Jump to content

Duguggurmaleeyyii

Wikipedia irraa

Duguggurmaleeyyiin maqaa waliigalaa bineeldoota lafee dugdaa ykn lafe dugugguruu hin qabneedha. Gareen bineeldoota kun garee bineeldota addunyaa kanarraa adda adda ta'eedha. Bakka hundatti hanga jechuun danda’amutti, gammoojjii ho’aa fi lafa galaanaa gadi fagoo irraa kaasee hanga holqa dukkanaa’aa fi gaarreen olka’oo ta’anitti argamu. Bineensonni duguggurmaleeyyiin sirna donkoo keessoo jabaa hin qaban. Bineensonni duguggurmaleeyyiin hedduun qaama lallaafaa qabu. Haa ta'u malee, isaan keessaa tokko tokko lafee alaa kan eksoskeletoonii ykn donkoo alaa jedhamu kan qaban yoo ta'u, yeroo baay'ee chitiinii irraa kan hojjetame yoo ta'u, kunis qaama keessaa isaanii lallaafaa ta'e eega. Bineensonni lafee dugdaa hin qabne hoo'in-jijjiramoo(cold blooded) waan ta’aniif, ho’a qaama isaanii hin to’atan. Gareen kun raammoo lafaa, ilbiisota, daarabaaftuulee, cilaalluu, sarphaphuu, qurxummii dhoqonee, qeensaanqabduu, harboo, urjiilee galaanaa fi squid of keessatti qabata. murni duguggurmaleeyyii beekamaan miilixinxima , elelloo, annelids, Gogqoreeyyii, raammoo battee, Binidditoo, fi sarphaphuu of keessatti qabata.