Marsaa naayitiroojiinii
Marsaan Naayitiroojiinii adeemsa keemikaala jiree dachee(biogeochemical ) naayitiroojiiniin gara unka hedduutti kan jijjiiramu yoo ta’u, walduraa duubaan qilmarsaa irraa gara biyyeetti gara orgaanizimiitti darbee gara qilleensatti deebi’uudha. Adeemsa hedduu kan akka naayitiroojiinii geesharuu, naayitiraayifikeessuu, shalashalama naayitiroojiinii, bososa’uu fi tortorsa of keessaa qaba.marsaan naayitiroojiiniin karaa adeemsa irra deddeebi’amee kan naayitiroojiiniin bifa adda addaatiin qaamolee qabattoo lubbu-qabeeyyii (biqiltoota, neefka, merqaafi maarqoo) fi qabattoo lubbu-maleeyyii (qilmarsaa, biyyee, bishaan) sirnakkoo lamaan keessaa socho’uudha. Adeemsi gurguddoon naayitiroojiinii marsaa keessatti hirmaatan: naayitiroojiinii geesharuu(nitrogen fixation), naayitiraayifikeessuu, shalashalama naayitiroojiinii(denitrification), sifoomuu(assimilation )fi amoonifikeeshiniifaa dha. Adeemsa kana ilaalchisee ibsi gabaabaan kana booda kennama.
Adeemsaalee
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Naayitiroojiiniin naannoo keessatti bifa keemikaalaa adda addaatiin kan argamu yoo ta’u, isaan keessaa orgaanikii naayitiroojiinii, amooniyeemii, naayitraayitii, naayitreetii, naayitraas oksaayidii, naayitriik oksaayidii (NO) ykn gaasii naayitiroojiinii inorganik ( . ). Naayitiroojiiniin orgaanikii bifa orgaanizimii lubbuu qabuu, humus ykn oomishaalee gidduugaleessaa diigamuu orgaanikii ta’uu danda’a. Adeemsi marsaa naayitiroojiinii keessatti mul’atu naayitiroojiinii bifa tokko irraa gara bifa biraatti jijjiiruudha. Adeemsi sun baay’een isaanii maaykiroobii, anniisaa sassaabuuf ykn bifa guddina isaaniif barbaachisuun naayitiroojiinii kuufachuuf carraaqqii godhaniin kan raawwatamanidha. Fakkeenyaaf, balfi naayitiroojiinii fincaan bineensotaa keessa jiru baakteeriyaa biyyee keessa jiru naayitiraayidii gochuun biqiltoonni akka itti fayyadamaniif caccaba. Diyaagiramni cinaatti argamu adeemsi kun akkamitti walitti makamee marsaa naayitiroojiinii akka uumamu agarsiisa.
Naayitiroojiinii geesharuu
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Naayitiroojiiniin qilmarsaa keessaa gara %78 qaba. Lubbu qabeeyyiin baay’een isaanii naayitiroojiinii qilmarsaa, N2, sirna isaanii keessatti hammachuu hin danda’an. Fayyadamaa ta’uuf N2 bifa fayyadamuu danda’u kan akka ammooniyaa yookiin naayitreetiitti dhaabbataa ta’uu qaba. Naayitiroojiinii geesharuun N 2 gara ammooniyaatti jijjiiruu yookaan baayoloojiidhaan (baakteeriyaadhaan gaggeefamu) yookaan baayoloojiidhaan ala (qilmarsaa geesharuun bakakaafi industirii geesharaa laaboraatoorii keessatti).Biqiloonni naayitirojiinii bifa kompaawondiin(kompaawondii naayitiretii) biyyee keessaa argachuu qabu. Naayitirojiinii walabaa atimoosfarii keessatti argamu gara kompaawondoota naayitirojiinii kannen akka amooniyaa fi amooniyeemii dhuma irrattis naayitireetii(NO3) jijjiirama. Adeemsa naayitiretiin itti uumamu kun naayitirojiinii fiiksessuu jedhama. Adeemsi naayitirojiinii fiiksessuu anniisaa barbaada. Sababiin isaas hidhoon sadee molekiyulii naayitirojiinii keessa jiru hidhoo humna cimaa qabuu fi hidhoo kana cabsuuf yookaan diiguuf anniisaa cimaa barbaadu waan ta’eef dha.
Garee baakteeriyaa hirmaatan irratti hundaa’uun, baayoloojii naayitiroojiinii geesharuu lamatti ramadamuu danda’a:
- Geeshara naayitiroojiinii leettumsaawaa(Symbiotic) fi
- Geeshara miti-leettumsaawaa(Waliin leeya)
Geeshara naayitiroojiinii leettumsaawaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Bifa xiinjiree naayitiroojiinii qabachuu kun garee merqaa biyyee raayizobiyaa jedhamuun beekamuun kuburee hiddaa biqiltoota shabalakee (kan akka ataraa, baaqelaa fi akuurii) keessatti raawwatama. Raayizoobiyaan biqiltoota shabalakee wajjin walqabsiisa walnyaatinsaa uumuun bakka N2 gara ammooniyaatti hir’atutti nooduulii hundee uumu. Walnyaatinsi naayitiroojiinii 2 (jijjiirraa N2) inzaayimii naayitiroojineesii jedhamuun beekamuun kan katalaayizii ta’a.
Ayoononni amooniyeemii adeemsa kanaan oomishaman gara biqiltuu legume (sifooma)tti xuuxamuun amiinoo asiidota- ijaarsa yuunitii pirootiinii walnyaachisuuf itti fayyadamu.
Jalqaba bara industirii irraa eegalee sababa sochii dhala namaatiin qindoominni kaarboon daayi’oksaayidii fi gaazota biroo qilleensa keessa jiran akka dabale beekamaadha. Gaazota kana keessaa naayitraas oksaayidii (N2O) kan argamu yoo ta’u, kunis bu’aa gidduugaleessaa marsaa naayitiroojiinii keessatti maaykiroobaayil deenitireeshinii ta’edha. Gaasiin N2O jijjiirama qilleensa addunyaa irratti balaa tokko sababa dandeettii ho’ina addunyaa (kaarboon daayi’oksaayidii dachaa 300 ol) fi yeroo dheeraa hawaa keessa turuu isaatiin. Sirna qonnaa keessatti xaa’oo N sinteetikii garmalee fayyadamuun madda gadi lakkifamuu N2O isa guddaadha. Raayizobiyaa 2n baayoloojii N2 fixeeshiniin oomishtummaa qonnaa fooyyessuu ykn itti fufsiisuu fi yeroo walfakkaatutti gadi lakkifamuu N2 gara qilleensaatti salphisuuf xaa’oo N sinteetikii irraa madda filannoo N dhaabbataa ta’uu danda’a.
Geeshara miti-leettumsaawaa(Waliin leeya)
Bifa baayoloojii naayitiroojiinii geesharuu kun baakteeriyaa biyyee bilisa lubbuu qabuun (kan gosa Azotobacter fi Klebsiella) raawwatama. Baakteeriyaawwan kun gaasii naayitiroojiinii gara ayoonota ammooniyeemii kan hir’isan yoo ta’u, biqiltoonni itti fayyadamuu danda’u ykn battalumatti baakteeriyaa naayitiraayidii gochuun gara naayitreetiitti oksaayidii ta’uu danda’u.
Naayitiroojiiniin atimoosfarii keessaa gara bifa faayidaa qabeessatti kan jijjiiramu karalee armaan gadiitiini:-
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Balaqqeessaan (Lightening) : Balaqqeen yeroo bakakkaan bu'u uumamu hoo'a cimaa qaba. Hoo'i kun naayitiroojiiniin oksijiiniin wal-nyaatee naayitireetii akka uumu godha.
Balaqqeessi naayitirojiinii atimoosfarii oksijiinii wajjin walnyaachisuun gara naayitiretiitti jijjiira. Sababiin isaas balaqqeessi humna ho’aa guddaa waan qabuuf. Ho’i kun ammoo naayitirojiinii oksijiinii atimoosfarii wajjin akka wal nyaatu gochuun oksaayidii naayitirojiinii uuma. Oksaayidiin naayitirojiinii kun bishaan roobaa wajjin wal nyaatinsa keemikaalaa gaggeessuun asiidii naayitirikii () uuma. Asiidiin naayitirikii rooba waliin biyyee seenee bishaaniin caccabuun gara naayitiretiitti() jijjiirama. Kanaaf, balaqqeessi naayitirojiinii atimoosfarii gara naayitiretiitti jijjiira jechuu dha. Naayitireetiin bishaan roobaa keessatti bulbulamee gara biyyeetti seena. Biqiloonni naayitireetii biyyee keessaa fudhatanii pirootiinii oomishu.
- Baakteeriyaan
- Baakteeriyaa bilisaan biyyee keessa jiraatan kanneen akka "Azotobacter" fi "Clostridium" naayitiroojiinii (N2) gara amoomiyaatti jijjiiru.
- Baakteeriyaan wal-utubbiin hidda dhiitawaa biqiloota liguuminasii kanneen akka baaqelaa ataraa fi k.k.f. wajjiin jiraatan naayitiroojiinii (N2) gara amooniyaatti geeddaru.