Biqilneefki orgaanizimi seel-qeenxee dha. Orgaanizimiin kun ija qullaan hin mul’atu. shifargaa fayyadamuun biqilneefka ilaaluun ni danda’ama. Biqilneefki boca hanqaaquu fakkaatu kan qabu yoo ta’u, garri mataa isaa qal’aadha. Biqilneefki caasaalee akka sabaga lubbiyyoo, buufanyee kottoonfataa, sil-qixa(Caasaa qaccee fakkaatu sochii biqilneefkaaf gargaaru dha), tuqaa ijaa(caasaa ifa aduu addaan baafachuuf oolu dha.) fi caasmagarroodha.Biqilneefki amaloota bineeldotaa fi biqiltootaa qaba. Akka bineeldotaa sochii taasisuu danda’a. Akka biqiltootaa immoo caasmagarroo waan qabuuf jaariftina gaggeessuu danda’a. Biqilneefki bidoollee kan akka bishaan boollaa fi haroo keessa jiraata.Biqilneefki caasaa sochii ittiin rawwatu qaba. Caasaan kunis sil-qixa jedhama. Sil-qixni yommuu maramee raafamu, Biqilneefki sochii godha.Biqilneefki halluu magariisaa waan qabuuf yommuu ifti aduun jiru soorata qopheeffachuu danda’a. Gama biraan immoo yommuu yeroo dheeraaf dukkana keessa turu soorata qopheeffachuu hin danda’u. Kanaafuu, soorata bishaan keessatti bulbulame soorachuun jiraata.Yugilinaan mala wal-hormaata saal-malee addaan bahiinsa wal-qixaa bakka lamaatiin wal-hora. Jalqaba wiirmaattu bakka lamatti qoodama. Itti fufuun immoo kalloon areeroo addaan hirama. Dhumarratti lubbiyyoo haarawaa lamatu uumama.