Qananiisaa Baqqalaa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
POTY barnstar.svg
Qananiisaa Baqqalaa
Bekele cropped.jpg
Ogummaa: Atileetii
Biyya: Itoophiyaa
Guyyaa dhalootaa: Waxabajjii 13, 1982
Bakka dhalootaa: Boqojjii

Qananiisaa Baqqalaa atileetii Itoophiyaa kan fiigicha dheeraa fiigun beekkamuu yoo ta'u yeroo ammaa kana riikardii addunyaa fi riikardii olompiikii kan meetira 5,000 fi meetira 10,000 qabatee jira. Olompiikii Gannaa 2008tti dheerina lamaaninuu (5,000 fi 10,000n) madaaliyaa lama kan nyaate yoo ta'u bara 2004tti meetira 10,000n Olompiikiirratti warqii nyaate.

Qananiisaan seenaa Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa IAAFn keessatti atileetii kan morkataa hin qabnedha; shaampiyoonaa kanarratti kiilomeetira 12n (long course) si'a ja'a wayita moo'atu kiilomeetira 4n(short course) ammoo si'a afur moo'ateera. Shaampiyoonaa Atileetikisii Addunyaa irratti Qananiisaan meetira 10,000n  bara 2003 amma 2009tti si'a afur moo'ateera; kanaanis riikardii Hayilee Gabrasillaasetiin wal qixxaate. Qananiisaan dorgommii meetira 10,000 bara 2003 amma 2011tti dorgome hunduma keessatti moo'amee hin beeku; bara 2011tti garuu Shaampiyoonaa Addunyaa dorgommii dhumaarratti fiigicha addaan kutee ba'e.

Shaampiyoonaa Atileetikisii Addunyaa kan 2009tti, Qananiisaan meetira 5,000 fi 10,000niin shaampiyoonaa tokkorratti moo'achudhaan nama jalqabaa ta'e. Fiigicha meetira 5000tin, madaaliyaa naasii olompiikiraatti (2004), madaaliyaa meetii Shaampiyoonaa Addunyaarratti (2003), madaaliyaa warqii Shaampiyoonaa Aafrikaarratti, fi madaaliyaa warqii Dorgommii Guutuu-Aafrikarratti argateera.

Qananiisaan atileetii fiigicha dheeradhaan amma harraatti dhufan keessaa kan isaan morku kan hin jirre yoo ta'u  riikardii addunyaa baayyee fi madaaliyaa hedduun kan faayyamedha. Gaafa Ebla 6, 2014tti, Qananiisaan sa'aatii maraatoonii saffisaan ja'affaa ta'e, 2:05:04, galmeessuun Maraatoonii Paarisirratti moo'ate; sa'aatin kunis riikardii iddoo sanaa ture. Qananiisaan obboleessa quxusuu kan Taarikuu Baqqalaa jedhamu, kan akkumasaa fiigichaan beekkamu qaba.

Milkiisaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Qananiisaan bara 1982tti naannoo Oromiyaa Boqojjiitti dhalate. Boqojjiin iddoo dhaalota atileetoa beekkamoo baayyee yoo taatu kana keessaa ijoollee Dibaabaa(Ijjigaayyoo, Xurunashii fi Ganzabee) fi durbii isaanii Daraartuu Tulluuti

Hagayya 2001tti, Qananiisaan meetira 3000 kan ol adeemtotaarratti riikardii haaraa, daqiiqaa 7:30.67 Biraaselsitti galmeesse. Riikardiin Qananiisaa kun waggaa sadi'ii fi walakka ture; kan riikardii Qananiisaa kana cabses Augustine Choge daqiiqa 7:28.78 kaachudhaani. 

Waggaa shaniif walitti aansee, 2002 amma 2006tti, Qananiisaan fiigichaa gabaabaa (4km) fi fiigicha dheeraa (12km) Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa IAAFn irratti moo'ate, kana namni kana dura gochuu danda'e hin turre, tokkollee. Bara 2004tti, Qananiisaan riikardii addunyaa kan 5000m mana-keessaa, 5000m kan mana-alaa, fi 10,000m kan mana-alaa cabse. 

Qananiisaan dandeetti dhuma fiigicha dheeraarratti gara dhummaatti furguffamee ba'ee xumuruuf qabuun beekkama; Waxabajjii 2003 Oslootti, Qananiisaan lammii Keeniyaa Abrahaam Cheebii hordofuun yeroo fiigu meetira 400 kan dhumaa sekendii 54.64tti fiigudhaan walumatti 12:52.26tti xumuree moo'ate. Lammatas Adoolessa 1, 2003 Luuzaanitti, Qananiisaan  meetira 200 kan dhumaa sekendii 24tti, meetira 100 kan dhumaammoo sekendii 12tti, marsaa kan dhumaa (meetira 400) walumatti 52.63tti fiigee xumure.

Qananiisaan gorsaa isaa Hayilee Gabrasillaasee wajjin dorgommii karaarraatti si'a lama, qaxxaamura biyyaarratti si'a tokko fi tiraakirratti si'a ja'a wajjin dorgome. Kana keessaa Hayileen tiraakirratti bara 2000 Nuurenbergitti meetira 5000n, bara 2001 Fiigicha Guddaa Itoophiyaa kan 10 km, fi  "Cross de l'Acier" irratti Mudde 2001tti Qananiisaa yoo moo'atu Qananiisaan ammoo Hengiloorratti bara 2003 meetira 10,000n (26:53 to 26:54), Room bara 2003 meetira 5000n (12:57 to 13:00), Paaris bara 2003 Shaampiyoonaa Addunyaa meetira 10,000n (26:49 fi 26:50), Ateensi bara 2004 Taba Olompiikiirratti (27:05 fi 27:27), meetira 10,000n Beejiingitti bara 2008 Taba Olompiikirratti (27:01 fi 27:06), fi the Great North Run maratoonii walakkaadhan Fulbaana 2013 (60:09 fi 60:41) Hayilee moo'ate.

Dorgommii Bara 2005[edit | Lakkaddaa gulaali]

Gaafa Amajjii 4, 2005, Kaadhimni Qananiisaa kan waggaa 18 turte Alam Tachaalee duute; sababiin du'a ishiis dhibee onnee yoo ta'u yeroo sana isa wajjin shaakallii hojjachaa turte. Jalqabarratti qorannoon reeffaa hin godhamne jedhamuyyuu, manaajeriin Qananiisaa fi Alam Joos Hermeens akka boodarra jedhetti qorannoon reeffaa sababa maalin akka Alam duute deebii quubsaa hin kennine jedhe. Alam bara Shampiyoonaa Dargaggootaa Addunyaa 2003 kan moo'attee fi fayyumaatu itti dhaga'ama ture.

Du'a kaadhimasaatti Qananiisaan torban baayyee gadda keessa ture. Dorgommii deebi'ee gaafa Amajjii 29 kan itti fufe yoo ta'u, meetira 3000  mana-keessaa lammii Aayerlaandi Alistair Craggn moo'atame; achirratti Qananiisaan odoo marsaan tokkoo fi walakkaan hafuu marsaa walakkaatu hafa jedhee yaadudhaan dafee fiigee waan ba'eef humnasaa fixatee moo'ame. Dogoggorri kunis gadda du'aa kaadhimasaan kana ta'uu hin oolle jedhamee tilmaamama. Torban muraasa booddee, Maarqos Gannatiitin fiigicha maayilii 2rratti moo'ame.   

Ji'a Bitootessaatti, Qananiisaa qormaanni fiigichaa jabaan isa eeggate. Gaddi isa muudatuu fi tiraakirratti walitti aansee moo'amuyyuu, Qananiisaan fiigicha gabaabaa fi dheera kan Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa IAAF kan 2005 irratti hirmaachuuf murteesse. Haala diraamaa fakkaatuun, Qananiisaan fiigicha gabaabaarratti, lammiin Qaataar Saif Saaeed Shaheen saffisa fiigichaa ariifachiisuuf dhama'uyyuu, moo'ate. Guyyaa itti aanus, lammii eertiraa Zarasannaay Taaddasaa fi lammii Keeniyaa Eliyuud Kipchoogee dursuudhaan fiigicha dheeraarratti moo'ate.  

Hagayya 8, 2005tti, Qananiisaan madaaliyaa warqee meetira 10,000n Shaampiyoonaa Addunyaa 2005 kan Heelsiinkiitti geggeeffamertatti irratti moo'ate; meetira 200 kan dhumaa saffisa olaanadhaan xumure.

Hagayya 26, 2005tti, Qananiisaan rikardii meetira 10,000, daqiiqaa 26:17.53tti fiigudhaan qabate, rikardiin kun amma ammaatti isumaan qabamee jira; kunis Yaadannoo Vaan Daam 29ffaa kan Biraaselsitti geggeeffamerrati ture. Fiigicha kanarratti Qananiisaan riikardii isumaan qabame ture kan 26:20.31 ture sekendii 3 fooyyesse; meetira 5000 ammoo daqiiqaa 13:09 fi 13:08tti xumure. Dhuma bara 2005tti, Qananiisaan yeroo lammaffaadhaaf atileetii waggaa jedhamuun Tiraak Inda Niwuus Magaaziniin (Track & Field News magazine) filatame. 

Bara 2006–2007[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bara 2006, Qananiisaan meetira 3000 Shaampiyoonaa Mana-keessaa Addunyaa IAAF kan Mooskootti geggeeffamerratti moo'ate, kanaanis seenaa atileetiksii keessatti nama jalqaba Olompiikii moo'ate, Shaampiyoona Tiraakii Mana-alaa Addunyaa kan moo'ate, Shaampiyoona Tiraakii Mana-keessaa Addunyaa moo'ate fi qaxxaamura biyyaa addunyaa kan moo'ate ta'ee galmaa'e.  

Bara 2006tti, Qananiisaan dorgommii Goolden Liigii IAAAF kan meetira 5000 ja'a keessaa shan moo'achudhaan badhaasa $83,333 argate. 

Bitootessa 17, 2007, riikardii mana-keessaa addunyaa kan meetira 2000 cabse; kunis Birmiingaamitti yoo ta'u sa'aatin inni galmeessises 4:49.99. Meetira 300 kan dhumaa saffisni inni ittiin fiige kanaaf isa gargaare, saffisni kun dorgommii mana-alaatifillee baayyee bayyeessa kan jedhamu ture.

Bitootessa 24, 2007tti garuu, Qananiisaan Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa IAAF 2007 kan Mombaasaatti geggeeffamerrati ho'aa fi jiidha(humidity) isaarraan kan ka'e dorgommii addaan kutee bahe. Kunis walitti aanse haala ajaa'ibsiisaa ta'een fiigicha 27 kan moo'ate Qananisaaf (sana duraa kan inni moo'amee beeku Mudde 2001tti ture) moo'ichasaa addaan jalaa kute. Fiigicha Mombaasaa kana kan moo'ate Zarasannaay Taaddasa ture. Fiigicha kanarratti hoo'aa fi jiidha isaarraan kan ka'e atileetota harka ja'a keessaa harki tokko (1/6) dorgommii addaan kutee bahe.      

Qananiisaan moo'amuu Mombaasaatti isarra ga'eerraa bayyanatee Shaampiyoonaa Addunyaa IAAF 2007 kan Osaakaatti geggeeffamerratti meetira 10,000n nama biyyasaa Silashii Sihiin moo'achuudhaan tokkoffaa ba'e. Yeroo dorgommii kanaa, Qananiisaan meetira 800 kan dhumaarratti waan gatamuuf jiru fakkaata ture, garuu meetirri 150 yeroo hafu sanarra bayyanachuudhaan Silashii Sihiin dhaqqabee bira darbuun yeroo sadaffaaf walitti aansee shaampiyoonaa addunyaarratti moo'ate.  

Sadaasa 18, 2007tti, Qananiisaa taatuu fiilmii kan taate Daanaawwiit Gabraigzaaber hoteela Sharaaten Addisitti, Finfinneetti fuudhe.

Olomppiikii Beejiingi fi Shaampiyoonaa Addunyaa Kan Barliin[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bitootessa 30 2008 Edenbiraatti, Qananiisaan madaaliyaa warqee Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa ja'affaasaa nyaate(12km). Kanaanis riikardii duraan Pool Tirgaat, fi Joon Nigugi wajjiin madaaliyaa warqee shan nyaachuun qooddachaa ture cabsee riikardii haaraa galmeessisiise. Moo'icha kanaan, Qananiisaan seenaa Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa IAAF keessatti atileetii madaaliyaan atileetii kamuu caala faayyame ta'ee galmaa'e. Qananiisaan, kiilomeetira 12n (karaa dheera jedhama) medaaliyaa warqii 6, kiilomeetira 4n (karaa gabaabaa) medaaliyaa warqii 5, dorgommii ol-adeemtotaatin medaaliyaa warqii 1, fi medaaliyaa warqii 4 gareedhaan nyaachuun walumaagalatti medaaliyaa warqee 16 nyaate. Medaaliyaan Qananiisaan nyaate walumaa galatti yoo lakkaawwamu (kan dhuunfaas garees dabalate) medaaliyaa 27 ta'a: warqee 16, meetii 9, fi naasii 2 nyaate.

Hagayya 17, 2008, Olompiikii Beejiingirratti, Qananiisaan meetira 10,000 sa'aatii 27:01.17 galmeesisuun moo'ate; sa'atiin kun riikardii haaraadha. Dorgommii kanarratti namoonni 20 gufuu daqiiqaa 28 cabsanii sana gaditti kan kaatan yoo ta'u namoonni 4 ammoo riikardii Qananiisaa kan Olompiikii 2004 27:05.10 gaddin xumuran. Qananiisaanis dorgommii kana moo'achuuf furguffama ittiin beekkamu sanatti fayyadamuun dirqama ture, meetira 400 sekendii 53.42n xumure (kunis Olompiikii Ateensirratti warqee nyaachuuf meetira 400 sekendii 53.02 kan fiige wajjin wal fakkataa).

Qananiisa Baqqala Shaampiyoonaa Addunyaa 2009 irratti

Hagayya 23, 2008, Olompiikii Beejiingirratti, Qananiisaan dorgomtoota isaa gatuun meetira 5000 moo'ate; dorgommii kanarratti riikardii olompiikii duraan Saïd Aouitan qabamee ture cabsuun riikardii haaraa sa'aatii 12:57.82 galmeesse. Dorgommii kana yaaddatamaa kan isa godhu akkaata itti Qananiisaan jalqaba saffisa dorgomichaa dabalaa adeemee dhumarratti ammoo furguffamuun, akkuma yeroo kaan godhu, dorgommii kana xumure: meetira 3000 kan dhumaa xumuruuf daqiiqaa 7:35.53, meetira 2000 kan dhumaa daqiiqaa 4:56.97, meetira 1600 kan dhumaa daqiiqaa 3:57.01, fi marsaa dhumaa ammoo sekendii 53.87tti fixe.

Olompiikii Beejiingirratti, Qananiisaan dorgommii meetira 10,000 fi 5,000n warqee lama nyaachuun tarree atileetota warra ciccimmoo kan akka Hannes Kolehmainen (1912), Emil Zátopek (1952), Vilaadimiir Kuutsi (1956), Lasse Virén (si'a lama, in 1972 fi 1976), Miruuts Yifxar (1980), fi Mahaammad Faaraah (2012) taa'e.

Qananiisaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 2009 kan Barliinitti geggeeffamerratti medaaliyaa warqee lama moo'ate. Moo'ichi lamaan kan 5000 m (13:17.09) fi 10,000 m (26:46.31 – riikardii Shaampiyoonaa Addunyaati) kanaan nama jalqaba fageenyaa lamaaniin warqee Shaampiyoonaa Addunyaa tokkorratti nyaate ta'ee galmaa'e. Kennaan saffisaa fi jabinaa Qananiisaan qaburraan kan ka'e yeroo inni ga'umsa gaarirra jiru isa moo'un gonkumaa kan hin yaaddamne. Fiigicha meetira 10,000 irraati Qananiisaan Zarasannaay Taaddasaa duuba fiiga ture, gaazzexeessaan fiigicha sana dabarsu "Dhumeera, sirumayyuu fiigichi kun akkuma jalqabeen dhume" jedhe akkuma marsaan dhumaa jalqabeen. Qananiisaanis dorgommii walitti dhiyaataa fakkaachaa duraan ture marsaa dhumaarratti tokkichumaan saffisaan ba'uun salphaatti moo'ate. Beeksiisaan IAAF "Namni kun atileetii fiigicha dheeraa cimaa ijji keenya argite, tarii gara fuulduraattis nama cimaa akkanaa hin arginu ta'a" jedhe dinqisiifannasaa ibse. Moo'icha gita hin qabne kana hunda argatuyyuu, Qananiisaan akka Hayilee Garbrasillaasee fi namoota kaanii fudhatama guddaa hin arganne. Qananiisaan callisaa ta'unsaa fi gaaffiif deebii miidiyaa adda addaa wajjin gochuuf fedhii kan hin qabne ta'uunsaa biyyoota dhihaa keessatti fudhatamaa baayyee hin arganne. Akkuma Qananiisaa riikardii qabatee kan jiru Yuseeyin Boolti akka jedhetti milkiin Qananiisaan argate guddaa ta'ee odoo jiruu fudhatama isaaf malu hin arganne jedhe.

Injuries[edit | Lakkaddaa gulaali]

Qanaaniisaan waggaa haaraatti jalqabbii yaraadhan jalqabe, kunis Qaxxaamura Biyyaalessaa Edenbiraa ka ni moo'ata jedhamee eeggamerratti arfaffaa ba'e - atileetonni Keeniyaa sadi'itu marsaa dhumaarratti itti wal furaa isa dadhabsiise ture. Sana booda Qananiisaan waggaa guutuu miidhama hirree mogolee lukaatin dorgommiirraa fagaate.

Qananiisaan miidhama jilbaarraa fayyee ji'a Bitootessaa 2011 keessa shaakallii jalqabe. Erga bara 2009 tiraakirratti dorgommii tokkoyyuu kan hin godhin Qananiisaan, Shaampiyoonaa Addunyaarratti dorgommiitti deebi'e. Haa ta'u malee meetira 10,000 irratti odoo marsaan 10 isa hafuu dorgommii addaan kutee baye. Meetira 5000 kaachuu dhiisuu murteesse. Qananiisaan dorgommiitti kan deebi'e Daayimendi Ligii Ivo Van Damme Memorial kan Biraaselsi irratti yoo ta'u achirratti sa'aatii addunyarratti saffisa ta'e galmeessee moo'ate, bara 2011tti. Bara 2012tti akka gaariitti hin jalqabne, Qaxxaamura Biyyaa Edenbiraarratti sadarkaa 11ffaadhaan xumure. Ji'a Eblaa keessa, dorgommii Fiigicha Aayerlaandi Guddaa moo'achuun ga'umsasaa deebisee kan argate fakkate; dorgomicharratti sa'aatii gaarii ta'e 27:49 galmeesisiise riikardii iddoo sanaas sekendii 46n fooyyesse. Taba Olompiikii Landan 2012 irratti, meetira 10,000 warra fuuldura jiran wajjiin fiigaa turuyyuu meetira 150 kn dhumaarratti isaan wajjin itti fufuu dadhabee duubatti hafee arfaffaa ta'ee xumure, sa'aatinsaas 27:32.44 yoo ta'u obboleessa isaa kan sadaffaa ba'ee Taarikuu biraa sekendii 1.01 duubatti hafe.

Dorgommii bara 2013tti godheen Qananiisaan Fiigicha Aayerlaandi Guddaa (Great Ireland Run) yeroo lammaffaaf moo'ate. Itti aansee Fiigicha Kaabaa Guddaarratti (Great North Run) maraatoonii walakkaadhaan sa'aatii 60:09 galmeessisuun moo'e; dorgommii kanarratti Faaraa sekendii 1n dursee fixe.

Maraatoonii Paaris, Ebla 6, 2014[edit | Lakkaddaa gulaali]

Qananiisaan, dorgommiin maraatoonii jalqaba godheen baayyee milkaa'e; dorgommii Maraatoonii Paaris kanarratti Qanaaniisaan rikardii iddoo sana cabsuun sa'aatii atileetonni ciccimoon kan akka Hayilee Gabrasillaasee, Pool Tirgaat, Saamu'eel Waanjiruu duraan achitti galmeessan cabsee sa'aatii 2:05:04 galmeessisiisee bara 2014tti moo'ate.

Dorgommii Inni Godhe[edit | Lakkaddaa gulaali]

Qananiisaan bara 1982tti naannoo Oromiyaa Boqojjiitti dhalate. Boqojjiin iddoo dhaalota atileetoa beekkamoo baayyee yoo taatu kana keessaa ijoollee Dibaabaa(Ijjigaayyoo, Xurunashii fi Ganzabee) fi durbii isaanii Daraartuu Tulluuti.

Istaatistiiksii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Sa'aatiisaa Ba'eessa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bekele competing on the 2006 Meeting Gaz de France
Fageenya Sa'aatii (min) Guyyaa Iddoo
1500 m 3:32.35 28 Fulbaanaa 2007 Shaangaayii
Mile run (mana-keessa) 4:01.57 3 Guraandhala 2006 Niwuu Yoork
2000 m (mana-keessa) 4:49.99 (RA) 17 Guraandhala 2007 Barmiingaam
3000 m 7:25.79 7 Hagayyaa 2007 Istookoolmi
3000 m (mana-keessa) 7:30.51 20 Guraandhala 2007 Istookoolmi
Maayilii lama 8:13.51 Caamsaa 26 2007 Hengiloo
Maayilii lama (mana-keessa) 8:04.35 (RA) 16 Guraandhala 2008 Barmiingaam
5000 m 12:37.35 (RA) Caamsaa 31 2004 Hengiloo
5000 m (mana-keessa) 12:49.60 (RA) 20 Guraandhala 2004 Barmiingaam
10,000 m 26:17.53 (RA) 26 Hagayyaa 2005 Biraaselsi
10 km (karaarra) 27:49 15 Ebla 2012 Dubliin
15 km (karaarra) 42:42 9 Mudde 2001 's-Heerenberg
Walakkaa Maratoonii 1:00:09 15 Fulbaana 2013 Niwuukaastil
Maraatoonii 2:05:04 6 Ebla 2014 Paaris

Fooyya'insa Waggaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Meetira 5000
Bara Sa'aatii bayeessa Iddoo Guyyaa Sadarkaa Addunyaa
2012 12:55.79 Paaris Adoolessa 6 9ffaa
2009 12:52.32 Zuuriik Hagayya 28 1ffaa
2008 12:50.18 Zuuriik Hagayya 29 1ffaa
2007 12:49.53 Zaragooza Adoolessa 28 1ffaa
2006 12:48.09 Biraaselsi Hagayya 25 1ffaa
2005 12:40.18 Paaris Adoolessaa 1 1ffaa
2004 12:37.35 Hengiloo Caamsaa 31 1ffaa
2003 12:52.26 Osloo Waxabajjii 27 3ffaa
2002 13:26.58 Miilaan Waxabajjii 5 71ffaa
2001 13:13.33 Seviil Waxabajjii 8 29ffaa
2000 13:20.57 Riyeetii Fulbaana 3 53ffaa
Meetira 10,000
Bara Sa'aatii bayeessa Iddoo Guyyaa Sadarkaa Addunyaa
2012 27:02.59 Barmiingaam Waxabajjii 22 3ffaa
2011 26:43.16 Biraaselsi Fulbaana 16 1ffaa
2009 26:46.31 Barliin Fulbaana 17 1ffaa
2008 26:25.97 Yuujiin, Oriigan Waxabajjii 8 1ffaa
2007 26:46.19 Biraaselsi Fulbaana 14 1ffaa
2005 26:17.53 Biraaselsi Hagayya 26 1ffaa
2004 26:20.31 Ostiraavaa Waxabajji 8 1ffaa
2003 26:49.57 Paaris Hagayya 25 4ffaa

Riikardii Dorgommii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bara Dorgommii Iddoo/Bakka Sadarkaa Gocha
1999 Shaampiyoonaa XB Addunyaa Beelfaasti, UK 9ffaa Junior race
Shaampiyoonaa Dargaggootaa Addunyaa Beedgooshti, Poolaandi 2ffaa 3000 m
2000 Shampiyoonaa Ol-adeemtootaa Addunyaa Santiyaago, Chiilii 2ffaa 5000 m
2001 Shaampiyoonaa XB Addunyaa Ostend, Beeljiyeem 2ffaa fiigicha gabaabaa
1ffaa Junior race
2002 Shaampiyoonaa XB Addunyaa Dubliin, Aayerlaandi 1ffaa fiigicha gabaabaa
1ffaa fiigicha dheeraa
2003 Shaampiyoonaa XB Addunyaa Loozaan, Iswiizerlaandi 1ffaa fiigicha gabaabaa
1ffaa fiigicha dheeraa
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Paaris, Firaansi 3ffaa 5000 m
1ffaa 10,000 m
Taba Guutuu-Aafrikaa Abujaa, Naayijeeriyaa 1ffaa 5000 m
2004 Shaampiyoonaa XB Addunyaa Biraaselsi, Beeljiyeem 1ffaa fiigicha gabaabaa
1ffaa fiigicha dheeraa
Taba Olompiikii Ateensi, Giriik 2ffaa 5000 m
1ffaa 10,000 m
2005 Shaampiyoonaa XB Addunyaa Saint-Galmier, Firaansi 1ffaa fiigicha gabaabaa
1ffaa fiigicha dheeraa
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Helsiinkii, Fiinlaandi 1ffaa 10,000 m
2006 Shaampiyoonaa Mana-keessaa Addunyaa Mooskoo, Raashiyaa 1ffaa 3000 m
Shaampiyoonaa XB Addunyaa Fokokaa, Jaappaan 1ffaa fiigicha gabaabaa
1ffa fiigicha dheeraa
Shaampiyoona Aafrikaa Bambous, Mooriishes 1ffaa 5000 m
Geeba Addunyaa IAAF Ateensi, Giriik 2ffaa 3000 m
2007 Shaampiyoonaa XB Addunyaa Mombaasaa, Keeniyaa DNF Senior race
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Osaakaa, Jaappaan 1ffaa 10,000 m
2008 Shaampiyoonaa XB Addunyaa Edenbiraa, Yunaayitid Kingidem 1ffaa Senior race
Shaampiyoona Aafrikaa Finfinnee, Itoophiyaa 1ffaa 5000 m
Taba Olompiikii Beejiingi, Chaayinaa 1ffaa 5000 m
1ffaa 10,000 m
2009 Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Barliin, Jarmanii 1ffaa 5000 m
1ffaa 10,000 m
2011 Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Deeguu, Kooriyaa Kibbaa DNF 10,000 m
2012 Taba Olompiikii Landan, UK 4ffaa 10,000 m

World Grand Prix Finals[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bara Dorgommii Iddoo/Bakka Sadarkaa Yaadannoo
2001 Giraandi Pirii Xumuraa Meelboorni, Awustireeliyaa 2ffaa 3000 m
2003 Atileetiksii Addunyaa Xumuraa IAAF Monaakoo, Monaakoo 1ffaa 3000 m
2005 Atileetiksii Addunyaa Xumuraa IAAF Istuutgaarti, Jarmanii 1ffaa 5000 m
2009 Atileetiksii Addunyaa Xumuraa IAAF Tasaloonqee, Giriik 1ffaa 3000 m

Circuit honours[edit | Lakkaddaa gulaali]

File:Kenenisa bekele running.jpg
Qananiisaan atileetota Cross de Itálicarratti yeroo dursaa jiru
Moo'icha Qaxxaamura Biyyaa

Badhaasa[edit | Lakkaddaa gulaali]

  • Atileetii Waggaa Addunyaa IAAF: 2004, 2005
  • Atileetii Waggaa Track & Field News: 2004, 2005
  • Nama Waggaa kan Itoophiyaa: 2007/2008

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1. "Kenenisa Bekele". bbc.com. BBC Sport. Retrieved 9 February 2014.
  2. "Kenenisa Bekele". iaaf.org. International Association of Athletics Federations. Retrieved 9 February 2014.
  3. "Kenenisa Bekele". sports-reference.com. Sports Reference LLC. Retrieved 9 February 2014.
  4. IAAF. "Athlete profile for Kenenisa Bekele".
  5. IAAF, 17 November 2009: World Records ratified
  6. 2005 World Championships 10000 m final
  7. Bekele 10000 m world record – IAAF
  8. Bekele 10000 m world record – YouTube video
  9. "Bekele follows Campbell down marriage path". iaaf.org.
  10. BBC Sports http://news.bbc.co.uk/sport1/hi/olympics/athletics/latest_results/default.stm
  11. Jörg Wenig (2009-08-23). Bekele conquers another superlative. IAAF. Retrieved on 24 August 2009.
  12. Ethiopia Kenenisa vs Eritrea Zersenay tadesse
  13. Chadband, Ian (2009-09-01). Kenenisa Bekele is the Usain Bolt of distance running. The Daily Telegraph. Retrieved on 1 September 2009.
  14. "Bekele back in training, hopeful for London 2012 | Athletics Weekly - the best coverage of the No.1 Olympic sport". Athletics Weekly.
  15. "World Athletics Championships 2011: Kenenisa Bekele is big unknown quantity for favourite Mo Farah". Telegraph.
  16. "World Athletics 2011: Mo Farah settles for 10,000m silver in Daegu | Mail Online". Dailymail.co.uk. 30 August 2011.
  17. "Farah won't face Bekele in 5,000m as the Ethiopian returns home | Athletics". insidethegames.biz. 31 August 2011.
  18. "Bekele sets season best in 10,000m - The Times of India". Timesofindia.indiatimes.com. 17 September 2011.
  19. IAAF.org (15 September 2011). "Brussels offers Bekele the chance to bounce back – Samsung Diamond League". iaaf.org.
  20. Wenig, Jorg (2012-01-07). Kiprop triumphs in race of champions, Bekele a distant 11th – Edinburgh XC report. IAAF. Retrieved on 8 January 2012.
  21. Cole, Brendan (2012-04-15). Bekele wins Great Ireland Run in stunning style. RTE. Retrieved on 15 April 2012.
  22. Mulkeen, Jon (2012-08-04). Ennis, Farah and Rutherford take gold for Britain on 'Super Saturday' - London 2012 Day Two Report. IAAF. Retrieved on 4 August 2012.
  23. Martin, David (2013-04-14). Bekele retains title, Howarth takes honours in Dublin. IAAF. Retrieved on 2013-04-18.
  24. "Kenenisa Bekele Runs 2:05:03 in Marathon Debut – Breaks course record and smahes debut times of past legends Gebrselassie, Tergat and Wanjiru". 6 April 2014. Retrieved 6 April 2014.