Kalee
| 'Ren' | |
|
Caasaa Dhaaqamaa Kalee | |
|
Fakkii Kalettii (Nephron), caasaa bu'uuraa kan dhiiga calalu. | |
| Ibsa Ijoo | |
|---|---|
| Iddoo Argamaa | Qaawwa garaa keessatti, lafee dugdaa cinaatti, dilshoo jalatti |
| Sirna Qaamaa | Sirna Fincaanii |
| Caasaa fi Guddina | |
| Caasaa | Qaamtuu, Handhuurkalee, Koonnoo Kalee, Kalettiiwwan |
| Hojii | |
| Hojii Ijoo | Dhiiga calaluu, Fincaan oomishuu, Madaallii dhangala'aa, Dhiibbaa dhiigaa too'achuu |
| Dhiiga, Ribuu, fi Dhuyyaa | |
| Ujummoo Dhiggeessituu | Dhiigraabsituu Kalee (Renal artery) |
| Ujummoo Dhigdeebistuu | Dhiigdeebistuu Kalee (Renal vein) |
| Ribuu | Aarsituuwwan Sirna Simpaateetikii |
| Dhuyyaa | Xuruurinca (Ureter) |
| Yaada Yaalii | |
| Dhukkuba Walqabatu | Dhukkuba Kalee Yeroo Dheeraa, Cirracha Kalee, Infekshinii Fincanii, Dhadhabbii Kalee |
| Koodii Addunyaa | |
'Kaleen (Afaaningiliiziin: Kidney) qaama lafee qabeeyyii keessatti argamu yoo ta'u, boca akka baaqelaa fi halluu diimaa-buraa'aa kan qabuudha. Ilma namaa keessatti, kaleen lamaan qaawwa garaa keessatti, gara duubaatti siqanii, lafee dugdaa cinaa lamaan irratti, dilshoo (diaphragm) jalatti argamu. Kaleen dhiiga summii fi xurii nadheefaa irraa calaluu fi qulqulleessuuf itti gaafatamummaa guddaa qaba. Dhiigni karaa dhiigraabsituu kaleetiin kalee seenee, erga calalamee booda, karaa dhiigdeebistuu kaleettiin qaamatti deebi’a. Xuriin dhiiga keessaa baafame immoo bishaan wajjin walitti makamee fincaan uuma. Fincaan kun karaa xuruurinca (ureter), ujummoo fincaan gara afuuffee fincaanii geessuun walqabatee jira. Saayinsiin waa'ee kalee fi dhukkuboota isaanii qo'attu nephrology jedhama.
Kaleen qabee dhangala’oo qaamaa adda addaa, madaallii dhangaggeefi beezii (pH), cuuqooma elektiroolayitii adda addaa fi summii balleessuu ni to’ata. Dhiiga kalee seenu keessaa tilmaamaan harka shan keessaa tokko yeroo hundumaa ni calalama. Fakkeenyonni wantoota kalee keessatti gara dhiigaatti deebi’anii xuuxaman bishaan, soodiyemii, baaykaarbooneetii, gilukoosii fi amiinoo asiidota yoo ta’u, wantootni akka haayidiroojiinii, amooniyeemii fi dhangaggee yuuriik fincaan waliin kan baafaman ta’a. Guddinni kalee nama tokkoo xiqqaa ta'us (dheerinni isaa gara seentimeetira 11-14), hojiiwwan murteessoo fayyaa qaamaatiif barbaachisan raawwata.
Caasaa Kalee
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Kaleen caasaa walxaxaa kan dalagaa adda addaa raawwachuuf mijaa'e qaba. Isaanis caasaalee gurguddoo (dhaaqamaa) ijaan mul'atan fi caasaalee xixiqqoo (shifargaawaa) of keessatti qabata.
Caasaalee Alaantoo Dhaaqamaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Iddoon teessuma kalee qaawwa garaa keessatti, gara duubaatti siqee, maashaalee dugdaa fuuldura, fi peritoneum duubatti argama. Kaleen mirgaa tiruun waan isa irra jiruuf isa bitaa irra xiqqoo gadi siqee argama. Tokkoon tokkoon kalee dheerinni isaa tilmaamaan seentimeetira 11-14, bal’inni isaa seentimeetira 6 fi furdina seentimeetira 4 qaba. Gogaan alaa isaa Qalqala Qaajjisoo (Fibrous Capsule) jedhamuun marfamee jira, kunis miidhaa fi infekshinii irraa isa eega. Dabalataanis, coomaan (perinephric fat) marfamuun deeggarsa fi ittisa dabalataa argata.
Gama keessoo kalee kan gara wiirtuu qaamaatti garagalu irratti, caasaan dhooqa fakkaatu kan Dhooqa Kalee (Renal Hilum) jedhamu jira. Bakki kun akka karraatti tajaajila; ujummooleen dhiigaa gurguddoon kanneen akka dhiigraabsituu kalee (renal artery) fi dhiigdeebistuu kalee (renal vein), akkasumas aarsituuwwan (nerves) fi xuruurinci (ureter) asiin ol seenu ykn gad bahu. Qindoominni caasaalee kanaa dalagaa kaleef baayyee murteessaadha.
Caasaalee Keessoo Dhaaqamaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Yoo kalee wertikaaliin (vertical) kukkunne, kutaaleen gurguddoon sadii ni mul'atu. Inni alaa Qaamtuu Kalee (Renal Cortex) jedhama, innis bifa diimaa-magaala kan qabuu fi irra caalaan dhuyumxinnoo fi xuruurtolee maramoo of keessaa qaba. Kutaan kun bakka calalliin dhiigaa inni guddaan itti gaggeeffamudha. Qaamtuu jalatti, kutaan wiirtuutti dhihaatu Handhuurkalee (Renal Medulla) jedhama. Handhuurkaleen caasaalee boca muxxataa (pyramid) qaban hedduu, kan Muxxata Kalee (Renal Pyramid) jedhaman, of keessaa qaba.
Muxxattoonni kalee kunniin kan gurmaa'an ujummoolee funaansaa kanneen walitti dhufanii fincaan gara wiirtuu kaleetti geessan irraati. Fiixeen tokkoon tokkoon muxxataa, kan Xossee Kalee (Renal Papilla) jedhamu, gara caasaa finjaala fakkaatu kan Kokii (Calyx) jedhamuutti bana. Kokiileen xixiqqoon (minor calyces) walitti dhufuun kokiiwwan gurguddoo (major calyces) uumu. Dhumarratti, kokiileen gurguddoon hundi walitti dhufuun caasaa boca dhullee qabu kan Koonnoo Kalee (Renal Pelvis) jedhamu uumu. Koonnoon kalee fincaan walitti qabee gara xuruurincaatti (ureter) geessa.
Caasaa Shifargaawaa: Kalettii (Nephron)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Kalettiin yuunitii bu'uuraa dalagaa kaleeti. Tokkoon tokkoon kalee kalettiiwwan miliyoona tokkoo ol of keessaa qaba. Kalettiin caasaa xiqqaa dhiiga calaluun fincaan uumudha. Innis kutaalee gurguddoo lama irraa ijaarama: Dhagna Kalee (Renal Corpuscle) fi Xuruurtoo Kalee (Renal Tubule).
- Dhagna Kalee: Kutaan kun bakka calalliin dhiigaa inni jalqabaa itti gaggeeffamudha. Innis qaamolee lama of keessaa qaba:
* Dhuyumxinnoo (Glomerulus): Gurmuu ujummoolee dhiigaa qaqalloo (capillaries) kan dhiibbaa dhiigaa guddaan dhiigni akka calalamu taasisuudha. * Qalqala Bowmanii (Bowman's Capsule): Caasaa finjaala fakkaatu kan dhuyumxinnoo marsee argamuudha. Dhangala'aa calalame (filtrate) dhuyumxinnoo keessaa ba'e walitti qabee gara xuruurtoo kaleetti geessa.
- Xuruurtoo Kalee: Ujummoo dheeraa fi maramaa kan dhangala'aan calalame keessa darbuudha. Adeemsa kana keessatti, wantoonni qaamaaf barbaachisan (akka bishaanii, gulukoosii, fi albuudotaa) deebi'anii gara dhiigaatti xuuxamu. Xuriin immoo dabalataan gara dhangala'aa kanatti gad-lakkifama. Kutaa sadii qaba:
1. Xuruurtoo Maramaa Dhiyoo (Proximal Convoluted Tubule - PCT): Kutaa isa jalqabaa fi deebisanii xuuxuun irra caalaan itti raawwatamudha. 2. Ujummoo Hudhoo Henelii (Loop of Henle): Kutaa hudhoo fakkaatu kan madaallii bishaanii fi soogiddaa too'atuudha. 3. Xuruurtoo Maramaa Fagoo (Distal Convoluted Tubule - DCT): Kutaa isa dhumaa kan madaallii ayoonotaa fi pH sirreessuudha.
Dhumarratti, fincaan xuruurtolee hedduu irraa dhufe Shaandaa Funaansaatti (Collecting Duct) walitti qabama, achiis gara koonnoo kaleetti yaa'a.
Dalagaa Kalee
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Kaleen dalagaalee jireenyaaf murteessoo ta'an hedduu raawwata.
1. Calaluu fi Fincaan Oomishuu
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Dalagaan kalee inni guddaan dhiiga calaluun xurii nadheefaa (metabolic wastes) kan akka yuuriyaa fi kiriiyaatiniinii, akkasumas summii fi qorichoota qaama keessaa baasuudha. Adeemsi kun sadarkaa sadiitti raawwatama: 1. Calaluu (‘filtration’): Dhiigni ujummoo dhiigraabsituun gara kalee seenee yeroo karaa dhiigdeebistuu qaqalloo (‘arterioles’) dhuyumxinnoo keessa galu dhiibbaa guddaa waan qabaatuuf bishaan gara 90% olii fi wantootni akka ayoonotaa dhiibamanii qalqala Bowumaan keessa seenu. Seelotni dhiigaa fi pirootiiniin garuu guddaa waan ta'aniif hin calalaman. 2. Deebisanii Xuuxuu (‘Reabsorption’): Wantootni barbaachisoo ta’an (bishaan, gilukoosii, soogidda) kan dhiiga keessaa duraan calalaman, xuruurtoo kalee keessatti deebi'anii gara dhiigaatti xuuxamu. Kun qaamni keenya wantoota barbaachisoo akka hin dhabne taasisa. 3. Gadi Lakkisuu (‘Secretion’): Xuriiwwan dabalataa kanneen akka yuuriyaa fi qorichootaa dhiiga keessaa gara xuruurtoo kaleetti gad-lakkifamuun fincaanitti dabalamu.
2. Madaallii Qaamaa Eeguu (Homeostasis)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Madaallii Dhangala'aa fi Elektiroolayitii: Kaleen hamma bishaanii fi albuudota akka soodiyemii, pootaasiyeemii, fi kaalsiyemii dhiiga keessa jiran sirriitti too'ata. Kunis dalagaa maashaa fi aarsituutiif murteessaadha.
- Madaallii Dhangaggeefi Beezii (Acid-Base Balance): Kaleen pH dhiigaa sadarkaa sirrii (7.35-7.45) irratti eeguuf, ayoonota haayidiroojiinii (H+) fincaaniin baasa, baaykaarbooneetii (HCO₃⁻) immoo deebisee xuuxa.
3. Dalagaa Hormoonii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Kaleen hormoonota barbaachisoo ta'an ni oomisha ykn ni kakaasa:
- Reeniin (Renin): Inzaayimii kan dhiibbaa dhiigaa ol kaasuu keessatti hirmaatudha.
- Eritropooyetiin (Erythropoietin - EPO): Hormoonii kan lafee keessatti oomisha seelii dhiiga diimaa kakaasudha.
- Kaalsitiriyool (Calcitriol): Bifa Vitaamin D isa dalagaa qabuudha. Innis caalmaa kaalsiyemii fi foosfeetii sirreessuuf gargaara.
Dhukkuboota Kalee
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Yoo kaleen sirriitti hojjechuu dadhabe, xuriin qaama keessatti kuufamee rakkoolee fayyaa cimaa fiduu danda'a.
- Dhukkuba Kalee Yeroo Dheeraa (Chronic Kidney Disease): Miidhaa suuta suutaan yeroo dheeraa keessatti kalee irra gahuudha, irra caalaan kan dhukkuba sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaatiin dhufu.
- Dhadhabbii Kalee Battalaa (Acute Kidney Failure): Yeroo gabaabaa keessatti kaleen hojii isaa dhaabudha, kunis sababa summii, infekshinii cimaa, ykn dhiiga dhabuu irraan kan ka'e ta'uu danda'a.
- Cirracha Kalee (Kidney Stones): Albuudonni fincaan keessatti walitti qabamanii yeroo cirracha uumanidha. Kunis dhukkubbii cimaa fiduu danda'a.
- Infekshinii Kalee (Pyelonephritis): Yeroo baakteeriyaan afuuffee fincaanii irraa gara kaleetti ol deemu uumama.