Neefcaantaa

Wikipedia irraa

Neefcaantaan ykn Paramasiyeemii orgaanizimii seel-qeenxee yoo ta’u,boca kophee siliipparii(caantaa) fakkaatu qaba. Caasaaleen lubbiyyoo neefcaantaa keessatti argaman sabaga lubbiyyoo, kalloo areeroo, wirmaata guddaafi wirmaata xiqqaa, buufanye kottoonfataa, buufanye nyaataa, dhooqa afaanii fi rifeensee dha.wirmaatni guddaa gochaalee meetaabolizimiif kangargaaru yoo ta’u, wirmaatni xiqqaan immoo wal-hormaataaf gargaara. Neefcaantaan bishaan soogidda hin qabne kanneen akka bishaan boollaa, lagaa, haroo fi hara keessa jiraata. Neefcaantaan jireenya walabaa jiraata.Caasaan sochii neefcaantaa rifeensee dha. Neefcaantaan rifeenseen kan haguugamedha. Rifeenseendhaha bishaanii uumuun gara sooranni argamutti Neefcaantaan akka deemu taasisa. Neefcaantaan baakteeriyaa fi saaphaphuu soorata. Wantoonni soorata neefcaantaata’an karaa dhooqa afaanii kalloo areeroo seenu. Rifeenseen yommuu socho’u sooranni gara kalloo areerootti geejjibama. Nyaanni inzaayimootaan bullaa’e kalloo areeroo keessatti kan hojiirra oolu yoo ta’u, kanneen hin bulloofne immoo buufanye kottoonfatan gara alaatti akka ba’u taasifama.

Neefcaantaan mala wal-hormaata saalaa fi saal-maleen wal-hora. Wal-hormaata saal-malee keessatti, lubbiyyoon neefcaantaa tokko bakka lamatti qoodama.Kunis, addaan bahinsa wal-qixaa lubbiyyoo bakka lamaa jedhama. Jalqaba irratti wirmaatattu qoodama. Itti-fufuun immoo kalloo areerootu bakka lamatti qoodama. Dhuma irrattisseelota haaraawaa lamatu uumama jechuudha.Wal-hormaanni saalaa neefcaantaa horsiisillaa ykn konjugeeshinii jedhama. Adeemsi horsiisillaa ykn konjugeeshinii neefcaantaa akka tartiiba armaan gaditti tarreeffame dha

  1. Neefcaantaan lama walitti dhufuun karaa dhooqa kalloo areeroon walquunnamu.wirmaatni xiqqaan neefcaantaa lamaan keessatti argamu bakka afurittiqoqqoodama. Kanneen keessaa sadan isaanii kan badan yoo ta’u, tokkichihafe immoo bakka lamatti hirama.
  2. wirmaatni xiqqaan neefcaantaa tokko keessatti argamu gara neefcaantaa isa lammataa deemuun, wirmaata isa hafe waliinwalquunnamuun miciraa uumu.
  3. Paaramisiyamoonni lamaan addaan bahu, yeroo kanattis wirmaatni isaaniiaddaan hirama.
  4. Tokkoon tokkoon neefcaantaa yeroo lama addaan bahiinsa wal-qixaalubbiyyoo bakka lamaa gaggeessuun seelota haaraa afur uumu

Dalgawwan Caasaalee Neefcaantaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Wirmaatni xiqqaa(Micronucleus): Walhormaata neefcaantaa keessatti gahee gudda qaba.

Wirmaatni Gudddaa(Macronucleus): gochaalee meetaabolizimiif kan gargaaru da.

Rifeensee(cilia): caasaa sochii lubbuqabeeyyii seel-qeenxee tokko tokko keessatti socho'uuf fayyadu dha.

Buufanyee Nyaataa(Food vacuole ):vaakiyuulii nyaataa caasaa yeroodhaaf seelii keessatti  nyaataa kuusuu fi daakuudha. Nyaata karaa luqumuun(phagocytosis) kan liqimsu yoo ta’u, nam'oota(enzymes) fayyadamuun nyaata sana gara maddarroowwaan xixiqqootti caccabsa. Erga bullaa’insi nyaataa xumuramee booda sooratni sun anniisaa fi adeemsa seelii biroof seeliidhaan xuuxama.

Buufanyee Kontooffataa (Contractile vacuole ): caameerqa(organelle) addaa kan ta’ee fi madaallii bishaanii orgaanizimoota tokko tokko keessatti eeguuf gargaarudha. Bishaan garmalee seelii keessaa walitti qabee baasuun akka hin dhiitooyne ykn akka hin dhoofne taasisa. Kunis dhiibbaa qirimbishaawa(osmotic) to’achuudhaan orgaanizimichi naannoo bishaan qulqulluu keessatti akka jiraatu gargaara.

Yandaphii(Pellicle): baqqaana haphii, socho’aa fi eegumsaa kan ta’ee fi fuula alaa orgaanizimoota tokko tokko, kan akka pirootozowaa(durneefka), saaphaphuu fi baakteeriyaa tokko tokko irratti argamu dha. Deeggarsa caasaa fi eegumsa kan kennu yoo ta’u, dhodhommoqxummaa fi sochii kan hayyamudha.