Asiidii

Wikipedia irraa

Asiidiin ykn Dhangaggee ykn Kiikkoon wanta haayidiroojiinii of keessaa qabu kamiyyuu kan pirootoonii (ayooii haayidiroojiinii) wanta biraatiif arjoomuu danda’udha.

Jechi asiidii jedhu, jecha laatiinii ‘asiidas’ jedhu irraa dhufe. Asiidas jechuunis dhangaggaa’aa jechuu dha. Kanaafuu, wantoonni dhangaggaa’an asiidii qabu jechuudha.

Hiikaa fi yaad-rimeewwan[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Asiidota ibsuuf yaadidhatawwan sadii kaa’amaniiru. Yaadidhatni kunniin Yaadidhata Arrhenius, Yaadidhata Bronsted-Lowry fi Yaadidhata Lewis kan asiidota of keessatti qabatu. Tokkoon tokkoon Yaadidhatoota kanaa ibsi gabaabaan kutaa xiqqaa kana keessatti kennameera. Asiidonni karaa yaadota adda addaa sadiitiin ibsamuu danda’u.

Asiidota Arrhenius[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Svante Arrhenius jedhamuun beekama

Yaadidhatni asiidotaa fi beezii Arrhenius   “asiidiin tokko furmaata keessatti ayoonota H+ kan maddisiisuu ykn uumama jedha.

H 3 O + ta’uu isaati+</br> + + OH − danda’ama−</br> − ⇌ H 2 O (liq) + H 2 O (liq) .

Asiidota Brønsted–Lowry[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Yaadidhatni Bronsted-Lowry asiidiin akka arjooma pirootoonii ta'ee ibsa.

Asiidota Luwiis[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Luwiis asiidotaa asiidonni akka fudhatoota  elektiroonii cimidii ibsa.

Amala Asiidootaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Amaloota Asiidotaa Beekamoo

1. Asiidonni dhandhama dhangaggaa’aa qabu. Fakkeenyaaf loomiin kan dhangaggaa’uuf asiidii sitiirik asiidii jedhamu waan of keessaa qabuufi.

2. Asiidonni halluu agarsiistotaa ni jijjiiru. Fakkeenyaaf asiidotni waraqaa liitimasii cuquliisaa gara diimaatti jijjiru.

3. Asiidootni bishaan keessatti bulbulamanii ayoonii haayidiroojinii (H+ ) kennu. Asiidii → Ayoonii haayidiroojinii (H+ ) + Ayoonii biroo. Fakkeenya: HCl → H+ + Cl- Amaloonni asiidotaa kanniinii bulbula isaanii keessatti argamuu”H+ ” n irratti hundaa’a.

4. Asiidootni sibiiloota si’aawoo wajjiin walnyaatanii gaasii haayidiroojiniifi ashaboo kennu.

Sibiila si’aawaa + Asiidii callabbaa’aa → Ashaboo + gaasii haayidiroojinii Fakkeenya: Mg + 2HCl → MgCl2 + H2

. Asiidota Moggaasuu Moggaasi maaqaa asiidotaa yommuu bishaan keessatti bulbulaman anaayonii kennan irratti hundaa’a. Asiidonni hamma anaayonii qaban irratti hundaa’ee maqaa adda addaa qabu. Asiidonni anaayonii tokkoofi haayidiroojinii tokko qofa qaban asiidii atom gos-lamee jedhamu. Anaayooniin kun maqaan isaanii “yidii”n xumurama. Fakkeenyaaf, Cl- , ayoonii kilooraayidii. Maqaan asiidota kanaa dursoo ”haayidiroo” qaba. Fakkeenyaaf HCl –haayidiroojiniifi kiloorinii of keessaa qaba, kanaaf maqaan asiidichaa haayidirookiloorik asiidii dha.Kompaawudoota asiidii walxaxaa keessaatti oksiijiniin ni jira. Asiidota kanneeniif seerotni salphaan isaan ittiin moggaafan:

1. Ayoonota atoom-baayyee ayoonii “eetii”n xumuramu asiidiif “iik’ fayyadamna. Fakkeenyaaf: HNO3 , ayooniin isaa NO3 - (naayitireetii) dha. Maqaan asiidichaa naayitiriik asiidii ta’a jechuu dha.

2. Ayoononni atoom- baayyee ayoonii “eetii” irraa oksiijinii tokkoon kan hanqatu yoo ta’e, asiidichi dhuma irratti “as” jedhamu qabaata. Fakkeenya HNO2 , ayoonii isaa NO2

Asiidotaa, Cimoo fi Dadhaboo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Asiidonni bulbula bishaanii keessatti, dandeettii gara ayoonotaatti diigamuu isaanii irrattihundaa’uun bakka lamatti qoodamu. Isaanis,asiidota cimoofiasiidota dadhaboodha.Asiidonni cimoonasiidota guutumaa guututti yookiin sadarkaa olaanaan ayoona’aniidha.Kanaafuu, bulbula isaanii keessatti akka ayoonotaatti argamu. Asiidiin tokko guutumaaguutuutti (100%) yoo ayoona’e asiidii baa’yee cimaa ta’a. Fakkeenyaaf, molakiyuulonnihaayidirookiloorik asiidii 100 bishaan keessatti yoo bubulaman, molakiyuulonni 100 kunhundi isaaniituu diigamuun ayoonota haayidiroojiinii (H+) fi ayoonota kilooraayidii(Cl-kennu. Kana jechuun tokkoon tokkoo molakiyuulii haayidiroojiin kilooraayidii (100%)gara ayoonota isaatti jijjiirama.

Guutumaa guututti diigamuun haayidirookilooriik asiidii kunasiidii cimaaisa taasisa.Fakkeenyawwan asiidii cimoo kanneen biroo salfariik asiidii fi naayitiriik asiidii dha,Walumaagalatti asiidonni cimoon sadarkaa olaanaan waan ayoona’aniif, bulbulli isaaniiayoonota haayidiroojiinii baay’ee of keessaa qaba.Asiidii dadhabaan bulbula isaa keessatti, molakiyuulota isaa keessaa baay’ee muraasakan ta’an qofatu, gara ayoonotaatti diigamu. Kanaafuu, asiidonni dadhaboon bishaankeessatti harka caalaa akka molokiyuulotaatti argamu. Aseetiik asiidii fi kaarbooniikasiidiin fakkeenyawwan asiidota dadhabooti. Asiidonni soorata keessatti argamanisasiidota dadhaboo dha.

Asiidotaa Cunqoo fi Callabbaa’oo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hamma asiidii bulbuloota isaanii keessa jiru irratti hundaa’uun, bulbuloonniasiidotaa cunqooficallabbaa’oojedhamuun bakka lamatti qoodamu. Asiidii baay’een bishaanhamma murtaa’e tokko keessatti yommuu bulbulame asiidiin uumamu asiidii cunqoo jedhama. Gama biraatiin asiidiin hammi isaa xiqqoo ta’e, yoo bishaan hamma murtaawaaqabu keessatti bulbulame,asiidii callabbaa’aa jedhama

Dhangaggee haaydroojiin-tokkee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Asiidonni monopirootikii asiidota yeroo bishaan keessatti bulbulaman molakiyuulii tokkoof pirootoonii tokko qofa (haayidiroojiinii ayoon, H+) arjoomuu danda’aniidha. Adeemsi arjooma kun dissociation ykn ionization jedhamuun beekama. Asiidiin monopirootikii bishaan keessatti yeroo bulbulamu ayoonota haayidirooniyeemii (H3O+) fi beezii konjugeetii walgitu uuma.

Fakkeenyonni asiidota monopirootikii kanneen akka:

Asiidii Haayidirookilooriki (HCl): Asiidii garaachaa keessatti kan argamu yoo ta’u, adeemsa keemikaalaa adda addaa keessatti kan ooludha.

Asiidii aseetikii (CH3COOH): Asiraata keessatti kan argamu yoo ta’u, nyaata kunuunsuu fi hojiiwwan industirii adda addaa keessatti kan ooludha.

Asiidii Foormiik (HCOOH): Summii hantuutaa keessatti kan argamu yoo ta’u, qonna dabalatee industirii adda addaa keessatti hojiirra oola.