Jump to content

Yaayyaa shanan

Wikipedia irraa

Yaayyaa shanan wantoota shanan Waaqayyoo dachee fi qoolloo irraa uumedha. Seerri yaayyaa shananii kun jireenyaa fi falaasama Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba. Fakkeenyaaf Sirni Gadaa kanan bu'uureffame, akkasumas Oromoon manallee yoo ijaaru seera yaayyaa shananii bu'uura godhata, bineeldota nyaatamuu fi hinnyaannellee kanaan addaan baasa ture.

Waaqayyo Akkamitti Uummama Uume

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Walaabu bishaan ganamaa bishaan uumamaati. Waaqayyo odoo waan lubbuu qabu tokkollee hin uumin dura, bishaan Walaabuu kana bakka lamatti addaan baase: bishaan gubbaa fi bishaan godaatti. Kana booda bishaan gubbaa bakka sadi'itti baase, bishaan godaa ammoo bakka lamatti baase. Kunis bu'uura uummama Waaqayyoo ta'ee tajaajile. Kanaan Oromoon yaayyaa shanan ykn yayyaba shanan jedhaani. 

Qoqqoodamni bishaan gubbaa sadan waan adda addaa ta'ani. Inni tokkoo bishaanuma ta'e, qoodamni inni tokkommoo qoolloo (sky) ta'e, qoodamni inni sadaffaan waan qoolloo kanatti galu kan akka urjii, aduu, ji'a fi kkf ta'e. Qoqqoodamni bishaan godaa waan lama ta'ani. Inni tokko lafaa gogaa ta'e, inni kan biraan ammoo bishaan lafarra jiru kana ta'e. Walumaagalatti, bishaan Walaabuu waan waaqni ittiin uumaa fi uummama isaa yayyabedha.

Oromoon yeroo man ijaaru seera yaayyaa shananii eegee ijaara. Manasaa kana dura bakka lamatti qooda, deebisee isa tokko bakka sadi'itti, isa lammataa ammoo bakka lamatti qooda. Qoqoodama isa duraa sadan keessaa:

  • kutaa tokko ijoollee durbaa hin heeruminitu bula
  • kutaa tokko ijoollee dhiiraa hin fuudhinitu jira
  • kutaa tokko keessa ammoo abbaa manaa fi haadha manaatu bula

Qoqqoodaman isa lammataa lamaan keessa:

  • Badaa/goorroo duuba bakka keessummaan taa'u
  • Tokko bakka itti nyaata bilcheessani

Oromoon horii horsiisee jiraata. Horii kanas bakka lamatti qooda: horii qeencaa fi horii kottee. Horiin qeencaa loon, re'ee fi hoolaa of keessatti qabata. Horiin kottee ammoo fardaa fi harree of jalatti qabata. Kunis seera yaayyaa shananii kan eegedha. Oromoo waan akka lukkuu, qurxummii, fi gaala hin nyaatu. Isaan kun seera yaayyaa shananii keessa hin jiran ykn hin guutan.  

Oromoon hallaattii seera yaayyaa shananiitti yoo qoodu:

  1. Hallaattii waaqarraa:
    • Hallaattii qilleensaa (risaa, simbir-buta, fi kkf). Oromoon hallaattiin qilleensaa waan ofii ajjeese malee hinnyaatu jedhee amana.
    • Hallaattii raqaa (ruumicha, domboo, fi kkf)
    • Simbira xixinnoo kan irra jireessan
  2. Hallaattii lafarraa: isaan kun hallattota yeroo baayyee lafarra jiraachu filatanidha, warra yoo namni/diinni isaan jeeqe malee ka'aanii balali'uu hin barbaadnedha.
    • Hallaattii lafaa (babboohalloonaa, huummoo, guchii, hallaattii fardaa, fi kkf)
    • Hallaattii galaanaa (daakkiyyee)

Akkaataa kanaan seera yaayyaa shananiitin addaan qooda.

Sirna Gadaa fi Yaayyaa Shanan

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Oromoon waggoota dheeradhaaf Gadaa shaniin bulaa ture. Kunis seera yaayyaa shananii irratti kan bu'uureffame ture. Isaanis:

  1. Raayyaa-Aseeboo
  2. Maccaa-Tuulama
  3. Sabboo-Goona
  4. Siikkoo-Mandoo
  5. Ituu-Humbannaa

Oromoon Raayyaa-Aseeboo, Maccaa-Tuulama fi Sabboo-Gonaan Boorana jedhee waama. Gadaan lamaan hafan, Siikkoo-Mandoo fi Ituu-Humbannaa ammoo Baarentuu jedhee waama.

Uummamuu Lubbu Qabeeyyii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Akka doktar Gammachuu Magarsaa jedhutti, Oromoon namaan alatti lubbu qabeessa hunda, Waaqatu uume jedhee amana. Waaqayyo waan hunduma uumee fixuuf guyya digdamii-torba fudhate. Wantoota tokko tokko guyyaa tokkotti, wantoota tokko tokko guyyaa lamatti, wantoota tokko tokko ammoo guyyaa sadi'itti uume. Guyyaa digdamii-torba boodas hojiisaa fixe.

Waaqni erga waan hundumaa uumee fixee booda, gaafa achi garagalu wanti inni hin uumin tokko bishaan keessa yeroo ba'u arge. Wanti kunis nama ture, maqaansaas Horo jedhama. Waaqani nama hin uumne ture, garuu akka bu'aa waan Waaqni uumee hundaatti, namni uummame. Dr Gammachuun kana fakkeenyaan yoo ibsu, namni konkolaataa hojjata (motorasaa, gommaasaa, balbalasaa, fi kkf). Garuu gaafa konkolaatan ka'u sagalee dhageessisa, sagalee kana namni hin tolchine. Sagaleen kun bu'aa hojii qaama konkolaataa isa namni hojjateeti. Namni akkaataa kanaan uummame jedha Oromoon.

Namni gaafa bishaan keessaa ba'u tokko ture, yeroo Waaqayyo gara isaa ilaalu milluu Waaqatiin bakka lamatti ba'e. Lamaan kana keessaa tokko dhiira ta'e, kan lammataa ammoo dubartii taate. Inni dhiiraa Horo yoo jedhamu ishiin dubartii ammoo Hortuu jedhamti.

Namni seera yaayyaa shananii ofirraa qaba: miila lama, harka lamaa fi mataa tokko qaba. Akkasumas, seera guyyaa digamii torbaas qaba: quba miilaa kudhan, quba harkaa kudhan, fi qaawwa torba fuularraa qaba. Kunis walitti digdamii-torba ta'a.

Qaamni saalaa ykn hormaataa namaa shani. Isaanis: 1. Qunxurroo, 2. Cidhaan, 3. Buqushaa, 4. Qinxirii fi 5. Fuuffee (qaawwa hudduu). Qaamonni hormaataatis shan yoo ta'an isaanis 1. Harma 2. Buqushaa 3. Qinxirii 4. Gadaamessa fi 5. Qunxurroo dha. Lubbu maleeyyiin shan: 1. Aduu (urjiilee) 2. Baatii 3. Bishaan 4. Qilleensa fi 5. Ibidda yoo ta'an. Lubbu qabeeyyiin ammoo 1. Nama 2. Bineensota 3. Biqiloota 4. Raammolee fi 5. Ilbiisota fa'a. Beeladoonni Oromoon jalqaba Madaqsee itti dhimma ba'e shan isaanis 1. Loowwan 2. Re'ee 3. Hoolaa 4.Harree fi 5. Fardeen faadha. Sooranni Oromoon nyaatu shan ture 1. Aannan 2. Dhadhaa 3. Foon 4. Dammaa fi 5. Midhaani faadha.