Naannoolee Itoophiyaa

Wikipedia irraa
(Qoqqoodama Itoophiyaa irra kan qajeele)

Itoophiyaan fedeereshinii giddugalaa jalatti naannoolee mataa ofiin of bulchan qabduudha. Naannoolee Kudha tokkoo fi bulchiinsa magaalaa lama kan Heeraa Mootummaa Itoophiyaan bara 1992 raggaasifame qabdi. Bara 2012 Godinni Sidaamaa riifarandamii taasiseen sagalee akkaan caalmaa ta'e argachuun naannoo kudhanaffa Itoophiyaa ta'e. Kanamalees Godinaaleen Oomoo Lixaa, Beenchi Shakkoo, Kafaa, Daawuroo fi Shakkaa akkasumas [[Aanaan Addaa Kontaa ]] ALI Fulbaana 20, 2014 filannoo riifarandamii gaggeessuun, sagalee naannoo ta'uuf isaan dandeessisu taasisan. Sadaasa 13, 2014 ALI Naannoon Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa sagantaa hundeeffamasaa taasise. Naannoolee kanniin keessaa ummata baayyee qabaachuun Oromiyaan kan duraati. Oromiyaan ballina lafaa 353,690 km2 qabaachuunis naannoolee hundarra guddoo yoo taatu naannoon Harar immoo baayyina ummataa fi ballina lafaan ishee xiqqoodha.

Tarree Naannoolee Itoophiyaa fi Bulchiinsa Magaalaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Naannoole kurnanii fi bulchiinsa magaalaa lamaan
Kaartaa Alabaa Maqaa Lakkoofsa Ummataa[1] Ballina (km2) Tuuta'iinsa Ummataa
km2
Magaala Guddoo
1 Flag of Addis Ababa.svg Finfinnee (city) 3,273,000 526.99 5,198.49 Finfinnee
2 Flag of the Afar Region.svg Naannoo Affaar 1,723,000 72,052.78 19.58 Samaraa
3 Flag of the Amhara Region.svg Naannoo Amaaraa 27,401,000 154,708.96 177.11 Bahar Daar
4 Flag of the Benishangul-Gumuz Region.svg Naannoo Benishaangul-Gumuz 1,005,000 50,698.68 13.23 Asoosaa
5 Flag of Dire Dawa.png Dirree Dhawaa (city) 440,000 1,558.61 219.32 Dirree Dhawaa
6 Flag of the Gambella Region.svg Naannoo Gaambeellaa 409,000 29,782.82 10.31 Gaambeellaa
7 Et harrar.png Naannoo Harar 232,000 333.94 549.03 Harar
8 Flag of the Oromia Region.svg Naannoo Oromiyaa 33,692,000 284,537.84 95.45 Finfinnee[2]
9 Somali State original flag.jpg Naannoo Somaalee 6,453,000 279,252 (est.) 15.90 Jijjigaa
10 Flag of the Southern Nations, Nationalities, and Peoples' Region.svg Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa 11,426,000 93,800 121.81 Hawaasaa
11 Flag of the Tigray Region.svg Naannoo Tigraay 10,056,000 53,638 94.66 Maqalee
12 Drapeau de la Sidama.png Naannoo Sidaamaa 6,850,000 12,000 451.83 Hawaasaa
Qoqooddama Itoophiyaa Flag of Ethiopia
Naannoo
Affaar | Amaara | Benishaangul-Gumuz | Gaambeellaa | Hararii | Oromiyaa | Sumaalee | Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa | Tigraay
Magaalota Of Bulchan
Finfinnee | Dirre Dhawaa
Kutaa Biyyaa Bara 1995 Dura
Arsii | Baale | Gamuu-Gofaa | Goojjam | Bageemidir | Harargee | Iluubabor | Kafaa | Shawaa | Sidaamoo | Tigraay | Wallagga | Wallo
  1. "Ethiopia". City Population. 
  2. "Oromia Regional State". Archived from the original on 2017-07-28. Retrieved 2020-08-11.