii 75 (75Ω) gadi ta'anirratti sirriitti hin hojjatan.

 Akaakuun baatirii gatamanii baayyee beekkamaan kan akka Zinki-kaarbonii fi baatirii alkaalaayiniifaa ti. 

Baatirii Lammaffoo[edit | Lakkaddaa gulaali]

Baatiriin lammaffoo, seelii lammataa ykn baatirii chaarjeffamanis ni jedhamu, jalqaba odoo itti hin fayyadamin dura chaarjii godhuun dirqama; wayita baayyee yeroo oomishaman meeshaa ka'aansaanii haalata gadchaarjidii ta'erratti argama. Baatiroonni chaarjeffaman karantii elektirikii itti gadi-lakkisuun chaarjeffamu, kunis walnyaatinsa keemikaalaa kan yeroo baatirii sanatti fayyadamaan geggeeffamu gara duubaatii deebisa. Meeshaalen karantii barbaaddamu madaalanii dhiyeessan chaarjerii jedhamu.     

Baatiriin chaarjeffamu kan jalqabaa baatirii liid-asidii ti. Teknooloojin kun elektiroolaayitii dhangala'aa baattuu hin saamsamne keessa jiru qabata, kunis baatiriin sun yeroo hunda ol garagaree akka dhaabbatuu fi naannoon baatirii sanaa gaazii hayidiroojinii yeroo garmalee chaarjeffamu baasu akka bittinneessuu danda'uuf jecha qilleensa sirriitti akka argatu gochuu barbaachisa. Baatiriin liid-asidii anniisaa elektirkii inni dhiyeessuu danda'u wajjin yoo madaallame amma tokko ulfina guddaa qaba. Baasin oomishaasaa xiqqaa ta'uunii fi karantii guddaa inni qabu akka baatiriin kun bakka anniisaan (tilmaaman 10Ah ol) ulfinaa fi salphina qabachuu caalaa baayyee barbaachisaa ta'etti akka baayyinaan hojiirra oolu godhe. Faayidaan isaa inni guddaan baatirii konkolaataa ta'uudha, kunis karantii fiinxee amapiirii 450 kenna.

Baatiriin liid-asidii saamsamaa vaalviin too'atamu (baatirii LAVT) industirii konkolaataa keessatti akka bakka bu'aa seelii jiidhaa liid-asidiitti tajaajila. Baatiriin LAVT akka elektiroolaayiitiitti salfariik asidii akka hin sochoone godhame fayyadama, kunis carra inni dhangala'uuf ykn yaasuuf qabu hirrisuun umurii baatirii sanaa dheeressa. Baatiroonni LAVT elektiroolaayitiin isaanii akka hin sochoone godhu. Akaakun lamaan:

  • Baatirii jeelii (ykn seelii jeelii) (Gel batteries) elektiroolaayitii amma tokko jajjaboo ta'e fayyadama.
  • Baatirii xuuxxama hafaa fuullee (Absorbed Glass Mat) keessatti elektiroolaayitiin hafaaa fuullee addayaatin xuuxxama.

Baatiroonni chaarjeffaman kan salphaatti socho'an "seelii gogaa" saamsame baayyee of keessati qabatu, isaanis tajaajila akka bilbila mobaayilii fi koyyaatif baayyee fayyadu. Seelonni gosa kanaa (tarree kana keessatti rukkinni humnaa fi gatiin dabalaa deema) nikeel-kadimiyeem (NiCd), nikeel-ziink (NiZn), hayidiraayidii sibiilaa nikelii (NiMH), fi liitiyem-ayonii (Li-ion) qabata. Liitiyem-ayoniin gabaa seelii gogaa chaarjeffamuu keessaa isa guddaa fudhata. NiMHn tajaajila baayyee keessatti sababa humnaan caaluuf NiCd bakka bu'eera, garuu NiCd meeshaalee anniisaa, raadiyoo gama-lamaa, fi meeshaalee mana yaalaa keessatti ammallee ni tajaajilu.

Kalaqni dhihoo kana dhufe ammoo baatirii elektirooniksii of keessaa qabu kan akka USBCELL baatiriin AA karaa USBtiin chaarjii gochuu nama dandeessisa,  akkasumas qarqaba baatirii gamna (smart battery packs) kan too'ataa haalata-chaarjii fi sarkiyuutii ittisaa kan baatiriin sun garmalee chaarjii fixatee akka hin miidhamne ittisu qabu faa dha. Of-gadchaarjessan gadaanaan (OGG) seelonnii lammaffoon odoo gurguraaf hin bittimfamin dura akka chaarjeffaman godha.           

Akaakuu Seelii Baatirii [edit | Lakkaddaa gulaali]

Seelonni elektirookeemikaalaa baayyen uummamaniiru, saxaxaa fi adeemsa keemikaalaa gara garaas qabu; isaanis gaalvaaniik seel, elektirolaayitiik seel, fiyuul seel, filoowu seelii fi vooltaayik paayilii faa dha.

Seelii Jiidhaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Seelii jiidhan elektiroolaayitii dhangala'oo qaba. Maqaan biraa isaan qaban seelii lolaa, kunis sababa elektiroolaayitii dhangala'oon qaama keessoo baatirii sanaa hunda uwwisuuf, ykn seelii qaawwaa, sababiinsaas gaasin yeroo hojjatan isaan uuman yaa'ee gara qilleensaatti waan makamuu fi. Seelii jiidhan seelii gogaa dura kalaqame, baayyinaan elektirookemistirii barachuu keessatti akka meeshaa barnootaatti tajaajilu. Baatiriiwwan kun meeshaa laabiraatorii keessatti argamuu, kan akka biikeriitti fayyadamuun akkamitti akka seelonni elektirookeemikaalaa hojjatu agarsiisuuf jecha salphaatti hojjachuun ni danda'ama. Seelii jiidhaan addayaa kan seelii konsentireeshinii (concentration cell) jedhamu, nyaatama sibiilaa (corrosion) hubachuuf fayyada. Seelii jiidhaan baatirii dursaa (kan hin chaarjeffamne) ykn kan lammaffoo (kan chaarjeffamu) ta'uu danda'a. Jalqabarratti, baatiriin dursaa hundi, seelii Daani'eel dabalatee, huubboo fuulleerraa hojjatame kan gubbaansaa banaa ta'e keessatti seelii jiidhaa ta'anii hojjataman. Baatiriin dursaa kan seelii jiidhaa ta'an kan biraa Leclanche cell, Grove cell, Bunsen cell, Chromic acid cell, Clark cell, fi Weston cell dha. Baatirii seelii gogaa jalqabaa hojjachuuf kemistirii seeli Leelaanchitu hojiirra oole. Seelii jiidhan ammallee iddoowwan akka baatirii konkolaataa fi industirii humna eeggataa kan akka iswiichi giir (switchgear), telekoominikeeshinii, ykn UPS gurguddaa keessatti ni tajaajilu, garuu idoo baayyetti baatiriin seelii jeel bakka bu'aniiru. Tajaajilli akkasii baayyinaan seelii liid-asidii ykn nikel-kaadimiyemii fayyadamu.

Seelii Gogaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Seelii gogaan elektiroolaayitii baayyee furdaa (paste) fayyadamu, kunis jiidha xiqqoo kan karantiin akka yaa'u godhu qofa qaba. Haala faallaa seelii jiidhaa ta'een, seelii gogaan gara kamittuu yoo garagalee ni hojjata, kunis dhangala'aa bilisaan socho'u waan hin qabnee fi; amalli kun seelii gogaa meeshaalee socho'aniif mijaataa taasisa. Yoo wal dorgomsiifaman, seelii jiidhan jalqabaa qabduu fuullerraa hojjatame waan ta'eef kan salphaatti cabu ture, kunis karaa gubbaa banaa yoo ta'u uleen liidii keessa gadi cuubbama ture, akka hin dhangalaaneef of eeggannoo barbaada ture. Hanga baatiriin jeel oomishametti, baatiriin liid-asidii socho'uu danda'uu fi fayyummaa (safety) seelii gogaan qabu hin qabu ture.   

Seelii gogaan baayyee beekkamaan baatirii ziinki-kaarbonii ti, yeroo tokko tokko seelii Leelaanchi gogaa jedhama. Baatirii ziinki-kaarbonii, akkumaa baatirii alkaalaayinii, yaadan voolteejii 1.5 qaba; kunis lamaanuu ruuqolee ziinki-maangaaneez daay'oksaayidii waan fayyadmaniifi. 

Seelii gogaan beekkamaan anoodii ziinkii qaba, yeroo baayyee qabduu huubboo akmooyyee qaba, kaatodiinsaa ulee kaarboonii fi kan garaa walakkaa jiru dha. Elektiroolaayitiinsaa ammooniyeem kilooraayidii furdaa hin dhangalaane kan anoodii ziinkitti aanee jiru dha. Iddoon hafe kan elektiroolaayiitii fi kaatodii kaarbonii gidduu jiru dhangala'aa furdaa isa lammaffaa ammooniyeem kilooraayidii fi maangaaneez daay'oksaayidii qabata. Maangaaneez daay'oksaayidiin akka depolariseritti tajaajila. Saxaxa tokko tokko keessatti, ammooniyeem kilooraayidiin ziinki kiloraayidiidhan bakka buufma.

Soogidda Bulbulame[edit | Lakkaddaa gulaali]

Baatiriin soogidda bulbulamee baatirii dursaa ykn kan lammaffoo kan soogidda bulbulame akka elektiroolaayitiitti fayyadmanu. Yeroo oo'a guddaa keessatti waan hojjataniif oo'i akka keessaa alatti hin baane sirriitti saamsamuu qabu.  

Eeggataa (Reserve)[edit | Lakkaddaa gulaali]

Baatirii eeggataan (reserve battery) addaan diiggamee (akka humna hin kennine godhamee) yeroo dheeradhaaf kaawwamuu danda'a (tarii waggoota dheeraaf). Yeroo barbaaddamu, baatiriicha walitti deebifama (fkn elektiroolaayitii itti dabaluu); tokkicha walitti deebifamnaan, baatirichi chaarjii ta'e hojiif qophii ta'a. Fakkeenyaaf, baatiriin fiyuuzii qawwee elektiroonikiin hojjatuu irratti itti fayyadaman, qawween yeroo dhuka'e ka'u: safisni sun haguuggaa elektiroolaayitii cabsuun baatiriin sun akka ka'u godha, kunis sarkiyuutin fiyuuzii anniisaa akka argatu godha. Baatiriin eeggataa yeroo dheera erga kuufamanii booda (waggaan kan lakkaawwamu), baayyinaan umurii gabaabaaf qofa (sekendii ykn daqiiqaa) akka hojjatu godhameet saxaxama. Baatiriin bishaanin kaafamu, meeshalee qorannoo garbaa ykn meeshaalee waraanaa yeroo bishaan keessa seenan akka hojjatu godhu.  

Hujjeeffama Seelii Baatirii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Amallii baatirii marsaa fe'iisaa (load cycle) irratti, marsaa chaarjessuu irratti, ykn umurii irratti hundaa'un jijjiiramuu danda'a, kunis saba kemistirii keessoo, xuuxxama karantii, fi tempireecharaa tini.

Kemistirii Baatirii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Baatirii Dursaa fi Amaloota Isaanii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Kemistirii Anoodii (-) Kaatodii (+) Voolteejii

Guddaa (Theoretical)
(V)

! Voolteejii

itti hojatu (Practical)
(V)

! Specific energy [MJ/kg] Ibsa Umurii Shelfii 25 °C (80% Capacity) (Ji'aan)
Zinc–carbon Zn MnO2 1.6 1.2 0.13 Mi'aa miti 18
Zinc–chloride 1.5 Also known as "heavy-duty", inexpensive.
Alkalaayin
(ziink–maangaaneez daay'oksaayidii)
Zn MnO2 1.5 1.15 0.4–0.59 Rukkina anniisaa giddu galeessaa qaba.
Good for high- and low-drain uses.
30
Nickel oxyhydroxide
(zinc–manganese dioxide/nickel oxyhydroxide)
1.7 Rukkina anniisaa giddu galeessaa qaba.
Good for high drain uses.
Liitiyemii
(liitiyem–kooppar oksaayidii)
Li–CuO
1.7 Amma hin oomishamu.

Baatirii oksaayidii meetitiin (IEC-type "SR") bakka buufame.

Liitiyemii
(liitiyem–ayiran daayisalfaayidi)
LiFeS2
1.5 Mi'aadha.
Used in 'plus' or 'extra' batteries.
Liitiyemii
(liitiyem–mangaaneez daay'oksaayidii)
LiMnO2
3.0 0.83–1.01 Mi'aadha.
Used only in high-drain devices or for long shelf-life due to very low rate of self-discharge.
'Lithium' alone usually refers to this type of chemistry.
Liitiyemii
(liitiyem–kaarbon filooraayidii)
Li–(CF)n
Li (CF)n 3.6 3.0 120
Liitiyemii
(liitiyem–kiroomiyeem oksaayidii)
Li–CrO2
Li CrO2 3.8 3.0 108
Meerkurii oksaayidii Zn HgO 1.34 1.2 High-drain and constant voltage.
Banned in most countries because of health concerns.
36
Ziinki–qilleensa Zn O2 1.6 1.1 1.59[1] Meeshaalee gurraan dhageettii gargaaran irratti bayyinaan tajaajilarra oola.
Zamboni pile Zn Ag or Au 0.8 Umurii baayyee dheera qaba

Karantii baayyee xiqqaa (naanooampii) qaba

>2000
silver-oksaayidii (silver–ziink) Zn Ag2O 1.85 1.5 0.47 Baayyee mi'aadhaa.

Used only commercially in 'button' cells.

30
Maaginisiyeemii Mg MnO2 2.0 1.5 40

Baatirii Lammaffoo fi Amaloota Isaanii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Cemistiriihemistry Volteejii

seelii

! Specific energy
[MJ/kg]
Yaada dabalataa
NiCd 1.2 0.14 Mi'aa miti.
High-/low-drain, moderate energy density. Rukkina anniisaa giddu galeessaa qaba.
Can withstand very high discharge rates with virtually no loss of capacity.
Moderate rate of self-discharge.

Kaadimiyemii waan qabuuf naannoof balaa dha - Yuurooppi keessatti fayyadaman sirumayyuu dhorkameera.

Liid–asidii 2.1 0.14 Giddu galeessan mi'aadha.
Rukkina anniisaa giddu galeessaa qaba.
Moderate rate of self-discharge.
Higher discharge rates result in considerable loss of capacity.
Liidii waan qabuuf naannoof balaa dha.
Tajaajila guddaa - baatirii konkolaataa.
NiMH 1.2 0.36 Mi'aa miti.
Performs better than alkaline batteries in higher drain devices.
Traditional chemistry has high energy density, but also a high rate of self-discharge.
Newer chemistry has low self-discharge rate, but also a ~25% lower energy density.
Konkolaataa tokko tokko keessatti itti fayyadamu.
NiZn 1.6 0.36 Giddu galeessan mi'aadha.
Meeshaalee anniisaa baayyee xuuxaniif mijataa dha.
Low self-discharge rate.
Voltage closer to alkaline primary cells than other secondary cells.
Ruuqoo summii ta'e hin qabu.
Bara 2009tti gabaarra oole. Gabaasa baayyee hin qabu ammaaf.
Guddina muraasa qofa qaba.
AgZn 1.86
1.5
0.46 Li-ayonii walqixxaataa caala guddinaan xiqqaa dha.
Sababa meetii qabuuf garmalee mi'aadha.
Rukkina anniisaa guddaa qaba.
Xuuxxama anniisaa baayyee guddaa ni danda'a.
For many years considered obsolete due to high silver prices.
Yoo itti fayyadamuu banne, seelonni oksideeshiniidhaaf saaxilamu.
Walnyaatinsi isaa sirriitti hin hubatamne.
Terminal voltage very stable but suddenly drops to 1.5 volts at 70–80% charge (believed to be
due to presence of both argentous and argentic oxide in positive plate – one is consumed first).
Has been used in lieu of primary battery (moon buggy).
Is being developed once again as a replacement for Li-ion.
Liitiyeem ayonii 3.6 0.46 Baayyee mi'aadha.
Rukkina anniisaa guddaa qaba.
Not usually available in "common" battery sizes.
Very common in laptop computers, moderate to high-end digital cameras, camcorders, and cellphones.
Very low rate of self-discharge.
Terminal voltage unstable (varies from 4.2 to 3.0 volts during discharge).
Volatile: Chance of explosion if short-circuited, allowed to overheat, or not manufactured with rigorous quality standards.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1. Power Shift: DFJ on the lookout for more power source investments. Draper Fisher Jurvetson. Retrieved 20 November 2005.
  2. Bellis, Mary. History of the Electric Battery. About.com. Retrieved 11 August 2008.
  3. http://environment.nationalgeographic.com/environment/energy/great-energy-challenge/battery-quiz/
  4. Bellis, Mary. Alessandro Volta – Biography of Alessandro Volta – Stored Electricity and the First Battery. About.com. Retrieved 7 August 2008.
  5. Stinner, Arthur. Alessandro Volta and Luigi Galvani (PDF). Retrieved 11 August 2008.
  6. Electric Battery History – Invention of the Electric Battery. The Great Idea Finder. Retrieved 11 August 2008.
  7. Battery History, Technology, Applications and Development. MPower Solutions Ltd. Retrieved 19 March 2007.
  8. Borvon, Gérard (10 September 2012). "History of the electrical units". Association S-EAU-S.
  9. "Columbia Dry Cell Battery". National Historic Chemical Landmarks. American Chemical Society. Retrieved 25 March 2013.
  10. Terminal Voltage – Tiscali Reference. Originally from Hutchinson Encyclopaedia. Retrieved 7 April 2007.
  11. Howstuffworks "Battery Experiments: Voltaic Pile". Accessed 10 April 2007.
  12. Howstuffworks "Battery Experiments: Voltaic Pile". Accessed 10 April 2007.
    • "Battery Experiments: Voltaic Pile". Acc