Garasuu Dhukii

From Wikipedia
Jump to: navigation, search

Garasuu Dhukii goota Oromoo waraana Xaaliyaanii waraanun beekkamu yoo ta'u irra caala naannoo Walisoo fi Jimmatti Xaaliyaanii wajjin waraana geggeessaa ture. Boodarras bulchaa konyaa 'Caboo fi Guraagee' ta'ee hojjateera.

Seenaa Duubaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Garasuu Dhukii abbaa isaa Dhukii Gulummaa fi haadha isaa Warqee Elemoorraa Caamsaa 1905 dhalate. Bakki dhaloota isaa karaa Finfinneeraa gara magaalaa Walisootti geessu cinaatti kan argamu iddoo Maaruu jedhamutti ture. Umuriin isaa barumsaaf akka ga'een, maatiin isaa waldaa amantii Orotodoksii Maaruu Mikaa'el jedhamurraa barsiisaa mindeessuun obbolaa isaa wajjin barumsa mana amantichaa akka hordofu taasisan.

Tapha Garasuun jaalatu keessaa inni guddaan fardaan gulufuu ture. Akkuma ijoollee abbaa lafaa naannoo Maaruu, fardaan gulufuu, gaachana qolachuu, eeboo darbachuu fi adamoo shaakalaa ture. Abbaa isa duukaa waltajjii addaa addaarratti argamuun akkaataa dubbii barachaa hojiirra oolchuun hunda durse. Ija jabinaa fi ciminaa isaa kanarraa kan ka'e, bifa farda inni yeroo hundaa gulufsiisuu jaalatuun umurii waggaa kudhanitti maqaan masoo 'Abbaa Booraa' jedhu kennameef. Yeroo dirree waraanaa ture farda adii yaabbatullee, maqaadhuma kanaan hamma lubbuun isaa darbuutti waammamaa ture.

Yeroo tokko mootii Hayilasillaasee fi haatii warraa isaa bishaan hoo'aa lafa keessaa burqu kan Walisoo daawwachuuf yeroo deemanitti, Garasuun farda isaatiin fuuldura gulufuun karaa agarsiisaa ture. Sana malees, fuulduratti ba'uun waa'ee naannichaa haasawa namaa hawwatuu fi ogummaan guutame uummataa fi mootichaf taasise. Martuu itti gammadee, 'Ijarraa hafi; guddadhu' jedheen. Ogummaa fi ciminni akkasumas, ija jabinni isaa qalbii mootii fi giiftii seenee ija gaarin akka isa ilaalan taasise. Odeeffannoo Gabramaaram Gaarii irraa argamee fi waan guyyicha hubatanirraa ka'uun guyyuma sana Finfinneetti waamsisuun Ministeera Ittisaa keessatti ajaja mootitiin akka mindeeffamu ta'e. Loltummaanis waggoota torbaaf erga tajaajile booda jabinaa fi amanamummaa isaatiin filatamee itti dhiyeenyaan mooticha akka tajaajilu taasifame. Waggoota muraasaaf mootii erga tajaajilee booda, eeyyama mootiitiin loltoota ilma isaa Asfaawasanitti makame. 

Garasuun loltoota Asfaawasan waliin gara Walloo deemuun achirraas Ambaalaagee kan jiran loltoota Raas Kaasaatti dabalamuun Xaaliyaaniitti duulan. Lola Tambeenitti geggeeffamee fi kan Maayicawurratti geggeeffame keessatti loltuu diinaa madfii fi matarayasii, qilleensarraan ammoo, Xiyyaaraan gaasii summii facaasuun lolu jala dhaabachuu waan dadhabaniif kaan dhumanii kaan booji'amanii, kaan ammoo baqatanii lubbiin harkaa ba'anii gara Wallootti deebi'uun karaa Warra Iluu magaalaa Finfinnee galan. Haala kana keessatti cimina geggeessummaa isaarraan kan ka'e loltoonni Garasuu dursaa turan.

Kumalaa Garasuun erga Finfinneetti deebi'ees, katannoo fi jaalala biyya isaatiif qaburraan kan ka'e, naannoo dhaloota isaa Maarutti deebi'uun qabsoo itti fufuuf murteesse. Yeroo kana mootii Hayilasillaaseen hoggantoota waraanaa hedduu wajjin biyya Ingilaanditti baqate. Kaan ammoo, Xaaliyaanitti harka kennan; gariisinis ni booji'aman; kaan ammoo ni dhuman. Kun marti Garasuu fi gootota akka isaa jilbiinfachiisuu hin dandeenye. Waggoota shaniif yeroo Xaaliyaaniin biyyicha bulchaa turte keessatti lotuu isaa wajjin riphee loluun diina bahaa-gala dhowaa ture. Kallattiinis ba'uun diina humna lafoo fi qilleensaan lolu moo'achaa loltoota hedduu booji'aa, barbadeessaa, kanneen jalaa biiji'aman deebifachaa qabsoo hidhannoo fi hojii gootummaa itti fufe. 

Geggeessitoonni Xaaliyaanii fi baandaan sodaatanii yeroo hedduu araaraaf jaarsa itti ergaa turan. Garasuun gargaarsa uummataa fi onnee waan qabuuf shiraa fi kiyyoo isaanitiin qabamuu hin dandeenye. Roorrisaan biyya abbaa qabu gabroomfate fi baandaan biyyaa isaa saamsisuun alagaa jala kaatu ramaca caalaa isa guba ture. Keesumaa uummanni Itoophiyaa Xaaliyaanotaan Finfinneerratti ajjeefame ijasaa duraa baduu dide. Guyyaa tokkollee osoo miila isaarra rasaasan rukutamee loltoonni harkaa dhumanii kanneen hafan ammoo isa gatanii deemanitti akkas jechuun yaadannoo isaa barreesse. "Ani Garasuudha; hojii koos xumureera; du'us giroo koo miti; kan na yaaddessu garuu Finfinneen bakki uummanni koo irratti dhume bilisa baatee osoo hin argin du'uu kooti" jedhe.

Haa ta'u malee, yeroo marfame sanatti diina jalaa ba'uun madaan isaa fayyee loltoota abdii kutatanii faca'an walitti qabuun lola itti fufe. Dhumni hojii gootummaa Garasuus lola Jimmarratti Xaaliyaanii wajjin geggeeffame. Garasuun loltoota diina kan Jimmarra buufatan marsuun yaaddesse. Loltoota Garasuun hoogganuun marfamuu cinaatti oduuun biyyatti deebi'uu mootii Hayilasillaasee fi gargaarsi Ingilaandi waan dhaga'ameef, odoo dhiigni hin dhangala'in loltoonni Xaaliyaanii warri naannicha akka harka kennan taasise. Kumaalaa Garasuunis, Hayilasillaasee fi uummata Itoophiyaa biratti gootummaa fi tooftaa lola isaanitiin hundaa olitti dinqisiifame. Kanarraan kan ka'e, waamicha mootirraa taasifameen loltuu isaa Shawaa Lixaa kan qabsoo finiinsaa turee fi Jimmaan kan bilisa baase mara dhiisee Finfinnee deeme. Marti namaa ajajaa waraanaa biyyattii ta'a jedhee eegaa ture; innis akkanatti of beeka ture; hojiin isaas kanaa gadi miti. Mootiin garuu biyya Oromoo fudhachuun olaantummaa na dhabsiisa jechuun waan shakkeef, bulchaa konyaa Caboo fi Guraagee taasisuun muude. 

Mootummaa erga tajaajilaa turee booda soorama ba'e. Sana malees, Garasuun hin dhukkubsate. Dhukkuba isaa kana ogeeyyiin biyya keessaa waan dadhabaniif, qabeenyaan isaa hundi gurguramee ilmi isaa Kumalaa Tafarraa Garasuu biyya Ingilaanditti geesse akka yaalchisu ta'e. Achittis fayyuu akka hin dandeenye waan hubataniif, gara biyyaatti deebi'e. Dhukkubni isa qabes kaanserii ture. Dhibeen kun daran itti cimee waxabajjii, 1966 lubbuun isaa dabarte. Ulfinan jiraatti dhabe du'aatti hin barbaadu jechuun wayita lubbuun jiru bakka gootonni Itoophiyaa hundi itti awwaalaman Bataskaana Sillaasee odoo hin taane, kan ofii isaa ijaarsise Bataskaana Cafoo Mikaa'elitti akka awwalan waan firoota isaa kakachiiseef, sirni awwaala isa achuma Maaruutti raawwatame.

Kabaja[edit | Lakkaddaa gulaali]

Yaadannoo gootummaa Garasuu Dhukiitif, manni barumsaa sadarkaa lammaffaa kan Walisotti argamu maqaa isaatin moggaafamuun "Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Garasuu Dhukii" jedhama. Sana malees, wallee fi geerarsa keessatti maqaan isaa yeroo hedduu ka'a.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  • Barnoota Afaan Oromoo Kitaaba Barataa Kutaa 11