Jump to content

Uunkooma

Wikipedia irraa
File:Haploid vs diploid-om.png
Lubbiyyoon baaddirlamee  akka lubbiyyoo qaamaa tuuta shanyiitii tokko abbaa irraa fi tuuta tokko haadha irraa qaba. lubbiyyooleen tokko tokko tuuta shanyiitii tokko (baaddirtokkee) qabu, kan akka lubbiyyoo ameenxaa fi hanqaaquu. Yeroo walitti makaman hanqaaquun gabbatee(miciran) tuuta shanyiitii lama (baaddirlamee) uumuu.

Unkoomni garee shanyiitii tambii lubbiyyoo keessa jiranidha . saallubbiyyoo ( sanyii kormaa ykn hanqaaquu ) yeroo baay’ee tuuta shanyiitii guutuu kan tokkoon tokkoon shanyiitii kooppii tokko of keessaa qabu kan qaban yoo ta’u, unkooma alidilee (aneuploidy) yeroo baay’ee sanyii keessatti dhukkuba dhalootaa hamaa fida.

Tuuta shanyiitii 46 dhiira keessatti, shanyiitii saalaa X fi Y dabalatee.

Orgaanizimiinuumamaan bifa lama argama:inni tokko bifa saalubiyyaawaa Baaddirtokkee ( haploid ) (1n), fi mijirtirtii qummaawaa baaddirlamee ( diploid ) (2n). saallubbiyyoo lama miciraa uumu . Nama yoo ilaalle, gosa baadirlamee dha, hiikni isaas uukooma shanyiitii lama qaba jechuudha: Hanqaaquu haadha keessatti shanyiitii 23 (isaan keessaa tokko shanyiitii X) yoo ta’u, ameenxaa dhiiraa keessattis shanyiitii 23 (shanyiitii X yookaan Y) 'n jira. Yoo ameenxaan shanyiitii Y qabaate hanqaaquun dhalate gara gadaacha(fetus for human) dhiiraatti kan guddatu yoo ta’u, yoo shanyiitii X baate ammoo hanqaaquun gabbatte gara gadaacha dhalatti guddata. lubbiyyoon namaa akkaataa adda addaatiin shanyiitii 46 (i.e., n=2) kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis tuuta guutuu lama kan of keessaa qabu yoo ta’u, tokkoon tokkoon isaanii baadirlamee(diploid) dha (i.e., tuuta shanyiitii lama qabu). Haala kanaan, seelii namaa keessatti kiroomozoomiin 23 kan uumamu yoo ta’u, kana malees shanyiitii X dubartootaaf, shanyiitii Y dhiirotaafi.

Dhugumatti lubbu qabeeyyii baaddirsadee (tuuta shanyiitii sadii qaban), baaddirafree (tuuta shanyiitii afur qaban), ykn illee baaddirjahee (tuuta shanyiitii ja’a qaban) qaban jiru. Jijjiiramni kun haala baaddirlamee barame irraa uumamaan ykn karaa namtolchee sosochoosuu (manipulation) uumamuu danda’a. Fakkeenyaaf, baaddirsadee (triploidy) nama dabalatee orgaanizimoota hedduu keessatti dhala dhabuu fiduu danda’a. baaddirafree biqiltoota keessatti baay’ee kan mul’atu yoo ta’u, bakka cimina dabaluu fi guddina guddaa fiduu danda’a, yeroo tokko tokko sababoota kanaan biqiltoota midhaanii keessatti itti yaadanii kan kakaafamudha. baaddirjahee baay’ee kan hin mul’anne ta’us biqiltootaa fi gosoota qurxummii tokko tokko keessattis ni mul’ata.

Lubbiyyooleen, gummeewwan fi lubbu qabeeyyii akkaataa baay'ina tuuta shanyiitii isaan qabanitti ramadamu, "sadarkaa uunkoomaa" jedhamuun beekama: Baaddirtokkee (tuuta tokko), Baaddirlamee ykn uunkoomlaamee (tuuta lama), baaddirsadee (tuuta sadii), baaddirafree ( tuuta afur), baaddirshanee (tuuta shan), baaddirjahee (tuuta ja’a), baaddirtorbee (tuuta torba), fi kkf. Jechi waliigalaa "Uunkoomdanee (polyploidy)" jedhu lubbiyyoo tuuta shanyiitii sadii fi isaa ol of keessaa qaban ibsuuf fayyadama.