Beezii

Wikipedia irraa
Saamunaawwan beezii dadhabaa asiidonni coomaa soodiyeem haayidirooksaayidii ykn pootaasiyeem haayidirooksaayidii waliin uumamanidha .

Beeziin ykn hadhiyyaan Kompaawundootni ayoonii yeroo bishaan keessatti bulbulaman ayoonota haayidirooksaayidii negaatiivii (OH−) uumuun. Beezonni bishaan keessatti bulbulaman alkaalii jedhamu.,beeziin bishaan keessatti bulbulamu kamiyyuu ayoonota haayidrooksaayidii gad lakkisa. Sababni amaloota beezotaa kan akka muculuqummaa fi hadhaa’ummaa beezotaa jiraachuu ayoonota haayidrooksaayidiiti. Fakkeenyaaf,pootaasiyem haayidirooksaayidiin bishaan keessatti yommuu bulbulame ayoonii pootaasiyemii fi ayoonii haayidirooksaayidii uuma.

Amaloota Beezotaa Beekamoo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Akkuma amalli asiidotaa ayoonota haayidiroojiinii irratti hundaa’u. amalli beezotaa immoo ayoonota haayidirooksaayidii irratti hundaa’a.

Beezonni amaloota walfakkaatan tokko tokko qabu. Isaan keessa muraasni:

1. Beezotni dhandhama hadhaawaa qabu. Beezota nyaataafi dhugaatii adda addaa keessa jiran dhandhamuun ni danda’ama. Haata’u malee, beezotni mana yaalii keessatti argaman balaa waan fidaniif dhandhamuun hin danda’amu.

2. Muculuquu Beezonni yommuu qubaan sukkuumaman ni muculuqu. Bulbuloota alkaalotaa harkaan xuquun balaa geessisuu danda’a. Sababni isaas bulbulli cunqoon beezota cimoo, nafa namaa gubuu waan danda’uufi. Kanaafuu, beezota kamiyyuu laabooraatorii keessatti harkaan xuquun dhorkaadha.

3. Bulbulli beezotaa halluu agarsiiftotaa ni jijjiiru. Fakkeenyaaf: Beezotni waraqaa liitimasii diimaa gara cuquliisaatti jijjiiru.

4. Beezotni yommuu bishaan keessatti bulbulaman ayoonii haayidirooksaayidii kennu. Fakkeenya: NaOH + H2 O → Na+ (aq) + OH- (aq)